Kutaa 12fa
Wanti ragaa barreeffamaarraa waa’ee Yoodit himus Jaarraa 10fa keessa akka turtedha. Kunis barreeffama adda addaa kan akka Greenfieldifi Mahammad Hassaniin Oromoon jaarraa 10fa keessa Shawaa keessatti argamu jedhaniin deeggaramuu isaati. Dabalataanis Taaddasaa Taammiraat ilaalcha bal’aa osoo itti hin kennin akkuma salphaatti kitaaba isaanii keessatti ragaan tuqanii bira darban yaaduma kana dhugoomsa.
Innis gosti Yaayyaafi Galaan jedhaman jaarraa 13fa keessa naannoo Tulluu Yaayyaa kan jiraataa turan ta’uu ibseera. Bakki kunis Shawaa Kaabaa iddoo Taklahaymaanot “ummata amantii hinqabne” (pagan) gara amantii Kiristaanaatti jijjiire laga Meesotaarratti ta’uu ibseera.
Ragaaleen kunis qubsuma Oromoo yeroo dheeraaf Kaabaafi giddugaleessa Itoophiyaa keessa jiraachaa turuu isaanii kan mirkaneessudha. Ragaan qubsumaafi jireenya Oromoo jaarraa 16fan dura Kaaba Itoophiyaafi giddugaleessa keessaa taasisu tokko ragaa waa’ee Gadaatiin wal qabatee dhiyaata. Kunis kan Abbaan Baahiree Oromoon jalqaba bara 1,522 yeroo Gadaan Malbaa aangoorra ture karaa Baalee goree bulchiinsa Kiristaanaa seene; jedhu waan faallessuuf qormaata kanaaf gahee guddaa qaba.
Seerri Gadaa yoomiifi eessatti hojii jalqabe kan jedhuuf kitaaba kana keessatti deebii yoo hinqabaanneyyuu, seerri Gadaa bifa xaxamaa (complex) ta’een bara 1,522tti hojjechaa akka ture Abbaan Baahirees ibseera. Ragaaleen manguddoota Tuulamaa irraa walitti qabame akka mul’isutti nuuf ibsaa turan.
Haroomsa Gadaa wiirtuu Odaa Nabee
Akka odeeffannoo maanguddoota Tuulamaarraa argame ibsutti, yeroo kitaabni kun barreeffamu Odaa Nabee jalatti abbootii Gadaa 225n. Gadaan tokko waggoota saddeet qaba. Kunis waggoota 1,800 yoo ta’u, jaarra sadii keessa ta’a. Seerri Gadaa Odaa Nabee jalatti hojjechuu erga jalqabee baay’ee fagoo akka ta’e ibsa. Barri fagoon kunis yoomi? Gaaffii kanaafis akkaatuma haala hojii Sirna Gadaarraa deebii argachuu dandeenya.
Tajaajila Seerri Gadaa Oromootaaf kennu keessaa tokko lakkoofsa ykn dhaha baraati. Lakkoofsi baraa kunis siyaasa, hawaasummaafi dinagdee Oromoon sochii isaa keessatti adeemsisuufi bu’uura ta’uudhaan waan tajaajiluuf barriifi yeroon of eeggannoo cimaan akka herregamee dhalootaa dhalootatti darba. Lakkoofsi kunis Gadaan tokko aangoorra kan turu waggaa saddeeti. Kanarraa ka’uun gochi seenaa tokko erga raawwatee booda yeroo hagamtu darbe jechuudhaaf Gadaa tokko, lama, sadii jedhanii tilmaamuun ibsu.
Haala kanaan odeeffannoo manguddoota Tuulamaarraa argame akka ibsutti, yeroo kitaabni kun barreeffamu Odaa Nabee jalatti abbootii Gadaa 225n hogganamaa akka turan yaada tokkoon dubbatu.
Kanas bara saddeetiin yookaan Gadaa tokkoon yoo herregne 225X8 waggaa 1,800 ta’a jechuudha. Kanas bara 2004 (yeroo ragaan kun itti qindaa’aa jiru) irraa 1,800 yoo hi’rifnu bara dhaloota kiristoos booda bara 204 akka ta’u tilmaamama.
Seerri Gadaa Odaa Nabee jalatti hojjechuu erga jalqabee salphaadhumatti abbootiin Gadaa 225 darbaniiru jechuun odeeffannoon manguddoota Tuulamaan kenname kun ragaa jijjiirama Sirna Gadaafi hawaasichaa keessatti yoom akka uumame beekuuf nugargaara. Haala kanaan seera Gadaa keessatti jijjiirama uumaman keessa cinna Gadaafi Haaromsa Gadaa kan jedhamudha.
Cinna Gadaa jechuun waliigalaan hoggansa caffee tokkorraa argachaa turantu addaan cite jechuudha. Kanarraa kan ka’e gosootiin Oromoo caffee mataa isaatti kan ittiin buluu eegale. Afoolli manguddootaa akka ibsutti, cinni Gadaa kunis Gadaa 45 kan ture ta’u ibsu. Kunis yoo herreegame 45×8= waggaa 360 ta’a. Kanaaf waggaa 360 giddugalummaan caffee Odaa Nabee hin hojjenne jechuudha.
Giddugalummaan caffee Gadaa Odaa Nabeetti sochii isaa dhaabuun yoom akka ture beekuuf kan nugargaaru jijjiirama biraa umameen. Jijjiiramni kunis haaromsa Gadaa jedhamee beekama. Haaromsa Gadaa jechuun Sirna Gadaa bifa haaraan deebisanii ijaaruu jechuudha. Haaromsi Gadaa immoo Gadaa 111 dura kan adeemsifame ta’uu odeeffannoo manguddootaa irraa hubatamuun danda’ameera.
Kunis waggaa saddeetiin yoo herregame 111×8 waggaa 888 ta’a. Bara kana bira ga’uufis waggaa 2004 irraa 888 yoo hir’ifnu bara 1,116 ta’a jechuudha. Kanaaf Gadaan Odaa Nabee jalatti bifa haaraan tilmaamaan bara 1,116tti haaromfame jechuudha.
Kana jechuun Gadaa 45 gumiin osoo hintaa’in erga turee booda jechuudha. Kanas bara haaromsa Gadaa 1,116 irraa waggaa 360 yoo hir’ifne bara 756 waan ta’uuf cinni Gadaa kan jalqabe bara dhaloota Kiristoos booda bara 756 irratti ta’a jechuudha.
Afoola kanarraa herreegni argame akka agarsiisutti, dhaloota Kiristoos booda bara 204 – 756. Seerri Gadaa Odaa Nabee jalatti hojjechaa bara 756– 1,116. Cinni Gadaa kan mudateefi bara 1,116 Haaromsi Gadaa Odaa Nabee jalatti akka adeemsifametu hubatama.
Kan olitti “Walumaagalatti hoggansa caffee tokkorraa” argachaa turan inni jedhu hoggansa akkamii akka ture beekuun faayidaa guddaa akka qabu hubanna. Akkuma olitti ibsinetti, sirni Gadaa Odaa Nabee jalatti dhaloota Kiristoos booda bara 204 irraa jalqabee hojjechaa akka ture ibsuuf yaalleerra. Kana yeroo jedhamu Odaan Nabee Oromootuma hundaaf giddugala amantiifi siyaasaa turee kan jedhu gaaffii kaasuu danda’a.
Hanga fedheyyuu qormaata walirraa hincinne yoo barbaades, hanga ammaatti ragaa qabnuraa kaanee yoo xiinxalle Oromoon Abbaa Gadaa tokkoo bulee akka hinbeeknedha. Garuu akka ammaa baay’atee osoo wal irraa fagaatee hinqubatin yeroo ibsuu hindandeenye dura Abbaa Gadaa tokkoon hinbulle jechuu hindandeenyu.
Boodarras abbaa Gadaa tokkoon yoo bulaa turuu baates bifa adda addaatiin qunnamtii qabu turan. Qunnamtiin isaanii kunis waggaa saddeetiin al tokko ta’ee bakkatti walargan qabu. Bakkichis bakka Abbaan Muudaa ykn “Qaalluun” jiraatudha. Hunda caalaa Abbaa Muudaa jechuun maal jechuu akka ta’e ibsuun barbaachisaadha. Abbaa Muudaa jechuun Sirna Gadaa keessatti amantii Oromoon gaggeessu kan ilaallatudha.
Sirna Gadaa keessatti, Abbaan Gadaa tokkoofi miseensonni Gadichaa yeroo gara aangootti dhufan ummata isaanii osoo walhincaalchisin qixxummaatti bulchuuf waadaa galu. Abbaan Muudaa Qaalluu jedhama. Gosti marti Qaalluu ofii ni qabaata.
Waadaa kan galanis Abbaa Muudaa bira deemanii Qumbii (Karbee) fudhachuuni. Kanaafuu bakki taa’umsa Abbaa Muudaa (Qaalluu) bakka murtaa’e tokko ta’uu qaba.
Bakka taa’umsa Abbaa Muudaa akkuma barbaadanitti bakka tokkoo bakka biraatti hinsochoosan. Akkasumas Abbaan Muudaa akka abbaa Gadaa waggaa saddeet saddeetiin kan jijjiiramu osoo hintaane umuriisaa guutuu abbaa Muudaa ta’ee jiraata. Aangoonsaas abbaarraa ilma hangafaatti darba.
Haala kanaan bakki taa’umsa abbaa Muudaa jalqabaa eessa ture kan jedhu gaaffiin ka’uu mala. Gaaffii kana deebisuufis walumaagalaan sochii Oromoo jalqabaa yaadachuun barbaachisaadha. Akka afoola manguddootaatti maddi Oromoo jalqabaa Mormor (Abbaya) ta’uu ibsu. Afoolli kunis barreessitoota adda addaatiin deggaramee ibsameera Fkn. qorataan seenaa tokko yaadaa isaa yeroo ibsu: “Mormor is regarded by the Barentiu Oromo not only as the original home land, but also as the holy shrine pilgrimage to Abba Muuda . ” jedheera.
Yaanni kun gara Afaan Oromootti yoo hiikamu: Mormor bakka dhaloota Oromoo qofa osoo hintaane bakka Muudaallee akka tureedha jedhanii ibsu. Asirratti ragaan afoolaan himamus haa ta’u kan barreeffamaa Mormor yoomii jalqabee giddugala amantiifi siyaasa Oromoo ta’ee tajaajila kennaa akka tureefi yoomii jalqabee ammoo akka dhaabe ifa hingodhu.
Haa ta’u malee ragaa afoolaan himamurraa akka hubatamutti, Mormor Oromoof isa jalqabaa akka turedha. Ta’ullee giddugalummaan Mormor bakka taa’umsa abbaa Muudaa ta’uun hanga yoomiitti tajaajila kennaa ture gaaffii jedhu deebisuuf Odaa Nabeerratti Cinna Gadaafi Haaromsa Gadaa jedhamee ragaa afoolaan himamurraa kaanee yeroosaa tilmaamuun ni danda’ama.
Akka afoolaatti, Cinna Gadaa jedhamee Odaa Nabeerratti kan beekamu bara 756 hanga 1,116 tti yeroo jirudha. Bara eerame kanatti Odaa Nabee jalatti sirni Gadaa guutummaan guutuutti hojjechaa hinturre jechuu miti. Bara jedhame kana gidduutti Odaa Nabeerraas haa ta’u giddugala Caffee Gadaa adda addaarraa jila gara Abbaa Muudaatti taasifamaa turetu addaan cite jechuu fakkaata.
Sababiin isaas barri Cinnaa kun osoo hinjalqabin dura Mormor bakka taa’umsa Abbaa Muudaa akka ture afoola Oromoo irraa hubachuun ni danda’ama. Akka isaan jedhanitti, Gadaa 200 (dhibba lama) dura jechuunis waggoota kuma tokkoofi dhibba jaha (1,600) har’aa dura akka Mormoritti muudaniifi achi turan dubbatu. Barri kunis yoo herreegame dhaloota Kiristoos booda naannoo jaarraa shanaffaa (bara 404) ta’a.
Kanaaf kan Odaa Nabeerratti Cinni Gadaa bara 756 irratti mudate jedhaniifi afoola Mormor waggaa dhibba lama (200) dura bakka Muudaa turte jedhan wal cina qabnee yoo madaalle, Mormor hanga jaarraa shanaffaa ykn saddeettaffaatti bakka taa’umsa abbaa Muudaa akka ture hubanna jechuudha. Bara jedhame kanatti maaltu mudatee jilli abbaa Muudaatti adeemsifamaa ture dhaabate (addaan cite) gaaffii jedhuuf deebii argachuuf ragaa armaan gadii kana hubachuun barbaachisaadha.
Akka aadaa Oromootti Cinni Gadaa kan raawwatu rakkinni adda addaa hawaasicharra yoo gahe qofa. Odeeffannoo manguddootaa kanarraa wanti hubatamu tokko, barri isaan Cinna Gadaa jedhanii waaman kun seenaa biyyattii keessatti yeroo amantiin Islaamaa biyya kana keessatti bal’inaan tamsa’aa jiruudha. Karaa biraatiinis yeroon kun yeroo amantiin Kiristaanaa humna argatee cimedha.
Kanaaf tarii falmii olaantummaa amantiiwwan lamaan taasisaa turaniin naannichatti tasgabbiin uumamuu hindanda’u ta’a. Sababiin isaas bara Cinna Gadaa jedhanii kan manguddoonni himan kun yeroo itti mootonni Islaamaa warri jalqabaa giddugaleessa Itoophiyaatti ka’anidha. Fkn. Sulxaanonni Musiliimotaa naannawaa dhuma jaarraa 9faatti Shawaa keessatti akka hundeeffaman ragaan barreeffamaa ni mirkaneessa.
Ittifufa…
Obbo Alamaayyoo Hayilee: Hayyuu Seenaa yoo ta’an wayita ammaa Giddugala Aadaa Oromootti qorataa seenaafi dursaa garee seenaati.
Gaazexaa Bariisaa SANBATAA Fulbaana 29/2014