Afoola olii kana irraa kan hubannu gosni Oromoo fagoofi dhiyoo jiran kan akka Meettaa, Sulultaa, Eekkaa, Galaan fi Gullalleen loon isaa hora Finfinnee obaafataa turan booda hin dhorkaman.Yoo xiqqaate waggaatti yeroo tokko, yookaan yeroo lama, Birraa fi Harfaasaa loon isaa hora geeffata. Abbaan horaa nama yaa’iin Gullallee file, lammii Gullallee ti. Abbaan horaa akka namni dabaree isaa eeggatee obaafatu godha. Saanis, namnis walitti hin bu’u jechuu dha. Kana kan taasisu immoo seera gadaa ti. Kun gaafa dhibu afoola harmaan oliin ibsachaa turan.
Finfinneen Oromoota Tuulamaaf araddaa irreechaa turte. Amantaa waaqeffannaa keessatti Irreechi iddoo guddaa qaba. Irreechi ayyaana galataati. Irreechi umamaan qabataanii uumaa galateeffachuudha. Waaqa madaallii umamaa eegee hundumaa yeroo saatti godhuuf ayyaana itti galata dhiyeesanidha. Irreechi ayyaana ittiin jaalaa, nagaa, araara, namaafi nama gidduu akkasumas waaqaaf nama gidduutti ittiin buusaniidha.
Mootonni Abisiiniyaa Itoophiyaa bara duriitii jalqabanii eenyummaa, aadaa, afaan, seenaa, ummata Oromoo waliigalaa, keessumaa Oromoo naannoo Finfinnee jiraatan balleessuuf mudhii hidhatanii hojjachaa turuun beekamaadha. Keesumaa dhiibbaan Oromoo naannoo magaalaa Finfinnee irra qaqqabee kan nama qaanessuufi nama naasisuudha. Yeroo adda addaa jiraattonni naannoo magaalaa Finfinnee lafa isaanii irraa ari’amanii bakka hinbeekamne faca’anii akka qubatan godhameera. Kanaanis, maatiin faca’ee hariiroon maatisbadee eenyummaan isaanii waliin badeera. Masaanuu kanaan qubattoonni kaaba dhufan jireenya fooyya’aafi mirga guutuu argatanii Oromoo lafa isaa irratti hafe garboomsanii ergachaa turan. Finfiinneen yeroo teessoo Mootii Minilik taatee tajaajiluu eegalte irraa kaasee hanga har’aatti qonnaan bultoota Oromoo nyaachaa, buqqisaa, aadaa, duudhaafi eenyuummaa Oromummaa dhabamsiisaa sadarkaa amma irra jirtu irra akka geesse beekamaadha.Ragaan gochaalee kana ibsan keessa tokko kan armaan gadiitti mullatuudha.
Addis Ababa emerged as the capital city of the Ethiopian Empire in the heart of Oromia. The major portion of Oromo land on which this capital city was founded was given for Minilik officials and his army commanders, on which they established their respective camp for themselves and relatives, followers and war captives. While most Oromos were evicted and forced to migrate to far places, others were permanently marginalized and turned in to servants and laborers. By the proclamation of October 27, 1907, Oromo land became a commodity to be sold and bought. This proclamation “gave Ethiopian and foreign [European] landlords a great deal more security of tenure”.Benti Getahun (2000, f. 64).
Masaraan Minilik yeroo Inxooxxoo irratti hundeeffamu jalqaba akkuma mootonni durii kaampii waraanaa ijaarratanitti ijaaramate malee amala magaalaa hinqabdu ture. Maaliif Inxooxxoo irraa gara Finfinneetti jijjiiruun barbaachise? Bakki masaraa Inxooxxoo sun olka’iinsa danbalii galaanaa irraa meetira 2,800 irratti argama baayyee qorraafi bubbee hamaa qaba. Kana malees qoraaniifi bishaan gahaa hinqabu tabba sana bahanii bu’uun dadhabsiisaa ture kanaaf masaraa hor Finfinneetti buusuun barbaachise (Ronald J. Horvath, 1969).Birraa bara 1886 akkuma tasaa Minilikiifi Xaayituun duuka buutota isaanii waliin gara burqaa Finfinnee (hora Finfinnee) itti gadi bu’an jalqaba dunkaana dhaabbataniioluuf buluu jalqaban.
Adeemsa keessa lafti kun jireenyaaf hawattuu akka taate hubannaan achitti jiruu isaanii jabeeffatan. Guyyaa tokko osoo ta’anii Xaayituun kara foddaa dunkaana isheen bareedina lafichaa ilaaltee ajaa’ibsiifattee asitti masaraa ijaaruu qabna jette. Hojiin ijaarsa yerusuma itti fufee yeroo gabaabaa keessatti xumuramee masaraan Inxooxxoo irra ture akka hora Finfinnee maddiitti jijjiramu ta’e. Adeemsa hundeeffamaafi ijaarsaa
Weeraraan booda giddugalaa sirna Gadaa Oromoo kan ta’an kan akka, iddoo , Caffee Tumaa (lafa Oromoon seera irratti tumatuufi waaqeffatu) Ardaan Irreechaa Hora Finfinnee harkaa fudhatamee bakka ykn iddoo ijaarsa bataskaanaa, gadaamii, masaraa mootummaafi wiirtuu ajaja waraanaa magaalaaf akka
.Irreechii Aadaa yoomu jiraatudha .
Akkuma armaan olitti ibsame sabni Oromoo ummatoota kaaba bahaa Afrikaatti argaman keessa isa tokkoodha. Sabni kun bara dheeraa keessatti sirna Aadaa fi amantii ofiai ittiin gaggeessuu kan qabuudha.Oromoon kan amanu, fakkaatti kan hin qabne Waaqa tokkichatti. Nama dhimma kana irratti shakkii qabuu Oromoon bakka hin kennuuf. Oromoon wannen namaan hojjataman kan akka siidaa, mukkeen, laggeen, gaarreewwan ykn beeladdoota bakka Waaqayyoo buusuun ittti hin amanu. Oromoon hojiifi humna Waaqa wanneen ummama keessatti argaman, arguun dinqisiifata.
Kunis Sirna Gadaa keessatti seeran taa’eejira. Gadaan haala Aadaan, diingdeen, jireenyi haawaasummaa, siyaasaafi amantaan Oromoo keessatti of-ijaareedha. Irreechi mul’istuu Aadaan Oromooti jaarmiyaalee hawaasni Gadaa ijaare keessaa isa tokkoodha .Ayyaanni irreecha kun Oromoon falaasamaafi ilaalcha addunyaa keessatti jiruufi humna Waqaa akkasumas raajii isaa, dhalootaafi iccitii jireeyaan walittifiduun kan ibsuudha. Sanyin nama horee kan baayyatu, kan faca’e du’aa ka’e ija godhatu, atoomsaafi gargaarsa humna Waaqa kan ta’e aadaa kanaan mullata jedhu.
Ummatoota qonnaan jiraatan durii kan sulula Abbayaa yoo fudhane “Osiris” kan jedhamu Waaqa sanyii kuftee kaatuu “…agricultural cult of the dying and resurrecting spirit of plant life…” kan jedhamu aadaa Waaqeeffanaat qabu ture. Kunis iddoo tokko tokkootti amantifi aadaan Oromotiin walfakkaata haa ta’u malee amantiin Kuushota kun Waaqa tolfamaadhaaf (deity) qabachuun kaayyoo hormaataafi jireenya gaarii argachuuf kan raawwatuudha.Sabni Oromoo garuu Waaqa tokko qofatti amana.
Aadaan hirreeffachaafi “Osiris” durii kun kan maddan qarooma Kuushoota naannoo Abbayya(Nile Valley Cushitic Civilization)
ta’uuis ni mala.
Garuu maddaa aadaafi amantiiwwan kanas kan ta’efi eenyutu eenyurraa fudhate gaaffii jedhuuf qormaataaf banaadha ta’ullee ragaan armaan olitti dhiyaate madda gudda ta’a. Irreechi mullistuu aadaan Oromoo. Irreecha jechuun akka Aadaatti sirna kaadhafi galata Waaqaaf godhamuudha. Kadhaafi galani godhamu kunis iddoofi yeroon kan murtaa’eedha. Kunis aadaafi amantii keessatti gochaa Aadaan kan ifa ta’uudha. Irreessi iddoo adda addaatti yoo gaggeeffamellee inni gurguddaan iddoo lamatti kan raawwatudha. Isaanis Irreessa Tullufi irreessa Malkaa jedhamu.
A. Irreecha Tulluu
Irreechi Kun kan gaggeeffamu Tullurratti yoo ta’u, wayitiin kun baatiileen bona dabranii roobin Afraasaa yeroo itti eegamuudha. Baatilleen duraan turan roobni dhabamee hongeen namaafi loon yeroo ittmiidhaa tureedha. Waan kana ta’eef jiddugala batii Bitooteessarratti maatiin marti gara lafa qabbanaafi jiidha qabutti bahanii rooba afraasa argchuuf Waaqa kan itti kadhataniidha. Tuuluutti bahanii kadhachuun kun aadaafi falasama ummata kuushootaa dur durin kan walqabateedha jedhama.
B. Irreecha Malkaa:– Irreecha Malkaa kan raawwatu wayitin ganni xumuramee seensa baati birraa ykn jiddu-gala baatii Fulbaana keessatti. Yeroo kana Malkaafi Hora gurguddoorratti bahuun Sirni irreecha ni raawatamaa. Baatiin Fulbaanaa jalqaba birraa yoo ta’u, yeroo baayyee guyyaan kun “Ayyaana Birraa” jedhamee beekama. Iddoo tokko tokkootti guyyaan irreechi kabajamu guyyaa “xaddacha saaquus” ni jedhama. kunis akka Oromootti wayitii dabre namoonni galaanaan addaan citanii turan walarguuf jecha guyyaa kana akka guyyaa galataafi gammachuutti fudhatu.
Kanaaf Oromoonni Malkaa gamaafi gamanaan walitti bahanii uffata aaddaa fi Nyaata Aadaa akkasumas faaruu wareega qabachuun ‘Mareewo…Mareewo…!” jechaa Waaqaa kaadhachaa, faarfachaa fi galateefachaa (praising) gara Malkaatti deemu. Eebbaa Abbaa Gadaa, Abbaan “Malkaafi” hangafootaa gosaan godhamu booda marga jiidhaafi Abaaboo birraa qabatanii bishaaniin tuqanii Waaqa galateeffachaa irreefatuu. Kana booda gabbisayyoo taphacha gara qeeyee ofitti deebi’uun cidha raawwatu.
Kaayyoon kadhaa kunis Waaqayyoo akka Rooba, Nagaa fi dhala ykn sanyii isaanii baayyisuufi, akka ta’e dubbatu. Yeroo baayyee Oromoonni guyya Irreecha booda lafa baddaafi badda-dareerra ykn bakka qubatanii socho’anii gara Horaatti loonii wajjiin kan itti godananiidha. Kunis akka jalaqabaa fi seensa hojii bara haaratti fudhatamaa.
Horrii Harsadii iddoo Oromoonni Tuulama jaarraa dheeraa dura itti hirreeffachaa turaniidha. Harsadii maqaa namaa yoo ta’u, gosa Liiban keessaa, abbaa Malkaa nama tureedha. Akka odeeffannoo manguddoota Galaanitti Liiban gosa naannoo kana qubateefi Abbaa Malkaa kanaa kan tureedha jedhu.
Haaluma kanaan wiirtuu Hora Harsadi Aadaa irreeffannaa (waaqeeffannaa) “Thanksgiving“ godhanii itti hirreeffachaa turan. Yeroo amma kanas waggaa keessaa ala tokko Hora Harasadiirratti akka Aadaa Oromtichaatti, faaruun galatteeffannan kabajamuudha.
Oromoon Ayyaana Irreechaa kana wagga waggaan kabajatan “Waaqa nu uume kadhana! Umamaan Uumaa raajjeeffanna!” jechuun Aadaa uffataa Nyaata, qabachuun akka Aadaa Oromtichaatti Waaqa isaa ni galateeffata ni faarfata.Yeroo ammaa kanas Hora Harsadirrattis kan raawwatamu aadaafi duudha saba Oromoo keessa tureefi iddoo adda addaati kan raawwatamudha.
Galatoomaa !!!
Obbo Alamaayyoo Hayilee: Hayyuu Seenaa yoo ta’an wayita ammaa Giddugala Aadaa Oromootti qorataa seenaafi dursaa garee seenaati.
BARIISAA SANBATAA Fulbaana 22 Bara 2014