Seenaa Oromoofi hubannoo dhalootaaf ta’u

Kutaa 8fa

Seenaan sochii ummata Afrikaa Bahaa yoo xiinxalamu keessattuu Itoophiyaa keessatti sochiin ummataa irra caalaa jaarraa  16fa duraKaabarraa gara Kibbaatti yoo ta’e, jaarraa 16fa tii eegalee garuu  kallattiisaa jijjiruun  Kibbarraa gara Kaabaatti ykn Baharraa gara Lixaatti ture. Kunis jaarraa 16fa irraa eegalee hanga har’aatti sochiin ummataa Kaabarraa gara Kibbaatti raawwatame. Barreesitoonni hedduun yaada kana yoo ibsan,

Ethiopian history has a particular tendency to repeat itself. The military exploits of King Amdii-Siyon strongly remind one of the great achievements of the Aksumite kings Ezana and Kaleb on whom he seems to have modelled himself. More recently, in the nineteenth century. The extensive conquests and expansion of Amdii-Siyon were dramatically re-enacted by Emperor Minilik who, just like his fourteenth century predecessor, had the Shewan plateau as the centre of his military activities. It remains to be seen, however, whether Minilik and his successors have been more successful than their medieval counterparts in the essential task of building an Ethiopian nation.

Kana jechuun duulli daangaa babal’ifannaa jaarraa 16ffaa duraafi jaarraa 19ffaa boodaa akka walfakkaatu ibsa. Kunis hortee Kuushiif mootummoota Afrikaa Bahaa irratti dhiibbaa akka irraan geessise xiinxaluun hinulfaatu. Adeemsa kana keessatti ta’a egaa wiirtuun Gadaa Oromoo Odaa Nabeerraa gara Odaa Roobaa sanarraas gara Madda Walaabuutti kan jijjiirame.

Kana jechuun immoo ummata Oromoo hundatu wiirtuulee Gadaa waliin godaane jechuu miti. Fakkeenyaaf teessoon mootolee Mootummaa Kiristaanaa yoo xiqqaate waggoota dhibba sadiifi walakkaaf  dhaabbataa hinturre. Bara hundeeffama bulchiinsa dhaalaa Salamoonawaa (1270) eegalee hanga hundeeffama Gondoritti (1636) tti wiirtuun bulchiinsa mootummichaa iddoo tokkorraa gara iddoo birootti socho’aa ture.

Kun immoo sababa bulchiinsa tasgabbaa’e hundeessuu dadhabaniifi fedhii daangaa babal’ifannaa waliin walqabateeti. Sababni inni tokkoffaan akkuma Baahireen ragaa bahe bulchiinsa cimaa akka hinijaarre gufuu isaanitti ta’eera. Sababni inni lammaffaan immoo mootummaan Kiristaanaa abboomuu waan barbaaduuf ummata olloottan isaa waliin diina yeroo dheeraa akka  ta’u taasiseera. Seenaa kana waliin walqabatee wiirtuuleen Gadaa sababoota uumamaafi namtolcheetiin iddoodhaa iddootti yoo socho’e taatee seenaa Oromoo keessatti qofa raawwate miti.

Akka ragaaleen tokko tokko ibsanitti, Oromoon jaarraa 16fa naannoo lageen gurguddoo kanneen akka Mormor, Awaash, Gibeefi Gannaalee akka jiraachaa ture himama. Kun immoo daangaan yoo xinnaate Kaabaan Laga Abbayyaa gara Kibbaafi Bahaatti, karaa Bahaa naannawaa laga Awaash, karaa Kibbaa naannawaa laga Gannaaleefi Lixaan naannawaa Gibee biyya Oromoo akka ta’e tilmaamuun hin ulfaatu. 

Qubsumniifi qabiyyeen lafa Oromoo yeroo ammaa mul’atu seenaa haaromsaa Sirna Gadaa  jaarraa 15fafi sochii konfedereshinii Booranaafi Bareentuu waliin walhaaqabatu malee sochii Booranaafi Bareentuu dura Oromoon dachee Oromoo daangaalee eeraman kanneen irra hinjiru jechuu miti. Qubsumni gosoota Oromoo gurguddoon keessattuu haala teessuma lafaafi lageen guguddoo Oromiyaa kan akka Abbayyaa, (Mormoor) Awaash, Gibee, Gudar, Gannaalee, Soor, Dawwaa, Dhidheessa, Daabus akkasumas Baaroo, waliin ta’uunsaa beekumsa Oromoon iddoowwan kanneeniif qabu mul’isa. Oromoon ummata yeroo dheeraaf beellada horsiisuufi midhaan omishuun jiraataa ture waan ta’eef iddoon biyyeefi bishaaniin badhaadhe daran barbaachisaa ture.

Ummanni kamiyyuu, haala jiruufi jireenyasaa gaggeeffachuuf jecha, bakka tokkoo bakka biraatti ni socho’a ykn ni godaana. Uumamaan ilmaan namootaa godaantota (mobile society) waan ta’aniif bakka tokkotti murtaa’anii taa’uun hindanda’amu.

Maddi Saba Oromoos oggaa xiinxalamu kanuma kan hordofu ta’a.  Jalqabaaf madda Saba Oromoo warri barreessan namoota biyya keessaafi alaa turan. Warri kun lachanuu seenaa Oromoo dabsuuf sababiin isaan dandeessisu adda adda ta’uu danda’a. Qorattoonni biyya keessaa kaayyoofi fedha siyaasa isaanii galmaan ga’achuuf saboonni adda addaa akka waan isaan booda biyya kana dhufaniitti dhiyeessuun gaaffii aangoofi mirgaa tooftaa ittiin ukkaamsan ture. Seenaa barreessitoonni biyya alaas bakkatti jalqaba gosa saba tokkoo argan madda sabichaa godhanii fudhachaa turaniiru.

Qabxiiwwan lamaan olitti kaafaman kanarraa ka’uudhaan, madda Saba Oromoo akka hintaaneefi hinfakkaanetti barreessaa turaniiru.  Haata’u malee seenaa dabsuun kaayyoo isaanii kan ture barreessitoota biyya keessaati. Sirna gita bittoota Habashaa kan barreessaa turan seenaa isaanii bareechaa kan saba biroommoo dabsaa akka turan yaada maanguddoo armaan gadii kanarraa hubanna.  Innis akkas jechuun itti fufa.

Osuma Oromoon lafa kanarra jiruufi tikfatuu itti dhufan.  Silaa nama rakkatetu namatti dhufa, namas barbaada   malee,  inni hi rakkanne biyyaa bahee nama hinbarbaadu. Warruma dhihoo dhufe kanatu Oromoon godaanssan dhihoodhufe, bishaan keessaa bahe, biyya alaatii dhufe jedha. Osoo ta’ee, nama namatti dhufee eessaa dhufta? jedhanii gaafatu malee, inni booda dhufe ati eessaa dhufte jechuu hindanda’u ture.

Kan kana hojjetu aangoodha jedhaniiru.

Yaada manguddoo kanarraa waan hedduutu hubatama. Kunis tokkoffaa, Oromoon saba durumaa biyya kana keessa jiraachaa tureefi hangafa akka ta’e kan ibsu. Lammaffaa, Iddoo beekumsiifi sirni dimokraasii hinjirretti namni aangoo qabu waan fedhe namaan jechuufi gochuu akka danda’utu hubatama. Namni ykn giti aangoo qabu tokko afaan, aadaafi, seenaan isaas ummata biroo akka caaluufi kabajamaa ta’etti ibsata. Waan sabni biroo hinqabne ittiin jedha. Maqaa sabni tokko hinqabne itti maxxansa (moggaasa).

Seenaa saba tokkoos akka fedha isaatti barreessa; kunis Ummata Oromoorratti kan godhamaa turedha. Yaada kana kan cimsu barreeffama namoonni ‘Goldhamer and Shils’ jedhaman barreessan tokko yoo ilaalle, “In fine, power is the ability to determine the behavior of others in accord with one’s own wishes.  A man is said to have power to the extent that it influences the behavior of others in accordance with his own intentions”  jedhu.

Kunis Afaan Oromootti yoo hiikamu: aangoon fedha namoota biroo gara fedhasaatti jijjiirsisa. Namni tokko aangoo qaba kan isa jechisiisu yoo fedha namootaa gara fedha isaatti jijjiirsisuu danda’e qofa yaada jedhu of keessaa qaba. Yaanni barreessitootaa kun bifa biraatiin manguddoota Oromoo Booranaa biratti akka kanaan gadiitti ibsama.

Namni nama dabsate (mohate) waan fedhe namaan jedha.  Waan cufa nama gochuu danda’a. Kanaaf waan fokkisaa mara nuuf kennan.  Sagaleen (nyaanni) kamtu dansaadha jedhanii yeroo gaafatan kanuma yeroo beelofte nyaattutu  dansaadha jedhama. Ykn kan harkaa qabduudha jedhu wanni harkaa hinqabne hundi hamtuudha. Amma Habashaa keessatti sagalee ykn nyaata kamtu dansaadha jennaan ‘Waxii ykn ittoo Lukkuu’jedhu.  Nutillee waan gooftoliin keenya jedhaniif ittoo ykn waxii lukkuutu dansaadha jenna.

Garuu, hammeenyashiif maroo torba dhiqu jedhan. Lukkuun ofiiyyuu foon hinqabdu. Nama tokkoyyuu hinquubsitu.  Osoo isheen hinbilchaatin beelli nama ajjeesa. Garuu, akka ani yaadutti nyaanni dansaan foon sangaa murattee dheedhiifi waaddii nyaattee quufuu dandeessu. Kanaaf, warri aangoo of harkaa qaban waanuma isaan qabantu dansaadha; jedhanii dubbatu. Hawaasni isaan  gaggeessanis osuma hinjaalatiin yaadaafi jecha isaani fudhatu.

Bu’aa yaada olitti ka’e kanarraa kan hubatamu faayidaa nyaata kamtu gaariidha? kamtu hamaadha? isa jedhu baruuf osoo hintaane namni ykn giti aangoo qabu amalaafi fedha saba mo’ame gadi qabuufi  kan  ofiitti  hawwachiisuufi  jijjiiruuf  gahee  guddaa  qaba isa jedhu agarsiisuuf. Sababiin isaas seenaan waa’ee Oromoorratti barreeffamaa ture keessumaayyuu, madda Saba Oromoorratti fedha siyaasaaf qofa kan qindeeffamaa ture waan fakkaatuuf. Kaayyoo siyaasaa osoo hinqabu ta’ee maddi Oromoo eessa? eessaa dhufe? gaaffiin jedhu barbaachisaa hinturre.

                            Qubsuma Oromoofi falmii hayyootaa

 Madda saba tokkoo bakka tokkotti hidhanii kaa’uun kaayyoo tokko galmaan ga’achuuf yoo ta’e malee faayidaa biraa hinqabu. Kanaaf, sabni tokko yeroo dheeraaf bakka akkasii jiraachaa ture, jireenya gaariifi gidirama cimaa dabarsaa ture jedhanii himuun ga’aa ture. Kun immoo qubsuma saba tokkoo agarsiisa. Yaada kanaan olii xiinxaluudhaan maddi saba Oromoo eessa? gaaffiin jedhu ilaaluun barbaachisaadha. Seenaa ummatichaas sirriitti hubachuun barbaachisaadha. Kanaaf, barreeffama madda Oromoo irratti namoota adda addaatiin barreeffame hagam ragaadhaan deeggarameera isa jedhu ilaalla. 

Madda Oromoo irratti barreeffamni jiru bakka lamatti qoodamee ilaalamuu danda’a. Tokkoffaa, yaada Oromoon Afrikaa alaa dhufe jedhu  yoo ta’u, inni itti aanummoo,  yaada madda  Oromoo Afrikaa keessaa bakka tokkotti murteessuu barbaadu. Yaadawwan kana wal duraa duubaan maal akka fakkaatan yoo ilaallu,

yaada Oromoon Afrikaa alaa dhufe jedhu barreessitoota biyya keessaa kan akka Alaqaa Taayyeefi Atsime Giyoorgisiin yeroo jalqabaaf akeekameera. Alaqaa Taayyeen barreeffama Atsimeerraan argadhe jedhee madda Oromoo ilaalchisee barreesse tokkoo Afaan Oromootti yoo hiikamu akkas jedha:

“Ummanni Oromoo jedhamu sababii inni biyya isaarraa ba’eef hinbeekamu. Abbootiin seenaa ummanni Oromoo kun Isiyaarraa maddee gara Madaagaaskaaritti, booda achiis darbanii Bobbaasaa cina taa’an. Bobbaasaa jechuun Afaan Oromootiin namaafis ta’e horiidhaaf bakka waan tokko itti yaasan jechuudha. Achiis Laga Gannaalee jedhamu hordofuun gara Itoophiyaa dhufe. Biyya isaa irraa yeroo tokko hinbane. Kan jaalate ni ba’e; kan jibbe ni hafe” jechuun barreessu.

Garuu Kitaaba kam keessatti Atsimeen akka barreesse Alaqaa Taayyeen waan ifa godhe hinqabu.  Atsime Giyoorgis mataa isaatiin  waa’ee seenaa Oromoo keessattuu madda sabichaa ilaalchisee kan  barreesse akka kanaan gadiitti ture.

Yaadni inni barreesse gara Afaan Oromootti yoo hiikamu:

“Oromoonni qarqara Galaana Hindiirra dhufanii Walaabu lafa jedhamu seenan.  Akkuma jalqaba barreessine Oromoon akka achi dhufe kan dhugoomsu wanti dinqisiisaan tokko yoo isaan qunname ‘‘Erga dhuftuun dhuftee uumaan ykn seerri Walaabuu baate dubbii akkanaa agarree hin beeknu’’ jedhu. Oromoonni yeroo walii isaaniitiin wal lolan ‘‘Kan Walaabutti hin taane narraan geesseetta; kun Walaabutti hinjiru.  Waan akkasii erga Walaabuu baanee godhamee hin beeku’’ jedhanii Caffee isaanii irratti dubbatu. Kanaaf Mallattoon Abbaa Muudaa Booranaafi Walaabutti argama” jedhe Atsimeen.

Obbo Alamaayyoo Hayilee: Hayyuu Seenaa yoo ta’an wayita ammaa Giddugala Aadaa Oromootti qorataa seenaafi dursaa garee seenaati.

Gaazexaa Bariisaa Hagayya 22/2013

Recommended For You