Obbo Alamaayyoo Hayilee
Kutaa 4fa
Qorannoo Seenaa Oromoorratti kanaan dura adeemsifamanii kitaaboota barreeffaman kamiinyyuu caalaa kitaabni kun Orom Duroo (Orom Kontom), gosaafi balbaloota Oromoo adda addaa qabatee kan bahedha. Barreeffamni kunis kan addaa ta’uusaa kan mul’isudha. Hunda caalaa ammoo kitaaba kana adda kan isa godhu, yeroo darbeef haala kanaan dura hinturreen baajanni pirojektii qorannoo kanaaf eyyamameen yeroo dheeraaf irratti kan hojjetameefi dhamaatii hayyoota kan yeroo dheeraati.
Barreeffamni seenaa kun akkuma qorannoo kamiiyyuu, maloota qorannoo lama kan of keessatti hammatedha. Isaaniis maloota qorannoo seenaafi xiinaadaa (Historical and Anthropological approach) kan jedhamaniidha. Kunis mala waldeeggaruufi walgargaaruu akka ta’e hayyuu ‘Jan Vansian’ ni deeggara.
1.Falmii Oromoon eeenyumaa isaaf gochaa ture
Seenaan gochaalee ilmi namaa jireenyasaa darbe keessatti raawwatameefi isa boodas godhamaa ture kan itti galmaa’efi odeeffannoon darbre kan itti yaadatamuudha. Seenaan Oromoos odeeffannoonis ta’e bareeffamaan ture qulqullaa’ee dhalootaan beekamu waan qabuuf barreeffamni kun dhaloota ni gargaara jennee yaadna. Oromoo qabsoo bara dheeraa eenyumaasaa kabachiisu gochaa turuunsaa ni beekama. Kunis isa qaama qabsoo bara dheeraa hanga jaarraa 16faa gochaa ture keessatti dhiibbaafi weerara jaarraa hedduuf Kuushirrattiifi akka dameefi maatii Kuush tokkootti immoo Oromoorratti raawwatamaa ture kan mirkaneessan, ragaalee barreeffamaa adda addaatu jiru. Kanneen keessaa tokko kan ta’e akka kanaan gadiitti ibsa:
Biyyi keenya biyyoota Arabaafi boodas koloneeffattoota Awuroopaa gara wagoota 200 oliif marffamtee erga turtee booda baay’ee dadhabdee kufaatii mootumma giddugalaafi qoodama iddoo baay’eetti ta’een daandiin ykn kara alaatti daldaalaaf sochootu uguruun lafa naannoo ishe jiran addaan qooddatanii qabachuun seenaa yeroo dhiyooti.
Kunis qabsoo biraa akka eegalu godheera. Yaada kana hayyoonni yoo ibsan “After having been isolated from the rest of the world and devastated by centuries of wars, the Cushitic economy was severely weakened. The dozing power of the Cush invited even more adventures and conquerors…. The continued restraint of the Oromo from the sea ports concentrated and consolidated them to a small region, which also might have been sufficient motive for their 16th century Renaissance that was a march back to sea route. Various scholars have described the home of the Oromo to be some- where in the southern provinces of the current map of Ethiopia, which should be recognized as the nucleus of the survived post-mertem Cush.” jedhu.
Walumaagalatti, ardiin Afrikaafi keessumaa immoo Afrikaa Bahaafi Kaaba Baha naannoo ilmi namaa dursee itti argame. Itoophiyaa dabalatee Afrikaa Kaaba Baha kanatti immoo abbaan biyyaa duraafi dur durii ummata Kuushiiti. Kuush jechuunis Itoophiyaadhuma jechuudha.
Damee ykn maatiiwwan Kuush keessaa immoo Sabni Oromoo bal’aafi isa guddaa tokko. Kanaaf, Oromoo jechuun Kuush jechuudha. Naannoo qubsumaafi kallattii sochii isaa keessattis akkuma Kuushummaasaatti duraan gara Kaabaa kan ture yoo ta’u, Kuushrraa latee immoo Kaabarraa gara Kibbaatti socho’uusaatu dursa malee, sochiinsaa Kibbarraa ykn Madda Walaabuurraa miti. Oromummaa Kuushummaa isaatiinis Itoophiyaa dabalatee Afrikaa Kaaba Bahaatti abbaa biyyaafi akkasumas dhalataafi jiraataa duraati.
Kallattiin sochii qubsumasaa dur duraaniis akka Kuushummaasaatti Afrikaa Kaaba Bahaafi Itoophiyaa Kaabaarraa gara Kibbaa, Lixaafi Bahaatti ture. Yaada kana kan cimsu sochii Ardoota muudaafi wiirtuu Sirna Gadaan Odaa Nabee, Odaa Roobaafi Madda Walaabuu duraa duubaan bara ykn jaarraa (1116, 1316, 1450) turuun isaanii ragaa guddaadha.
Akkasumas, ragaan biroo Oromoon ummata Kuush ta’uusaa mirkaneessu amantiifi falaasamasaa waan ta’eef, qixa kanaan, qabxii kanatti aanu jalatti kan ilaalamu ta’a.
1.2 Aadaafi falaasama Oromoo eeguuf falmii godhamaa ture
Ilmi namaa dhalatee gargaarsa haadhaafi abbaatiin ergga guddatee booda naannoosaa hubachuun uumamni isaa ala jiran martinuu humnasaa ala ta’een akka jiraatu gaafachuufi hubachuu qabe. Kunis addunyaan kun uumaa akka qabduufi isaan akka to’atamtu bare. Kunis amantiin akka uumaamu godhe. Ummanni tokko kan ittiin uumaafi uumama, akkasumas jireenyasaa keessatti ilaalu, hubatu, abdii dhugeeffatee ittiin jiraatu ta’e.
Faalaasamni immoo, umamni akkamitti, maaliif uumame? Eenyutu uume? Eessaa dhufee? Maalirraa madde? jedhee waa’ee uumaafi umamaa, safuu, beekuu, rakkoo hiikuuf yaalii gaaffiifi falaasama godheen kan jalqabeefi, akkasumas hiikaafi hubannoo addunyaa isaatiif qabuufi kennuudha. Amantiifi falaasamni Oromoo maddisaa amantiifi falaasama Afriika Kaabafi Bahaa ykn Kuush (Sulula Abbayya) durduriiti.
Ragaaleen jiran akkuma addeessanitti, dhaloota kiristoos dura waggoota 6000 durarraa eegaluun, amantii Kuush ta’uun kan beekamu, amantii (Mysteries) jedhamuufi Waaqa tokkotti amanuu ykn Waaqa tokkicha waaqeffachuutu (Monotheism) ture. Kanuma barreessaan ‘C.H. Vayilfi George Goota Jams’ jedhamu 1954, kitaaba isaa “Ancient “Mysteries”, fuula 25 irratti (salvation) kan jedhamu yaaxxina (theory) amantii duraa akka ta’e addeessa.
Barreessaa ‘K.E. Knutssonis’jedhamu waa’ee aadaa amantii Oromoo kan amantii Kuush (Ijiptoota durii Mysteries ykn Osiriis jedhamuun walfakkaatu oggaa barreessu “Waaqaa is the creator of all things. He has a power to do and undo every thing ” jedhee ture.
Bakka ilmi namaa dura itti argame Afrikaa Bahaafi Kaaba Bahaa akkuma ta’e, amantiin Kiristaanaafi Islaamaatillee naannoodhuma kanatti jalqabe jedha.
Aadaan amantii Oromoo, amantii Kuush duraarraa kan madde kun, amantii adda addaa biraafillee angafadha. Akkasumas, aadaan amantiifi falaasamni Oromoo Kuush kan amantiifi falaasama ofii dhaloota gurraacha Afrikaati. Sababni isaas falaasamaafi amantiisaa kana keessatti Kuushummaafi Afrikummaansaa, jechuunis gurraachummaansaa iddoo ol’aanaa qaba.
Aadaan amantii waaqeffannaafi falaasama saba kanaa uumaafi uumama Oromoo keessatti gurraachummaan qabu, humna humnaa oliiti, qulqullummaadha, Waaqummaadha, iccitiin isaa hinbeekamne jedhanii amanu. Oromoon Waaqa tokkichatti qofa amana. Akkanaan, bifti Waaqasaas akkuma Kuushummaafi Afrikummaa Oromoo gurraacha jedhee dhugeeffata. Oromoodhaaf akkuma madda Kuushummaa Afrikummaasaatti gurraachi hunda caala. Yogguu wal eebbisuufi kadhatullee barruu harka isaafi fuula isaa gara Waaqaatti (samiitti) asii ol qabee, kottu dhufe jedhee wal eebbisa.
Akka ati dhufte tolaan biyyaaf haa dhufu jedha.
Waaqa uumaa, Waaqa uumamaa
Gurraacha garaa garbaa
Gungumaa garaa cabbii
Leemmoo garaa taliilaa
Tokkicha maqaa dhibbaa
Waaqa Salgan Booranaa
Torban Bareentummaa
Sagltama Gabraa
Ciicoo gurraattii
Bokkuu gurraachaa
Nagaa nuu buusii
Rooba nuuf arjjoomi
Sanyii nuuf kenni ! jedhe kadhata.
Yogguu kadhatuufi eebbisullee, gara Waaqaatti (samiitti) ol jedhee, Waaqa gurraacha tokkicha waan hundaa uumtee jedhee kadhata. Halluun gurraachi bifa samii Waaqayyoo waan ta’eef, qulqulluufi hundaa ol malee gadi miti.
Kanaaf, halluun gurraachi halluu hundarraa olidha. Aadaan amantiifi falaasamni halluu Oromoo kun aadaa amantiifi falaasama gurraacha Afrikaafi Afrikummaati. Kun immoo amantiifi falaasama gurraachummaa ykn Kuushummaa Afrikummaa madda Oromoo durduriirraa kan ka’eedha. Kun gama biraatiin immoo Oromoon dhaloota Afrikaafi akkasumas Itoophiyaa dabalatee AfrikaaBahaafi Kaaba Bahaatti dhalootaaf abbaa biyyaa duraa ta’uusaa mirkaneessa.
Seera uumamaarratti kan hundaa’e aadaan amantii Oromoo Waaqeffannaaniifi falaasamni isaa, akka Kuushummaa isaatti, haaluma olitti eerameen waggoota 6000 ol waan lakkoofsisee jiruuf, amantii kanneen biroo adda addaaf angafa ta’uu isaarrayyuu walfakkeenyaafi walitti dhufeenya inni qabu, akka fakkeenyaatti kanaan gaditti tuqamanii jiru.
Amantiin aadaa Oromoo kan aadaa amantii Kuush duriirraa madde kun, qaama aadaa amantii ummata Afrikaa waan ta’eef, amantoota biroofi aadaa amantii Afrikaanotaa waliin walfakkeenya hedduu qaba. Fakkeenyaaf, Oromoon uumama isaa Kuush duriirraa kaasee uumaan waan hundaa uume tokko akka jiru dhugeeffata. Innis Waaqa tokkicha jedhee waama.
Maddi ykn ka’umsi amantii biroo hundaas humni uumama uumeefi waan hundaa ol ta’e tokko jiraachuu isaatti amanuurraa ka’a. Aadaan amantii Oromoo Kuush durii kaasee ture kunis akkasuma uumaa ykn Waaqa tokkicha waaqeffachuudha. Barreessaa ‘K.E Knutsson’ waa’ee aadaa amantii Oromoofi Waaqa isaa yogguu barreessu, Waaqni uumaa uumama hundaati. Waan jedhe hundaa gochuu kan danda’u humna qabeessa hundaa oliiti jedha.
Gaaffii waa’ee ka’umsa amantii adda addaarratti ragaan barreeffamaa tokko akka itti aanutti addeessa: “Neither the prophets nor men such as the Budha, Confucius and Luther did not originated religion, but changed the existing religious sects.”
Kunis amantii haaraa uuman osoo hinta’in sirna amantii ykn waaqeffannaa duraan ture warra jijjiireedha. Akkasumas, Waaqeffannaan Oromoo duraanuu kaasee ture, wal fakkeenya inni amantii Kiristaanaa waliin qabu ilaalchisee ragaan barreeffamaa biraa akkana jechuun mirkaneessa. “We worship one God in Trinity… the Father is God, the son is God, and the Holy Ghost is God, and yet they are not three Gods, but one God” kan jedhu akka fadhatu ibsa.
Kunis, waaqeffannaa Oromoo isa durirraa kaasee tureefi Waaqa tokkichatu jira jedhu waliin walfakkaata. Akkanumas, akkuma macaafa qulqulluu keessatti addeeffamee jiruufi akkaataa Muuseen itti Waaqa kadhachaa tureen haala walfakkaatuun, Oromoon irreessa, coqorsa… waan jiidhaa harkatti qabatee, galchaafi aarsaa godhee (through offerings and sacrifice) Waaqa kadhata.
Walumaagalatti, amantiin aadaa Oromoo keessatti Waaqa tokkotti ta’ee, ayyaanonni kanneen akka Boorantichaa, Atetee, Masqalaa, malkaafi horaa tulluutti ba’ee irreeffatee Waaqa kadhachuu, dhibaafachuu, ayyaana abbaafi haadhaa ayyaaneffachuu, Ateetee facaafachuu, ayyaana bulfachuun (wadaaja) ulmaa bahuun, hooda dhaqachuu, rakkina falachuu, ayyaantuu ykn beekaa gaafachuu, moora ilaallachuu, milkii hedachuufi Sanbata dhaabbachuufi kan kana fakkaatan ni jiru.
Falaasamniifi aadaan amantii Oromoo Kuush duriirraa madde kun, seera uumaa uumamaarratti kan hundaa’e ta’ee, Waaqni ayyaana addaddaan uumama addaddaa hundaa akka uumeefi uumaa jiru kan dhugeeffatudha. Akkanaan, uumamni kamiyyuu ayyaana ittiin uumame ykn dhalate ofiisaa qaba. Kunis, ayyaana dhalootaan ykn uumamaan Waaqarraa kennamuufidha. Namni kamiyyuu ayyaana ofiisaan waliin akka dhalatu amanama.
Ittifufa
Bariissaa Adoolessa 24/2013