Seenaa Oromoofi hubannoo dhalootaaf ta’u

kutaa 3fa

Nutis akka amantaa keenyaatti, waliin jireenyaafi wal amantaa saboota biyya kanaa gidduutti uumuuf jalqaba seenaan sabootaa  kan dogoggoraan barreeffaman sirriitti xiinxalamanii dhiyaachuu qabu jennee amanna.

Haa ta’u malee kaayyoon keenya seenaa Oromoo jal’atee barreeffamaa tureef deebii kennuu miti. Ta’ullee  kan haga ammaatti  ifa hinta’iin ifa baasuufi Seenaa Oromoo dhugaa barreessuun qooda dhaloota kanaa akka ta’e nuti mul’isa. 

Qoranoon Seenaan kunis  kitaaboolee amantaa, xin-aadaafi afoola manguddoota Oromoorratti kan xiyyeeffate haa ta’u malee ragaaleen barreeffamaan jiranillee sakatta’amaniiru.  Afoolli kunis namoota sanyiidhaan Oromoo  hintaane irra’is walitti qabameera.

Namoonni tokko tokko ykn barreessitoonni adda addaa seenaa yeroo jedhan waanuma barreeffamee jiru qofa itti fakkaata. Haa ta’u malee seenaanis kan jiraachuu danda’u bifa lamaan.  Tokkoffaan bifa barreeffamaan yoo ta’u, lammaffaa ammoo oduu (himamsa) afaaniitiin darbaa dabarsaan kan dhufeeni.

Jireenyi seenaa saba tokkoo bifa lamaan kana keessaa tokko kan hordofu ta’a jechuudha. Seenaan saboota biyya guddatanii bifa barreeffamaan mana kitaabaa, Muuziyemii keessatti ni argama. 

Isaanis seenaa isaanii kunuunsuufi tursuudhaan (preserve and perpetuate) dhaloota dhufuuf dabarsu.Seenaan saboota biyyoolee hinguddannees yoo ta’e bifa barreeffamaan bakka adda addaatti yoo hin argamnes bifa oduutiin darbaa dabarsaa waan jiraatuuf mala qormaata adda ta’e hordofuudhaan seenaa isaanii barreessuun ni danda’ama.

Kunis ragaa duraafi lammaffaa jedhama. Tooftaaleen seenaan ittiin barreeffamu keessaas haddaarsa (archive) durii, hambbaa  manneetii durii kan jijjiganiifi jiran, Dhakkala ykn lafeewwan adda addaa kan lafa keessatti argaman, haftee durii, bu’aa artiiwwanii walitti dhufeenyaafi firoomina afaanotaa, himaamsa manguddootaa kan abbootiirraa darbaa dabarsaa dhufe hundi  akka ragaalee seenaati fudhacun beekamuu qaba.

Akkaataa barreeffama seenaatiin ragaaleen kun hundi erga madaalamanii xiinxalliin godhamee booda seenaan ni barreeffama. Seenaan ragaaleewwan kana hordofee barreeffames hanga tokko seenaa dhugaatti hiiqudha jedhanii fudhachuun ni danda’ama. Kana ta’uu baannaan seenaan barreeffamu seenaa osoo hintaane “barruu gabaa” yookaan “qaboo yaa’ii” qaama siyaasa tokkoo ta’a jechuudha.

Jecha qaboo yaa’ii yookaan barruu gabaa jedhu kana sababa malee hinfayyadamne.  Sababnisaas seenaa saboota biyya kanaa warri barreessaa turan (hunda ta’uu yoo baates) qaboo yaa’ii ykn barruu gabaa dhaabbilee qaama siyaasa tokkoo warra qabaa (barreessaa) turan jechuu nama dandeessisa.  Fkn. seenaa biyya kanaaf bu’uura ragaa seenaa kan ta’an keessaa tokko warra seenaa jireenya moototaa barreessaa turan yoo ta’an, isaanis “Zeenaa Mawaa’il” jedhamuun beekamu.

Jarreen kunis seenaa yeroo sanatti  ta’ee sanaaf itti dhiyeenya waan qabaniif seenaa dhugaa ta’e tokko barreessuuf carraa guddaa kan qaban turan. Ta’anillee, warra kaayyoo siyaasa yeroo san gaggeeffamu hordofan keessaa filatamu waan ta’eef dhugaa seenaa barreessuurra waan mootota isaanii hingaddisiifneefi hindallansiifne barreessuun dirqama isaaniiti. Sababiin isaas takka takka nyaachisa adda addaa irratti “Mee har’a waan galmeessitan nuuf dubbisaa” waan jedhamaniif seenaa mootota isaanii gammachiisu qofa barreessuuf ni dirqamu. 

Haa ta’u malee,  seenaan saba tokkoo sababa adda addaatiin osoo hinbarreeffamin turuu danda’a.  Saboota akkasiitiin seenaa hinqaban jechuu hindandeenyu. Seenaan saba sanii barreeffamuufi hinbarreeffamneen wanna biraa ta’ee sabni seenaa hinqabne garuu hinjiru.  Namni tokko dhuunfaasaatiin iyyuu seenaa jireenya mataa isaa dhalootaan ni qabaata waan ta’eef.

Seenaa Oromoo wanni qunnames kanuma. Seenaan Oromoo yeroo hedduuf osoo hinbarreeffamin waan tureef  ummata seenaa hinqabne jechisiiseera. Kunis hiri’ina guddaa Oromummaa keessatti mul’achaa tureedha.

Qorannoo wagoota 30 dabree hojjachaa turreen hanga tokko dhugaa seenaa Oromootti dhiyaanneerra jechuu ni dandeenya.  Barreeffama seenaa kana barreessuuf kan nu deeggaru guutummaatti arganneerra yoo jechuu baanneyyuu, hanga danda’ame barreeffamaan deeggarreerra.  Ta’ullee irra caalaa kan inni xiyyeeffatee barreeffame afoola manguddootaatiin taa’uu ibsina.

Afoollis gaheen qorannoo seenaa keessatti qabu salphaa miti.  Kana ilaalchisee barreessaan ‘John Hamer’  jedhamu yeroo seenaa saba Sidaamaa barreessetti faayidaa afoolli seenaa keessatti qabu  akkas jedheera. “As is true wherever peoples have no written histories, it is necessary to resort to the oral traditions and genealogies… in order to reconstruct the broad outlines of their origins and early existence. 

Yaanni armaan olitti kaa’ame kun Afaan Oromootti yoo hiikamu akkuma dhugaatti beekuun danda’amutti, seenaa ummataa bifa barreeffamaan hinjirre tokko duubbatti deebi’anii ijaaruuf maddaafi jireenya isaanii mirkaneeffachuuf afoolliifi hiddi latiinsaa bakka guddaa qaba yaada jedhu of keessaa qaba.

Nutis yaaduma kana dhugoomfachuudhaan Seenaa Oromoo afoolaafi hidda latiinsaa irratti hundoofnee jaarraa 16ffaan dura Oromoon biyya kana keessa akka jiraataa ture hubanneerra.  Ammas gaheen ragaan afoolaan argamu salphaatti akka hinilaallamne barreeffama ‘Jan Vansina’ “Oral Tradition as History” jedhu keessatti yaada armaan gadiitu jira.

“Oral traditions had a part to play in the reconstruction of the past.  The importance of this part varies according to place and time.  It is a part similar to that played by written sources because both are messages from the past to the present, and messages are key elements in historical reconstruction. When writing fails tradition comes on stage.  This is wrong wherever oral traditions are extent they remain an indispensable source for reconstruction.  They correct other perspectives just as much as other perspectives correct it.”

Barreeffama kanarraa wanti hubatamu jira.  Kunis ragaaleen afoolaan argaman akkuma ragaalee barreeffamaa ergaa akka dabarsaniifi ijaarsa seenaa darbee keessatti seenaa barreeffamaan jiru waliin akka ragaaleetti yoo xiinxaalaman gahee wal qixa ta’e akka qabaniif, seenaa dogoggoraan barreeffame sirreessuu akka danda’aniif, ofiis ittiin sirreeffamuu akka qaban hubanna.

Nutis kaayyoon keenya seenaa Oromoo afoola manguddootaatiin sirreessuufi kan sirriitti barreeffames cimsuudha. Kana raawwachuuf egaa, hojii addaatu haala addaatiin hojjetame jechuu nidandeenya.  Hojii kana maaltu adda taasisa? Kan jedhus gaaffii ka’uun ni mala. Qormaata Seenaa kana wantoota adda godhan keessaa inni tokkoofi olaanan seenaa Oromoo dhalootaaf ta’u   barreessuudha. 

Kanas adda kan taasise hanga ammaatti seenaa barreessitoonni biyya keessaas ta’an biyya alaa Seenaa Oromoo jaarraa 16ffaa booda kan jiru irratti kan xiyyeeffataa turan malee Seenaa Oromoo jaarraa 16ffaan dura jiru sakatta’uuf jabinaafi kaka’umsa kan qaban hinture.

Kanaafuu seenaa yeroo ammaa kan adda godhu Seenaa Oromoo hanga jaarraa 16ffaa isa jiru sakatta’uuf kan yaalame ta’uusati.  Kana malee kan qorattoonni seenaa hanga ammaatti madda sabichaa Kibba Itoophiyaatti hidhaa turan kan faallessuufi tarii maddi Saba Oromoo ykn sochiin sabichaa jalqaba Kaabaa gara Kibbaatti ta’uu barreeffama ciminaan ibsu keessaa hanga ammaatti isa olaanaadha jennee amanna.

Babal’inni Oromoo Kaabaa Kibbatti yeroo jennu dubbistoonni waan tokko akka nuuf hubattan barbaanna. Kunis  kan Oromoon akka Oromummaasaatti Kuushota kaan irraa afaaniifi aadaa isaa qabatee Dhaloota Kiristoos dura Miiliniyeem 6-5 kaasee Afriika kaaba baha lafa tulluwwan Ityoophiyaafi Nuubiyaa keessatti sochii godhamaa tureen fottoqee sochii Kaabaa Kibbatti godhe  jechuudha. 

Boodarras dhiibbaa adda addaa duula Giriikotaa, ParshiyaanotaafiTurkotaa irraa kan ka’een Oromoon gadi kibbatti ykn bahaAfriikaattidhiibbamaa dhufeera. Ummanni kuun immoo sabummaan isaanii jijjiiramee achumatti hafaniiru. Fkn. kanneen akka Ummata Nuubiyaa, Marrawwaafi kan kana fakkaatan akkasumas haftee Oromootaa  Marawwee kaasuun  ni danda’ama.

Dhiibbaa yeroo boodaa kanas yoo ta’e irra caalaa kan buqqa’aafi dhiibbamaa adeeme hawaasa Oromoo mara ykn hunda osoo hintaane gidduugala amantaafi siyaasa isaati. Keessattu bara mootummaan Aksum kufe mootonni xixiqaan biyya kana keessatti yoo biqilan isaanis mootota akka Zaguwwe, Damoot, Sulxaanoota Shawaa kan bara 896/7 biqileefi qabsoo bilisummaa ofii mirkaneessu isa seenaa  guddaadha.

Qabsoo kana keessatti waggoota 400 caaluuf wallaanssoo godhameen Oromoonni muraasni Amantaa musliimaa fudhatan wal’ansoo cimaa booda angoorraa buqa’anii gaggeestoonni  sulxaanoota Shawaa gara Zeelaat yeroodhaaf baqatanii Mootummaa ‘Ya Adaal Sulxaaneet’ jedhamu erga hundeeffatanii booda  jaarra 16fa keessa humna cimaadhaan biyyasaaniitti gargaasa argataniin Ahmad Ibraahim (Giraany Ahmad) godheen dacha’uun seenaa haaraa galmeessuusaanii himamaa ture.

Walumaagalatti qorannoo kana keessatti waanti ifa ta’e Oromoon qubsuma isaa amma qabatee irra jiraatu kana jaarraa 16ffaan dura bara dheeraaf qabatee irra jiraachaa akka turedha.  Inumaayyuu mootota durii Aksumirratti mo’aa turan dhaloota Kiristoos dura bara 321 keessa Atsee Fantaalleefi Ilmi isaanii Mootii Cilaaloon akka ragaa guddaatti kan fudhatamudha.

Qorannoon Seenaa Oromoorratti   gaggeeffame   kun   gara    fuunduraatti seenaa   biyya kana keessatti adeemsifamuuf bu’uura ragaa guddaafi tariis jijjiirama seenaa biyyattii keessatti gahee guddaa qaba jennee amanna. 

Kunis akka amantaa keenyaatti waliin jireenyaafi walitti dhufeenya sabaafi sablammiiwwan biyya kanaa hunda caalaa kan cimsuufi jabeessu, akkasumas jijjiirama amalaafi hawaasaa fida jennee yaanna. Seenaa Oromootiifis bu’uura haaraa ta’a jennee yaadna.

Ittifufa

Obbo Alamaayyoo Hayilee: Hayyuu Seenaa

Gaazexaa Bariisaa Adoolessa 17/2013

Recommended For You