Falmii Oromoofi mootota Itoophiyaa gidduu ture (1855-1889)

Kutaa 4ffaa

Loltoonni Tedroos karaa kamiinuu dahannoo Maqdalaa cabsanii ba’uu akka hindandeenye beekaanii Ingiliizotatti harka kennachuuf qophii taasisan. Kanas kan filataniif waggoota kudha shaniif Oromootatti duulanii bifa kamiinuu kan harka isaa seenan gocha sukkaneessaa akkamii akka irratti raawwachaa turan waan yaadataniifi mootichaa wajjiin ummata dararaafi ajjeesaa akka turan waan beekaniif haaloo nuba’u jechuun sodaachuu ture. Kanaaf waliigatee Naappiyeer waliin godhan yoo humna Oromoo Wolloo harkaa nu baraarte harka kennana jechuun jaarsummaa ergatan. Naappiriis waadaa gale.

Dubbiin haala kanaan otoo jiruu waraanni Jeneraal Naappiiyeer Dirree Maqidallaa cina ga’ee yeroo kanatti waraanni Aadde Warqituuf Mastaawoot lola isaanii cimsuun Maqadallaa gara kibbaan ba’anii to’atanii ture. Jeneraal Naappiiyeer gara kaabaan Maqdallaatti seenuun yoo dirree waranatti seenan Tedroosiis kiyyoo keessa hinbane keessa ta’u baranii hidhamtoota Oromoo harka isaanii jiran harkaafi miilaa qottoon mursiisuun fixan. Kaan immoo harka isaanii dubatti hidhuun lubbuun osoo jiranii qileetti darban ture.

Dhumarratti waraanni Ingilizoota yoo itti dhiyaatu Ebla 10 bara 1868 Abbaan waraana mootichaa Gabriyyeen loltuu kuma afur qabatee iddoo roggeetti waraanatti seenee. Gara Ingliiziin garuu loltuu kuma lamaafi kan Warqituufi kan Mastaawootiin ala lola eegalan. Guyyaa kan Abbaa waraana Fitawaraarii Gabriyyee loltoonni mootii Tedroos abdii kutachuun jalaa miliquuf gara kibbaatti socho’anis iddoo maraanu loltoota Oromoo Walloon waan marfamaniif akkas gochuu akka hindandeenye waan hubataniif isaanis dabaree isaanii du’a namootaaf gumaachaa turan fudhachuuf qophaa’an.

Waraana kana booda gara barii waraana gara mootii Tedroosiin du’an reeffa namoota 560 kan awwaalame yoo ta’u, walumaagala lola roggeerratti loltuu mootichaa namoota 700 du’aniiru. Namoonni kuma tokkoofi 500 ta’an immoo mada’anii ture. Gara Ingliiziin immoo loltuu 20 kan madaa’an yoo ta’u, lama qofti du’aniiru.

Waraana kana keessatti ga’een Oromoota Walloo bay’ee ol’aanaa ture. Isa kana immoo Jeneeraal Naappiiyeeruu xalayoota isaa yeroo garagaraa keessattiifi barreessitoonni isa duukaa turan dhugaa ba’aaniiru. Osoo Mastaawotiifi Warqituun Tedroosiin himarsine ta’ee, Tedroos Ingiilizota jalaa ba’ee akka badu xalayaa Naaphiiyeer Ebila 14, bara 1868 gara bakka bu’aa Ingliizii Indiyaa jirutti barreese keessatti ibseera.

Baates ennaa gabaasu, waraanni Jeneraal Naappiiyeer yoo iddoo Tedroos jiru ga’u (Mishigii) waraanni Oromoo Walloo kan Warqituun durfamu Maqadallaa qabate naannicha to’achaa ture. Karaa da’annoo mootichaa fuula duratti garu waraanni cimaan mootichaafi eegdota isaanii tiksu faccee cimaa booda achitti ajjefamanii reeffi baay’een achi ciisee argame.

Reeffa walirratti kukkufe kana keessaa tokko kan mootichaa ture. Kana booda Jeneeral Naappiyeer reeffa mootichaa erga qorachiisanii booda haadha manaa isaanii Aadde Xuruwarqiif kennuun akka seeraan awwaalchi isaanii raawwatu godhanii ture. Barreessan Ameerikaa dirree waraanaa kanatti argame gocha achitti raawwate yoo ibsus akkas jedhee ture.

Mootichi erga du’anii booda reeffi isaanii conqola’ee rifeensii isaanii irraa murmuramee (haadamee) uffanni isaaniis gar tokko, irra mulqamee qullaa isaanii turan. Reeffa Teedroos ta’uu isaa erga baramee booda namoonni naannoo san jiran boo’aa reeffa kana dhituufi rukutuun ture. Hanga dhumaatti akka qullaa ta’anitti uffata isaanii irratti kukutuun tatarsaasan. Eegduu tokko malee baattoorratti (qaareezaa) yeroo dheeraaf qullaa saanii aduu keessa turan.

Anis mooticha kana qullaa isaafi uffata malee diriiree yoo argu isaan moo kan biraatii jedheen shakee ofirra garagalee yoo ilaalu, kootii mootichaa kukutanii fudhachaa loltoonni Ingliizii yoo walsaaman arge jechuun wanta arge gabaasee ture.

Du’a mootii Tedroos booda Jeneraal Naappiyeer Maqdallaa akkanumatti dhiisanii deemu hinbarbaanne. Oromoo Walloo hagas wareegama lubbuu kennuun isaanii wajjin turan gargaarsa kamiyyuu otoo hinkenniiniif nama wal’aansoo Tedroos kuffisuu keessatti hirmaannaa tokkollee hinqabneef Waaqshuum Gobozeef kennan. Meeshaa waraana Tedroos Maqadallaadha saamame immoo Kaasaa Marcaa isa Tigraayiif kennan. Kana malees humna Miniliik karaa kibbaa dhufes akka hidhachiisan himama.

Oromoo Walloo kana maaliif akkas akka isaan mirga isaanii sarban wanni ifa ta’e hinjiru. Garuu akka barreesitoonni baay’een jedhanitti Walloonni waan Musliima ta’aniif jedhama. Seenaa kana keessatti wanti hubatamuu qabu kan biraa Ingiliizoonni duris ta’e amma loogii garee warra kaabaaf akka raawwachaa turteedha.

6.2 Mootii Yoohanisiifi weerara gara Oromoo Raayyaafi Wallootti gochaa turan

Mootii Tedroos erga du’anii booda falmiin aangoo garee Laastaa (Waaqshuum Gobazee, Yohaannis (Bazbiz Kaasaa, (Kaasaa Miriccaa), Adaal Tasammaafi Miniliik jidduutti Duulli Oromoo dhuunffachuu itti fufee jarreen lamaan Takla Gorgiis (Waaqshuun Gobazeefi Yohaannis) soddaa ta’anillee Tigayifi Agawu qabatanii otoo walfalmanuu, Waaqshuum Gobazee Axee Takla Gorgis jedhamee waggoota sadiif mo’anillee Yoohaannisiin rukutamanii du’uun isaanii ni yaadatama.

Kunis kennaa qawwee Igilizootaafi leenjii waraana loolee argataniin caaluudhaan akka ta’e ni amanama. Qabsoo falmii aangoo kana keessatti Ormoon gara kaabaa jiran garee isaanitti dhiyaate akka raayyatti tajaajiluu malee wanti isaan ifa godhu hinmul’atu. Sochiin guddaan Oromoota Wajiraatiifi Indartaa qabachuuf godhame jaarraa 17fi hanga jaarraa18 keessa kan xumurame waan tureef isaan garuu akka Tigree ta’anitti kan ilalaamudha. Duulli guddaan yeroo kana babal’ifannaa biyyaafi duula Ormoorratti godhamuudha.

Bara mootummaa Yohaannis IV Oromoorratti duulli godhame kallattii sadiin ture. Isaaniis tokkoffaan duula mataan isaanii mootiin mootoota Yohaannis Oromoo Raayyaafi Walloorratti raawwachaa turan yoo ta’u, inni lammaffaan immoo duula gara mootii Minilikiin Oromoota Tuulamaa, Maccaa, Karrayyuu, Arsii Ituufi Humbana, Gujiifi Booranarratti gaggeeffamaa turaniidha. Inni sadaffaan duula Adaal Tasamma (Nugus Takilahaymaanotiin gaggeeffamaa turaniidha. Waraanni Oromoo godhamaa ture kun yeroo kamiyyuu caalaa Oromoo kan lubbuudhan lafarra fixeefi meeshaan Awurooppaa armaan dura hinbeekamne Oromooratti kan shaakalameedha.

Kun immoo isaanumayyu walitti buuse. Miniliikiifi Yohaannis Wallorratti wal loluu eegalan. Miniliikiifi Taklaymaanoti immoo Kibba Lixarratti wallolan. Kanas ta’e sana Walloon dirree aggaammiin Itoophiyaa har’aa tokkommeessuun itti eegale taate. Qondaaltota Walloos ofitti qabuu yaaluun karaa itti Walloo to’atan mijeeffachaa turan.

Mootonni kaaba Itoophiyaa baay’een akkuma mootota Gondorii otoo hinmuudamin dura gara Oromootti baqachuun humna isaanii cimsatanii akka mootummaa qabatan hunda mootonni Laastaafi Tigraayis kanuma raawwachaa akka turan himu. Bifuma kanaan Waaqshuum Gobazee (Atse Takla Goorgiis) otoo muudama hin argatiin dura Oromoo Yejjuufi Raayyatti baqachuun humna akka godhataniifi aangoo olaanaa qabatan mara Bazibiizi Kaasaa (Atsee Yohaannis) 4ffa niis duraan Oromoo Raayyaa keessatti kooluu galuun akka humna isaa ijaare dubbatama. Hat’autii garuu Yohaannis akkuma Aksumitti muudamaniin bara 1872 waraana isaanii gara Raayyaatti fuullessan. Qophii waggaa tokkoo erga raawwatanii booda bara 1873 Raayyaa weeraruu eegalan. Dhaadannoon isaanii bara sanaas akkas kan jedhu ture.

“Iddoon ykn biyyi Raayyaa jedhamu kun dur lafa namoota eebbifamtoota ture. Luboota kiristaanaafi maatii isaanii hedduutu as ture. Yeroo booda Oromoonni Raayyaa isaan fixuun isaan ajjeesuun hojii isaaniiti. Mana sagadaa kiristaanaas gubanii achitti mana sagadaa musliimaa ijaaran (xaa’oot) waan kana ta’eef “Dhiiga dhiigaan” kanfaluun barbachisaadha. Kanaaf nutis dhiiga isaanii dhagalaasnee haloo ba’uu qabna jedhan. Namni Raayyaa hin ajjeesin nu keessa jiraachuu hinqabu. Sodaattuufi lugna jedhama. Akka dubartiittis ni lakkawama. Ajjeechaa kana raawwattan malee loltuu kiyya hintaataan jedhani.”

Gorsaafi ajaja kana erga fudhatanii booda waraana isaanii iddoo lamatti qooduun Raayyaa waraanuuf sochii eegalan. Hoomaan waraanaa tokko kan hoggonamu Atsee Yohaannis mataa isaanii yoo ta’u, inni lammafaan immoo Raas Ari’ayaan ture.

Gareen lamaanuu Waajiraatii kaasee Oromoo Raayyaa ajjeesaafi booji’aa kaan immoo saamaa akka Makkonnati (Carcarirrati) wal argan mar’iatanii adda bahan. Akkuma jedhan raawwachaa Makkonarratti walargan. Raas Ari’ayaan gara Abbaa Caaraa goranii kan dhufan yoo ta’u, Yohaannis immoo gara Wayijig goranii gocha dhaloonni hin hirraffanne raawwachaa dhufan.

Yeroo kanatti Oromoon Raayyaa humna mootichaa meeshaa Ingiliiziin kenname ofirraa ittisuuf qophii kamuu kan hinqabane ture. Abbootiin biyyaa naannoo Raayyaatti argaman hedduun garee xixiqaan kan socho’an malee humna hidhannoo guddaa qabu kan ofirraa ittisuuf of ijaaree hinture.

Waraanni Yohaannis yoo Raayyaa ga’u Oromoo ogganaa kan turan keessaa tokko nama umar Makkonee jedhamu ture. Namni kun waraana mooticha waliin godhamerratti otoo qabsa’anii lubbuun isaanii akka darbe dubbatama. Umar Makkonnee Abbaa waraanaa qofa otoo hinta’in duree amantaa isilamaa nama turaniidha.

Du’a umar booda Oromoon Raayyaa isaan bira turan kallattii adda addaatti baqachuu eegalan (gara Suudan, Arsii, Walloo, Jimma, Gommaafi Geera) deemuun lubbuu isaanii bararsan. Mootichi kunis Mahonneerra ka’un warra Abbayyee, Kaarraa, Eeboo, Gabateefi Goloochatti socho’uun ummata saamuufi ajjeesuu itti fufan. Yeroo kanas Waaqshum Tafarii namni jedhamu haaloo dur Raayyaarra qabu ba’uuf Yohaannisiin gargaarsa dhufee akka saamichaaf ajjeecha kanarratti hirmate himama.

Humna kamiinuu cimanii haaadhufan malee Yohaannis Oromoo Raayyaa gonkumaa mo’achuu hindandeenye. Maaliif yoo jenne lafti Raayyaa da’anno gaarii waan qabuuf haala salphaadhaan bira ga’uun rakkisaadha ture. Raayyaa keessatti waan gochuu qaban erga raawwatanii booda gara Oromoo Yejjuutti darbuu ture. Kunis Yejjuun duraanuu waan kiristinnaa fudhateef baay’ee otoo hinrakkatin bira darbuun Wallootti darbuu ture.

Ittifufa

Obbo Alamaayyoo Hayilee: Hayyuu Seenaa yoo ta’an wayita ammaa Giddugala Aadaa Oromootti qorataa seenaafi dursaa garee seenaati.

BARIISAA SANBATAA Mudde 1 Bara 2015

Recommended For You