Falmii Oromoofi Mootota Itoophiyaa Jiddu ture (1855-1889)

Kutaa 3ffaa

Du’a Amadeetti aansee immoo Warqituun maqaa ilmashee Amadee Aliin qabsooshee finiinsaa dhufte. Karaa biraa immoo obboleessi Amadee, Bashir Shuumiinis lola eegale. Teediroos Walloo yeroo hunda waan deebi’ee isa ganuuf nama isaaf amanamaa ta’u, namoota keessaa waan dhabaniif dirqama Warqituu wajjiin araaramuuf walii galtee godhan.

Kunis ilma tokkicha qabdu kiristinaa kaasuuf mootichis Abbaa Kiristinnaa akka ta’uuf walii galuu ture. Amadee Alii ilmi Warqituus, aangoo Dajjaazmaach jedhamu argachuun muudamaa ta’an. Haadha Amadee, Warqituu bara 1863 akka isheen Walloo mara bulchitu irratti muudanii ilmashee Amadee qabsiisa galchatanii gara Maqadallaatti deebi’an. Osoo hinturiin garuu sababumaa xiqqoon ilma Warqituu kana hidhe. (Asnake Ali, aspects of the Political history of Wallo, 1872-1916. Thesis) Warqituun ilmashee harkaa baasachuuf takka jaarsummaa, takka matta’aa, takka immoo amantummaa argisiistee dadhabde. Teediroos immoo “loltoota isaa booji’amanii finciltoota Walloo warra kaan harka jiran naa deebisiistu malee mucaa kee hinargattu” jechuun dide. Warqituunis silaayyuu Teediroos faana waliigaluushee itti aaraniiru waan ta’eef finciltoonni hidhamtoota kana deebisuu didan. Warqituunis mucaashee osoo hinargatan hafte.

Gaafa Amadee Bashir du’u, Warqiituun ilmashee akka gadlakkisaniif gaafatte. Ammas Teediroos Oromoo Walloorratti jibbiinsaafi haaloo hamaa qaba waan ta’eef tole jechuu hinbarbaanne. Bara 1864 deebitee fincilte. (Asnake, p5) Booda akka haalootti Miniliikii isa boojuun masaraa Teediroos keessa jiru Ji’a Waxabajjii bara 1865 baastee gara ofiisheetti gaara Rogeetti baastee fudhatte. Kanas kan gooteef ilmasheen jijjirachuu yaaddeti jedhama, Miniliikiis waraana Walloon marfamanii Faaggaa /malakata/ Imbiltaa (xurumballeen) wajjin ta’uun gara Shawaatti ergite. Daandiirra buusuurraa kaasee, gargaarsa meeshaa waraanaafi loltuu gumachuun humna Miniliik utubee kan Shawaadhaan geesse humna Warqiituu ture. Minilikiin Birriyee Adam, inni kan albukoofi Mohammade Qaanqee inni kan Riqqee daandii Walloo hanga Shawaatti to’achuun Miniliik nagaan akka Shawaatti galu godhaniiru.

Teediroos immoo haaloodhaan ilmasheefi namoota hidhaa isa bira jiran harkaafi miila irraa kuchisiisuun qileetti gadi naqasiise. Teediroosis aarii kanaan ilmasheefi namoota 32 warra isa duuka booji’amanii hidhaa jiran harkaafi miila muree qileetti naqe. Alattis gadi ba’anii midhaan ala jiru barbadeessan. Isa biqilee jiru nibuqqisiisan. Oromoota Maccaa Gojjamiin jiranis walitti qabanii hidhanii midhaaniifi bishaan dhorkatanii fixan. Daa’ima, jaarsa jaartii osoo addaa hinbaasiin manatti oldeebisanii gubaa turan. Kan qotus kan hojjetus balleessaa tokko malee fixaa ture. Takle, 29-30. . Yates,p.134, Blanc, 215 ajjeechichas Henerii Bilaank / Henery Blank, 1870) akkasitti ibsuu.

Oromoonni Walloo mana hidha mootichaa keessa jiran hundumtuu ajjeeffamanii, isaan keessa namoonni gara 32 (soddomii lama) ta’an lubbuun keessa hinbaanee ture. Jarreen lubbuun jiran kanas Tulluu Maqdallaarra akka boowwaatti gataman ta’e. Kana booda akka nama gaddee tokko ta’u barbaadan (mootii Teediroos) garuu yeroo muraasa booda of jabeessuun asiif achi deemu qaban.

Ennaa Miniliik Shawaa seenan gareen tokko tokko gammachuun yoo simatan Bazzuu Abbaa Diikiir kan Teediroos bara 1857 Shawaarratti muudan deebi’ee hinseensiisu jedhee waraana itti kaasuus hingalchu jedhee morme. Yaa ta’uutii waraanni Warqituu isaan wajjin turan aarsaa guddaa kanfalaniin Bazzuun mo’amee akka duubatti baqatu ta’e. Warqituu lolee ishii gara Shawaatti erguu qofa otoo hinta’iin mataan ishee gara Shawaa deemuun gara waggoota lamaa turtee Wallootti deebite. Mootii Warqiutun yakka seenaa Oromoorratti hojjatte garuu gargaarsa isheen Miniliikiif gooteen namuu baay’ee ishee hinkomatu. Garuu Yeroo kanattis ilma tokko guddifattee abbaa warraa isheefi qacceen Mahammadoota gara Aliin jiru akka isheen walqabatu gochuuf yaalaa ture jedhama.

Turtiishee kana booda Warqituun Miniliikiin qabattee Wallootti deebite. Ennaa kanatti Mastaawotiifi ilmishee aangoo qabatanii eegan. Mastaawitiifi ilmishee ummata biraas deggersa hedduu argataniiru. Ta’us Mastaawot daftee lolicha kiphuu hinbarbaanne. Hanga Miniliik Shawaatti deebi’utti eegde. Yaa ta’uutii ummanni Aadde Mastaawot wajjiin waan hiriireef deggarsa hanga barbaadame argachuu hindandeenye. Ta’us Warqituufi Mastaawot waraana godhaniin lubbuun garee lamaanuu jiddutti darbee yara miti.

Warqituun bara 1867 Wallootti deebi’uun Teediroosirratti qabsaa’uu eegalte. Kara biraa immoo haati Abbaa Waaxaw Mastaawot kan bara 1865 booda ifa ba’aa dhufte Teediroosiin boqonnaa dhorkite. Haa ta’uutii lola kana keessatti Warqituufi Mastaawot marii hinqaban. Qofa qofaa lolu. Kun immoo diinaa isaan jilbeenfachiisurratti dhiibbaa guddaa itti uume. Irraa caala immoo utuma Teediroosiin lolanii deebi’aniis waliins lolaa turan jedhama. Ennaa kanatti Walloonni Warqituu isa isheen al tokko Teediroositti harka laatte, al tokko immoo Amaara Shawatti baqatte komachuun baay’inaan gara Mastaawot goruun lolaa turan. Irraa jalaan Warqituufi Mastaawot Walloo harkatti galchatanii Teediroosiin Maqadallaarratti qofaatti hanbisan.

Akka Gabrasillaasee, 67). Jedhutti Bara 1867 kaasee Ingiliizoonni gara Itoophiyaa waraana qabatanii hanga seenanitti Teediroos naannawaa Maqdallaatti waraana Asdde Mastaawotiifi Warqituun marfamanii harka marachuun taa’a turan. Biyyaa bal’aa waggoota kudha shan dura warra Yajjuurra dhaalan dhiisanii loltuudhuma isaaniyyuu akka hinbittinoofnee gochuu hindandeenye ture. Kunis kufaati duraa mootichaa ta’ee mul’ate. Jalqaba Fulbaanaa bara 1867 ajajaa waraanaa Teediroos kan ta’an Afa Nugus Mashashaafi Bajorondi Kinfuun loltoota Wallootti harka kennatan. Ennaa loltoonni Teediroos diina keenya deggartan jedhanii ummata naannawaa Maqadallaa adabuuf gadba’anis ummanni ofirraa garafee ol deebisaa ture. (Rassam, p294, H, Narratives of the British Mission to Theodore, King of Abyssinia (London:J. Murray, 1869, vol, 2, p.294.

Bara 1866-1868titti, Mastaawotiifi Warqituun Maqadallaa qabachuuf yaalii onnachiisaa godhaa turan. Mastaawot ilmashee Abbaa Waaxaw duukaa hidhamtoota Ingliiziif Phaaphaasii ennasitti xalayaa erguun ennaa isheen Maqadallaa qabattu akka mirkaneessaniif gaafatte. Warqituun immoo humna Miniliik biraa argatte dabalattee humna waranaa kuma 30 qabattee Maqadallaatti seenuu Jiffa qubatte. Adeemsi Warqituu injifannootti geessaa jiru kan hubatan Miniliikiifi gorstoonni isaa gochaanishee kaayyoo kenya fuulduraa nujalaa fashaleessa jechuun Warqituu dhorkan. Gabrasillassee, 67, blank, 295- 300, rassem,p.250- 251.

Warqituuniifi Mastaawot wayita akka mootichi jalaa hinbaqanne marsanii adamsaa jiranitti Waqshuum Gobazee inni Laastaa Tigraayiin, Indartaa, Waajiratii, Daawuntiifi Dalaantaan qabatee Yajjuutti ce’uu Maqadallaatti deemaa jiraachuu isaa dhaga’an. Kun immoo Mastaawot lola Maqadallaa dhiistee gara Wagshumiitti akka deebitu taate. Waagshumis sodaatee Daawuntiifi Dalantaa Mastaawotiif deebisee ofduuba deebi’e. Mastaawot Maqadallaatti deebitee Teediroosiin bahaafi gala dhorkuu eegalte. Rassem, 289-290, blank 306. Seenaa kana keessatti kan nama dinqisiisu falmii Oromoon Walloo Yajjuufi Raayyaa Oromummaa isaanii eegsisuuf gochaa turan irraanfatamee jibbi aadaafi Afaan Orommorratti waggoota dhibbaan dura turees irraanfatamee yeroo ammaa saba Amaaraa ta’ani falmii biraatti ce’uusaaniiti.

Barreessaan seenaa Phaawuloos Nyoonyoo kitaaba isaanii Teediroos jedhamu keessatti akka ifa godhanitti, Ebla 16 bara 1867 keessa humni Warqituun gaggeeffamu Tulluu Maqdallaa gara kibbaan marsuun waraana eegale. Kunis Ingliizootatti himame. Jeneraal Naappiir, hoggaanaan Waraana Ingiliiz, mareedhaaf Warqituu ofiitti waamsise. Yeroo kana Warqituun gara Jenersal Naappiir deemun waliigaltee godhan. Warqituunis Jeneraal Naappiiriin akkas jettee jedhama:

Nuti hamma dandeenyu isaan waraanaa turre. Garuu meeshaa waraanaa nu caaluu waan qabaniif nu oo’atan. Ilma kiyyas nan guddisa jedhanii kiristinnaa kaasuun fudhatanii ajjeesan. Ani amma kanan barbaadu inni (mootichi) mo’amee bakka ilmi kiyya qaamni isaa itti kutame itti darbatame san ilaale lafeen isaa yoo argame akka guuramuufi hirmii kiyya baafadhuun ilaaluu barbaada. Kana malees akka gocha kanaaf adabbii argatan fedhii kiyya jette turjumaanaan himte (Phaawaloosii Nyoonyoo ›‚ Ébla, 1985).

Bifuma walfakkaatuun Jeneraal Naappiir Aadde Mastaawotiis akka wal argan, Daril Batsi 1979/ yoo ifa godhu. J/Naappiir Aadde Mastaawot waliin walga’iin godhame irra kan fooyyee qabu ture. Naappiiris baay’ee kanitti gammadaniidha. Batsi akka jedhutti, Mastaawot umurii afurtama keessa kan jirtuufi dubartii furdoofi bifa miidhagaa qabduudha. Erga jedhee booda, mucaan waggoota ja’a hanga torba ta’u qabdi. Mucaan kunis baay’ee miidhagaafi nama isa argu mara kan gammachiisuudha jedhe erga galmeesse booda. J/Naappiir waliin yoo walarguuf dhufan /Mastaawot/ akka dubartii ykn aadaa Itoophiyaatti otoo hinta’in iccitiidhaan hanga fuula isaanii haguuggachutti kan of faxuuraniifi Goraadee hidhatanii waraanaafi gaachana qabachuun akka dhiiraafi jagnaatti kan dhufaniidha. Kunis gaazexaa “The times” jedhurratti bahee ture. Isaanis waraana isaanii kallattii kamiinu akka sochoosu danda’an Jeneraal Naappiiriin walii galuun akka hojjechuu danda’an ibsu.

Yakkaafi loogii Jeneraal Naappiir Oromoo Walloorratti raawwatan waliigalticha keessatti jeneraalichi kan barbaade mootichi akka jalaa hinbaqanne eegumsi akka mootoota Wallootiin godhamu kan gaafatu yoo ta’u, kun duraanuu raawwachaa kan ture waan ta’eef dubartoonni Oromoo kun baay’ee kan itti hinrakkanne ture. Mootiin Mastaawotis ta’e Warqituun waraannii Ingliizii hidhamtoota isaanii bilisa baasuun gara biyyaatti deebi’u malee mootii nama akka fedhetti seera ala namoota ajjesuufi qalu kana humna isaanii bittimsuufi balleessuun ifatti akka itti himamu gaafachuun atoomsa isaanii akka ta’e mirkaneeffachuu ture. Kanas gochuuf mootoota Oromoo kanaafi ummanni akka hubatu akka qabsiisan Naappiir adaraa wajjin itti hime. Kana malee balleessaa hanga ammaatti raawwataniif akka ittigaafataman ifa godhameefi waliigaltee irra ga’an ifa godhan.

Itti fufa

Obbo Alamaayyoo Hayilee: Hayyuu Seenaa yoo ta’an wayita ammaa Giddugala Aadaa Oromootti qorataa seenaafi dursaa garee seenaati.

BARIISAA SANBATAA Sadaasa 24 Bara 2015

Recommended For You