Falmii Oromoofi Mootota Itoophiyaa Jidduu ture (1855-1889)

Kutaa 3ffaa

Du’a Amadeetti aansee immoo Warqituun maqaa ilmashee Amadee Aliin qabsooshee fiiniinsaa dhufte. Karaa biraa immoo obboleessi Amadee Bashir Shuumiinis lola eegale. Teedroos Walloo yeroo hunda waan deebi’ee isa ganuuf nama isaaf amanamu Imaamota keessaa waan dhabaniif dirqama Warqituu wajjin araaramuuf waliigaltee godhan.

Waliigalteen kunis ilma tokkicha qabdu kiristinnaa kaasuuf mootichis Abbaa Kiristinnaa akka ta’uuf waliigaluun ture. Amadee Alii ilmi Warqituus, angoo Dajjaazmaach jedhamu argachuun muudaman. Haati Amadee, Warqituun bara 1863 akka isheen Walloo mara bulchituuf irratti muudanii, ilmashee Amadee qabsiisa galfatanii gara Maqadallaatti deebi’an. Osoo hinturin garuu sababuma xiqqoon ilma Warqituu kana hidhe.

Warqituun ilmashee harkaa baafachuuuf takka jaarsummaa, takka gubboo, takka immoo amanamumma argisiistee dadhabde. Teedroos immoo loltootasaa booji’amanii finciltoota Walloo warra kaan harka jiran naadebisiistu malee mucaa kee hinargattu jechuun dide. Warqituunis silayyuu Teedroos faana waliigaluushee itti aaraniiru waan ta’eef finciltoonni hidhamtoota kana deebisuu didan. Warqituunis mucaashee osoo hinargatin hafte.

Gaafa Amadee Bashir du’u Warqituun ilmashee akka gadlakkisaniif gaafatte. Ammas Teedroos Oromoota Walloorratti jibbumsaafi haaloo hamaa qaba waan ta’eef tole jechuu hinbarbaanne. Bara 1864 deebitee fincilte. Booda akka haalootti Minilikiin booji’uun masaraa Teedroos keessa jiru Waxabajjii bara 1865 baastee gara ofiishee, gaara Roggeetti baastee fudhatte. Kanas kan gooteef ilmasheen jijjiirrachuu yaaddeti jedhama,

Minilikis waraana Walloon marfamanii Faaggaa (malakata) Imbiltaa (xurumballee) wajjin ta’uun gara Shawaatti ergite. Gargaarsa meeshaa waraanaafi loltuu gumaachuun humna Minilik utubdee kan Shawaadhaan geesse humna Warqituu ture. Minilik Birriyee Adam, inni kan Albukkoofi Mohammad Qaanqee, inni kan Riqqee daandii Walloo hanga Shawaatti to’achuun Minilik nagaan akka Shawaatti galu godhaniiru.

Teedroos immoo haaloodhaan ilmasheefi namoota hidhaa isa bira jiran harkaafi miila irraa cirsiisuun qileetti gadi naqsiise. Teedroosis aarii kanaan ilmasheefis warra isa duuka booji’ame namoota 32 ta’an hidhaa jiru harkaafi miila muree qileetti naqe. Alattis gadi ba’anii midhaan ala jiru barbadeessan. Isa biqilee jiru nibuqqisiisan. Oromoota Maccaa Goojjamiin jiranis walitti qabanii hidhanii midhaaniifi bishaan dhorkatanii fixan. Daa’ima, jaarsa jaartii osoo addaa hinbaasin manatti oldeebisanii gubaa turan. Kan qotus kan hojjetus balleessaa tokko malee fixaa ture.

Oromoonni Walloo mana hidhaa mootichaa keessa jiran hundumtuu ni ajjeeffaman. Isaan keessaa namoonni 32 ta’an lubbuun keessa hinbaanee ture. Jarreen lubbuun jiran kanas Tulluu Maqadalaarra akka boowatti gataman ta’e. Kana booda mootiin Teedroos yeroo muraasa booda of jabeessuun asiif achi deemuu qaban.

Ennaa Minilik Shawaa seenu gareen tokko tokko gammachuun yoo simatan, Bazuu Abbaa Diikiir kan Teedroos bara 1857 Shawaarratti muudanii deebi’an hinseensisu jedhee waraana itti kaasus hingalchu jedhee morme. Haata’uutii waraanni Warqituu isaanii wajjin turan aarsaa guddaa kanfalaniin Bazuun moo’amee akka duubatti baqatu ta’e. Warqituu lolee ishii gara Shawaatti erguu qofa otoo hinta’in ofumashii Shawaa deemuun gara waggoota lamaa turtee Wollotti deebite.

Mootii Warqituun yakka seenaa Oromoorratti raawwatte, gargaarsa isheen Minilikiif gooteen namuu baay’ee ishee hinkomatu. Haata’uutii yeroo kanattis ilma tokko guddifattee Abbaa warraa isheefi qacceen Mahammadoota akka gara Aliin jiru isheen walqabatu gochuuf yaalaa turte jedhama.

Turtiishee kana booda Warqituun Minilikiin qabattee Wallootti deebite. Yeroo kanatti Mastaawotiifi ilmishee aangoo qabatanii eegan. Mastaawotiifi ilmishee ummata biraas deeggarsa hedduu argataniiru. Ta’us Mastaawot daftee lolicha kiphuu hinbarbaane. Hanga Miniliki Shawaatti deebi’utti eegde. Haata’uutii ummaani Addee Mastaawotii wajjin waan hiriireef deeggarsa hanga barbaadame argachuu hin dandeenye. Ta’us Warqituufi Mastaawot waraana godhaniin lubbuun gareen lamaan jidduutti darbe yaraa miti.

Warqituun bara 1867 Wallootti deebi’uun Teedroosirratti qabsaa’uu eegalte. Karaa biraa ammoo haati Abbaa Waaxew Mastaawot kan bara 1865 booda ifa ba’aa dhufte Teedroosiin boqonnaa dhorkite. Haata’uutii lola kana keessatti Warqituufi Mastaawot marii hinqaban. Kopha kophaa lolu. Kun immoo diina isaanii jilgeenfachiisurratti dhiibbaa guddaa itti uume. Irra caalammoo osoma Teedroosiin lolanii deebi’aniis waliinis lolaa turan jedhama.

Ennaa kanatti Walloon Warqituu isa isheen al tokko Teedroositti harka laatte, al tokko immoo Amaara Shawaatti baqatte komachuun baay’inaan gara Mastaawot goruun lolaa turan. Irraa jalaan Warqituufi Mastaawot Walloo harkatti galchatanii Teedroosiin Maqadallaa qofaatti hanbisan. Bara 1867 kaasee Ingiliizonni gara Itoophiyaa waraana qabatanii hanga seenanitti Teedroos naannoo Maqadalaatti waraana Adde Mastaawootiifi Warqituun marfamee harka marachuun taa’aa ture.

Biyya bal’dhaa waggoota kudha shan dura warra Yajjuurraa dhaalan dhiisanii loltuun isaaniyyuu akka hinbittinoofne gochuu hindandeenye ture. Kunis kufaatii duraa mootichaa ta’ee mul’dhate. Jalqaba Fulbaanaa bara 1867 ajajaa waraanaa Teedroos kan ta’e Afa Nugus Mashashaafi Bajorondi Kinfuun loltoota Wallootti harka kennatan. Ennaa Loltoonni Teedroos diina keenya deeggartan jedhanii ummata naannoo Maqadallaa adabuuf gad ba’anis ummanni ofirraa garafee ol deebisaa ture.

Bara 1866-1868tti, Mastaawotiifi Warqituun Maqadallaa qabachuuf yaalii onnachiisaa godhaa turan. Mastaawot ilmashee Abbaa Waaxew duukaa hidhamtoota Ingiliiziifi Phaaphaasii ennasiitti xalayaa erguun ennaa isheen Maqadallaa qabattu akka mirkaneessaniif gaafatte. Warqituun immoo humna Minilik biraa argatte dabalattee humna waraanaa kuma 30 qabattee Maqadallaatti seenuun Jiffa qubatte. Adeemsa Warqituu kan injifannootti geessaa jiru kan hubatan Minilikiifi gorsitoonnisaa gochaanishee kaayyoo keenya duraa nujalaa fashaleessa jechuun Warqituu dhorkan.

Warqituufi Mastaawot akka mootichi jalaa hinbaqanne marsanii adamsaa jiranitti Wagshuum Gobazee inni Laastaa Tigraayiin, Indartaa, Waajiratii, Daawuntiifi Dalaantaan qabatee Yajjuutti ce’uuf Maqadallaatti deemaa jiraachuu isaa dhaga’an. Kuni immoo Mastaawot lola Maqadallaa dhiistee gara Wagshumiitti akka deebitu taate. Wagshumis sodaatee Daawuntiifi Dalantaa Mastaawotiif deebisee ofduuba deebi’e.

Mastaawot Maqadaallaatti deebitee Teedroosiin bahaafi gala dhorkuu eegalte. Seenaa kana keessatti kan nama dinqisiisu falmii Oromoon Walloo Yejjuufi Raayyaa Oromummaasaa eegsisuuf gochaa ture irraafatamee jibbi aadaafi Afaan Oromoorratti waggoota dhibbaan dura tures irraanfatamee yeroo ammaa saba Amaaraa ta’anii falmii biraatti ce’uusaanii kan nama dinqisiisuudha.

Barreessaa Seenaa Phaawuloos Nyoonyoo kitaabasaanii Teedroos jedhamu keessatti akka ifa godhanitti, Ebla 16 bara 1867 keessa humni Warqituun gaggeeffamu Tulluu Maqadallaa gara kibbaan marsuun waraana eegale. Kunis Ingiliizotatti himame. Jeneraal Naappiyeer, hogganaan Waraana Ingiliiz, mareedhaaf Warqituu ofiitti waamsise. Yeroo kana Warqituun gara Jeneraal Naappiyeer deemun waliigaltee godhan. Warqituunis Jeneraal Naappiyeeriin akkas jetteen jedhama:

“Nuti hamma dandeenyu isaan waraanaa turre. Garuu meeshaa waraanaa nu caalu waan qabaniif nu mo’atan. Ilma kiyyas nan guddisa jedhanii kiristinnaa kaasuun fudhatanii ajjeesan. Ani amma kanan barbaadu inni (mootichi) mo’amee bakka ilmi kiyya qaamni isaa itti kutamee itti darbatame san ilaalee lafeen isaallee yoo argame akka guuramuufi hirmii kiyya baafadhun barbaada. Kana malees akka gocha kanaaf adabbii argatan fedhii kiyya” jettee turjumaanaan himatte.

Bifuma walfakkaatuun Jeneraal Naappiyeer Aadde Mastaawotis walargan. Jeneraal Naappiyeer Aadde Mastaawoot waliin walga’iin godhame irra kan fooyyee qabu ture. Naappiyeeris baay’ee itti gammadan. Mastaawot umurii 40 keessa kan jirtuufi dubartii furdoofi bifa miidhagaa qabduudha.

Jeneraal Naappiyeer waliin yoo walarguuf dhufan (Mastaawot) akka dubartii ykn Aadaa Itoophiyaatti otoo hinta’in iccitiidhaan hanga fuulasaanii haguuggachuutti kan of faxuuraniifi Goraadee hidhatanii waraanaafi gaachana qabachuun akka dhiiraafi jagnaatti dhufan. Kunis gaazeexaa “The times” jedhurratti bahee ture. Isaanis waraana isaanii kallattii kamiinuu akka sochoosuu danda’an Jeneraal Naappiyeeriin waliigaluun akka hojjachuu danda’an ibsu.

Yakkaafi loogii Jeneraal Naappiyeer Oromoo Walloorratti raawwatan waliigalticha keessatti Jeneraalichi kan barbaade mootichi akka jalaa hinbaqannee eegumsi akka mootota Wallootiin godhamu kan gaafatu yoo ta’u, kun duraan kan raawwachaa ture waan ta’eef dubartoonni Oromoo baay’ee kan itti hinrakkane ture. Mootiin Mastaawotis ta’e Warqituun waraanni Ingiliizii hidhamtoota isaanii bilisa baasuun gara biyyaatti deebi’u malee mooticha nama akka fedhetti seera ala namoota ajjeesuufi qalu kana humna isaanii bittinsuufi balleessuun ifatti akka itti himamu gaafachuun atoomsa isaanii akka ta’e mirkaneeffachuu ture.

Kanas gochuuf mootota Oromoo kanneeniifi ummanni gara isaaniin akka hubatu qabsiisu Naappiyeer adaraa wajjin itti hime. Kana malee balleessaa hanga ammaatti raawwataniif akka itti gaafataman ifa godhameefi waliigaltee irra ga’an ifa godhan. Jeneral Naappiyeer mariin Oromoota (Warqituufi Mastaawot) waliin godhan akkuma eerame kan baay’ee wal-falmisiisu hinturre. Dubartoonni Oromoo kun lachuu rakkooleen ofii qaban akka salphatu malee kan garee biraa ilaaluufi yaada addaa hin qaban ture.

Eega Ingiliizota waliin mari’achuu Warqituufi Mastaawotiin dhaga’anii booda waraanni Teedroos bay’een gara Ingiliizitti harka yoo kennatu, Teedroos garuu hidhamtoota isaa eeguufi du’a isaa cinqiin eeggachuu malee eessattuu dheessee ba’uu akka hindandeenye waan beekuuf harka kennachuu hinbarbaanne.

Teedroosiifi aantonnisaa gara kibbaatiin Wallootti baqachuuf yaadanii turan. Haata’uutii daandiin hundi Oromoo Warqituufi Mastaawotiin guutamee jira waan ta’eef hindanda’amne. Kanaaf achumatti Mishigii (Dahannoo) isaanii qabatanii soddaasaanii Dajjaash Alameen namoota hidhaman keessaa Faranjootas dabalanii araara gaafachuuf Jeneraal Naappiyeeritti ergan. Naappiyeer garuu nama balleessaa qabuufi hinqabne walitti qabee mana hidhaa keessa galchee isa kaan gubee, isa kaan hiraarsee callisanii itti araaramuun hindanda’mu jedhanii tursan.

Ittifufa

Obbo Alamaayyoo Hayilee: Hayyuu Seenaa yoo ta’an wayita ammaa Giddugala Aadaa Oromootti qorataa seenaafi dursaa garee seenaati.

BARIISAA SANBATAA Sadaasa 17 Bara 2015

Recommended For You