Kutaa 9ffaafi xumuraa
Guddinniifi dagaaginni Afaan Oromoorratti ture kun baroota 1941-1970 keessa hojiin qo’annoo afaanicharratti godhamu gonkumaa addaan citeera jedhamuu danda’ama. Yeroon kun immoo baroota mootummaan Hayilasillaasee cimaa tureefi Ameerikaniin biyya kana keessatti aangoofi ittigaafatamumma guddaa qabdu ture. Yaa ta’u malee yeroo kana antiropolojistoonni Jarmanii muraasni kanneen akka ‘A.E.jensen’ kitaaba Antiropolojii tokko (Stuttgart 1954) keessatti kan maxxansiisan qofa ture.
Hojii guddaan seenaafi madda Oromootiin walqabatee hojjatame Qorannaa Iikee Haberlandiin bara 1963 keessa maxxanfame ximmadda (Theory) seenaa Oromoofi afaansaarratti armaan dura ture kan jijjiruu danda’eedha. Hanga baroota 1974 itti hayyoonni biyya alaa afaaniifi seenaa Oromoorratti wantoota heddu hojjatanillee hayyoonni biyya keessa tokko tokko faallaa kana deemuun Oromoon akka saba godaantummaan dhufeefi biyya kana humnaafi weeraraan qabatetti barreessaa turan.
Kanaaf seenaas ta’e afaansaa qorachuu akka hinfeene mul’ata. Akka fakkeenyaatti yoo fudhanne hojii Alaqaa Atsmee (E.E.S Addis Ababa University) Alaqaa Taayyee 1914 Taklatsaadiiq Makuriyaafi jarreen isaan fakkaatan fudhachuun ni danda’ama. Gama sochii saba Oromoo dhalataa Oromoo yoo ilaalle immoo hammeenyaafi cunqursaa irratti godhamurraa kan ka’e jijjiirama mootumma fiduurrattifi qabsoo godhamurratti kan xiyyeeffateedha.
Gama biraatiin fincila akkasumas qabsoo bara dheeraa ummaticha miidhaa ture hambisuu malee seenaa afaanii barreeffamarratti kan xiyyeeffate hinture. Seenaa ilaalchisee wanti barreeffame hinjiru. Yaa ta’u malee hayyoonni booda ka’an kanneen akka Sheeki Bakrii Saammaloo wareegama guddaa kanfaluun afaaniifi seenaan Oromoo akka guddatuufi afaan barreeffamaa qabaachuufi Afaan Oromoo barumsaa akka arfii (qubee) ofii godhatuuf qabsaawaa turanii.
Bara Dargii keessas Maqaa “masarata timirti” jedhamuun Amaariffa bal’isuu malee Afaan Oromoorratti sochiin godhame hinturre.
Carraa kufaatii sirna Dargii booda argameen hayyoonni afaaniifi seenaa Oromooratti hojjatan harka kumaatamaan dabalaafi guddachuun Afaan Oromoo afaan mana barumsa, afaan mana murtii, kan qormataafi kan waalta’ee gochuu malee Oromoota kallattiilee mara jiran walitti fiduu akka bifa walfakkaatuun guddatu gochaa jira.
Yeroo ammaa Afaan Oromoo afaanota deggarsa siyaasaatiin guddinisaanii sadarkaa olaanaarra ga’an wajjin walmaddii ta’uun guddinnisaa yeroodhaa gara yerootti bal’achaa deemaa jira. Hojii kana keessatti hayyuu beekamaa Afaan Oromoorratti umriisaanii guutuu hojjachaa jiran kan akka Obbo Abarraa Nafaafi hayyoota Biiroo Aadaafi Tuurizmii isaan wajjin hojjatan namoota seenaa guddaa raawwataniidha. Hojii kanaafis maqaa ummata Oromootiin galata isaaniif qabnu ibsina.
Rakkinni Afaan Oromootiin walqabate kunis siyaasa gita bittoota /abbaa irree/ yeroo sana biyya kana keessa turan gaggeessanirraa kan ka’e guddinaafi Afaan Oromoo gara afaan barruutti jijjiruu kanarratti danqaraa guddaa ta’uunsaa ifa ture. Yaa ta’u malee waggoota dhibboota caalaa Afaan Ormoo erga ukkasmame ture booda waggoota muraasa dura akka afaan barruu ta’u danda’e ni beekama.
Kunis qabsoo bara dheeraaf godhama tureen sakaallaa ummatni Oromoo ittiin xaxame kukkutuun yeroo ammaa afaaniifi seenaansaa sadarkaa muummee barnoota tokkofaa kaasee hanga yunivarsiitootaafi wiirtuuwwan qurannoofi qo’annoo ta’eera.
Kana malee afaan murtii, afaan qorannoon saayinsii ittiin gaggeeffamu, dursitoonniifi gaggeesitoonni siyaasaa seera tumaniin, afaan saayinsii, afaan seeraa, afaan weedduu, walaloofi duudhaan ummata ittiin himamu, barreeffamaafi miidiyaansaa ittiin tamsa’uudha. Kun ta’uun guddinaafi jijjirama guddaadha.
Xumura
Hojiin kunis seenaa qubsumaafi guddina Afaan Oromoorratti kan xiyeeffate ta’us gama biraatiin Oromoon akkuma qubataa duraa ta’e, seenaa bara dheeraa biyyi teenya qabdu keessatti akka iddoo guddaa qabu kan nama hubachiisuudha.
Seenaatti aansee sochii guddina Afaan Oormoo keessatti jalqaba qormata Oromorratti eegalame akkamitti akka haccuucamaa ta’eefi rakkina guddina afaaniorratti ture kan ibsuudha. Gama biraatiin immoo hayyoota guddina afaan kanaatiif hojjechaa turan yaadachuufi eenyu akka turan akka itti yaadataman kan ifa ta’eedha.
Kana malee Itoophiyaa ammayyaa ijaaruu keessatti ummanni Oromoo qooda guddaa akka qabu ifa gochuun baroota seenaan kun hammatu booda kan mul’atu seenaan Oromoo Walloo, Yajjuu, Raayyaa Maccaafi Tuulamafi naannoo Itoophiyaa kibbaa, kaabaafi bahaa keessaa jiran seenaan isaanii yoo qoratame gara fuulduraatti ragaafi madda odeeffannoo guddaa kan ta’uudha.
Obbo Alamaayyoo Hayilee: Hayyuu Seenaa yoo ta’an wayita ammaa Giddugala Aadaa Oromootti qorataa seenaafi dursaa garee seenaati.
BARIISAA SANBATAA Sadaasa 3 Bara 2015