Falmii Oromoofi Mootota Itoophiyaa jidduu ture (1855-1889)

Ummanni Oromoo gurma’insa Sirna Gadaan bulaa akka ture ni yaadatama. Yeroo booda garuu, babal’ina daldalaafi tamsa’ina amantii addunyaa guguddoo lamaaniirra kan ka’e iddoo tokko tokkootti Sirni Gadaa laafaa dhufe. Hawaasni Oromoo amantii jaraa fudhate. Gareen maatii Oromoos Gadaa dhiisee jaratti makamuun kan ofiis qabate jireenyasaa itti fufuutu beekama. Kunis tokkummaa Oromootiif rakkoo ta’ee alagaaf garuu balbala saaquuf carraa uume ture.

Gareen lamaan kunneen garuu Oromoo aadaas ta’e amantiisaa mormuun abaaraa turan aadaa ummatichaas lagatan. Kunis mormii guddaa kaasaa akka ture ni yaadatama. Haata’utii akka baay’ina ummata Oromoofi bal’ina lafasaatti biyya kana kaabaa hanga kibbaatti bahaa hanga dhihaatti tamsa’e waan jiraatuuf ummaata Itoophiyaa walitti firoomsuufi walitti dhufeenyaaf riqicha ta’uun akka waliin jiraatan gochu danda’e jira. Oromoon jaratti yaa makamu malee isaan garuu akka saba ofiitti fudhachuu diduun, aadaafi eenyummaasaayyu jibbuun, haqasaa ballessuun akka Oromummaasaa gatu hanga ammaatti itti duula turan. Garee hordooftoota amantii lamaaniifuu Oromoo to’achuuf carraa guddaa ture. Gareen gara kaabaafi kaaba lixaa dhawaata Gadaa dhiisee siyaasa abbaa lafaa ykn Abisiniyaatti kan makame yoo ta’u, kan hafees garee musliimaatti makamuun maatiidhumti tokko faallaa jaraa ta’u eegale. Oromoonni hafanis gadaadhumaan buluun jiraachuu eegalan. Oromoonni kuunis daldalatti makamuun garee jiraata magaalaafi hawaasa magaalaa ta’e.

Warri hambaan walitti makame aadaa Oromoo irraanfachaa deeman. Gadaa dhisaanii sulxaanootaafi hoggantoota gosaan bulu qaban. Kunis kan raawwachaa ture dhawwatan malee Oromiyaa mara altokko keessatti kan raawwate miti. Jijjiramni kunis kan ta’uu danda’e jaalatanii otoo hinta’iin haaluma qubannaafi murtii gaggeesitoota gosaa naannichaatiin ture. Wanti guddaan gaggeesitoonni naannicha michoomaafi ykn dirqama yeroon gaafaturratti hunda’un kan ta’e waan tureef tokko tokkoon isaani kaasuun rakkisaadha. Akkuma beekamu Oromoon sirna ittiin bulaa ture ni qaba. Yaa ta’uti dhawaataan kan ofii dhiisuun ykn humnaan mo’amee akka kan isaa gatu dirqamee jaratti akka makamu ta’eera. Haaluma kanaan seenaa keessatti kan beekamu garu Oromoota gara kaabaa jiraatan kan amma saba biraa ta’an nannoo galaana diima (Argiiggoo) yoo ta’an jaarraa 15ffaa keessa namni Bahaara Nagaashi Doorii akka isaan bulchaa ture barreessaan ‘L.Alvares’ jedhamu ibsee ture.

Kan biraa Oromoota Yeejjuu yoo ta’an Raas Alii guddicharraa kaasee hanga Raas Alii xiqqaatti waggoota 90 ta’aniif kan Gondar bulchaniidha. Kunis siyaasa biyya kanaatti makamani tokkummaan biyya kana ijaaruun yeroo itti eegalamedha. Isaan duras mootummaan Gondar keessatti kan beekaman mootootni akka Susiniyoos, Faasil, Iyyaasuu, Baakaafaafi kan biraas Oromoota akka ta’an seenaan isaani kan duuba kanuma ibsa.

Yeroo booda garuu duula gareen gaggeessitoota amantiin Oromoorratti gaggeeffamaa tureen jibbinsi guddaan uumamee maqaa Oromoo xureessuun siyaasarraa akka fagaatuu godhamaa ture. Jaarmiyaan mana sagadaa kun bara kamuu kan haaroomsi isa hintuqneefi olola Oromoo alagoomsuu kana kan hinjijjirreedha. Diddaan guddaan Oromoon gochaa ture amantiicha fudhachuu diduu otoo hinta’iin gareen lachuu aadaa ummatichaaf qabaniifi Afaan Oromootiin kennamuu dhabuu amantichatti akka dafanii hinmadaqne isaan godheera. Gareen amantii kiristaanaa Afaan Gi’iziitiifi Amaaraan kan kennamu yoo ta’u, kan musliimaa immoo Afaan Arabaatiin kennama. Haata’utii Ummatni Oromoo dhiibbaa kana dandamachuun rakkina isaan uumaniif waamicha godhamuun ijaarsa biyyaa keessatti ga’ee guddaa taphachaa ture.

Gulantaa ykn fuula seenaa kanarratti waggoota lamaafi walakkaa darbaniif dhimma seenaa Oromoofi qubsuma isaa ragaa qabatamaafi Oromoon ummata bal’aafi jiraataa duraa kaabaafi bahaa Afrikaa akka ture ibsaa turuun keenya ni yadatama. Kanatti aansinee immoo ijaarsa Itoophiyaa ammayyaa keessatti ga’e inni taphateefi wal’aansoo ykn diddaa inni gochaa tureerratti xiyyeeffanna. Akkuma ibsame Oromoon Ummata bal’aafi baay’inaanis kaaba bahaa Afrikaa keessaa isa duraati. ummanni kun Gadaa malee yeroo booda sirna abbootii biyyaafi amiirootatti akka ijaaratte ofbulchaa ture ni beekama.

Mootummaan sheekoota /sulxaanoota/ shawaa kun bara 896/7 shawaa keessatti ijaarame isa duraa yoo ta’u, mootummaan Oromoota Yeejjuu isa lammaffaadha. Mootummoonni lamaanuu duulli garee mootoota Abisiniyaa erga kufee booda humni Oromoo gara kaabaa jiru kufaatii ga’ee laafaa dhufee ture, mootummaan Yeshewaa Sulxaneet jedhamu turtii waggoota 400 booda bara 1270 A.D. keessa kufe gara bahaa Harargeetti baqachuun Yeshewaa Sulxaneet kan jedhu dhiisee maqaa ‘Adaal sulxaaneet’ jedhuun of gurmeessee human kirstaanaa ofirraa rukutee deebisuus waggota 400 booda garuu humna mootii Teediroos, Yoohaannis, Minilikiin ijaaramuun duula Oromoo of jalatti galchuu itti fufee, haaluma kanaan duula Oromoorratti godhamaa tureefi tokkummaa Itoophiyaa ijaaruun maal akka fakkaatu tokko tokkoon yaa ilaallu.

Oromoo Walloo damee Baareentummaa ta’e qomoo Karrayyuuti. Oromoonni Walloo bara dheeradhaaf ummata eenyummaasaanii jijjiruuf qabsoon bara dheeraa irratti gaggeffamaa turedha. Sababa qabsoo bara dheeraa kanaan taa’umsi giddugaleessa mootoota gara kaabaa ka’aniif xiyyeeffannaa otoo hinta’iin hinturre. Sochii bifa kamiinuu naannichatti ta’u jalaa bilisa ta’us hindandeenye. Ummata babal’insi amantii, jijjiramni dinagdeefi dhiibbaan hawaasuummaa hedduu miidhaa ture keessaa Oromoonni Walloo isaan hangafa. Lolli qomoo gidduutti ka’u, waldhabdeen amantiifi jeequmsi daldalaa naannawa sanaa bakka kamittuu calqabu Walloo bira hinga’iin hafe hinjiru. Walloo yoo jennu Oromoota Yeejjuu akka dabalatu dubbistoonni akka nuuf hubatan barbaanna.

Ittifufa

Obbo Alamaayyoo Hayilee: Hayyuu Seenaa yoo ta’an wayita ammaa Giddugala Aadaa Oromootti qorataa seenaafi dursaa garee seenaati.

BARIISAA SANBATAA Sadaasa 3 Bara 2015

Recommended For You