Sakatta’a seenaa Oromoo

Kutaa 9ffaa

Nagaasiin ijoollee torba kan qabu yoo ta’u, isaaan keessaa kan mootummaasaa dhaaluu qabu akka waan bakka bu’ee Gondorirraa dhaamsa dabarsaniin inni akka bakka bu’u ta’ee ture. Haata’uutii maatiin kun aangoorratti waan walfalmuu qabaniif walitti bu’iinsa guddaa booda akka Sibistee Nagaasiitiin bakka bu’u ta’ee ture.

Ilmi Nagaasii Kiristoos xinnichi Sibisteen Bosonatti galuun saamicha Oromoota Dhummuugaafi Abbichuurratti raawwachaa tureen qabeenya guddaa waan horachaa dhufeef namoonni baay’inaan isa marsuun humna dabalataa ta’aafii dhufan. Angoo abbaasaanii dhaalee erga kuffisee booda Daanyaa kan jedhamu bakka bu’us obboleessisaa qabeenya Oromoo Saamuun humna guddaa waan horateef, qabeenya saame kana akka isaaf galchu itti erge. Sibisteenis qabeenya kanaan humna biraa dabalatee duula walitti kaasuun Daanyaa mo’atee aangoo olaanaa qabate. Asirratti waanti ka’uu qabu, abbaanis Oromoo Geeraafi Maammaa saamuun Ifaatiif Roobiit akkuma saamaa ture, Sibisteenis Oromoo Dhummuugaafi Abbichuu saamuun akka qabeenyaafi humna namaan of ijaaraa ture hubanna.

Mariid Azimaach Sibistee Nagaasiin magaala Doqaaqiit jedhamtu hundeessuun qabiyyee abbaatti dabaluun naannoo Manzi bulchuu eegale. Waraana yeroo dheeraa Oromoo Karrayyuu wajjin gochuun naannoo ofii cimsuu akka danda’e seenaa keessatti ifaadha. Haata’u malee Sibisteen Oromoo Doobbaa wajjin soddummaan akka firoome beekama. Kunis Oromoo Doobbaafi Karrayyuu jidduutti haaloon akka uumamu gochuun akka kaayyoo tokko hinqabaanne gochaa turan. Sibisteen Oromoo Doobbaarraa fuudhee ilma Abbiyyee jedhamu kan dhalche yoo ta’u, ilmis erga guddatee booda bataskaana ofii Doqaaqititti dhaabuu waan barbaadeef qabeenya abbaarratti walitti bu’uun abbaan waldhabdee kanarratti ajjeefaman. Abbiyyeenis Oromoo Maammaa Midir jedhamu keessaa kan niitii fuudhe yoo ta’u, du’a abbaa booda aangoo maatii akka qabatu ta’e. Seenaa kanarraa waanti hubannu abbootiin biyyaa Shawaa kun Oromoo waraanaafi gara tokkoon immoo walfuudhaafi soddoomaa akka turan hubannaa. Kana malees aangoodhaaf ilmi abbaa akka ajjeesaa ture hubanna.

Abbiyyeen aangoo erga qabatee booda gara kibbaatti socho’uun lafa Oromoo Karrayyuu Arraanbaa ykn Arraabsaa Qobboo qabate. Innis magaalaa Arraambaa hundeessuun akkuma abbaafi akaakayyuu isaa mana sagadaa Mikaa’elaa achitti hojjachiise. Bataskaana ijaaruun kun qabiyyee isaanii mirkaneessuudha. Tooftaan kunis qeesotaafi dabtaroota ummata gara amantaa isaatti akka jijjiiran gochuu malee, babal’ina isaafi qabiyyeesaa kan isaaf mirkaneessaniidha. Abbiyyeen qabeenya qonnasaafi qabiyyeesaa hanga laga Ayiraarratti bal’isuun qabeenya horachuun of cimsaa dhufe.

Yeroodhuma kana gabbarasaanii gara Gondoritti waan hin erginiif waraanni itti ergamee ture. Abbiyyeenis duula kana injifachuun meeshaa waraanaa hedduu waan argataniif olaantummaa isaanii naannoo kanatti cimsuu qaban. Keessattuu falaashota Gondorii dhufan booji’uun meeshaa waraanaafi sibiila omishaa qonna cimsanii heddumminaan waan omishuu jalqabaniif duula guddaa Oromoo naannoorratti gaggeessuun buqqisuun itti fufe.

Kana malees Mariid Azmaach Abbiyyee babal’ina jalqabe itti fufuun meeshaa Gondorirraa argateen duula Oromoo Karrayyuurratti gaggeesseen haadha waraana cimtuu, Halkoo naannawa Gooroo Beeraarraa ari’uun magaala Aankoo Barri (Halkoo Barri) araddaa Oromoo hundeessuu danda’eera. Iddoon kunis maqaa Halkoo jedhu dhiisuun akka Ankoo-Barri jedhame himama. Babal’iinaafi waraana waggoota baay’ee gochuun waggootaa 25 erga bulchee booda Abbiyyeen bara 1747 du’aan boqotan.

Mootichi Shawaa kun erga du’ee booda Ilmi isaa Ammahayyees ammas lafa Oromoorratti duuluun amantichi akka babal’atu gochaa ture. Haaluma kanaan lafa Mixaaq, Gollaa, Xaraa, Bulgaafi naannawa Ittisaa to’achuun Oromoo isa mormurraa kaasuun araddaasaarra qubatan. Innis namoota amanticha fudhataniifi isaaf gabbaran ofitti qabaa ture. Dabraniis araddaalee hanga Qo’atiifi Minjaariitti socho’us mootummaa ofii jala oolchuun babal’isuufi cimsuu eegalan.

Ammahayyees wiirtuu Abbaafi Dahannoo gaara Halkoo Barri qabachuun loltoota isaanii gara Abbichuufi Jiddaatti deddeebisanii erguun lafa warri addaan citanii turan akka walitti dhufaniifi walgargaaran gochaa ture. Abbichuufi Jiddi Oromoo Tuulamaa keessatti Oromoo warra seeraa jedhamu. Warra seeraa jechuun warra Bokkuufi Kallacha (hangafa) ykn Seera Gadaa warra beekaniifi murtii seeraa Gadaafi duudhaa Oromoo beekan jechuudha. Kanaaf tooftaa waraana Oromoo itti cabsan baasuun warra xaraafi Bulgaa, Tagulat, Jiddaafi Abbichuu qaxxaamuruun akka tokko ta’an godhan.

Kan nama dinqisiisu abbootiin waraanaa kun lafa baddaafi badda daree gaarriifi Tulluun itti baay’atu kana to’atanii Oromoota isaan morman biyyaa ari’uufi kaanis gabbarsiisuun, kan hafe immoo soddoomaafi (firoomaan) qabuun yoo hanga kana socho’an warri Gadaan bulan garuu ergaa Oromoon Warjii jaarraa 9ffaa-13ffaa keessa mormaniin mo’otamanii booda tokkummaan of ijaaranii waanti isaan gochaa turan seenaa keessatti waanti galmaa’e hinjiru. Haata’uutii garuu hanga yeroo mootummaa Minilik II itti biyyi Oromoo Abbichuufi Jidda ykn lafa hurufaafi dirree ta’ee Oromootuma harka akka tureedha.

Abbaan waraanaafi mootiin Shawaa Ammahayyees erga du’anii booda Ilmisaanii wiirtuu Ajaja, isaa Araabsaa ykn Arraambaafi Qobboo akkasumas Halkoo Barri ta’uun waggoota 35 erga bulchanii booda yoo du’an, ilmisaanii Asfaawasan bara 1767 Aangoo qabatan, Yeroo kana mootummaa Gondor keessatti yeroo Oromoon Yejjuu (Raas Aliin) aangoo olaanaa qabataniidha. Asfaawasan akkuma Abbootii isaa duula Oromoorratti gaggeessuun lafa akka Gidiim, Efraataa, Antsookiyaa, Gisheefi Marraabeetee to’annoo ofii jala galche.

Moret yeroo baay’ee to’annoo Manz jala otoo hingalin turus yeroo Asfaawasan garuu injifatamee qabame. Abbaan warraan Asfaawasan immoo Aangoon isaa Wasan Sagadiin erga dhaalamee booda ilmi isaa magaala Qundii araddaa Oromoorratti hundeessuun naannoo san jiraachuu eegale. Baasoofi waraana (Abbichuu) keessattis Bataskaana (mana sagadaa) Dabra Birhaan Sillaasee hojjachiise. Kun hundi qabiyyee isaa cimsuufi mirkaneessuu akkasumas amanticha cimsuuf kan godhamuudha.

Mooticha Shawaafi Wasan Saggad adda kan isaan godhu, dura Abbootiin isaa Nagaasii Kiristoos Kaasaa maqaa angoosaanii Mariid Azmaach jedhama ture. Inni garuu maqaa kana jijjiiruun Abbootii waraanaa Amaaraas ta’e Oromoota naannoo kana jiran walitti qabuun Mandiida (Angololaarratti) maqaan kiyya har’aa kaasee Raas Wasansaggad” jedhamee jira jechuun labsii godhe. Kan biraa mootichi Shawaa kun naannawasaanii dhiisaanii gara Gondoris deemuun Oromoo Yajjuu mootummaa Gondor qabatan waraanuuf dhaadachaa akka turan himama. Haata’uutii akka deemuu hindandeenye dubbatama. Yeroo isaan Gondor bulchaa turan Raas Gugsaa akka ta’an dubbatama. Barri isaa kunis 1805 ture. Abbaan biyyaa Shawaa kun mootummaa Salamoonawaa abbaa Takleen dhaabbate iddootti deebisuuf yaadaa ture.

Mootii Saahila Sillaaseefi weerara araddaa Oromoo

Mootichi Shawaa Raas Wasan Saggad erga du’anii Booda ilmisaanii Saahila Sillaaseen aangoo olaanaatti dhufan. Akkuma barame isaanis baba’lina isaanii cimsuun lafa Oromoorratti duula guddaa gaggeessaa turan. Mootichi kunis duula Abbootiin isaanii gaggeessaa turan caalaatti sochoosuun waggaatti al sadii sagantaa waraanaa baafachuun gorsitoota biyya alaa of bira gochuun Oromoo Tuulamaa waraanaa turan.

Akkuma armaan olitti eerame, Nagaasii Kiristoos Manziifi naannawasaa Oromootarraa fudhachuun akkuma to’annoo ofii jala oolcheen, mootonniifi abbootiin waraanaa Shawaa hafaniis lafa Oromoorratti duuluun babal’achaa akka turaniidha. Haaluma kanaan magaalota Ayinee, Sibistee Nagaasii, Doqaaqiit Abbiyyeen, Arraambaa Ammaahaayyees, Ankoobar Wasansaggad, Qundii keessatti mana sagadaa (Bataskaana) dhaabuun qabiyyeesaanii jabeessaa turan. Kun hundi bara 1665 -1840 keessa babal’ina godhamaa ture yoo ta’u, qabiyyeen, isaaniis kan babal’ate dhawaata Oromoota achii kaasuufi kan amantaan ofitti makuu danda’an akka achumatti hafuu danda’an hubanna. Bara Mootii Sahila Sillaasee garuu bifa isaa jijjiiree ciminaan ittifufe. Kunis kan ta’uu danda’eef Meeshaan waraanaa gara Faransaay, Arabiyaa, Ingiliiziifi Xaaliyaaniirraa waan baay’iinaan seenuu eegaleef humni isaa cime jedhama.

Mootonni kun ololaafi dhaadannoo biyyaa yeroo duula Ahmad Ibraahiim (Giraany) nurraa Oromoodhaan fudhatame deebisna kaayyoo jedhuun socho’aa akka turan himama. Haaluma kanaan waggaatti yeroo sadii (Sadaasa Amajjiifi Ebla) keessa Oromoorratti duuluun qabeenyasaa saamaafi qe’eesaa balleessaa turan. Waraana yeroo sana godhameen Oromoon Tuulamaa kallattii kanaan baay’ee miidhamaa turan. Akka namoonni baay’een dubbatanitti Oromoon sirna gita bittaafi nafxanyaa jalatti kan kufe waggaa dhibba dura otoo hinta’in gara waggaa 400 ol kan ta’uudha. Kunis waraana gareen mootota bara (1270-1840)fi isa booda godhamaa tureeniidha.

Mormiin Oromootaan godhamu cimaa ta’ullee bifa bittinaa’een waan ta’eef bu’aa gaarii argisiisuu hindandeenye. Inumaayyuu Oromoota Abbichuu, Karrayyuu, Jiillee, Dhummuugaafi Laaloo Midir keessa jiraatan walakkaan garee moototaatti makamuun humna ta’aafii akka dhufan seenaan babal’inaafi qubaatii abbootii hirree kaaba Shawaa hanga bara 1840 jiru kana yoo fakkaatu, Mootii Sahila Sillaaseen garuu bifa adda ta’een gargaarsa meeshaa waraanaa Arabootarraa Bittaan argatuuniifi gorsa Faransaayonni isaaf godhaniin of ijaaree lafa Baasoofi waraana Abbichuufi Nya’aa, Oborii Jiddaafi Muloo, akkasumas Gullalleefi Sooddoo waraana bifa weeraraan raawwachuun humna Oromoo cabse. Haata’u malee kaaba Shawaa keessa qubachuu sodaatee waraana booda garuma muummee ofiitti (Halkoo Barri)tti deebi’ee ture.

Mootonni Shawaa waraana Oromoo wajjin gaggeessaniif kan isaan gargaaru meeshaa waraanaa Gondoriifi biyyoota Arabaarraa bittaan kan walitti qabatan yoo ta’u, akka fakkeenyaatti Ammaahaayyees meeshaa Gondorii argatniin (Qawwee maskeet) jedhamutti gargaaramuun Oromoo hofaa, eeboofi fardaan malee homaa hinqabne irratti olaantummaa akka argatan isaan godhee ture jedha.

Ittifufa

Obbo Alamaayyoo Hayilee: Hayyuu Seenaa yoo ta’an wayita ammaa Giddugala Aadaa Oromootti qorataa seenaafi dursaa garee seenaati.

BARIISAA SANBATAA Hagayya 21 Bara 2014

Recommended For You