Sakatta’a seenaa Oromoo Kutaa 8ffaa

Kutaa 8ffaa

Kufaatii sirna Dargii booda carraa argameen hayyoonni afaaniifi seenaa Oromooratti hojjatan harka kumaatamaan dabalaafi guddachuun Afaan Oromoo afaan mana barumsaa, afaan mana murtii, kan qorannoofi waalta’e gochuu malee Oromoo kallattii mara jiru walitti fiduun akka bifa walfakkaatuun guddatu gochaa jira. Yeroo ammaa afaan Oromoo afoonota deeggarsa siyaasaatiin guddinaan sadarkaa olaanaarra ga’an waliin wal maddii ta’uun guddinni isaa yeroodhaa gara yerootti bal’achaa deemaa jira. Hojii kana keessatti hayyuu beekamaa Afaan Oromoorratti umurii isaanii guutuu hojjachaa jiran kan akka Obbo Abarraa Nafaafi hayyoota Biiroo Aadaafi Tuuriizimii Oromiyaa isaan waliin hojjetan namoota seenaa guddaa raawwataniif maqaa ummata Oromootiin galata isaaniif qabnu ibsina.

Rakkinni Afaan Oromootiin walqabate kunis siyaasa gita bittootaa (Abbaa irree) yeroo sana biyyattii gaggeessaa turan afaan Oromoo gara afaan barruutti jijjiiruurratti danqaraa guddaa ta’uun isaanii ifa ture. Haa ta’u malee waggoota dhibbaa oliif Afaan Oromoo erga ukkaamamee turee booda waggoota muraasa dura akka afaan barruu akka ta’e beekamaadha. Kunis qabsoo bara dheeraaf godhamaa tureen sakaallaa ummatni Oromoo ittiin xaxame kukkutuun yeroo ammaa Afaan Oromoo mana barumsaa sadarkaa tokkoffaatii hanga Yunivarsitiitti afaan barnootaafi qo’annoofi qorannoo ta’eera. Kana malees afaan mana murtii, afaan saayinsii; afaan dursitoonniifi gaggeessitoonni siyaasaa ittiin seera tuman, afaan saayinsii, seeraa, weedduu, walaloofi duudhaan ummata Oromoo ittiin himamuufi barreeffamuufi afaan miidiyaa ta’uun isaa guddinaafi jijjiirama guddaadha.

Dhumaratti hojiin kun seenaa qubsumaafi guddina Afaan Oromoorratti kan xiyeeffate haa ta’u malee, gama biraan Oromoon akkuma qubata duraa ta’e, seenaa bara dheeraa biyyi keenya qabdu keessatti akka iddoo guddaa qabu kan nama hubachiisuudha. Seenaatti aansee sochii guddina Afaan Oromoo keessatti jalqaba qorannoo Oromoorratti eegalame akkamitti akka hacuucamaa ta’eefi rakkina guddina Afaan Oromoorra ture kan ibsuudha. Gama biraatiin immoo hayyoota guddina afaan kanaaf hojii bu’uuraa hojjechaa turan yaadachuufi eenyu akka turaniifi akka yaadataman kan taasiseedha.

Kana malees Itoophiyaa ammayyaa ijaaruu keessatti ummanni Oromoo qooda guddaa akka qabu ifa gochuun baroota seenaan kun hammatu booda kan mul’atu seenaan Oromoo Walloo, Yejjuu, Raayyaa Maccaafi Tuulamaafi Oromoo naannoo Kibbaa, Kaabaafi Baha Itoophiyaa keessa jiran seenaan isaanii yoo qoratame gara fuulduraaf madda odeeffannoo guddaa kan ta’uudha.

Seenaa babal’ina mootota Abisiiniyaafi

Oromoo

Abisiiniyaa kan jedhamu biyyaafi lafa Kaabaa Itoophiyaa Eritiraa dabalatee jiru yoo ta’u, kibbaan immoo kaaba Wallootii hanga laga walqaa ga’utti lafa jiruudha. Barreessitoonni biyya kanaa hedduun booda kan Shawaafi Gojjam haa dabalan malee seenaa ummata gara kibbaa jiraniifi jiddugala Itoophiyaa jiraatan jibbaafi tuffiirratti hundaa’e barreessaa turan. Loogin barreeffama seenaa kunis gidiraa yeroo ammaa raawwachaa jiruuf daandii kan baneedha.

Seenaa biyya kanaa keessatti tokkummaa ummataafi biyya kanaaf gufuu kan ta’e loogii barreeffama seenaa tureefi hojii moototaa biyya gaggeessaa turaniidha. Seenaan barraa’aa tures kaan diina godhee kan abaaru yoo ta’u, kan isaanitti makame immoo leellisuufi faarsuurratti kan xiyyeeffate ture. Kunis dhaloota kanaafi biyya kan gatii guddaa akka kaffalan gochaa jira. Hundeeffamni mootummaa biyya kanaa jaarraa dheeraa kan ture yoo ta’u, ummanni hundi haala jireenyaaf naannoo isaarratti hundaa’uun mootiifi gaggeessaa ofii filachaa ture.

Mootonni Abisiiniyaa gara kaabaa jiran dadhabaa yoo dhufan gareen maqaa kanaan socho’an gara Kibba Shawaa keessatti uumamaa dhufe. Gareen kun bara 1270 keessa mootota ’Yeshewaa Sulxaanet’ jedhamu erga kuffisaniiifi aangoo qabatanii booda araddaa Oromoo Shawaafi Walloorratti babal’achuun of ijaaruu eegalan. Lafa Oromoorratti weerara guddaa kan raawwatan yeroo lama. Inni duraa Kufaatii Mootummaa Daamoot kan Mootii Lammiin gaggeeffamaa tureefi Motummaan Agawuufi Sulxaanonni Ifaat gamtaan Motummaa Oromoo Yeshewaa Sulxaaneet gaggeeffamaa ture booda weerara araddaa Oromoorratti raawwachaa tureedha. Kunis bara 1270 keessa kan mootii Yikunu Amlaakiin eegalamee hanga mootii Libna Dingilitti (1520) kan ture.

Inni lammaffaan immoo wagoota 299 booda bara 1769 Nagasii Kiristoosiin kan eegalameedha. Kan nama dinqisiisu Yikunu Amlaak haati isaa Hawwii Caalaa yoo jedhamtu, Nagaasii Kiristoos immoo gara abbaa isaan Oromoo ta’uu isaati. Hojiin jara kanaa weerara moo babal’ina qabiyyee lafaati jedhama gaaffii jedhu kaasuu danda’a.

Haaluma kanaan weerara jarreen kun gaggeessan inni duraa hanga waraana Ahimad Ibraahimiin mo’atamutti kan ture yoo ta’u, mootichi Libna Dingil duula Imaam Ahimad Ibrahimiin ykn Giranyi Ahimadiin mo’amee naannoo jiddugala biyyaa ykn (Shawaa) gallakkisee erga gara kaabaatti baqatee booda bara 1523 irraa kaasee naannoo Manzi keessatti jaarraa sadii ykn waggoota dhibba sadii caaluuf mootummaan cimaan kiristaanaas ta’e kan Isilaamaa kan bakka bu’e hin turre.

Mootichi baqatee gara Walloo, Gojjaam, Gondoriifi boodas gara Tigraayiifi Ertiraatitti deemuun otoo baqatuu lubbuun isaa akka dabre seenaa keessatti ni beekama. Mootichi kun yeroo jiddugala biyyaa gadidhiisanii baqatan ilmaan isaa keessaa mucaa Yaaqoophi jedhamu tokko akka kunuunsaniif Oromootti adaraa kennatanii akka deeman himama. Boodas namni kun guddatee daa’ima horatee ture. Sanyiin isaas waggoota baay’ee booda sanyiin mootii Libna Dingil akka ta’e ifa of gochuun abbootii biyyaa naannootti of beeksisuu jalqabe. Hortee mootii kanaa keessaa tokko Abeetoo Nagaasii Kiristoos kan jedhamaniidha. Yeroon kunis bara 1769 keessa ture. Abbaan biyyaa kun mootota Shawaa isa jalqabaa ta’uutu dubbatama. Akka barreessitoonni Awurooppaa bara 1840 keessa ifa godhanitti, hundeessaan mootii Shawaa Nagasii Kiristoos hiddi dhaloota isaa Oromoo Karrayyuufi Jiillee Shawaa Kaabaa keessatti argamaaniidha jedhu.

Kanamalees barreessitoonni akka jedhanitti, Nagaasii Kiristoos gara haadha isaanii Amaaraafi sanyii mootii Salamoon akka ta’e himuuf yaalu. Hundeessaan mootii Shawaa kun sabummaadhaan Oromoo akka ta’e kan ifa godhu ragaan biraan ilmi isaa hangaftichi maqaan isaa Akaawaa jedhamee moggaafamuu isaati. Jechaa Akaawa jechuun Afaan Oromoon muka rigaaf muratamuudha (Alaltuu)jechuudha. Biqiltuun kun yeroo hunda kan lalisuufi baala hawachiisaa qabaachuu isaa malee yeroo hunda rigaa ilkaanii ta’ee afaanitti kan qabatamuudha. Abbootiin biyyaa kun yeroo mootonni Gondor aangoorra turan (1545- 1766) hanga Iyyaasuu Adiyam Sagadiitti ofumaan kan of bulchan ta’uu isaa malee Kaaba Shawaafi naannoo keessa qubatan gandaan walqooduun wallolaa turan.

Abootiin biyyaa kun baay’een isaanii Oromoo yoo ta’an, kuunis amantii kiristaanaa fudhachuun maqaan isaanii kan jijjiirameedha. Abbootii biyyaa naannoo Kaaba Shawaa kana keessaa isaan tokko tokko yoo fudhanne:

  1. Meriid Azmaachi Zemikaa’el – Manzii- Anitsokiyaa bulchaa turan
  2. Majeteefi Ifraataa – Walduu kan jedhamaniidha
  3. Gidim – Lataa ammaan tanallee lataa jedhama.
  4. Manizi –Laaloo midir ammas biyya laaloo jedhama.
  5. Manzi – Walakaa – Maammaa madir jedhama.
  6. Doobaa – Getaachoo lafa Oromoo doobbaa jedhama.
  7. Menzii – Geeraa lafa Geeraa jedhama.
  8. Mekkooy –Mahidiinefi Mahidii jedhamu.
  9. Tagulat – Yigabahaaliifi wkf. Wiirtuu motummaa Amdatsiyoon akka ture ni beekama.

Kanarraa ka’uun naannoon amma Manze jedhamu dur araddaa Oromoo akka ture hubachuun ni danda’ama. Irra jireessi ummani naannichaa Oromoo ta’anillee akka yeroo boodarra amantaa kiristaanaa fudhataniifi seeraa Gadaa dhiisaanii sirna abbaa irreen bulan kan mul’atuudha.

Yaata’uutii Seenaa kanarraa akka hubachuun danda’amutti, abbootiin biyyaa Shawaa Kaabaa Naannoo Amaaraa ammaa kun hedduun isaanii Oromoo yoo ta’an, abootiin biyyaa eeramaan kunis yeroo Nagaasiin ture kan jiraatan yoo ta’an, kuunis isaan dura kan turaniidha. Yeroon kunis (1669 A.D.) akka ture dubbatama. Baruma kana Nagaasii Kiristoos Tulluu Manzuumaa jedhamurratti Dibbee (Nagaariita) rukuchiisuun shawaa keessatti aangoo olaanaa akka qaban lallabsiisuun beeksisuu qaban. Manzuumaan Faaruu Waaqaa sheekotaan godhamuudha jedhu.

Yeroodhuma kana morkattoonni isaanii eenyutu eenyuu gadi jira jechuun isaaniis labsii biraa kaasuun waraanatti seenan. Haa ta’uutii Nagaasii Kiristoos mataan isaanii mootummaa Gondoriifi bakka bu’aa isaanii kabajaan gabbaruu hin oolle. Nagaasii Kiristoos duula waggoota kudhanii booda Oromoota Geeraamidiir moo’achuun of jala galche. Waraana Abbootii biyyaa shawaa keessatti gaggeeffamu kana qabbaneessuufi rakkina isaanii araaraan hiikuuf bara 1768 mootichi Iyyaasuu Adiyaamsagad Gondorrirraa gara Shawaa deemuun Nagaasii Kiristoosiifi dursitoota Argobbaa akka walitti hinbuune araara buusun gamtaa akka uummatan godhe.

Mootichi kun garee kiristaanaafi Isilaamaa Ifaatii yaamuun araarsuun Oromoo Walloofi Arxumaaf Jillee akkasumas Abbichuurratti garuu tokkummaan walgargaaruun akka duulan gorsee deeme. Iyyaasuu Adiyaamsagad abbaa mootii Bakkaafaa yoo ta’u, haati manaa isaa Oromoofi intala Gabramasqal Shantamaa kan Oromoo daamootaa nama turteedha.

Ajaja mootichi kenneef fudhachuun Abeetoo Nagaasiifi dursitoonni walaasmaa (Argobbaa) Oromoo Karrayyuufi Jillee Dhummuugaarratti duula yeroo baay’ee godheen gara kibbaafi bahaan hanga Xaarmaa Barriifi Shawaa Roobii ga’utti yeroodhaaf to’annoo ofii jala oolchan. Naagaasii Kiristoos qabiyyee isaa mirkaneessuuf achitti magaala Ayinee jedhamtu hundeesse. Iddoo sanatti qeesota fiduun mana sagadaa Kiristaanaa tokko dhaabe. Lafa Oromoo saamerratti Daboofi Jigiin qochisiisuun nyaata ykn soorata qallaba Raayyaa isaaf ta’u kuufachuu jalqabe. Kunis olaantummaa diinagdee akka argatu isaa godhee ture.

Abbaan biyyaa olaanaan Manzi kun mooticha Gondoriif gabbara geessaa gargaarsa Gondor gaafachuuf yeroo deemu Oromoon qe’ee isaarraa buqqa’ee duula kaasuun lafa isaa kan deebifate yoo ta’u, keessattuu Oromoon Walloo daandii itti cufuun akka biyyatti hindeebine isaan godhe. Haala kanaan maatiirraa addaan citee otoo Gondor jiraatuu akka du’etu himama.

Ittifufa

BARIISAA SANBATAA Hagayya 14 / 2014

Recommended For You