Kutaa 7ffaa
Afaanota qorannoon isaanii eegale keessaa tokko afaaniifi seenaa Oromooti. Hayyoota qorannoo Afaan Oromoo bifa haaraan eegalan keessaa hayyoota Faransaay kan dursu hinjiru. Haaluma kanaan hojii nama dinqisiisu kan hojjate nama ‘Edmen Francois Jomard jedhamu bara 1839 barreessaa jalqaba jaarraa 19ffaa keessa tureefi Oromoo gara Awurooppaatti gurguramanirraa Afaan Oromoo qorachuun mataduree “Notice surles Oromoo de Limou” jedhuun bara 1839 barruu duraa maxxanse.
Waggoota muraasa booda barreessaan biyya Jarman ‘Karl Tuscher’ kan jedhamu Oromoo hedduu gara Awurooppaatti gurguramanirraa akka qorate ibsuun galmee jechoota Afaan Oromoo “The dictionary of Oromoo language” Munich: 1844) jedhu galmee jechootaa barreeffaman keessaa isa duraati.
Kan biraa barreessaan biyyaa Faransaay ‘W.Newmans’ jedhamus Afaan Oromoorratti barruulee “Feviewarticles notes on the Oromo verb and pronunciation: 1847” maxxansanis seenaa jalqaba qorannoo Afaan Oromoo keessatti isaan beekamaniidha.
Jechootaafi haala dubbii (seerluga) Afaan Oromoorratti hojii gaarii kan hojjate tokko ‘France Praetorius’ kan jedhaman yoo ta’an, Oromoo “Grammer Zur Grammatika der Oromo sprache” kan jedhu (Berlin 1893) keessa kan maxxansaniidha.
Walakkeessa jaarraa 19ffaafi jalqaba jaarraa 20ffaa keessa gara qormaata gaggeeffamanitti yoo deebinu Afaan Oromoorratti qofa otoo hinta’in seenaafi amantii Oromoon walqabatee hedduu kan hojjate ‘Antanine d’Abbadie’ fi obboleessa isaa ‘Antoine Mika’e’ namoota beekamoodha, Barruulee ‘D’Abbaadei’ dura qopheesse isaan duraa keessaa “On the Oromo; Great African Nation” jedhu bara 1890 maxxanfame seenaa Sirna Gadaa kan hammateefi hagam Gadaa sirna dimokraatawaa akka ta’e kan ibsuudha. Hojiin isaa inni duraa kun hayyoota biyya Faransay, Jarmanii, Xaaliyaaniifi Ingilizii akka qormataaf isaan kakaase dubbatama.
Seenaa Sirna Gadaa Oromoo Guduruutti aansee ‘Antonie D’Abbaadie’ kan hojjate seenaa Oromoo shanan Gibee (Limmuu Saqqaafi kan mootii Abbaa Bagibooti. Barreeffama teessoo lafaafi ‘Geography’ Oromiyaa lixaa ilaalchisee ‘A.D’Abbadie’ kitaaba ‘Geographie de I’Ethiopie: 1890” maxxansiise keessatti qabiyyee lafa Oromoorrattiifi ogummaa ummanni qabu bal’inaan kan ibseedha. ‘A.D’Abbaadie’ Sirna Gadaa tokkummaa Oromoo eeguu keessatti gahee inni qabu ibsuu bira dabree ummata isaa “Basque” jedhamu kan Splniifi Faransaay keessatti faca’an tokko gochuuf tooftaa Sirna Gadaafi mala dimokraasii Oromoo akka itti gargaaramuu qabu barsiisan ture. “Akkuma torban guduruu tokko ta’e” “Ziz piak bat” (seven are one) jechuun ‘Basquetal’ iddoo torba jiraatan tokko gochuuf yaada qabu ibseera.
Galma yaadannoo ‘Antoine d’Abbadie’ bara 1860-1870tti Faransaay keessatti ijaarame miidhagina Aadaa Oromoo kan gonfateefi Kora Caffee Oromoo kan mul’isuudha. Muuziyeemiin kun ammas akka biyya Faransaay keessa jiru beekamaadha. Kunis jaalala barreessaafi qorataan saayinsii hawwaasaa kun jaalala ummata Oromootiif qabu kan mul’isuudha.
Qorataafi himaltuun nama Xaaliyaanii ‘Antonio Cecei’ jedhamu kitaaba isaa jildii 3ffaa bara 1881 barreesse keessatti “Grammar and vocabulary of Oromo” yeroo baay’ee irra deddeebi’uun kan maxxanfameedha. Kan biraas “Grammaticae dizionario della lingua Oromoninya’ (millano 1892), keessa nama barreesseedha. Baroota kana hayyootaafi himaltoonni Xaaliyaanii baay’inaan kan Afaan Oromoorratti hojjatan yoo ta’u, isaan keessas kan akka, ‘Luigi Robecehi, Bricche E. mata dureewwan ‘vocabularies and grammatical details of Somali, Oromo and Harari’ kan jedhuufi afaanota shaniin kan hiikame ture. Dabalataanis “Bollettion della societa Geograpafia Italiane 1890 volume III, Vocabulary della lingua Oromo’ 1881-1892 irratti guddina afaan Oromoorratti hojjatamaa kan tureedha.
Himaltoota Jarmaniif qorataan ‘Phillip Paaltishke’ jedhamu immoo afaanota Hararii, Oromoofi Sumaalee iddoo tokkotti walitti fiduuf kan qorate yoo ta’u, maddoota afaan kanaa (ethnological) isaanirratti kan xiyyaffate ture. Kitaabni kun ‘Und Anthropologia der Oromo and Harari (Leipzinj 1888)’ keessa kan ifa ta’eedha.
Kana booda dhalataa Itoophiyaa (Oromoo) kan ta’eef lammummaa Siwiidiini kan fudhate Hiikaan (Onosmous) Nesib Afaan Oromoorratti “an Oromo primer, The [Oromo] Spelling book (mankull, 1894)” barreessuun qorannoo gaggeeffamaa tureen seenaa keessatti iddoo guddaa kan qabuudha. Hojii Abbaa Gammachiis kana keessatti gargaaraan isa Asteer Gannoo gahee guddaa akka qabdu beekama. Kanas fuula itti fufu keessatti bal’inaan ta’uu baatus hubachiisuuf yaalla.
Afaanota Itoophiyaa keessatti mul’atan kamiyyuu dura seerluga barreeffamaan Awurooppaa keessatti kan maxxanfame galmee jechoota afaan Oromoo “Jalqaba Barsiisa” jechuun luba Onosmos Nasiibuufi Asteer Gannoon waliin ta’anii hojjatan akka ture beekama. Kunis bara (1886) kan Afaan Oromoon maxxanfameedha. Hayyoonni lamaan kun maatii isaanirraa yeroo adda addaa fudhatamanii yeroo baay’ee irra deddeebi’amee namoota bay’eetti erga gurguramanii booda gara buufata doonii Maswaatti Qonsiila Faransaayii kan ta’e ‘Warner Muzengerti’ yeroo dhumaaf gurguramanii akka walaba ta’aniifi barumsaaf gara (Siwiidiinitti bara 1862) ergamuun boodas amantaa Kiristinnaa fuudhachuun akka Cuuphaman dubbatama.
Namni Onosmoos jiraatti walaba baase kun boodas dubartii Asteer Gannoo jedhamtus akka walaba taatu bituun iddoo Onosmoos ergametti deemtee barumsa ishee akka itti fuftu godhe. Jarreen lamaan achitti walgargaaruun kitaaba jalqaba Barsiisaafi afoola Oromoo jedhu akka waliin barreessan dubbatama. Hojii afoola Oromoo Abbaan Gammachiis barreessan keessatti miiltoon isaanii Asteer Gannoo bu’aa guddaa akka qabdu kan hubatamu yoo ta’u, bilchinni isheen Aadaa Oromoo keessatti qabdu qooda guddaa akka qabaachaa ture kan nama dinqisiisuudha. Kana malees Onosmoos Nasiib kitaaba “Oromo Spelling Book” jedhamu akka galmee jechootaatti kan qopheessan yoo ta’u, kunis kitaaba afoola biyya kanaa isa duraa akka ta’uu danda’u tilmaamama. Abbaa Gammachiis nama kitaaba qulqulluu gara Afaan Oromootti hiikeedha. Jalqabiin afaan Oromoo sadarkaa barreefamaatti guddachuun kun garuu bifa eegalameen itti fufuu hindandeenye.
Barreesitootaafi namoota guddina afaaniifi seenaa Oromoorratti baroota jalqaba jaarraa 20ffaa keessatti hojjatan keessa inni duraa ‘Conti Rossinini’ nama jedhamuudha. Nami kun akkuma namoota isaan duraa qormaata afaaniifi seenaa Oromoofi ummattoota Itoophiyaa hedduu erga qoratee booda bara weerara Xaaliyaanii biyya kana keesssatti iddoo olaanaafi nama siyaasaa kan tureedha. Hojii isaa keessaa tokko “The Falk literature of the [Oromo] of Southern Ethiopia. (Cambridge, mass…1922) yoo ta’u, barreessaan Xaaliyaanii kan biraa ‘Mario-Moreno’ kan jedhamu afaaniifi durdurii qoosaafi afoola Oromoorratti kan waan dansa hojjateedha. (Roma 1935) “An Oromo Grammatica teoretica-Practica della lingua [Oromo] (milaano 1939) kan jedhamu barreesse.
Hojii hayyoota kanaa booda faayidaa qabeessummaan Afaan Oromoo erga hubatamee booda qorattoonniifi hayyoonni Biritaniyaa (Ingliizii) waltajiitti dhufuu jalqabani. Isaan kana keessaa tokko ‘Edwen.C.foot’ kan jedhamuufi saayinsii lafaa (Geography) kan hordofu galmee jechootaa heddua kan maxxansiiseedha. Kana keessaa tokko Oromo-English fi English-Oromo dictionary (Cambridge 1913) keessa kan maxxanfameedha.
Lubni Faransayi beekamaan bara 1922 ‘Andre. Jarosseos’ galmee jechootaafi seerluga Afaan Oromoo “Nations Grammaticales Sur la Lamgue Oromo Dirre Dawaa 1922) kan maxxansiisan yoo ta’u, ammas qorataan Biritaaniyaa kan akka ‘Arnold Weinholt, Hadson fi Croven Howell Wolker’ iddoo tokkotti “Elementary and practical Grammar of Oromo language (London 1922) kan barreessaniifi jara kanatti aansuun immoo hayyuun Faransaay galmee jechoota “Oromo and Amharic, vocabulary, Franchi Oromo, Abyssinia (Dirre Dawaa 1925) kan maxxaffaman isaan guddaadha.
Baroota Xaaliyaaniin Itoophiyaafi Sumaalee akkasumas Eritiraa dhuunfate keessa yeroo kamiyyuu caalaa afaanota kaaba baha Afrikaarratti kitaabonni hedduun yeroo itti barreeffamaniidha. Namoonni kitaabota kunneen barreessanis kan akka ‘Pietro Gerardo Jansen’s fi Andre jarousseaws’ wkf. galmee jechoota Oromoo, Afaan Oromoo fi seerlugarratti kan hojjatan yoo ta’u, kunis (Harar 1939) kan dubbistoota heddu harka ga’eedha. Isaan kana malees ‘Father Marino fi Father Cidiani Father Irenio d’Arenzane’ seerluga Afaan Oromoorratti kan barreessan yoo ta’u, maxxansi isaanii kunis bara (1940 A.A.) keessatti kan raawwate ture.
Guddinniifi dagaaginni Afaan Oromoorratti ture kun baroota 1941-1970 keessa hojiin qo’annoo afaan Oromoorratti godhamu gonkumaa addaan citeera jechuun ni danda’ama. Yeroon kun immoo baroota mootummaan Hayilesillaasee Cimaa tureefi Ameerikaan biyya kana keessatti aangoofi itti gaafatamumma guddaa qabdu ture. Yaa ta’u malee yeroo kana antroopoloogistoonni Jarmanii muraasni kan akka ‘A.E.jensen kitaaba Antropooloojii tokko (Stuttgart 1954) keessatti kan maxxansiisan qofa ture.
Hojii guddaan seenaafi madda Oromoon walqabatee hojjatame qorannaa ‘Eike Haberlandiidhaan bara 1963 keessa maxxanfame ximmadda (Theory) seenaa Oromoofi afaan isaarratti armaan dura ture kan jijjiiruu danda’eedha. Hanga baroota 1974tti hayyoonni biyya alaa afaaniifi seenaa Oromoorratti wanta heddu hojjatanillee hayyoonni biyya keessaa tokko tokko faallaa kanaa deemuun Oromoon akka saba godaantummaan dhufeefi biyya kana humnaafi weraraan qabateetti barreessaa turan. Kanaaf seenaas ta’e afaan isaa qorachuu akka hinfeene hojii ‘Alaqaa, atsmee (E.E.S Addis Ababa University) Alaqaa Taayyee 1914 Tekletsaadiiqi Makuria’ fi jarreen isaan fakkaatan fudhachuun ni danda’ama.
Gama sochii saba Oromoo dhalataa Oromoo yoo ilaalle immoo hammeenyaafi cunqursa isarratti godhamurraa kan ka’e jijjiirama mootummaa fiduurrattiifi qabsoo godhamurratti kan xiyyeeffateedha. Gama biraan fincila akkasumas qabsoo bara dheeraa ummaticha miidhaa ture hambisuu malee, seenaa afaanii barreeffamarratti kan xiyyeeffate hinture. Seenaa ilaalchisee waanti barreeffame hinjiru. Haa ta’u malee hayyoonni booda ka’an kan akka Sheeki Bakrii Saammaloo wareegama guddaa kaffaluun afaaniifi seenaan Oromoo akka guddatuufi afaan barreeffamaa qabaachuufi afaan Oromoo barumsa akka Arfii (qubee) ofii akka qabaatuuf qabsaa’aa turan. Bara Dargii keessas Maqaa “Masarata Timirti” jedhuun afaan Amaaraa bal’isuu malee Afaan Oromoorratti sochiin godhame hinturre.
Ittifufa..
Obbo Alamaayyoo Hayilee: Hayyuu Seenaa yoo ta’an wayita ammaa Giddugala Aadaa Oromootti qorataa seenaafi dursaa garee seenaati.
BARIISAA SANBATAA Hagayya 7 Bara 2014