Kutaa 6ffaa
Bara duula guddaa Ahimad Giraany sana Ajajaan waranaa Dawwaaroo gara mootichaa ture Faanu’eel Tulluu erga mo’amee achii ka’ee booda namni Dawwaaroo Bulchaa ture Oromoticha Daaglaa jedhamuufi namtichi kunis booda ajajjaa waraanaa olaanaa ta’e. Haata’u malee waraana cimaa gaggeeffameen Daglaadiis booji’amuun isaa kan ifa ta’e. Hogganaan kun haati warraa isaas obboleettii Faanu’eel Tulluu akka turtee beekama. Kana malee Oromoon naannoo Tuulama (Shawaa) turan mooticharratti mormii kaasuu yoo eegalan Libna Dingil 1500 – 1533 Abbaa Gadaa isaanii mootichi waan ajjeesaniif mormii kaasuun waan waraana Giraany Mohammad degaraniif mootichi isaanirratti duule.
Duula kanarratti Abbaa Gadaa Kootuufi Abbaa Gada Guchi ajeessuun akkuma dhaadate reeffasaanii allaattii nyaachise. Kunis Oromoofi mooticha jidduutti rakkoo guddaa waan uumeef yeroo sanaa jalqabee Mootichi (Libna Dingil) gargaarsa Oromoo Tuulamafi Maccarraa dhabe. Oromoota Tuulamaa kan xiyya waranaa qabaniifi fardaan lolan isaaf ajajamuu didan. Kana booda humna waraanaa Oromoo dhabuun mootichi garmalee mo’amee, gara kaabatti baqate. Haata’u malee; hoggantoota Oromoo gara kaaba Itoophiyaa jiran kan akka Jaarraa Tulluu, baharraa Nagaash Yisihaaqii Doriifi, Fayyisaa Dabalaa degarsa waraana mootichaaf akka gochaa turan seenaan ni mirkaneessa.
Waraanni gara kaabaa mooticha gargaaraa ture “Bale Gadaa Xoor” ykn Warana Gadaa kan jedhamu yoo ta’u, naannoo Indartaa akka turan seenaa keessatti yeroo baay’ee ifa ta’a ture. Mootii Libna Dingilis gar malee mo’ame otoo asiif achi baqatuu dhumarratti bara 1533 du’an. Erga mootichi du’ee booda Ahimad Giraany wiirtuu ykn teessoo isaa Gondor keessa iddoo Wayinaa Dagaa jedhamu gochuun hanga biyya Siinaar (Nuubiyaa) ga’utti waggoota 15f mo’e. Kana booda waraanni Poorchuugaalootaa qaqabee hanga Giraany Mahammed ykn Ahimad Giraany du’uutti qabsoo hadhaawaan taasifamaa akka ture dubbatama.
Libna Dingiliin booda ilmi isaa Galaawudiyoos umuriisaa gutuu Poorchugaalootaa wajjin ta’uun, Oromoofi Sulxanoota Isilamaa iddoo adda addaafi Haarargee wajjin otoo falmuu akka duularratti du’e beekama. Yeroo kana Oromoon Sirna Gadaasaa haaroomsuun cimsee injifannoo waraana Gadaa Michilleerratti bara 1522 argateen kallattiin waraana biyya kana keessatti adeemsifamuu jijjire. Haaluma kanaan bara 1943 booda humnoonni lamaanuu Oromoon mo’amanii yoo aaddaan bahaan Oromoon Gadaan socho’an biyya ofii dhuunfatanii gadaa isaa cimsuun of ijaaruu qabe.
Warana waggoota dheeraa kana booda irra jireessi Oromoo lafa ofiitti dacha’uun tasgabbiin otoo jiratanii mootummoonni haaraan Gondoritti Galawudiyoos booda ijarame of cimsuun duula walirra hincinne Oromoorratti eegalan. Haaluma kanaan Mootichi Sarasa Dingil immoo Oromoota Gondoriifi naannoo isaa turan walakka ofitti qabuun duula gudda Oromoota kallattii biraarratti gaggeessaa ture. Kana keessaa duula guddaa Bahira Nagaash Doriirratti godhame eeruun ni danda’ama. Waraanni kun Oormoota kaabaa jiramaniifi Oromoota jiddugala biyyaa jiran Jiilleefi Raayyaa ykn Arigiigoo walitti buusuun kan wal ficcisiisaa ture ta’uutu dubbatama. Walitti bu’iinsi yeroo mootummaa Sarsa Dingil mormii guddaa kaasuun biyya kana jeeqaa akka ture dubbatama.
Sarsaa Dinglitti aansee kan mootii ta’e mooticha Sasiniyoos yoo ta’u, innis haati isaa Oromoo Liiban kan taateefi Gondor keessatti kan dhalateedha. Boodas firootasaa kan gara haadhaatti makamuun mootummaa Gondor ykn kan isa morman gargaarsa warana Oromoon mo’ataanii aangoo mootummaa kan gonfate yoo ta’u, gargaarsa Oromoon godheefiin aangoo qabachuu danda’e.
Yeroo kana Oromoon akka Azaachi Xinnoo (Takla Silaasee) ykn Fayyisaa maqaa hayyuu olaanaa (Marii Raas) jedhee moggaaseefii duree Amantii Kaatoolikii akka isa godhe dubbatama. Azaachi Xinnoo (Fayyisaan) yeroo duraafi nama seenaa Oromoo bifa dhugaa ta’een barreesseefi keessattu sabni Oromoo akka amantaa Waaqeffannaa qabu yeroo duraaf kan ifa godheedha. Kana malee akkuma warri Kiristaanotaa gara Iyyererusaleemitti deemaniifi, warri Isilaamaas gara Makka deemuu, Oromoonnis gara Madda Walaabuu Muudaaf akka Qaalluutti (Abbaa Muudaatti) deeman ibsuufi nama yaaleedha.
Ragaaleen armaan olitti eeraman kun baroota Aadaan, afaaniifi seenaan Oromoo kaaba Itoophiyaa keessatti cimaa ture kan ibsu qofa otoo hinta’in, yeroo Oromoon ittigaafatummaa guddaa mootummaa biyya kana keessatti qabachaa turan kan ibsuudha. Kanaaf ragaan armaan olitti eerame kun sabni Oromoo godaantummaan gara Itoophiyaa jaarraa 16fa keessa bara 1522 seene warra jedhaniif seenaan isaanii ragaa dhugaa kan hinqabne oloolaafi soba ta’uusaa kan ifa godhuudha. Jaarraa 17fa kaasee mootummaa Gondor Oromoota Yejjuutiin waan dhuunfatameef carraan bulchiinsi biyya kanaa isaan harkatti akka kufe kan beekamuudha. Yeroo kanaa qabee seenaa biyya kanaa keessatti siyaasni Oromoon biyyatti keessatti qabu bifa ifa ta’een ta’uu baatuus akka haaroomffame beekama. Ijaarsi tokkummaa biyya kanaas tokko jedhe kan eegale yeroo Oromoon siyaasa Gondoritti makameefi aangoo olaanaa biyya kanaa qabate akka ture dubbatama.
Seenaa bal’inafi guddina afaan Oromoo
Afaan Oromoo Afaanoota kaaba-bahaa Afriikaa keessatti dubbataman keessaa kamiyyuu caalaa bal’inaan kan dubbatamuufi Afaan Saba durii kan ta’eedha. Afaan kun afaanoota Afriika keessaa Afaan Arabaafi Afriika keessa Siwaahiiliin yoo isaan morkate malee bal’inaan dubbatamuun kan isaan walqixxee ta’e hinturre. Afaan Amaraa, yeroo booda guddatee wiirtuwwan daldalaafi siyaasa naannichaa tokko tokkotti kan faca’e ta’uusaa malee ammayyuu irra jireessi ummata biyya kanaafi ollaa Oromoo ta’an afaan Oromoo akka afaan walqunnamtiitti daldalaafi siyaasaatti kan fudhachaa turan.
Afaan Amaraa (seemota) Afaan Oromo keessaa jechoota heddu kan ofiitti moggaasuun kan itti fayyadaman yoo ta’u, qabeentaan afaan Amaara 20%-30% Afaan Oromoo akka ta’e qorattoonniifi hayyooni ximmadda hawwaasaa (social anthropology) ni ibsu. Akka fakkeenyaatti, yoo fudhanne jechoota Oromoo ta’anii gara afaan Amaraatti kan dhuunfatamani (jagnaa, Godaana, Fuulo, Ashaboo, Mucaa, Gaammee, Addababaayii, Dubartii, Arbanyaa, Cooma, Collee … wkf.) ibsuu ni danda’ama. Gama weedduufi Afoola durdurii heddu eeruu yoo danda’amu weedduwwan akka “Korma Gaafa Lolaa!” “Kuullee Magaalleewwaa” “Magaalloo Magaalloo” Neeyi Birra! soraa soraa! wkf. ibsuu ni danda’ama.
Gama guddina Afaan kanaa ilaalchisee rakkoon Aadaafi Siyaasa amantawwan addunyaa lamaanii (Kristaanaafi Islaamaan) kan walqabatee waan baay’ee jechuun kan danda’amu ta’us inni duraa garuu Afaan Oromoo qubee ofii waan qabachaa hintureef, carra guddina dhabuun hacuucamaa ture. Kanaaf Carraa seenaafi Afaan isaa guddisuurratti hubaatii guddaan uumamuu danda’eera. Kana malee Afaan kun Afaan baadiyyaafi Afaan namoota baratanii ta’uu dhiisu isaa rakkoo guddina isarratti uumeefi danqaa kan tureedha. Haata’u malee seenaa barreeffamaafi guddina afoola afaanoota Itoophiyaa keessatti carraa barreefamaan mul’achuu afaan Oromoo seena bara dheeraa qaba.
Kanaan walqabatee Seenaafi maqaan Oromoo jedhu kun barreessitoota warra Awurooppaa biratti dursee kan beekamu eegale nama ‘Fra Mauro’ jedhamuun yoo ta’u, namni kunis Moloksoota Itoophiyaadhaa gara Xaaliyaanii (Floorance) walga’ii amantaaf deemanirraa akka ta’e eeree ture. Kunis bara 1441 keessa yoo ta’u, barreessan kun Oromootaafi daangaa isaanii akka lagaafi Tulluu akkasumaas Bosona ture kan ibsu yoo ta’u, walitti bu’iinsa Oromoofi saboota gara kaaba ykn. isaan jidduu ture kan ifa godhuudha. Akka barreesitoonni (zurla 1806, Krapf, 1840) jedhanitti, maqaan Oromoo jedhu laga ykn malkaa Galaan jedhurraa kan madde akka ture himuuf yaalu. Haata’u malee malkaan kun eessatti akka argamu ibsuufi yaaliin isaan godhan baay’ee yaraadha.
Seenaa Oromootiin walqabatee kan jiru barreeffama mana sagadaa Kristaanaafi seenaa mootota yoo ta’u, innis walittidhufeenyaafi waldiddaa saba Oromoofi mootota jidduu ture ifa godha. Barreeffamoonni kunneen baay’een isaanii manoota amantaa keessatti kan itti cufameefi kan ifa hintaane ta’uusaa malee afaan Gi’iiziitiin barreeffamuun isaa dubbisuurratti rakkoo uumaa kan tureedha.
Akkuma beekamu seenaa Oromoo qofa otoo hinta’in kan Itoophiyaa maraa waggoota hedduuf walitti bu’iinsa amantaa Kiristaanaafi Isilaamaarraa kan ka’e waggoota dheeraaf akka dhokataa ture ni beekama. Kunis biyyattiin akka addunyaa irraafattuufi ofiis irraanfatamtu taatee akka turetu dubbatamaa. Isaan dura garuu walitti dhufeenyi siyaasaafi daldalaa gaariin akka ture beekama.
Haa ta’u malee jalqabaa jaarraa 15ffaa keessa imaltoonni poorchugaal gara biyyattii seenu waan eegalaniif biyyattii addunyaatti beeksisuu qofa otoo hinta’in jalqaba walitti bu’iinsa haaraafi babal’ina kallattii waraanaaf kan daandii baneedha. Babal’inni waraanaafi falmii biyya qabiyyee Oromoorratti godhamaa ture. Duulawwan qixifachiisaafi dhumiinsa yeroo dheeraa booda gareen lamaanuu ummata Oromoo iddoo lamatti qooduun waan milkaa’aniif injifannoon isaanii garuu eenyuufuu otoo hinta’iin walfixiinsa qofa ta’ee hafeera.
Meeshaan waraana Awuroopaa erga biyya kana seenee booda gareen Kiristaanaa waan cimaa dhufeef Oromoota akka aadaa isaaniitti jiraataniifi warra musiliima yeroof mo’achuun mirgi namuummaafi amantaa isaanii dhiitamaa tureera. Isaan duras warreen Musliimaas gargaarsa Turkiifi Arabootarra argataniifi waraana kaasuun ummata Oromoo isaanitti hinmakamne saamuu, booji’uufi gara biyya alaatti geessanii gurguruun seenaa sukkaneessaa irratti raawwataa akka turan beekama. Bifa kanaan biyyi keenya kun baroota jiddugalaa keessa, kan walabummaan keessa taa’an otoo hintaane lafa mirgi ummataa itti dhiitamaa tureefi sirnicharraa faayidaa kan argatan malee “Mana hidhaa’ ummataa akka turte tilmaamuun nama hirrakkisu.
9. Qabso seenaafi guddina barreefama Afaan Oromorratti gudhamaa ture
Qorannoo seenaafi afaan ummatoota Itoophiyaa keessatti argaman keessaa kan dursee qorachuu kan eegale afaan Gi’iiziin akka ture beekamadha. Kunis amantaan walqabatee wiirtuwwan amantaa akka Iyyerusaalem, Roomaafi Alaksanderiyaa keessatti qofa akka tureefi boodas gara biyyoota lixa Awuroopaatti mul’achaa akka dhufuutu dubbatama .
Haa ta’u malee babal’ina sirna Kaapitaalizimiin walqabatee sochiin biyyaa haaraafi ummatoota Afriika qooddachuu yoo eegalu, imaltoonniifi daldaltoonni Arabaa akkasumas luboonni amantaa babal’isan biyya kana seenuu yeroo eegalan afaan Gi’iizii malee afaanoota saboota Itoophiyaa biroo qorachuu tokko jedhanii akka eegaltu dubbatama.
Ittifufa
Obbo Alamaayyoo Hayilee: Hayyuu Seenaa yoo ta’an wayita ammaa Giddugala Aadaa Oromootti qorataa seenaafi dursaa garee seenaati.
BARIISAA SANBATAA Adoolessa 30 Bara 2014