Sakatta’a seenaa Oromoo

Kutaa 5ffaa

6. Moototaafi aanga’oota Oromoo bara jiddugalaa

Yeroo baa’yee seenaa mootota Itoophiyaa yoo ka’u, kutaalee kaaba Itoophiyaa keessaa ka’uun namoota biyya bulchaa turan qofarratti akka xiyyeefatamaa ture ni beekama. Kunis mootota amantaa Kiristaanaa keessaa ba’aniifi sanyii dhaloota isaaniis afoola mooticha Solomoon isa Yihudotarraa dhalachuun sanyii isaanii dhahataniin walqabsiisu. Itoophiyaa keessa sulxaannoonni heddu akka turan seenaan ifa godha. Mootonni kunis Ifaat, Dawwaro, sherkaa, Harar, Darraa, Awusaafi Haragaay akka turan seenaa keessatti himamaa ture.

Hubannoo kana erga argannee yeroo biraa hanga itti deebinutti kana asirrati dhiisnee, kanatti aansuun mootota Itoophiyaa bebbeekamoofi Namoota seenaa keessatti cimaa ta’aniifi aanga’oota keessaa dhaloota isaaniin Oromoofi Oromootti maxxanuun kan aangoo biyyattii qabataniifi hanga dhuma jaarraa 17ffa keessatti mootummaa Kiristaanaa wajjin tokko ta’uun hojjatan ykn jiraatan tokko tokko fudhannee haa ilaalluu.

Inni duraa Mootii Yikunu Amlaak yoo ta’an, mootichi kun akkuma ifa ta’e, Haatisaa Intala Azaachi Caalaa kan taate Giiftii Hawwii Caalaati. Innis aangoo kan qabate bara 1270 keessa yoo ta’u, aangoo mootummaa qabachuu kan danda’e Oromoota Booranaa (Walloo) Salaalee, Mogor (Meettaa) Aada’aa torban Walloofi maatii isaa wajjin waraana akka turee dubbatama. Akaakayyuu, isaa Azaachi Caalaan nama beekamaafi Abbaa waraanaa ta’uun isaas kan isa gargaare yoo ta’u, Yikunu Amlaak gara haadhaan akka Oromoo Booranaa (Walloo) tureefi mootummaa dhuunfachuu akka danda’e dubbatama.

Kana malees gargaarsa Luba beekamaa yeroo sanaa (Abbaa Takleen) muudamee gara aangootti akka dhufeefi Gargaarsa Abbaa Takleen isaaf godhanis lafaafi qabeenya biyyattii keessaa siisoo (1/3) akka mana sagadaaf kennamu waadaa galuun ture. Kunis hanga bara 1966 itti seera biyya kanaa keessatti hojiirra ooluun manni sagadaa ‘Ortodooksii’ qabeenya guddaa biyyattii moototaa wajjin qoodhachaa ykn qabeenya biyyaafi ummataa qoodachaafi gabbarsiisaa turte.

Gama biraan seenaa kanaan dura jaarraa 10ffaa keessa ture babal’ina amantichaa mormuun Oromoonni tokko tokko Abba Libaanoosiif; nama Horaa jedhamuun kan walqabatuudha. Abba Libaanoos kan jedhamu Molokseen Kiristaanaa baroota 890 keessa Gara lafa Amma Dabra Libaanos jedhamuu dhufee yoo amantaa barsiisaafi babal’isaa turan, Abbaa Biyyaa kan ture Horaan akka barattoota isaa ajjeeseefi isaaniis achii ari’e ykn kaase seenaa isaanii keessatti ifa ta’ee ture. Maqaan Horaa jedhu kunis Oromoonni akka naannoo sana turan ifa kan godhuufi beekamuudha. Haa ta’u malee walitti bu’iinsi kun maaliif akka ta’e ifaa miti.

Seenaa Abbaa Taklaayimaanootiifi Oromoo

Molokseen kun otoo hindhalatin dura Duula mootii Lammiin inni Daamoot bulchaa ture raawwateen kan walqabate yoo ta’u, haati isaa booji’amtee akka namni kun ishee fuudhe seenaa dhaloota Abbaa Taklee keessatti kan beekamuudha. Booda gara biyyaatti deebitee Abbaa Taklee akka deesse kan dubbatamu yoo ta’u, Abbaa Takleen kan dhalatan bara 1198 akka ta’eefi kan du’an immoo bara 1297dha. Namni kun otoo hindhalatin dura mootiin Lammii kan jedhamu naannoo Daamooti (Gojjam, Shawaa Kaaba Walloofi Shawaa Lixaa, Wallagga Bahaa) walitti qabuun akka mootiitti bulchaa ture.

Kunis ragaa ummanni Oromoon durumaa kaasee biyya kana keessatti jiraataa ta’uu isaa malee iddoo baay’eetti goodanee mootummaa Sirna Gadaa, mootummaa Abbaa Angoo tokkofi Sulxaanotaan bulaa akka turan kan agariisuudha. Daamoot iddoo bay’eetti ‘Daa’imat’ jechuun seenaa keessatti kan beekamuudha. Kana malees kuun Sirna Gadaafi sadarkaa siyaasaa olaanaarra gahee, kuun immoo mootummaan bulaa (Monarchy irra) akka ture kan mul’isuudha. Kanaan walqabatee Abbaa Takleen guddatee luba olaanaa yoo ta’u, gara mootii Lammii deemuun akka Abbeeraa isaa mootichaafi ummata isaa amanticha akka fudhatan barsiisanii cuuphaa taasisaniif dubbatama.

Kan biraa Mootii inni seenaa Oromootiin walqabatee ture Amda Tsiyoon yoo jedhamu, mootichi kun kan aangoorra turan bara 1314-44 yoo ta’u, dhalootaan naannoo Walloo Kibbaa ta’ee akaakayyuu mootii Yikunu Amlak nama tureedha. Namni kun akkuma akaakayyuu isaa haati warraa isaa intala Oromoo kan taateefi maqaan ishee Jaan Mogosaa “Daadhii” nama jedhamtuudha. Amda Tsiyoon nama Muslimotaafi Oromoota naannoo Walloo, Dawwaroo, Raayyaafi Ifaatiirratti duula guddaa gaggeessee dhumiinsaafi saamicha guddaa irratti raawwateedha. Mootiin kun yeroosaatti nama kitaabota heddu barreessisiiseefi raabsaa ture yoo ta’u, kanaaniis mana sagadaa Kiristaanaan akka barreeffama mormuun walitti bu’e dubbatama.

Mooticha Amda Tsiyoon booda kan ka’an immoo mootii beekamaan Zarayiiqoob 1434-1468 keessa kan jiratan yoo ta’u, innis nageenyaan ummata bulchaafi saboota biraa wajjin bulchuufi firoomina Oromoo wajjin uumuuf jecha Intala Oromoo kan taate, kan warra Garaad Mohammad Maknoon nama jedhamtu Zaan Zeelay jedhee moggaasuun fuudhe. Kunis gaa’ela siyaasaa akka ture kan ifa godhuudha. Maqaan mootummaa ishee Zan Zeelaa jedhamu isaa hanga lafa, ykn biyya Zeelaa ga’utti akka bulchan hawwii qaban ibsuuf fakkaata. Mootichi kun wanti biraa kan inni ittiin yadatamu tokkoffaan fuulaafi qaama namootarratti masqalee akka taatoo itti hojjachiisuufi humnaan akka kiristaana ta’an gochuu yoo t’u, lammaffaan immoo beekumsa qabuun kitaaba heddu akka barreessaa turan dubbatama.

Mootichi ittaansuun (1468-1478) turemmoo mootii Ba’iida Maariyaam kan jedhamuudha. Mootiin kun seenaan walitti dhufeenya Oromoo wajjin inni qabu iddoo guddaa kan qabu yoo ta’u, haati isaa Oromoo yoo taatu, haati warraa isaas Intala Garaad Mohammad Bantii: Illeenii Mogosaa kan jedhamtuudha. Mootichi kun nama baroota 1470 keessa biyya Itoophiyaa xinnittii ykn Abisiiniyaa moo’aa turaniidha. Mootiin kun gar tokkoon Oromoo akka ta’eef saba Oromoo wajjin jiraachuuf hariiroo gaarii akka qabu mul’isa. Haata’u malee rakkoo abbaan mootichaa duraan uumaniin yeroo tasgabbiin itti hin mul’anneedha.

Itti aansuudhaan kan Oromoorraa dhalatee mootichi bara jiddu galaa ilmi Ba’iida Maariyaam Naa’ood yoo ta’u, innis kan fuudhe intala Tulluu Baddeessaa Illeenii 2ffaa yoo taatuu, maqaan ishee kan Oromoo yeroof hinbeekamne barri isaa 1490 keessa akka ture beekama. Dubartoonni kun iddoon dhaloota isaanii naannoo kibba Walloo qabee hanga lafa Malkaa Hawwaas ga’u keessa (Dawwaaroo) keessa akka ta’e himama.

Mootiin Naa’ood erga du’ee booda ilmisaa Libna Dingil bara 1500 aangoo qabate. Innis akkuma Abbaa isaa intala Oromoo Lelee Jaarraa nama jedhamtu fuudhe. Isheenis mooticha kanaaf ilma Fiiqii Xoor jedhamu deesse. Abbaan ishee nama beekamaafi masaraa moototaa keessatti ajajaa waraanaa olaanaa kan tureedha. Yeroodhuma kana mootiin Libina Dingil warra Awurooppaa (Poorchuugaalota) wajjin akka michooman waan dhaga’ameef walmorkii deeggartoota garee Islamaafi Kiristaanaa jidduu ture masaraa mootichaa keessatti jabeessuun eegalame.

Haaluma kanaan gargaarsi biyya Turkiifi Arabaa waan dursee qaqqabeef humni waraana Musliimaa jabachuun sochii guddaan eegalame; yeroo waraana kanaa mootichis Oromoota duraan isa deeggaraniin waan walitti bu’eef maatiin isaa walakkaa waraanaan booji’amee ofii isaatiif baqate. Kana booda waraana Musliimotaan mo’amee gara kaabatti Bahira Nagaash Dooriitti baqachuun gale.

Yeroo kana soddaan mooticha Bahira Nagaash Doorii Tulluun mootii naannoo Argiigoo bulchaa nama ture ta’uutu beekama. Biyyi kun Tigray kaabaa dabalatee hanga Galaana diimaa ga’utti kan hammate yoo ta’u, Bahira Nagaash Doorii akka naannoo kana bulchaa turan seenaa bara 1470-1530 keessatti ni beekama. Eessumni nama kanaas Tulluu Baddeessaa ajajaa waraana gara bahaa (Dawwaaroo) akka ture beekama.

Gama biraan Abbaan Duulaa Faanu’eel Tulluu namni jedhamu Oromoo yeroo san gara mootichaa ta’anii waraanni Musliimotaa akka gara kaabatti hinfullaane naannoo Dawwaaroo (Itu) ta’uun kan ittisaa ture akka ta’e seenaa keessatti ni beekama; yeroodhuma kana Waraana Sulxaanotaa keessaa cimaafi dursaa kan ture Ahimad Girranyi Abbootii waraanaa Kiristaanotaafi mootii Libina Dingil moo’achuun biyya dur Itoophiyaa jedhamuufi kan ammaa tanas dabalatee walitti qabuun bulchuuf kan ka’e ta’uu ibsee duula cimaa gaggeessuu eegale.

Giraany Harargee kaasee hanga Sudaan Kaabaa ykn Nuubiyaafi Sumaaliyaa walitti qabee waggoota 15f kan moo’aa ture ta’uu isaa malee namni kun waggoota dheeraa dura saboota heddu dur kaabaafi baha Afrikaa kan ummata tokko ture walitti fiduun siyaasa tokko jalatti akka bulan nama godheedha.

Kanaaf Somaalonnis ta’e Itoophiyaanonni hedduu akka mootii isaaniitti ilaalaa akka turan dubbatama. Ahimad Giraanyi haatii warraa isaa Oromtittii Baatii Dili Wambaraa akka jedhamtu beekama. Kana malees humnoota Oromoos akka Raayyaa waraanaatti itti gargaaramaa akka ture himama. Kunis Sulxaanichi mataan isaa Oromoodhaan walitti dhufeenya guddaa akka qabu kan ibsu yoo ta’u, kana malees Raayyan waraana isaa Oromoota akka turaniidha. (Mahammad Hassan 1990, Manguddoota Dabralibaanoos, 1989, Marii Ras 1984).

Ittifufa…

Obbo Alamaayyoo Hayilee: Hayyuu Seenaa yoo ta’an wayita ammaa Giddugala Aadaa Oromootti qorataa seenaafi dursaa garee seenaati.

BARIISAA SANBATAA Adoolessa 23 Bara 2014

Recommended For You