Sakatta’a seenaa Oromoo

Kutaa 4ffaa

A. Oromoofi Mootumma Aksum

Oromoon qaama saba Kush akka ta’eefi qoodama ummata Kush waggoota kuma (8000-7000) dura godhamaa tureen eenyummaa isaan akka kophaatti bahuu qabe tilmaama. Yeroo sanaa eegalee Oromoon eenyummaa isaa eeguun kan ture saba Afrikaa Kabaa Bahaa keessaa isa tokkoodha. Kanarraa ka’uun qaroomina naannoo kanatti mul’atan keessattis akka qooda guddaa qabu hubachuun ni danda’ama. Seenaan hanga yeroo kanaatti ifa hinta’in, keessatti dhaloota Kiristoos dura bara 5179 ykn (5500-5174 = 321) mootichi Aksumirratti aangoorra ture maqaan (Angoon) mootummaa isaa kan Oromoo ture. Fakkeenyaaf mootoo bara eerame kana keessa ture. Atsee Fantaallee akka ta’eefi innis duunaan ilmisaa Atsee

Cilaaloon akka mootii ta’uun biyya bulchaa ture seenaa keessatti ni mul’ata. Kun Oromoon durii kaasee mootummoota biyyattii keessatti akka qooda guddaa qabu mul’isa. Itti fufeenyaan kan mul’atan baroota eeraman kana keessa bulchitoota naannoo keessaa akka (Mariraas 1984, 71) ibsutti, lafa kaaba lixaa Itoophiyaa kan bulchaa turan Mootii Morkaa Kittaniifi Saglan Magaal, Maqaa isaaniirraa ka’uun Oromoo akka ta’an shakkii hinqabu. Kunis jireenya Oromoo biyya kana keessatti qubataa duraafi saba hundeen isa biyya kana keessa ture ta’uu isaa kan ifa godhuudha.

Seenaa ardoota siyaasaa, daldalaafi amantaa dur durii kan akka naannoo Malkaa Abbayyaa kan akka suuba, saaba, Nappaataa, Merewweefi boodas Aksum Magaalota Saboota Kushiin baroota adda addaa keessa, duraa duubaan hundeeffamaniidha. Jijjiramaafi kufaatii wiirtuuwwan daldalaafi siyaasaa kanaaf dhimmi guddaan duula guddaa yeroodhaa gara yerootti godhamaa tureefi ummattoota naannoo Arabiyaafi galaana Meediteraaniyaanirraa buqqa’uun gara naannichaatti godaananiin akka ture ragaan ni ibsa. Kana malees olaantummaa siyaasaafi daldalaa argachuuf walitti bu’iinsa jidduu isaanii tureen kufaatiifi jijjiiramni yeroo boodaa kun dhimma akka ta’e dubbatama.

Duulli guddaan Peershiyaa, Giriikotaafi Faarsii jidduutti gaggeeffame, humna namaafi Arboota (Elephant) waraanaaf ta’an barbaacha gara Itoophiyaafi Hindiitti akka socho’aniifi ummattoota kaaba baha Afrikaas akka loltuutti itti fayyadamuuf gabroomsaafi akka jeeqaa turan seenaan ni dubbata. Kana malees yeroo duulli Maqeedooniyaafi Faarsii (Baabiloon) wajjin godhamaa ture Saboonni naannoo Mediteraaniyaan jiran heddu biyyarraa buqqa’anii akka gara Itoophiyaa seenaniifi mootichi Aksum Afalaasiis simannaa gaarii akka isaaniif godhe himama.

Kunis gurri mootichaafi haalli qubattoota kana itti simate hanga biyya jiddugala bahaatti beekumsa akka argatu isa godhe. Sochiin kunis Aadaa ummata naannichaarrati keessattuu Kuushotarratti dhiibbaa guddaa akka gochaa tureefi wiirtuuwwan daldalaa isaanii diigamuu qofa otoo hinta’in, irraa buqqa’uun wiirtuun haaraan gara kibbaatti akka hundaa’u gochaa ture. Dhaloota Kiristoos booda baroota 400–900tti yoo dhufnu immoo, yeroo seenaa guddinaafi kuufaatii mootummaa Aksuum kan itti mul’ate ture.

Kana booda mootummaan Lasta (Agawoota) waan hundeeffameef Aadaan saboota Kush dhorkamee ture yeroo itti dagaaguu eegaleedha jedhu. Yeroo kana Oromoonnis qaama mootummaa isa kan Daamootaa (Oromoo)fi Agawootaa ta’uun nageenyaan akka wajjin jiraachaa ture dubbatama. (Tirming ham 1954, M.Ras. Belay 1984, Alamaayyoo Hayilee 2007). Daamoot kan jedhamu kana barreessitoonni hedduun “Daa’imat” jechuun barreessu. Yaa ta’u malee Daamoot jecha Oromoofi Maqaa Gosa Oromoo Gojjamiifi Wallaggaa akkasumas Shawaa kaabaafi Lixaa keessa jiraataniidha.

4. Saba Oromoofi babal’ina amantaa baha jiddugalaa

Dhaloota Kiristoos booda bifa adda ta’een sochiin ummataafi buqqa’iinsi naannoo galaana Mediiteraniyaanirraa waan jabaachaa dhufeef, namoota duraan baha jiddu galaarraa gara kaaba bahaa Afrikaatti seenan malee ammas gara biyyoota naannoo Mediteraniiyaanirraayis gara Itoophiyaatti seenuu eegalan. Namoonni kunis biyyoota yeroo ammaa, Turkii, Itaaliyaa, Sooriyaa, Misira, Griiki, Qophiroos, Palistiiniyaa, Arabiyaa, Yemeenfi Isrsa’elirra yoo ta’an, dhimmi sochiifi buqqa’iinsi kanaas hubannoofi barumsa amantaa Kiristaanaafi Islaamaa jidduutti garee uumamerraa kan ka’eedha.

Hayyoonni amanticha sababeeffachuun buqqa’aniifi isaan duukaa gara Marawwee, Itoophiyaa, Punti, Daahilaak, Misiraa wkf. dhufan kun yeroodhsa gara yerootti baay’achaa deemuun aadaafi amantaan naannichaa akka jijjiiramu taasisan. Kunis naannoo kanatti jijjiirama guddaa akka taphachaa turan ifa godha. Kana keessa seenaa mana sagadaa Kiristiyaanaa Itoophiyaa keessatti namoota sagalii qulqulluuwwan jedhamanii fudhachuu ni dandeenya. Isaaniis:

1ffaa Abbaa Zamiikaalee (Abuna Aregaawii) Roomirraa, 2ffaa Phenxeleewoos, 3ffaa Yisichaa (Roomirraa), 4ffaa Abbaa Liiqaanoos (Qosxinxiiniyaa), 5ffaa Abbaa Yimta (Qeesariyaa Ixaaliyaa), 6ffaa Abbaa Ihimiyaa (Atsookkiyaa Ixaaliya), 7ffaa Abbaa Kaliiqiyaa (Griiki), 8ffaa Ofdeeyaa (Isiyaa, Turkiifi Ixaaliyaa), 8ffaa Abbaa Afisee – Isiyaarraa, 9ffaa Abbaa Aleef (Qeesaariyaarraa) akka dhufan beekama. (M. Ras- Balaay 1985:143).

Jarreen kun jalqaba mootota yeroo sana Aksumirra turaniifi amanticha cimsuun waan lallabaniifi warreen Kiristaanaa isaaniin dura biyya kana keessa turan jabeessuufi qindeessuurratti gahee guddaa taphatan seenaa mana sagadaa Ortodoksii Kiristaanaa Itoophiyaa keessatti iddoo guddaa warra qabaniidha.

Gama biraatiin babal’iinsa amantaa kanaa keessatti warri mootota namoota amanticha hinfudhanneefi isaan morman balleessuufi iddoo jiranirraa buqqisuun walitti bu’iinsi haaraan naannicharratti akka uumamu gochaa kan turan ta’uu isaa nama hubachiisa.

Gama seenaa Oromoon walqabatee kan jiru baroota 480 A.D keessa faarfannaa isaatiin kan beekame Yaareed Qulqullichi barumsa isaa Aksum keessatti eegalee kan ture dhiisuun eessuma isaa jalaa yoo baqatu (Aksumirraa) gara biyya Mandabaayi (Oromootti) baqate jedha. Kana booda garuu raajii isatti mul’ateen gara eessuma isaatti deebi’ee dhiifama isa gafatee barumsa isaa itti fufuunifi boodas baratee nama beekamaa akka ta’e dubbatamaa. Kunis bara eerame kana keessa Gara Lafa Oromoon jirutti jedhee seenaa keessatti ibsamuun isaa naannoo Aksum akka Sabni kun yeroo sanas ture ragaa guddaa akka ta’e ifa godha. Itti dabaluunis namoota dhimma adda addaan rakkataniif Oromoon dawoo guddaa akka ta’e kan ifa godhuudha.

Gama biraatiin baroota 623 A.D. keessa Amantaan Islaamaa Arabiyaa keessatti yoo dhalatu, walitti bu’iinsa ka’een namoonni hedduun gara kaabaafi baha Itoophiyaatti kan baqatan yoo ta’u, kana keessa Intala Mahaammad Raagichaa (Nabiyyichaa) dabalatee gara biyya kanaa akka seenan beekama. Yeroodhuma kana mootichi Itoophiyaa bulchaa ture mootii (Atsee) Al Nagaashii akka ture kan beekamu yoo ta’u, namni kun baqattoota kana yoo simatu jecha Oromoo “Ashamaa! Ashamaa! Ashamaa!” jedhu akka ittii gargaarame ragaan barreeffamaa ni ibsa. Kunis Oromoon kaaba Itoophiyaa naannoo Aksum akka tureefi jiraachuu isaa malees ummata sadarkaa hoggansa mootummarra jiru ta’uu isaa kan mul’isuudha. Gama biraan immoo Ashamaa! Ashamaa! jechi jedhu afaan Oromoo yeroo sanatti afaan ummataafi dippiloomaasii naannichaa ta’uu isaa kan ifa godhu yoo ta’u, seenaa kanarraa waa heddu hubachuun ni danda’ama. Trimingham (1952). B.A.T.O. Seenaa Oromoo hanga jaarraa 16ffaa (1998).

Kana malee Maqaadhumti mootii kanaa Nagaashii otoo hin ta’iin “Nagaasee” akka ta’e barreeffama afaan Arabaa irraa akka hubatan manguddoonniifi sheekonni Sambatee ni dubbatu, (Hajii Hassan Basalee Manguddoota Walloo kibbaa Sambatee 1989). Yaadni kunis qo’annoofi qorannoof banaadha jenna.

Walitti bu’iinsaafi mormii amantoota, Yihuudiin, Kiristaanaafi, Islaama, malee akkasumas amantoota durii (Waaqeeffataa) jidduutti tureen mootummaan Aksum dadhabee yoo kufu, irra jireessi ummata naannoo kanaa hordoftoota Amantaa Yihuudota mootummaa Zaaguweetiin deeggaramuun waltajjiitti dhufe. Yeroo kana tasgabbiin amansiisaan yeroodhaaf mul’atullee itti fufiinsaan yeroo dheeraaf turuu hindandeenye. Mootonni ‘Agawus’ booda kan isaanii dhiisanii Amanticha Kiristaanaa waan fudhataniif mormiin aangoof godhamu akka haaraatti itti fufe. Bara 919 A.D. mootichi Marhaa Taklaayimaanot yoo aangoo qabatu ummattoota muuda ykn harkafuucha isaaf fidan keessaa kan akka Mandabaayi (Oromoo) Azaloo, Raayyaafi Saboota Tigraay, Gaafaat, akkasumas Oromoota Daamoot, wkf. isaan beekamoodha.

Ragaan kunis Oromoon jireenyaafi hirmaannaasaa mootummaa Itoophiyaa keessatti iddoo guddaa akka qabachaa ture kan ifa godhuudha. Mootummaan warra Zaaguwee bara 919 A.D. irraa kaasee hanga bara 1270 ykn waggoota 361 ta’uuf mootummaa Itoophiyaa kaaba erga hogganaa turee booda namni gara haadha isaatiin Oromoo ta’e ykn ilma Hawwii Caalaa, Yikunuu Amlaak mootii moototaa ta’e. Kunis aangoo gara Kushoota irraa gara sanyii mootii Salamoon ykn Seemootaatti yeroo ce’umsi itti godhameedha kan jedhamuudha. Seenaa Oromoofi mootota jidduu ture kanas fuula itti fufu keessatti yaa ilaalluu.

5. Mootota Abisiiniyaafi hidhannoo Oromoo Waliin qaban

Mootota bara jiddu galaa keessatti aangoo olaanaa qaban keessaa tokko mooticha Yikunuu Amlaakii. Kunis bara 1270 A.D. irraa kaasee akka ta’eefi seenaan Oromoofi walitti dhufeenya mootota Itoophiyaa maal akka fakkaatu hubachuun nu dandeessisa. Mootummaan Zaaguwee sanyii mootii Salamoon Angoorraa fonqolchee kan hundeesseefi boodas mootii Yikunuu Amlaak gara dhaloota haadha isaan Oromoo ta’uu isaa ragaan ni ibsa.

Seenaan akka ibsutti, haati Yikunuu Amlaak Oromoo yoo taatu, gara Abbaa isaatiin Sanyii Salamoon haa jedhamu malee namni kun Oromoo ta’uu isaa beekuun mootonni Laastaa akka mormaa turaniifi walitti bu’iinsis akka ture mul’isa. Gama biraan jaarraa kana keessa mo’achuuf Yikunuu Amlaak gargaarsa humna Oromootaan akka fala argate kan mul’isuudha. Yaadni kunis Oromoon akkuma dhaloota Kiristoosiin dura aangoo biyyattii keessatti iddoo olaanaa qaban jaarraa 13ffaa keessa sadarkaa mootummaa biyyaatti hogganuurra akka turan kan hubachiisuudha. Kana keessa akaakayyuun mootii Yikunuu Amlaak Azaach Caalaan mootummaa Zaaguwee keessatti sadarkaa Azaachi ykn hayyuu olaanaa ta’uun isaanii Ragaa guddaa ta’uu danda’a. Kunis aangoo olaanaa qabaachuun isaa qubsumniifi maddi ummata Oromoo biyya kana ala ture warra jechaa tureef, madda odeeffannoofi ragaadha.

Itti fufa

Obbo Alamaayyoo Hayilee: Hayyuu Seenaa yoo ta’an wayita ammaa Giddugala Aadaa Oromootti qorataa seenaafi dursaa garee seenaati.

BARIISAA SANBATAA Adoolessa 16 Bara 2014

Recommended For You