Sakatta’a seenaa Oromoo

Kutaa 3ffaa

Akka argannoofi ragaa barreessitoota seenaa baroota 1980tti sabni Oromoo jiraataa jiddu gala Itoophiyaafi, kibbaa naannoo Madda Walaabuu, ykn lafaafi iddoowwan yeroo ammaa Baalee Kibba Lixaa akka ture dubbachaa turan. Isaan biraas yaada kana fooyessuun Walloo, Karrayyuu, Arsii Kibbaa qofa akka ta’e ibsuurratti daangaafi madda Oromoo murteessanii turan. Rakkinni jara kanaas guddinaafi ummata Oromoo beekuu dhiisurraa kan ka’eefi bal‘ina qubannaa isaa wallaalurraa kan ka’eedha. Wanti nama dinqisiisu garuu barreessitoonni martinuu jechuun ni danda’ama seenaa Oromoo Warjiifi mootummaa Sulxaanota Shawaa akka Oromoo ta’an eeruu dhiisuu isaaniiti.

Mootummaan kun kan hundaa’e bara 896/7 keessa ta’ee gara waggoota 400 turuun kan mootota Ifaatiin moo’atamee bakka bu’e yoo ta’u, mootummaa Oromoo amantii musliimaa fudhataniin akka durfamaa ture ifa gochuu hinbarbaadanme. Maddi barreeffamaafi hojii isaaniis barreessitoota Arabaa kan akka “Ibn Said“ yoo ta’an, isaaniis Oromoofi Somaaleen jaarraa 13ffaatti akka gaanfa Afrikaa keessa waliin turan ragaa mul‘isu kan qabaniifi, namoota seenaa Aadaafi afaan Oromoorratti hojjachaa turan kan akka (H.S.Lewis, 1966) fi Cerulli, (1957), (I.M.lewis 1959; 1460), Trimingham (1952), wiedner (1965) kan jedhaman yoo ta’u, kuuniis madda Oromoo kaaba Soomaaliyaafi jiddu gala Somaalee qofaatti hidhuun kan murteessaniidha.

Qo’annoofi qormaanni namoota kanaan hojjatame hojii namootaa kana booda ka’an kan akka Mahammad Hassan (1990) fi Habrland I.K. (1985) tiin godhame jijjiiruufi fooyyessuun Oromoon maddiifi biyyi inni dur irra ture, iddoo hayyoonni duraa eeran dabalatee naannoo Arsiifi Baaleefi akkasumas lafa baddaa naannichaa akka ture falmaa turan. Kunis qo’annoofi qormata afaan Oromoorratti kan mul‘achuu danda’eedha. Kana malees rakkina seenaa Oromoorratti mul‘ate argaafi hubachuun rakkina ture (hin hubanne). Yaa ta’u malee hojiin jara kanaa yaada hubannoo dhabiinsa seenaa Oromoorratti jiruufi loogii siyaasaa biyya kana keessa ture ifa gochuu kan danda’eedha. Qubsumni Oromoo garuu naannichas dabalatee akka biyya kana irracaalaa isaa dhunfatee jiraachaa turuutu beekama.

Kana malee barreessitoonni Afaan Kuushootarratti hojjatan kan akka‚ Paalitschke (1889) Green Field (1965) akka ifa godhanitti, Oromoon Kaaba-Bahaa Afrikaa keessa kan tureefi jireenyi isaa bara mootummoota Aksum biyya gaggeessaa ture naannicha keessa dursee jiraachaa akka ture kan mul‘isuudha. Kana malees naannichatti Oromoon saba beekamaafi hundee saboota hedduu akka ta’e eeruun dhaloota Kiristoos dura bara (200 B.C. – 800 A.D.) dura naannicha keessa akka ture ifa godha. (Greenfield 1967). Namni kun madda isaa eeruu baatullee Oromoonni Raayyaafi Asseboo biyya isaanii kan durii naannoo Arabiyaa kibbaa (Gulf of Aden) irraa ka’uun naannoo amma jiru (Tigraay) keessa kan qabatan ka’umsa Amantaa Islaamaa dura akka ta’eefi Abashoonni garuu isaan booda akka dhufan (Semetics) kan ifa godhu yoo ta’u, warri kuushootaa garuu akka isaan dursan hima. (Ibid).

Itti dabaluuniis qubannoon Oromoota Arabiyaarraa dhufan kan jedhu kun maaliif akka iddoo jiranirraa akka ka’an ibsuu baatullee warreen Seemotaa booda Arabiyaarraa ka’uun qabiyyee Kuushootaa akka dhuunfatan himuuf yaaleera. Itti Ida’uuniis warri seemotaa lafa Kaaba-Baha Afrikaa jedhamuufi qabiyyee ummata Kamoota (booda Kuush) jedhaman keessa tamsa’uun tuutaan ijaaramuun akka qubataniifi wiirtuuwwan daldalaa yeroo sanaa akka dhuunfachuu eegalan himama. Warreen Kaam ykn Kuush jedhaman kana keessaa saboota akka Oromoo, Somaalee, Affaar, Sidaama, Bejjaa, Saahoo, Agaw, Bini’amiir, wkf. akka ta’an ifa ta’eera. (Perham 1969, Tasamma 2000, Ehret 1976, Alemayyoo 2007). Ummattoonni kunneen akka warreen biyya alaa dhufanii dhawataan garuu biyya dhuunfataman kan ibsu yoo ta’u, amantaa jaraa fuudhachuun waliin jiraachuu akka qaban himama. Humnoonni alaa dhufan tokko tokkos yeroo booda amantaafi aadaa jaraa mormanii kophaatti of ijaaruun akka socho’uu qaban seenaa keessatti ni beekama. (Trimingham 1954, Taddese Tamrat 1974, Perham).

Bifuma kanaan walitti dhufeenyaafi walfakkii ummata Oromoofi Saboota damee Kuushirraa maddan saayinsii xinqooqaafi sanyaba (linguastics and Antroograpological evedens) fudhachuu ykn irratti hundaa’anii qorachuun dhugaan kun akka ifa ta’e godhameera.

Ragaaleen qo’annoofi qorannoo seenaa Oromoorratti mul’atan yeroodhaa gara yerootti baay’achaafi tooftaan qormaataas bilchinaan waan itti fufeef seenaafi madda akkasumas qubsumni ummata kanaa eessa akka ture dhawaatan ifa ta’aa jira. Haaluma kanaan hojiilee qorannoo barreeffamanii ifa ta’an malee afoolaafi hambaalee akkasumas argama Arkiiyooloojii akka wabiitti fudhachuun seenaan jireenya Oromoofi qubsumni isaa kaabafi bahaa Afrikaa keessaa biyya amma Itoophiyaa jedhamtu dabalatee kaaba baha Sudaan, Eritiraa, Somaalee, Keeniyaafi biyyoota haroowwan keessatti iddoo guddaa akka qabu beekamaadha jedhu. Kanaa ala Oromoon Aadaafi Amantaan wal-qabsiisee eenyummaafi biyya isaa Itoophiyaadhaa ala jedhee yeroon inni itti dubbate seenaa keessatti hinmul’atu. Dhugaan jiru garuu sochiifi babal’ina uumamaan ilmi namaa godhurratti hundaa’ee maatiin isaa akka daggala saaqee qubatu gochaa akka ture beekamaadha. Kun immoo ammas kan jiruufi gara fuulduraas kan itti fufuudha.

3. Seenaa mootota Itoophiyaa bara jiddu-galaa (1270-1632)fi Oromoo

Kitaabni Amantaa kiristaanaafi seenaa mootota Itoophiyaa durii “Matsihaafe Suubaa’ee, Matsihaafe Aksumaay Siiraak Za-Indeebeetfi Matsihaafe taariika Nagast” jedhaman keessatti ragaaleen saba Oromoo ibsan Maqaa “Kuush, Mandabaay, Ormaa, Oromo…” jechuun ibsaa ture. Kana malees sabni Oromoo naannoo kana jiraachuu isaa malee akka sadarkaa mootiifi hayyoota olaanaa ta’an ibsa. Kana malees ragaan kun Oromoon akka jiraataa durii ta’an ni mul’isa. Iddoon jireenya isa duriis akkuma Kuushoota maraa biyya Marawee Suuba, Nuubiyaafi Aksum ykn Itoophiyaa durii keessa akka tamsa’ee jiraachaa ture kan ifa godhu ragaa guddaadha.

Kitaaba seenaa moototaa ykn “Taariika Nagast” jedhu keessatti seenaa mootii Asteer (Yoodiitii) qabee hanga mootii Iyyaasuu Adiyaam Sagad I (duraa) kan jiruufi boodas hanga mootii isa dhumaa Hayilee Sillaasee I kan hammate seenaa bara dheeraa kana keessatti kan hammatame yoo ta’u, inni ‘Matsihaafe Suubaa’e’ jedhu immoo seenaa duriirraa kaasee hanga mootii Minilik I kan ifa gochuuf yaaluudha.

Kitaabni inni sadaffaan kan Aksumaay Sirak barreesse immoo seenaa Minilik I kaasee hanga Asteer ykn Yoodiiti kan himu yoo ta’u, kitaboleen kun isa dur Itoophiyaa keessatti argaman qofa otoo hin ta’in biyya Sudaan keessa iddoo Marewwee jedhamu naannoo Jabal Obaafi, Jabal Kuraara jedhamu keessatti Onaafi holqoota naannichaa keessaa qotamee kan argameedha. Nuubiyaa hanga jaarraa 14ffaatti wiirtuu beekamaa Kiristaana Afrikaa keessatti argamtu tokko turte.

Ragaaleen kun seenaa Oromoo malee biyyi amma Itoophiyaa jedhamtuun dur hangam akka bal’aa turteefi biyyoonni naannoo Sudaan bahaa jiran kan akka Nuubiyaa, Naappaataa, Suuba, Suubiyaa, Siinaar akkasumas Aksuum wkf. gara Kaabaa hanga Kibba Bahaa Afrikaatti maqaa Itoophiyaa jedhamuun beekamaa akka turan seenaarraa hubatamuu ni danda’a. (Ehret 1976). Barreessitoonni durii kun ragaalee kana otoo hinsakatta’in ykn beekaa bira dabruun hagam olola sobaa seenaa Oromoorratti akka barreessaa turan nama hubachiisa.

Kan biraa dhiisnee Seenaa Oromoo qofarratti yoo xiyyeeffanne jireenyaafi qubsuma Oromoo durii kaasee akka Itoophiyaafi Bahaafi Kaaba Afrikaa keessa turan kan mul’isan Mootii Iti’eel (Maakidaa) kan jedhamtuufi bara 4463 B.C. ykn dhaloota Kiristoos dura woggoota (1037 dura) akka ta’eefi, mootittiin tun iddoon dhaloota ishee lafa Raayyaafi Azaboo jedhamu keessa akka tureefi achitti dhalattee heeramuun ishee ni beekama. Kunis Raayyaan achi jiraachuun isaa ragaa tokko yoo ta’u, iddoon ykn teessoon mootummaa ishees (wiirtuu) Naappaataa akka ture seenaan ni ibsa. Iddoon dhaloota mootittii kun kaayyoo keenya ta’uu baatullee maqaan Marawwaafi Raayyaa jedhu yeroo sanatti eeramuun isaa Oromoon akka achi ture ragaa guddaadha. Kunis akka Oromoon gosa Raayyaa durii qabee biyya kana keessa ture ibsuu isaa malee mootummaa Itoophiyaa durii Sudaan Kaaba Bahaa akka dabalatu mul’isa. (M.Ras.Balaye 1985). Kana malees Oromoon Maccaafi Tuulamaa hidda dhaloota isaanii dhahanii Raayyaa jechaan Marawwicha jedhu. Kunis hundee dhaloota Oromoo Kaaba kan akka Raayyaafi Yejjuu akka dabalatu beekama.

Kana malees barreeffama Seenaa ummata suuba keessatti Oromoota murta’aniin Mandabay jechuun yaamuun kan ibsan yoo ta’u, yeroon mootummaan isaanii aangoorra turu woggoota 40 ta’uun kun Sirna Gadaan kan walitti hidhame fakkaata. Fakkeenyaaf mootiin Maakidaan (Iti’eel) kan aangoo qabatte dhaloota Kiristoos dura bara 4463 B.C. yoo ta’u, Kunis (5500 – 4463 = 1037 B.C.) akka ta’uufi ilmishee Miniliik I immoo Dhaloota Kiristoos dura bara 4514 akka mootitti dhaaluu danda’e. Isa kana malees abbaa isaa mootii “Salamooniin” muudama akka argatte dubbatamaa.

Booda gara biyya haadha isaatti dhufe. Yeroo isheen woggoota 40 angoorra turtee sooroma baatu mootummaa ishee dhaalee biyya bulchuu akka qabetu dubbatama. Yaa ta’u malee sirni muudama mootummaa bifa sirna Gadaan ykn Kuushiin raawwatu hafee akka Yihudotaatti akka muudamuufi biyyi haadha isaa sirna haaraan akka bulu godhe. Seenaa kanaan dura ture garuu wal-harkaa fuudhiinsi aangoo kan raawwatu waggaa 40 walirraa fagaachuufi Malkaa bu’uun, achitti “Waaqa” galateeffatanii dhagaa guddaa koruun seera lallabuun aangoo kennuufi fudhachuun raawwachaa ture. Kunis Sirna Gadaa Oromoo wajjin kan walitti hidhate fakkaata. Haala akkasiin waggoota 40 turanii aangoo waliif dabarsuun kun hanga Jaarraa 13ffaa ykn hanga Ilma mootii Laallii Bekatti akka ture seenaarraa ni hubatama.

Jijjiirama aadaafi wiirtuuwwan beekamoo akka Suubiyaa, Nappaataa, Suubaafi Marawwee kunis rakkina aadaa haaraafi jireenya ummata durii jidduutti uumameen jequmsa kaasaa akka ture hubatama. Kana malees Mootichi Minilik I aadaa ummata Dashat Kuush (Saaba) kan ture dhaha ykn heda guyyaa kan urjiifi addeessaan walitti hidhate hambise. Burkuteesseefi gonfoo (Zawidii) isaa hambisee akka Aadaan Yihuudotaa kan (Leencaan) waltti hidhannoo qabuun akka bakka buuse himama.

Kana malees dhaadannoon isaas akka jedhutti, “Mootummaa Kuush irraa kan dhufe sirni mallattoo-mootummaa urjiin, Bofaafi Jawween walitti hidhannoo qabu kufe (burkutaa’ee), urjiin daashat (Kuush) harcaase.” jechuun labsii godhee aadaa saba Kuush ifatti dhorkuun mootummaa Aksum kan haadha isaa dhaaluun qabate aadaan isaa akka badu godhe. Kunis Aadaa ummata Kuush Oromoo dabalatee yeroo sanaa kaasee dhorkamuufi akka rukutamu gochuun isaa kan ifa godhuudha. Akkuma beekamu dhaha guyyaa ykn calendar Oromoo keessatti Urjiinifi walitti dhufeenyi, addeessaa iddoo guddaa kan qabuudha.

Ittifufa..

Obbo Alamaayyoo Hayilee: Hayyuu Seenaa yoo ta’an wayita ammaa Giddugala Aadaa Oromootti qorataa seenaafi dursaa garee seenaati.

BARIISAA SANBATAA Adoolessa 9 Bara 2014

Recommended For You