Kutaa 2ffaa
Kana malee qubannaafi tamsa’inni Oromoo hanga Taanzaaniyaafi Ugaandaatti kan dabreefi biyyoota birootti akka mul’atu ragaan ni mul’isa. (Antone D’Abbadie: 1843, (Haberland 1973, Martian De Salviac-1801) (Ehert K.1981) Asmaroom Laggese 2001, (Alamaayyoo Haayilee 2006). Kanarraa ka’uun Oromoon saba guddaa kaaba bahaa Afriikaa keessatti ardii bal‘aarra tamsa’ee qubateefi jiraataa duraa akka ta’e ragaan ni ibsa. Hayyoonni kunneen qorannoo yeroo dheeraa taasisaniin sabni Oromoo qubataa duraafi saba bal‘aa ta’uu isaa mirkaneessu. Yaada kanas hojii ‘D’Abbadie‘ irratti hunda’uun kan barreessan ‘Martial De’Salviac yoo ibsan. ‘‘An aciant people, the Great African Nation The Oromo’’ jechuun kitaaba barreessaniin ifa taasisaniiru. Kana malees namni kun bal’ina Afaan Oromoo ilaalchisee yoo ibsu.
“… from the reign of emperor Iyo’as (1750) to the 1860th The Oromo … and the language of the Oromo was used for diplomacy and for commerce in Ethiopia from the 140N (degree North) latitude and to 4th degree latitude south, also it inundated in its forms the neighboring language…(De. Salviac 1981:378) “ jechuun kan ibse yoo ta’u, kunis Oromoon ardii bal’aa kanarra durii kaasee akka jirachaa ture kan ibsu raga guddaadha.
Barreessan ‘Martian De Salviac’ qorattoota biroo eeruun akka ifa taasisanitti, baha Afriikaa keessa hanga ‘Wa-Houma, Wa, Nyamezi, Wa-Ganda fi Taanzaaniyaa’ ga’utti Oromoon uummata faca’ee jiraatuufi uumaata Baantu jedhamu keessa seenee hanga Kongoo bahaa Ruwanddaafi Burundii dabalatee tamsa’ee kan jiruudha jedhu. (M.De.Selivaic 1901:14).
Gara kaabaan immoo kaaba Itoophiyaa keessa dabree hanga Nuubiyaa, Misira, Arabiyaa, Constantnooph (Turk) Sooriyaa, handaara lafaa Qophiroos, seychelles keessa jirachu malee Afaaniifi Aadaa isaanii eeguun akka jiratan dubbatama.
Ragaalee barreeffamaafi seenaa Qormataa dhugaarratti hundaa’e kanarra kaanee yoo xinxalluu ummanni kun hagam sanyii ilma namaa isa bal’aafi guddaa akka ta’e ibsa. Gama biraan immoo qo’annoofi barruun kun iccitii seenaa Oromoo balleessuufi dhoksuuf godhama ture maaliif akka ta’e baruufi nama kakaasaa. Loogiin kunis seenaa saboota gurrachaa warra Adiin akka dhokfameefi warra Awurooppaafi Arabootaa qofti ummata gaarii ta’uu isaanii akkuma barreeffamaa ture, biyya kana keessattis seenaan saba Oromootiis loogiin akka irratti godhamaa tureefi kan dagatame ta’uusaa mul’isa.
Kana malees qorannoo seenaa amantiifi madda qaroomina saba gurraachaa warreen (Girikoota, Awuroopaafi Arabootaa) akkamitti akka saamamaa ture kan ibsuudha. Kana malee ragaan seenaa Arabootaafi warra Awurooppaa dura amantiiwwan amma addunyaa kana keessatti beekamaniifi barumsaafi falaasamni isaaniif maddisaa saba gurracharraa akka ta’e kan mul’isuu ragaa gabaabaa kana dabalatan yoo ilaallu akkas jedha.
“…The Greek Pilosophy was the offspring of the The Egyptian Mystery system… Egypt was the center of the body of ancient wisdom and knowledge, religious, Philosophical and scientific spread to other lands through student Initiates. Such teachings remained for generations and centuries in the form of tradition, until the conquest of Egypt by Alexander the great, and the movement of Aristotle and his school to compile Egyptian teaching and claim it Greek philosophy.” (The stalen legacy 1984) . Haaluma kanaan beekumsiifi Filoosoofi Griiki jedhame kan dubbatamu martinuu maddi isaa Afriikaafi baruumsa saba gurrachaa akka ta’e kan nama hubachiisuudha. Kana malee ragaa dabalataa yaada kana cimsu bifa kanaan qinda’eera.
… History is telling us that the Horn of Africa is the birthplace for mankind. At the same time history is also telling us that the Horn of Africa is the cradle of civilization, and that all forms of knowledge such as science, philosophy, mathematics, engineering etc including sophisticated religion are originated from this cradle of civilization, that is known as the Great Nile River Civilization or Egyptian Civilization. According to history, the authors and inventors of the Great Nile Civilization were black Africans who were also known as Cushite, Nubians and Ethiopians. Unfortunately these people who discovered all the advanced knowledge and sophisticated religion were discarded and denied an authorship for all their findings and even branded as pagan or heathen by the so-called founders of the modern religion.
Many attempts were undertaken by Euro- Asians to plagiarize the authorship of various advanced knowledge that were discovered by these black people of Africa starting from the successive invading of Persians, Greeks, Romans, Arabs, Turks and the late colonial powers. However much of the wisdom of these gentle people were looted by these invaders for the past three thousand years and played many defaming them continues even today. In other words, history is still proving that these men have preserved their wisdom in the culture of African people, especially in the traditional religion of Oromo people, Waqqeffannaa. 1and Gada system.
Kanarraa kan ka’e saboonni Afrikaa keessattuu (Kaabaafi Bahaa) Afriikaa iddoo hundeen dhala namaa itti argame qofa otoo hinta’in maddaafi jalqaba amantaawwan beekamoofi qaroomina ilma namaa maraaf bu’uura akka ta’e dubbatama. Kunis Oromoo dabalatee saba Kuush kan hammate ta’uu isaa mul’isa.
2. Oromoo akka damee saba Kuushitti
Akka barreessaa ‘Christopher Ehret’ jedhutti, sabni Kuush durumaa qabee lafa baddaafi badda daree akkasumas gammoojjiiwwan Itoophiyaa keessa qubatee jirachaa kan ture ta’u isaa ifa godha. Saboonni Kuush kun immoo naannoo eerame kana keessa qubataa duraa (pioneer) akka ture himama. Kunis saboonni Kuush Oromoo dabalatee Itoophiyaafi lafa naannoo isaa jiru keessa dhaloota Kiristoosiin dura bara 5000 dura akka tureefi boodas barkumee dhuma kana gara dame saboota Kuush adda addaatti qoodamee akka tamsa’e ibsu.
Saboonni Kuush kun hundeen isaanii (wiirtuun) Nuubiyaa, Itoophiyaa durii Marawwee akkasumas lafa sulula Abbayyaa (Nile)fi Misiraa akkasumas Atbaraa jedhu akka tureefi boodas uummanni kuun ykn walakkaan achumatti hafee kan socho’an wirtuun isaa achii ka’ee dhimma beekamuufi hinbeekamneen, tarii waraana gara kaabaan isaanirratti gageefameen ta’uu danda’a, gara Lixa, Afrikaa, Kaabaa, Bahaafi Kibbaatti socho’uun qubatee jedhu. Isaan kana keessaa warri Kuush Bahaafi jiddu gala yeroo booda sochii isaa kan wiirtuu jijjiruu itti fufee gara Kibbaatti socho’e jedhu. Ehert (1976), Melb-(1988), Tasamma (2205) B.A.T.O. (2006), (Mardok 1965) Alemayyoo (1998.2007) (Bender 1975).
Qorannoofi qo’annoon seenaa madda adda addaarraa argameen, yeroo ammaa Sabni Oromoo akka qaama saba Kuushotaa ta’eefi ardii Afrikaa keessatti Kaaba-Bahaafi Lixa Afrikaa, Itoophiyaa dabalatee qubataa duraa ta’ee kan mul‘atuudha. Kanaafis saboonni Kuush biyya Itoophiyaafi naannoo Ishee keessa dhaloota Kiristoos dura bara 5000 dura jiraata akka ta’eefi saboonni Kuush kun afaanota yeroo ammaa naannoo kanatti dubbatamaa jiran adda addaatti akka qoodaman ibsu. (Ehert, 1976 Bender 1976/. (B.A.T.O. Seena Oromoo Hanga Jaarraa 16fa 2006f Tasammaa Ta’aa 2005).
Ragaalee Oromoon akka qaama Saba Kuush ta’e Mul‘isan keessa tokko tokko ifa gochuuf yoo yaalamu, sabni Oromoo akkuma saboota Kuushirra maddaniif tamsa’an hundaa yeroo booda akka afaaniifi aadaa isaas qabatee naannoo amma jirutti faca’e. Walfakkiin afaanota Oromoofi Agawu, kan Kunamaa, Beejjaa, Afaar, Sumaalee, Sidaama, Koonsoo, Hadiyyaafi kan kana fakkaatan yoo qoratamu, walitti dhufeenya afaanoota kanaa qorachuun waggoota meeqa dura akka addaan facca’an tilmaamuun ibsuuf yaalu. Tilmaamaafi dhaha guyyaa (Calendar) kanaas xin-aadaa (Anthropology) uummattoonni kun dur madda tokkorra akka ka’an kan jedhu ifa godha. (Bender 1976).
Kana malee hambaalee aadaa, afaani, argamni Arkiyooloojiifi Siidaawwan mul‘atan afoola ummatichaafi raawwii sirna amantaa Kuush dabalatee, yeroo dheeraa dura ummanni kun tokkummaa akka qaban kan mul’isuudha. Gama biraatiin babal‘ina amantawwaan Yihudotaa, Kiristanaafi Isilaamaarraa kan ka’e ummatoonni naannoo Galaana Meditraaniyaanii jiraniifi Arabiyaa Kibbaafi akkasumas Faarsirraa buqa’uun gara biyya kanaatti godanaan jaarraa adda adda keessa walitti makamuun naannoo kanatti jijjiramni guddaan mul‘achuu akka danda’e dubbatama.
Sochiin kunis kallattii Itoophiyaa durii (Marawee, Nuubiyaa, Suuba, Saaba, Nappata, Aksuum Lastaa, Gondor) keessa jirachuuf yoo dhufan, irrajireessi qubattoonni kun ummatatti makamuun qabaachaa turaniidha. Jarreen hafanis kophaa ofii of-ijaaruun, afaan isaanii cimsuufi waraana ykn Raayyaa cimaa ijaaruun wiirtuun amantaafi daldalaa, akkasumas siyaasaa saba Kuushootaa iddoo eeraman kanaa akka bittinnaa‘u godhanii ture. Kanarraa ka’uun rakkina kana dandamatanii kan achitti hafan malee ummanni achi ture gar Kibbaatti socho’uun akka qubatan seenaan ni addeessa. (Ehret 1976).
Bifuma kanaan Itoophiyaan dur bal‘inni ishee walakaa Misira kaasee biyyoota akka Suudaan, Kaabaafi Bahaa, Itoophiyaa amma jirtu, Eritraa, Jibuutii, Sumaaleefi Keeniyaa kana dhunffattee turte keessaa akka tamsa’aa turan himama. Yeroo booda garuu walitti bu’iinsaafi wiirtuwwan daldala yeroo adda addaa umamaniin kophaatti ba‘uun biyyoonni heddu mul‘achuu qaban. Sabni Oromoos rakkinaafi sochii kana keessatti qooda kan qabu ta’ee walkaan jireenyi isaa qonnaan jiraataafi loon horsiisurratti kan xiyyeeffate waan tureef, daandii daldalarratti falmii godhamaa ture dhiisuun gar lafa tasgabbii qabuufi nagaan jiraachurratti fulleefachuun, wiirtuu siyaasa isaa biyya jiddu galaafi kibbatti yoo sochoose, Oromoon amantaa jaraa fudhatan garuu achumatti hafuun, iddoodhuma duraan turetti saboota aadaa biyya alaatiin dhunfanitti dabalamuufi makamuun aadaa isaanii fudhachuun akka jiraacha ture seenaa keessa ni hubanna. (Ehert. (1976), melba (1988), Tasammaa, (2005), Alamayyoo (1998,2006).
KanarraA Ka’uun Kuush jechuun hundeefi hidda dhaloota Oromoo akka tureefi Oromoonis qaama saba Kuushi waan tureef iddoo seenaa Kuush jiru mara seenaan Oromoo jira jechuudha. Kanaaf seenaan kun barreesitoonni seenaa biyya kana tokko tokko saba Oromoo akka godaantuufi keessumaatti fudhatanii barreessaa turan soba ta’uu kan ifa godhuudha. Hojiin isaanii akka ragaa sobaafi qabatamaa kan hintaane ta’uu mul’isa.
Ittifufa…
Obbo Alamaayyoo Hayilee: Hayyuu Seenaa yoo ta’an wayita ammaa Giddugala Aadaa Oromootti qorataa seenaafi dursaa garee seenaati.
BARIISAA SANBATAA Adoolessa 2 Bara 2014