Sakatta’a seenaa Oromoo

Sabni Oromoo ummattoota Itoophiyaa keessatti argaman keessaa isa tokkoodha. Ummanni kun saboota seenaan isaanii otoo hinbarreeffamin hanga yeroo dhiyootti turan keessaa isa tokko yoo ta’u, seenaa barreeffamaa dhabuu isaa qofa otoo hinta’in, kan barreeffamaa tures dogoggoraan kan guutameefi keessa dabree ummata Oromoo godaantummaan kan ramade, seenaa loogiin guutameefi ummata weerartuufi keessummaa jechuun barreeffamaa kan tureedha.

Kanarraa ka’uun barrees sitoonni baay’een seenaa jaarraa 16ffa keessa Molokseen Abbaa Bahiree jedhamuufi kan Loltoota Poortugaalotaa mootii kiristaanaa gargaaruuf bara 1545 dhufan waliin seenaa sobaa bara 1593 keessa barreessanirraa ka’uun dogoggorarratti kan kufan yoo ta’u, kana booda seenaa qorattoonni kaa’an, Antirooppooloojiifi hayyoonni seenaafi afaanii hedduun hojii Moloksee kanaa akka seenaa dhugaatti fudhachuun ummata Oromoo addunyaatti beeksisaa turaniiru.

Hojiin Molokseen kun barreesse ololaafi siyaasa mootota yeroo sanaa kan dhaadheessu ta’uu isaa malee seenaa Oromoo sadarkaa isaa eeggatee barraa’e jechuun hindanda’amu. Haa ta’u malee qorattoonni saayinsii, hawaasaa, seenaa, afaaniifi aadaa Oromoorratti waggoota afurtamaan dura qorachuu eegalan dogoggora kana ifa gochuuf baay’ee yaalaa turan.

Qorannoo yeroo dhiyoo kana godhameen utuu mootummaan kiristaanaa giddugala Itoophiyaatti hinhundeeffamin dura mootummaan Sulxaanota Shawaa kan Oromoota Galaan hawaasa (Warjiin) hundeeffame bara 896/7 keessa akka ture beekaa bira dabraa turan. Mootummaan sulxaanota Shawaa kan Oromoo Galaan nama Abbichuu /Waayyuu/n hundeeffame kun hanga bara 1270 erga turee booda kufee seenaan mootummaa kanaa hojii isaanii waan saxiluuf akkuma jiruun bira dabraa turan. Haata’uutii mootummaan Oromoota warjiin hundeeffame kun turtii waggoota 400 booda akka kufeefi bakka isaa kan (Abisiniyaa) akka hundeeffame ragaan ni ibsa.

Hojiin kunis Ragaa Seenaa kan barreeffamaan argaman sakatta’aafi afoola ummata keessaa funanamerratti hundaa’uun falmiifi qo’annoo hayyoonni heddu madda Oromoorratti gaggeessaa turan walmaddii qabuun yaada haaraa itti dabaluun seenaa Oromoo ibsuuf kan yaaluudha. Kana malees, sabni Oromoo Itoophiyaa keessatti malee Ardii kaaba baha Afrikaa kana keessatti iddoo inni qabuufi, lammii ykn qubataa duraa ta’uu isaa kan mul’isuudha. Afaan isaas afaanota saba Kuush wajjin akka walitti hidhannoo qabuufi seenaa ummatichaan (kuush) hundeen isaa Oromoon tokko ta’uu isaa walitti qabuun kan ifa gochuuf yaaluudha.

Oromoon ummata Sirna Gadaan bulu ta’ullee darbee darbee mootidhaanis akka bulaa ture ni hubatama. Kanaaf qoodiinsi gosa gosaan godhamaa ture ragaa guddaadha. Kanarraa ka’uun Seenaa Itoophiyaa keessatti mootonni durii qabanii biyya bulchaa turan Oromoofi kan Oromoorraa dhalatan akka ta’aafi sabni mootota irraa dhalatanis walakkaan Aadaa isaanii Oromoorra akka madde. Kan biraa hojiin kun guddinaafi babal’ina afaan Oromoo seenaa bal’ina dubbattoota afaan kanaa hagam akka bal’aa ta’e kan ibsuudha. Gama biraan hirmaannaafi gahee Oromoon Itoophiyaa ammayyaa ijaaruu keessatti qabu hanga tokko kan ifa gochuuf yaaluudha. Barreefamni kun itti fufuun guddina afaan Oromoo kan walqabate yoo ta’u, kunis seenaafi babal’ina afaaniifi aadaa isaa kan itti hubatamuudha.

Kana malees gahee jaarmiyaalee Sirni Gadaa ummata Oromoo keessatti qaban kan ifa itti ta’eedha. Dabalataanis Sirni Gadaafi mootummaa Oromoo sabni Oromoo qofaatti ijaarama siyaasaa guddaa akka qabu kan mul’isuudha. Mata dureewwan eeramaniifi kaneen hafan martinuu qormaata yeroo dheeraa booda kan ifa ta’aniidha.

I.Walfalmii hayyoota seenaafi xin-aadaa (Antropology) maddaafi qubsuma Oromoorratti ture

Yeroo dhiyoo kana barreessitoonni heddu seenaa saba Oromoofi madda isaa ilaalchisanii sobas ta’u baay’ee barreessaniiru. Hanga yeroo dhiyootti falmichi xumura akka hin argamne ni beekama. Kunis, kan ta’uu danda’e ummanni Oromoo seenaa barreeffamaa bara dheeraa dhalootaaf lafa keewwame dhabuu isaa yoo ta’u, sabni Oromoo qaama saboota Kuush akka ta’e qorannoo gadifageenya qabu waan hingodhiiniifi hir’ina guddaa ta’uu isaa kan mul’isuudha.

Inni lammaffaan immoo uummatichi amantaawwan gurguddoo lamaan biyya ollaarraa dhufaniin waan dhuunfatameefi namoonni ummata kana keessaa ba’uun baratan Oromummaa isaanii gatuun gara jara sanaatti waan makamaniif of ibsuurratti rakkoon kan uumame yoo ta’u, inni sadaffaan gareen hordoftoota amantaawwan lamaanii kun, Oromoota dhuunfachuu qofa otoo hinta’in deeggarsa ummatichaa argachuuf Oromoota isaanitti makaman maalummaa isaanii balleessuufi Aadaa ofii akka dagatan of wallaalchisuufi hojii hundeedhaa buqqisuu hojjachuu isaaniiti. Kanaaf dhabiinsi seenaa barreeffamaa kun hojii qorattoonni seenaafi ragaa qabatamaa dhabuu isaanii malee, namoonni seenaa Oromoorratti hojjatan seenaa dogoggoraa akka hojii qo’annoo dhugaatti fudhachuun seenessuu akka eegalan ta’eera.

Kanarraa ka’uun barreessitoonni dursanii qorannoo seenaa kana eegalan madda Oromoo Itoophiyaadhaa alatti waan eeraniifi namoonni baay’een maddi saba Oromoo eessa? gaaffii jedhuuf deebii argachuuf bay’ee rakkachaa turaniiru. Rakkinni akkasii kun kan mul’ate seenaa Oromoo jaarraa 16ffaa keessa ummata godaantummaan biyya kana seene jechuun ragaa sobaa barreeffamerraa kan maddeedha. Kanarraa ka’uun yaada Oromoon durumaa qabee jiraataa biyya Itoophiyaa kanaati jedhaniifi biyya alaatii dhufe kan jedhu jidduutti falmii dheeraafi guddaan taasifamaa ture.

Hayyoota falmiirra turan kana keessaa kan akka “Paulitischke (1888, 1893-96) Alaqaa Taayyee 1914, Alaqaa Atsime, I.M.Lewis (1959,1960), H.Lewis (1966), Cerulli, (1957) Haberland I.K. (1963) Baraukamper (1980) Getaachoo Hayilee, 2005, Aleme Ishetee 1984” fi kan kana fakkaataniidha. Namoota Oromoon biyya alaatii dhufe jedhaniifi kan biraa jidduutti falmii yeroo dheeraa tureedha. Yeroodhaa gara yerootti ragaa qorannoofi barreeffama seenaa moototaafi Amantii keessatti maqaan Oromoo argamuun isaa yoo ta’u, kunis gaaffii guddaa kan kaasaa tureedha. Barreessitoonni gita bittaa deeggaran isa dhiisuufi dhoksuun seenaan Oromoo akka ummata godaantuu ta’eetti ibsuuf yaalu.

Haa ta’u malee ragaalee kanaafi isaa ala dhawati seenaa Oromoo gabbachaa dhufuun argamni haaraan kun kaka’umsa uumun namoota akka (De. Abbadie, 1897 Martial Da. Salvial, 1901) Nagaasoo Gidaadaa (1984). Tasammaa Ta’aa (2002), Gadaa Malbaa, 1980, Mahamad Hassan 1990fi kan kana fakkaataniidha. Seenaan Oromoo akka bifa qabatamaa argatu godhaniiru. Kana malees seenaa Oromoo hanga jaarraa 16ffaa jedhu hayyoota Biiroo Aadaafi Turiizimii Oromiyaatiin bara 2006 qophaa’ee bara 2007 akka maxxanfamu ta’uun seenaan Oromoo hundeen isaa akka lafa qabatu godhameera.

Hojii kamiyyuu caalaa hayyoonni Biiroo Aadaafi Turiizimii Oromiyaa kitaaba “Seenaa Oromoo hanga jaarraa 16ffaa” jedhuufi Sirna Gadaa “Siyaasaa Oromoo Tuulamaa, Seenaa Oromoo hanga jaarraa 20ffaa, Seenaa Oromoo Warjii jedhu”,

keessatti falmii armaan dura tureef deebii quubsaa kennuu keessatti daangaa seenaa Oromoo irra jiru jijjiiruuf bu’aa qo’annoo guddaafi jijjiiramni akka ta’u taasiseera. Akka yaada hayyoota tokko tokkootti, kitaabonni kunniin hojii seenaa Oromoorratti xiyyeeffate qofa otoo hinta’in, seenaa biyya kanaatiifuu bu’uura kan ta’eefi kallattii seenaa biyya kanaa armaan dura itti qoratamaa ture. (The land mark in Oromo history) jechuun akka seenaa armaan dura ture garagalchuudha jedhu.

Barreessitoonni seenaa Oromoo armaan dura Ragaa qabatamaa hintaanerratti bu’uureeffatanii hojjachaa turan Sabni kun gonkumaa biyya kana keessa akka hinturre kan falman yoo ta’u, maddi hojii isaanii seenaafi olola Porchugaalonni ykn loleen mootota kiristaanaa gargaaruu dhufan irraa Molokseen Abba Bahiree jedhaman hojjataniif jibba dabtarootaafi akkasumas falmattoota amantii Islaamaa ykn Sheekotarraa akka ta’e ifa kan ta’eedha. Haa ta’u malee qorattoonni yeroo booda gara biyya kanaa dhufan keessa dhawaata hojii sobaa kana saaxiluun waan heddu hojjataniiru.

Akkuma beekamu baroota 1843-1846 Oromiyaa keessa kan ture ‘Antoine D’Abbade’ Sirna Gadaafi Qaalluu, akkasumas Aadaa Oromoo “Guduruufi” “Limmuu” Saqqaarratti, waan hedduu barreessullee madda Oromoo eeruuf ragaa qabatamaa dhiyeessuu hindandeenye. Haaluma kanaan madda Oromoo lafa Walal jechu malee iddoo kana jechuun ifa gochuu dhiiseera. Yaa ta’u malee walal Tulluuwwan beekamoo Lixa Oromiyaa (Wallaggaa) fi Kibba Oromiyaa (Boorana) keessatti beekaman ta’uu isaa eeruuf fakkaata barreessaan kun Oromoon saba bal’aafi Afrikaa keessatti ummata guddaa ta’uusaa ifa godhullee madda ummata Oromoo eeruu hindanddeenye.

Barreessitoonni baroota 1960 booda seenaa Oromoorratti hojjatan immoo maddaafi qubsuma Oromoo Afrikaa keessatti naannoo gaanfa Afrikaa akka tureefi, boodas ummata Somaaleetiin achii dhiibamanii gara jiddugala biyya kanaa dhufan jechuun ifa gochuuf kan yaalaniidha. Haa ta’u malee Barreessitoonni akka ‘I.M.Lewis, (1960), Cerulli 1957, Trimingham, 1955; Huntingford, (1965), H. Lewis (1966), Braukukamber, (1980), Melba (1988)’fi kan kana fakkaatan yaada Oromoon gaanfa Afrikaa keessaa ka’ee gara kibba, dhihaafi kaabaatti socho’e jedhu kana cimsanii mormu. Namoonni biraa yaada kana falmanis barreessitoonni akka ‘Habarlandiifi (1963) M. Hassan (1994), fakkaataniifi kan biraas, Oromoon gaanfa Afrikaarraa ka’ee gara Itoophiyaa jiddu galaatti seene yaada jedhu kana ni mormu. Barreessitoonni Oromoon akka Itoophiyaadhaa ala ykn ardii Isiyaarraa dhufan ibsuuf yaalan kunis ummata Oromoo gurmaa’ina cimaa qabuufi humna gahaafi sodaachisaan socho’aa tureefi moototaafi sulxaanota naannoo isaa laaffisee humnoota Somaaliyaa keessaan yeroo san dhiibamee achii baqate jechuun rakkisaadha jedhu.

Kana kan ibsuu yaalan kan akka ‘Trimingham 1952; Hanting ford, 1955 Alaqaa Atsmeefi Alaqaa I.E.S. Taayyee (1914)’ kan fakkaataniidha. Haa ta’u malee sabni Oromoo naannoo armaan olitti eeramanis Argeessaafi Somaaliyaa jiddu gala keessa akka qubatee jirachaa tureefi kunis kan seenaa waliin jireenya saba kanaa keessatti kan beekamu yoo ta’u, Itoophiyaafi biyyoota kaaba bahaa Afrikaa naannoo Sudaan Marawwee, Suuba, Nuubiyaafi Naappataa, akkasumas wiirtuuwwan Aksumii hanga Galaana Diima /Arigiigoo/fi biyya jiddu gala, Oromiyaa ammaafi gara kibbaan immoo Somaaliyaa walakkaa qabee hanga Keeniyaa laga Xaanaafi Buufata Doonii Gaalaana Hindii ykn Mobaasa jedhamutti tamsa’ee jirachaa kan tureedha.

Ittifufa…

Obbo Alamaayyoo Hayilee: Hayyuu Seenaa yoo ta’an wayita ammaa Giddugala Aadaa Oromootti qorataa seenaafi dursaa garee seenaati.

BARIISAA SANBATAA Waxabajjii 25 Bara 2014

Recommended For You