Gumaacha Oromoon ijaarsa biyyaafi eenyumaasaaf gochaa ture

 Kutaa Jahaffaafi isa xumuraa

Karaa biraatiin jaarraa 13ffaa keessa mootummaa Kiristaanaa dhiibbaa geessisuu danda’u uumamuunsaa sochii ummataa Bahaa gara Lixaafi kibbaa gara Kaabaa ittisuu danda’eera. Darbees walitti- bu’iinsi Allaabduu (Gujii) loltoota Zaaraa Yaa’iqoob waliin walakkeessa jaarraa 15ffaa keessa naannawa haroo Laangaanootti taasisan fakkeenya guddaadha.

Egaa jaarraa 15ffaa keessa sababoonni haaromsa Sirna Gadaafi tokkummaa Oromoo barbaachise dhiibbaa jaarraa hedduuf Oromoo irratti aggaamame ta’uusaati. Kanaaf egaa waraanni qabsoo Madda Walaabuurraa buttaa buttaan kan gaggeeffame darbees Oromoon mootummaa Habashaa “Sidaama” (diina hamaa) jedhee kan itti moggaase. Kunis saba Sidaamaa otoo hinta’iin waraana waggoota hedduuf isaan falmeedha.

Baahireen yeroo waa’ee Oromoo barreesse diinummaa Oromoofi mootummaa Habashaa toora duraarratti ibseera. Kaayyoo barreeffama isaa inni guddaan “Maaliif seenaa namoota yaraa barreessita yoon jedhame kitaaba hedduu keessatti seenaa baay’inaafi hangi hammeenya diinotaa barreeffameera jedheen deebisaaf” jechuun barreesseera. Kun immoo kan jaarraa 16ffaa keessa eegale utuu hinta’iin irra caalaa hundeeffama bulchiinsa Solomoonawaa waliin erga aangoo qabachuun hortee Kuush akka cubbuutti ilaalamee yoo ta’u, caalaatti diinummaan kan cime duula daangaafi amantii babal’ifannaa mootummaa Abisiiniyaatiin jaarraa 13ffaa irraa eegalee raawwateeni.

Dhiibbaa kanatu egaa Oromoo Waraana Buttaatti galche. Fedhiin lafa babal’ifachuu Oromoo Maccaafi Tuulamaa inni guddaan lafa duraan abbootiisaanii irraa fudhatame deebifachuufi lafa haaraa qabachuun horii isaaf margaafi lafa caffee barbaachaa gaggeessaa ture. Sirni Gadaas, sirna ijaarsa waraana cimaa kan qabuufi lola Buttaa jedhamuun kan gaggeeffamu, keessumaa gareen umuriifi dhaloota sadarkaa Raaba irra jiru dirqama kan itti ta’e, Gadaa kudha lama waggaa 96 keessatti daangaa Oromiyaa har’aa kana akka qabachuu danda’etu amanama.

… The Oromo began to participate in the extensive and intensive struggle in 1522, that crested in the Horn of Africa and tought twelve butta wars between 1522- 1618 that alternately established Oromia’s present boundaries … During the first two gada-grades (Melba and Muudaana, 1522- 1538), the Oromo occupied Bali. The third and fourth, Kilole and Biftole (1588 -1554) brought the incorporation of Dawaro and Fatagar.

During the fifth, Michile (1554- 1562), they reached Finfine and attacked the Muslim and Christian kingdoms of the sorrounding regions in the sixth and seventh gada-grades. Harmufa and Robale (1562-1586) they continued to attack Dembiye and regions to Lake Tana. In the ninth grede, mulata (1586-1594), they concentrated their attack on Trgray, Goojjam and Damot.

Kun garuu sochii waraana diina baasuuti malee duruu Oromoon naannawa eerame kana hinjiru jechuu miti. Waraanni Buttaa Gadaa Raabaatiin gaggeessama. Raabni tokko waggaa saddeet keessatti dirqama isaa raawwatee qabannaa haaraaf immoo Raaba itti aanutti dabarsa.

Haala kanaan lola Buttaa Gadaa 12 keessatti taasisameen waggaa 96 keessatti ummanni Oromoo lafa duraan irraa fudhatameefi kan yeroo ammaa irra jiru dabalatee qabachuu danda’eera. Sochiifi humna haaromsa Sirna Gadaa gaggeessaniin jaarraa kudha ja’affaa hanga Giddugaleessa kudha saddeettaffaattii lafa abbaa isaanii irraa fudhatame deebisatanii akkasumas lafoota qarqara daangaa jiran itti dabalatanii qabachuu danda’aniiru.

1.5 Oromoo bara Waraana Mootummoota Kirstaanaafi Islaamaa (1527-1559)

Barreeffamni Abbaa Baahiree seenaa waraana Mootummaan Kiristaanaafi Islaamaa akkasumas bulchiinsa Ahmad Giraany waggoota 15 (1527-1543) irratti odeeffannoo hinqabu. Garuu waraanni Giraany erga waraanni Buttaa jalqabee  Gadaa tokko booda eegale. Baahireen nama si’a sanaa utuu ta’ee yoo xinnaate diinummaa Oromoo qofa hin ibsu.

Baahireen yoo ibsuu baates waraanni Mooticha Libna Dingiliifi Ahmad Giraany bu’aa walitti bu’insa Mootummaa Kiristaanaafi Islaamaa yeroo dheeraa yoo xiqqaate jaarraa 16ffaa irraa eegaleedha. Sunis barbadaa’uu mootummaa Ifaat booda caalmaatti akka itti fufeefi sababni waldhabe inni guddaanis Shawaa Kaaba Bahaafi hulaa daldala Afrikaa Bahaa to’achuu akka ta’e himama.

Walitti bu’iinsicha keessatti horteen Kuush keessattuu Oromoo, Agawu, Saahoo, Affaariifi Somaaleen miidhamoo akka turan seenaan ragaa baha. Mariid Wodaaragaay qorannoosaa caalaa hariiroo Oromoofi mootummaa Kiristaaaarratti xiyyeeffate keessatti baroota bulchiinsa Amdatsiyoon booda Oromoo Dawwaaroo keessatti hacuuccaa jala akka turaniifi kunis sababa tamsa’uu isaanii akka ture ibsa.

Kanaafis Oromoon yeroo jalqaba jaarraa 16ffaa sochii gaggeesse giddugaleessa Itoophiyaaf keessummaa miti jedha. Akkuma olitti eerame biyyi Dawwaaroo jedhamu daangaan isaa Kaaba Baha Shawaa si’anaa akka of keessatti hammatuufi biyya gosa Oromoo Laaloo jedhamu akka ta’e himama.

Naannoon sunis bara jalqaba jaarraa 13ffaa irraa eegalee hanga waraana Shumburaa Kureetti (1529) dirree waraanaa akka ture ragaaleen seenaa ni eeru. Iddoon kun lafa magaalaa Bishooftuurraa gara Kaaba jiruufi Tulluu Ereirraa gara Kibbaa jiraniidha. Dirreen waraanaa sunis maqaa Afaan Oromoo yoo ta’u, biyya shumburaan itti biqiluudha.

Kanaaf Oromoon utuu hin jaalatiin dirqamaanis ta’e fedhiin gama lamaanuu keessaa qooda hin dhabu. Ragaan dabalataa seenaa kana mul’isu kan biroo waraana jaarraa16ffaa keessa mootummaa Kiristaanaafi Islaamaa gidduu ture keessatti loltoonni Ahmad Giraany loltoota Libna Dingil dirree Shumburaa Kureerratti akka mo’atan ni yaadatama.

Sababa kanaafis waraanni Libna Dingil waraana Ahmad Giraany yoo dheessu dhimma kanatti kan rifate Mootichi Libna Dingil “Hulluum biferaa Tulluu indeet Farraa” (Hundi yoo sodaate Tulluun akkamitti sodaate) jedhee loltoota isaa akka akeekkachiise himama.

Yoo seenaa dhugaaf ta’e Tulluun Oromoo ta’uunsaa nama hinshakkisiisu. Mootichis utuu hin beekiin gootummaa Tulluuf ragaa bahuun isaa hirmaannaa Oromoon waraanicha keessatti qaban ibsa. Mootichi kunis inumaayyuu haatisaa Oromoo akka turteefi haati warraasaas Leelee Jaarraa akka jedhamtee beekamtuudha.

 Kana malees waraanaa Imaam Ahmad faana bu’uun waa’ee waraanichaa galmeessaa kan ture Shabaddiin “Imaam Ahmad” akkuma Yejjuu ga’een biyyi kun biyya Yejjuu waan ta’eef Afaan Yejjuun malee akka hin haasofne jedhee loltota isaa ajajeera jedha. Kun kan nutti argisiisu dameee saba Oromoo kan ta’e Yejjuun waraana Ahmad Giraany dura bakka Walloo har’aa jiraachaa turuu isaati. Kamtu sirrii akka ta’e baruuf dhimmi kun qorannnoo cimaa ta’e kan barbaadudha. Haata’u malee, bara 1270 keessa Oromoon Shawaa Kaabaafi Walloo hundeeffama bulchiinsa Salamoon akka turaniif Yikunoo Amlaak ilma Hawwii Caalaa akka ture ibsama.

Akka ibsa Meriditti yeroo Bareentuun bara bulchiinsa Libna Dingil daangaa Baalii weeraru Baaliin biyya hawaasa Musiliimaati jedha. Sunis milkaa’ina babal’ina Oromoorratti hanga bara 1545tti danqaa ture. Garuu bara bulchiinsa Galaawudiyoos yeroo waraanni garee mootummaa Kiristaanaafi Islaamaa gidduutti cimu Oromoon carraa sana gargaaramee dangaa Baalii guutummaa guutuutti to’achuu akka danda’e itti dabalee ibseera.

Sunis bara bulchiinsa Galaawudiyoos yeroo Amiir Nuur Dawwaaroo weeraruufi Galaawudiyoos ofirraa ittisaa tureedha. Haala kana keessatti Galaawudiyoos tarsiimoo lolaaf jedhee Dawwaaroofi Faxagaar yookaan Shawaa Bahaafi Arsii gadi lakkise. Haata’u malee, barreessaan kun eenyummaa hawaasa Musiliimaa Baalii keessa jiraataa turaniifi jaalala yookaan jibba waraana bara sana ture ifatti baasee hin himne.

Barreessitoonni fedhii dhuunfaaf jecha eenyummaa hawaasa Faxagaar, Dawwaaroo, Baaliifi Daamot keessa jiraataa ture akka hin beekamne barbaadu. Yoo beekamanis akka bara giddugaleessaa gabbartoota yookaan michuu mootummaa Kiristaanaa turanitti ibsu. Bara waraana mootummoota lamaan gidduutti ture sana Oromoon akka dhuunfaatti dirqamee yoo ta’e malee garee kamiyyuu utuu hin deeggariin adeemsa ture haalaan hordofaa ture. Injifatamuun Galaawudiyoos (1559) immoo olaantummaa mootummaa Kiristaanaa waggoota hedduuf ture kuffisee boqonnaa haaraa bane.

Akka waliigalaatti barreeffamonni bara bulchiinsa Giraany waggaa kudha shanii booda baroota humni mootummoota Kiristaanaafi Islaamaa dadhabanitti milkaa’ina sochii Oromoo ibsu malee xiinxala hariiroo Oromoon mootummoota kana lamaan waliin qabaataa tureefi attamitti carraan kun jiraachuu isaa akka hubatanii itti fayyadaman isa jedhuuf deebii hin qaban.Wanti seenaa kanarraa hubatamu garuu falmii Oromoon eenyumaa isaa kabachiisuufi biyya isaa weerara garee lamanirraa ittisuuf gochaa ture kan ifa godhuudha.

BARIISAA Waxabajjii 18 / 2014

Recommended For You