“Jarman marii biyyaalessaa Itoophiyaa deeggaruuf qophiidha”

Jarman marii biyyaalessaa Itoophiyaa deeggaruuf qophii ta’uu Itoophiyaatti Ambaasaaddarri Jarman Isteefan Awar ibsan.

Rakkoolee keessoo Itoophiyaatti mul’atan furuuf mariin biyyaalessaa barbaachisaa ta’uu Ambaasaaddar Isteefan ibsaniiru.

Marichi hunda kan hirmaachisee fi hammate ta’uun gaaraagartee jiru mariin furuun waliigaltee biyyaalessaa uumuuf gargaara jedhaniiru.

Mariin biyyaalessaa Itoophiyaa rakkoolee bu’uuraa biyyattii hiikuuf filannoo gaarii ta’uu kaasuun, Jamaniif gaaffiin yoo dhiyaate adeemsa marichaa deeggaruuf qophii ta’uu ibsaniiru.

Hariiroon Itoophiyaafi Jarman cimee itti fufuu fi Itoophiyaan deeggartuu tarsiimawaa Jarman ta’uu addeessaniiru.

Deeggarsa misoomaan Jarman deeggartuu ijoo Itoophiyaa ta’uufi nageenya waaraa Itoophiyaa kan barbaaddu ta’uu dubbataniiru.

Abbootiin qabeenyaa Jarman dameewwan misoomaa biyyattii garaagaraarratti hirmaachaa jiraachuu ibsaniiru. TOI

BARIISAA SANBATAA Caamsaa 27/2014

Recommended For You