Itoophiyaa waggoota15 dhufanitti jiddugalaAviyeeshinii taasisuufhojjetamaa jira

 Itoophiyaa waggoota 15 dhufanitti jiddugala Aviyeeshinii taasisuuf hojjetamaa jiraachuu deetaan Ministira Geejibaafi Loojistikii obbo Dhengee Boruu beeksisan.

Itoophiyaatti Agarsiifni jalqabaa Innooveeshinii Aviyeeshinii baatii Onkoloolessa dhufu gaafa guyyaa 13 -17/2016tti Finfinnee golambaa Saayinsiitti ni taasifama.

Ministeerri Geejibaafi Lojiistikiifi Abbaan Taayitaa Sivilaaveeshinii Aveeshinii Itoophiyaa agarsiisa kana ilaalchisuun ibsa miidiyaaleef kennaniiru.

Agarsiifni kun ”Innoveeshinii Aviiyeshinii dorgomaa ta’e” jedhuun kan geggeeffamu ta’uu ibsameera.

Deetaan Ministira Geejibaafi Lojiistikii obbo Dhengee Boruu wayita ibsa kenneen akka himanitti Itoophiyaan damee Aviyeeshiniin milkaa’ina guddaa gonfachaa jirti.

Mikaa’ina kana caalaatti guddisuun gara fooyya’insa olaanaatti ceesisuuf hojiin adda addaa hojjetamaa jiraachuus himaniiru.

Haaluma kanaan Itoophiyaa waaggoota 15 dhufanitti jiddugala Aviyeeshinii Afrikaa taasisuuf karoorfamee hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.

Daarekatarri olaanaa Aviyeeshinii Itoophiyaa obbo Geetaachoo Mangistuu gama isaaniin kaayyoon agarsiisa qophaa’uuf jiru ogeeyyii hojii kalaqaa Aviyeeshinii irratti bobba’aniifi qaamolee adda addaaf beekamtii kennuu, deeggaruufi jajjabeessuu tekinolojiin Aviyeeshiniifi Innoveeshinii akka babbal’atu taasisuudha jedhaniiru.

Dameen Aviyeeshinii bala’aafi baay’ee ta’uu himanii, Itoophiyaan geejiba qilleensarraan milkaa’ina qabdu damee biroo irratti babal’isuufi sadarkaa idil addunyaatti dargamtuu akka taatu hojjetamaa jira jedhaniiru.

Agarsiisa kanarratti Daandii Qileensaarraa, Oomishistoota Xiyyaaraafi tekinolojii Aviyeeshinii biroo, Dhaabbtilee tajaajila Aviyeeshiniirratti hirmaatan kan biyya keessaafi alaa, dhaabbilee mootummaafi motummaa qamni ilaallatu akka irratti hirmaatan himaniiru jechuun TOIn gabaaseera.

Kanneen hojii kalaqaa adda addaa of harkaa qaban ogeeyyiin hedduus agarsiisa kanarratti kan hirmaatan ta’uun himameera.

Agarsiifini kun qindoomina abbaa taayitaa Aviyeeshii Itoophiyaa, Ministeera Geejibaafi Loojistikii, Garee Daandii Qilleensaa Itoophiyaa, Hunda qilleensaa Itoophiyaa, Bulchiinsa nageenya odeeffannoo biyyaaleessaa, Instiitituyuutii Intalajensii Artifashaalii Biyyaaleessaafi Instiitiyutii Ji’oo ispeeshaalii Saayinsii Hawaan kan qopha’uu ta’uu himaniiru.

BARIISAA SANBATAA Qaam’ee 4 Bara 2015

Recommended For You

2 Comments to “Itoophiyaa waggoota15 dhufanitti jiddugalaAviyeeshinii taasisuufhojjetamaa jira”

Comments are closed.