Ayyaana irreechaa baranaarratti gatiin meeshaaleefi uffata aadaa Oromoo dabaleera

Finfinnee: Kabaja ayyaana Irreechaa baranaan walqabatee gatiin meeshaaleefi uffata aadaa Oromoo hanga tokko dabaluu daldaltoonni damichaa baazaariifi egizibishinii Irreechaa Giddugala Aadaa Oromoorratti hirmaatan ibsan.

Oromoon saba meeshaaleefi uffata aadaa mataasaa qabuudha. Dhalootni meeshaaleefi uffata aadaa mimmidhagoo godinaalee garagaraa hubatee akka addunyaaf hubachiisuuf agarsiisawwan adda addaa qopheessuun barbaachisaa ta’uu Sadarkaa Pirezidaantii Ittaanaatti Qindeessaan Kilaastara Hawaasummaa Oromiyaa Obbo Abdullaakim Muluu hubachiisaniiru. Kaayyoon baazaarichaas Oromoon aadaasaan boonuu bira darbee meeshaaleefi uffata aadaa qabdu addunyaatti beeksisuun fayyadamummaa dinagdeessaa kan mirkaneessu ta’uus himaniiru.

Oromoon saba falaasama jiruufi jireenyaa mataasaa qabuufi meeshaalee aadaafi ammayyaa qalaqee ittijiraatuudha. Meeshaaleefi uffata calaqqee eenyummaa sabichaa ta’an ollaafis ta’e addunyaaf ibsuu bazaariifi egizibishiniin qopheessuuf dirqamuu Hogganaan Biiroo Aadaafi Tuurizimii Oromiyaa Obbo Huseen Fayyisoo dubbataniiru.

Shamarree Taaddaluu Guddataa akka jettutti, waggoota sadan darbeen yommuu walbira qabu gatiin meeshaaleefi uffatni aadaa Oromoo dabaleera. Ammaan tana fedhii uffata aadaaf jiru Oromoo qofa osoo hintaane kan saboota biroollee dabalaa jira. Dizaayiniifi uffataan dabaluusaatiin barana gatiin uffata tokkoo giddugaleessaan qarshiin 300 dabaleera.

Haaluma walfakkaatuun Shamarree Caaltuu Geetachoo, kana dura saboota biroo mitii Oromoodhumti mataansaa fedhii inni uffataafi meeshaalee aadaasaa fayyadamuuf qabu  gad bu’aa akka ture yaadachistee amma garuu of beekuufi enyummaa ofiin boonuun sabichaa dabalaa dhufuun walqabatee gatiin meeshaaleefi uffata aadaa dabalaa jiraachuu ibsiteetti.

Waaqshuum Fiqaaduutiin

BARIISAA SANBATAA Fulbaana 26 Bara 2016

Recommended For You

One Comment to “ Ayyaana irreechaa baranaarratti gatiin meeshaaleefi uffata aadaa Oromoo dabaleera”

  1. Pingback: anchor

Comments are closed.