Abbootiin amantaa Ergaa Baga ayyaana du’aa ka’uu bara 2016 geessaanii dabrsan

  • Nagaafi araarri ergaa dhoksaa guyyichaa ta’uus ibsan

Finfinnee: Abbootiin amantaa Kiristaanaa hordoftoota amantichaa biyya keessaafi ala jiran maraaf baga ayyaana Du’aa Ka’uu Yesuus Kiristoos bara 2016 nagaan isin gahe jechuun ergaa dabarsan. Ayyaanichis guyyaa hiiki du’aa ka’uu nagaafi araaraan ittimul’atu jechuun ibsaniiru.

Paatiriyaarikiin Bataskaana Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa Abuna Maatiyaas hordoftoota amantichaa biyya keessaafi alaa, akkasumas daangaa biyyaa eegan hundaaf ergaa baga ayyaana Du’aa Ka’uu bara 2016 geessanii dabarsan. Ergaasaanii keessatti guyyaan du’aa ka’uu guyyaa jaalalli dhugaan dhala namaatti mul’ate waan ta’eef hordoftoota amantichaa biratti hiika guddaa qaba jedhaniiru.

Hordoftootni amantichaas seera uumamaa cabsuu, jibba, waraana, garaajabaachuufi of jaalachuurraa fagaachuun ergaa du’aa ka’uu jaalalaa, nagaan, dhiifama, walkabajuufi tokkummaan agarsiisuu qabu. Guyyaa ayyaanni kun ayyaaneffamu namoota dhukkubsatan, harkaqal’eeyiif gargaarsa gochuun akka ayyaaneffatan waamicha dhiyeessaniiru.

Phaaphaasiin Bataskaana Kaatolikii Itoophiyaa Qulqulluu Kaardinaal Abun Birhaan Yesuus hordoftoota amantichaa hundaan ergaa baga ayyaana Du’aa Ka’uu bara 2016n nafaan isin gahee dabarsaniiru.

Ergaasaanii keessattis, ayyaanni Du’aa Ka’uu hiika fannoo beekuu akka barbachisu himanii; guyyaan har’aa guyyaa fannoon burqaa nagaa ta’ee ittimul’ateedha. Kanaaf, hordoftootni amantichaas kana hubachuun rakkoo jiruuf furmaata karaa nagaan dhama’uun furmaata biyyaaf ta’uu qabu jedhaniiru.

Guyyaa ayyaanaa kanatti, namoota harkaqal’eeyyii, sababoota gargaraatiin qe’eesaaniirraa buqqa’an gargaaruun akka ayyaaneffatan dhaamaniiru. Bataskaanni Katolikii Itoophiyaa dhaabbilee tola ooltummaa Itoophiyaa keessaatti argaman waliin ta’uun naannawa walittibu’iinsi mudateefi hongeedhaan miidhamanitti gargaarsa taasisaa jirti.

Pirezdantii Waldaa Kirstaanaa Warra Wangeelaa Makaana Yesuus Itoophiyaa Luba Doktar Yoonaas Yiggazuu hordoftoota amantichaa hundaan baga guyyaa ayyaana Du’aa Ka’uu Yesuus Kiristoosiin isin gahe jedhaniiru.

Ergaasaanii keessatti hiikaan dhoksaa Du’aa Ka’uu nagaafi araarama. Kirstoos nagaa buusuuf nagaan dhama’uu himanii; hordoftootni amantichaas osoo nama sanyiifi qomoodhaan adda hinbaasin nagaa buusuuf nagaan dhama’uu qabu jedhan.

Hundumuu dhoksaa kana hubachuudhaan osoo nama adda hinbaasin walii waliisaaniif ittigaafatamummaa qaban yaadachuu qabu. Ayyaanni kun wayita ayyaaneffatamu namoota harkaqal’eeyiifi sababoota adda addaatiin qe’eesaaniirraa buqqa’an gargaaruun ayyaaneffatamuu akka qabu waamicha dhiyeessaniiru.

Pirezdantiin Gamtaa Waldaalee Kiristaanaa Warra Wangeelaa Itoophiyaa Paastar Tsaadiquu Abdoos hordoftoota amantaa Kiristaanaa biyya keessaafi ala jiraniif baga ayyaana du’aa ka’uu bara 2016n nagaan isin gahe jedhaniiru.

Guyyaan Du’aa Ka’uu guyyaa dhiifamni dhala namaaf ta’ee Waaqaafi dhala nama gidduutti araarri  bu’e agarsiisa. Guyyichi guyyaa haaloo ba’uun hafee dhiifami ta’e ta’uu himanii; duudhaan kun akkuma biyyaattiuu ammas barbaachisaadha jedhaniiru. Ayyaanichi harkaqal’eeyyii gargaaruun akka ayyaaneffatamu dhaamsa dabarsaniiru.

Gammachuu Kadiriin

BARIISAA SANBATAA Ebla 26 Bara 2016

Recommended For You