Dayaasporaan Oromoo ayyaana Irreechaa aantummaan hirmaataa jira

Finfinnee: Dayaasporaan Oromoo kabaja ayyaana irreechaa biyya keessaafi alaatti hirmaannaa ho’aa taasisaa jiraachuun ibsame.

Dura Taa’aa Ittaanaan Waldaa Dayaasporaa Itoophiyaa Obbo Dammaqaa Nagaasaa Roobii darbe Dhaabbata Pireesii Itoophiyaaf akka ibsanitti, dayaasporaa hedduun kabaja ayyaana Irreechaarratti argamuuf biyya seenaa jiru. Hubannoo midiyaaleen hawaasa Irreechaarratti afaanota garaagaraan uumaa jiraniifi hojiin waldaan dayaasporaan hojjetames olaanaadha,

Namootni biyya hambaa dhufan viidiyoo kabaja ayyaana Irreechaa kana duraa ilaalanii ayyaannichi akka ayyaanota biroo meeshaalee akka qawwee, eeboofaa osoo hintaane marga qabachuun kan kabajamu ta’uusaatiin ayyaana nagaafi jaalalaa ta’uu dhugaa ba’aa jiraachuu ibsanii; fedhiin uffata aadaa Oromoo bitachuuf jirullee daran olaanaa ta’uu dubbataniiru.

Haaluma walfakkaatuun Ittigaafatamaan Dhimma Dayaasporaa Oromoo Obbo Amiin Jundii gamasaaniin akka jedhanitti, ayyaana irreechaa Finfinneetti kabajuun firii wareegama qaalii kaleessaa keessaa tokko ta’uu dayaasporaan Oromoo bareechee amana. Hirmaannaan taasisaa jirus kallattuma kanaani. Obboloota saba biroo ala jiran waliinis ayyaanicha tokkummaan kabajuuf sochii taasisaa jira.

Dayaasporaan Oromoo hedduun kabaja ayyaana Irreechaaf dhufuu himanii; kanneen hafanis biyyoota hambaa garaagaraa keessatti ayyaanicha kabajaa akka jiran dubbataniiru.

Akka isaan ibsanitti, dayaasporaan Oromoo yeroo kamuu caalaa hirmaannaa siyaasaafi dinagdee bal’aa taasisaa jira. Ammaan tana hirmaannaa dayaasporaatiin manni barumsaa oolmaa daa’immanii qarshii miliyoona 15n magaalaa Adaamaatti ijaaramaa jira. Hedduunis gara biyyaa dhufuun misooma qonnaarratti hirmaachuun hawaasaafi biyyasaanii jijjiiruurratti argamu.

Dayaasporaan Oromoo akka kaleessaa odeeffannoo dogoggoraatiin mootummaarratti dhagaa darbachaa hinjiru. Inumaayyuu mootummaan danqaawwaniifi shira hedduu itti xaxamu keessa taa’ee biyya gaggeessaa jiraachuu qabatamaatti dhufanii arguun humna ta’uufiirratti argamu. Olola jibbiinsaa waltajjii addunyaatti adeemsifamus dhugaa qabatamaan fashaleessaa jiru jedhan.

Ayyaanni Irreechaa ayyaana galateeffannaa waan ta’eef tokkummaafi jaalala biyyattii cimsuu keessatti taate akka carraatti ilaalamuudha jedhanii; hundaa ol garuu abbaan jijjiirama biyya kanaa Qeerroofi Qarreen Oromoo kabajni ayyaanichaa akkuma maqaasaa jaalalaafi nageenyaan akka kabajamuuf aantummaa addaan hojjechuu akka qabanis dhaamaniiru.

Qeerroofi Qarreen Oromoo duudhaa mataasaanii bira darbuun biyya tiksuufi ijaaruu keessatti quuqamaan tarkaanfachuu akka qaban himanii; sochii diigumsa biyyaa gama kamiinuu taasifamu qolachuun gaheesaanii ta’uu hubachiisaniiru.

Dayaasporaan Oromoo kan kaleessa goolii kaasaa tureef biyyasaa jibbee osoo hintaane mirga biyyasaa jaalachuu sarbuusaarraa kan ka’e ta’uu yaadachiisanii; yeroo ammaa garuu rogawwan maraanuu dhimma biyyasaarratti akka hirmaatuuf mootummaan waamicha bal’aa taasisuu dubbataniiru.

Waaqshuum Fiqaaduutiin

BARIISAA SANBATAA Fulbaana 26 Bara 2016

Recommended For You