Gumaacha Oromoon ijaarsa biyyaafi eenyumaasaaf gochaa ture

Kutaa 2ffaa

Karaa biraatiin lammii Iskootish kan ta’e James Bruce bara 1769 Kaaba Itoophiyaa, Aksum, Gondoriifi biyya Oromoo Hara Xaanaa gara Kibbaa daawwate yaada Oromoon biyya Sudaan keessaa gara Itoophiyaa har’aatti babal’achuu hinoolu jedhu ibse. Jedha. Haata’u malee, yaada kana kan caalmaatti gabbisu ragaa seenaa afoolaa ykn arki’oloojii hindhiheessine.

Yaadni Biruus dhiheesse garuu xiinxala hariiroo Oromoon hortee Kuush waliin qabuufi seenaa horteen Kuush qarooma laga Naayil waliin qaba jedhamuuf bu’uura ta’a. Barreeffama seenaa Itoophiyaa ammayyaa keessatti ilaalchi madaalamaan akka hinjirre barreeffamoota adda addaarraa hubachuun ni danda’ama.

Seenaan sochii Oromoo Bareentuufi Booranaa jaarraa 16ffaa akka godaansaatti yoo barreeffamu, walitti bu’iinsi mootummaa Abisiiniyaafi Islaamaa jaarraa 16ffaa sababa ka’umsa waraanichaa Mootummaa Islaamaa taasisuun waraanichi weerara Ahmad Giraanyiin moggaafame.

Weerarriifi aggaammiin mootummaa Sanyii Salamoonawaa jaarraa 13ffaa irraa eegalee hanga xumura jaarraa 19ffaatti taasise ummattoota Gaanfa Afrikaa nagaa dhorkate garuu akka hojii qulqulluu biyya ijaaruuf taasifametti fudhatame. Kanaaf barreeffama seenaa Itoophiyaa keessatti kaan abbaa biyyaa kaan immoo keessummaa taasisuun barreessuun waanuma baratameedha. Oromoonis ummattoota abbaan biyyummaasaanii barreeffama seenaatiin haalamuu yaalame keessaa tokko.

Barreeffamoonni Itoophiyaa keessatti saboota akka Oromoorratti ilaalcha kana keessatti barreeffaman hedduun ilaalcha tuffii warri koloneeffattoonni Awurooppaa Afrikaarratti calaqqisan wajjin walfakkaata. Qorataan afaanii lammii Ingilizii Ulendroff keessa bahee “Oromoon bu’aa qarooma biyya Itoophiyaaf buuse hinqabu; aadaan qabatamaafi sadarkaan gurmaa’innisaanii ummata ollaa isaaniitiin gadi” jechuun akka barreeffamaa ture ni yaadatama.

Cimina gurmaa’ina Sirna Gadaafi dandeettiifi hoggansa waraanaa Oromoo yeroo sanaa kan Abbaan Baahiree irra deddeebi’ee faarse haaluu yaalu. Kana malees, raakama siyaasa Abisiiniyaa jaarraa 16ffaa booda dhalateef sochii Oromoo sababa taasisa. Barreessitoonni yaada kanaan liqimsamanis Oromoo akka lammii Itoophiyaa alaa dhufeetti ibsu. Barreeffamni Alaqaa Taayyee bara bulchiinsa Minilik barreeffame seenaa Oromoof boqonnaa tokko kenneera.

Haata’u malee, guutummaatti ilaalcha aadaa Amaaraatiin waan guutameef akka waan Oromoo Kaaba Itoophiyaa hundi eenyummaan isaa jijjiirameetti ibse. Barreeffamni Atsimees karaa isaa Oromoo akka weerartuu addaatti ilaaluun “Utuu Amaarri Goojjam, Dambiyaafi Tigraay hinittisne ta’e, Oromoon akka galaana biyya Misiraa akka weeraruu danda’u eeree humni waraana Oromoos bara bulchiinsa Minilik akka burkutaa’e” ibsa.

Barreeffamni Ullendrof, Alaqaa Taayyeefi Huntingford barreeffama seenaa Itoophiyaa keessatti qorannoon seenaa ummataa ilaalcha giddugaleessaan (center-periphery) haguuggamuu isaanii calaqqisa. Ilaalcha sana keessatti raawwiin Mootummaa Kiristaanaa yookaan ummata Habashaa akka biyya ijaaruutti yoo ilaalu gochi saboota kan biroo keessattuu sochiin konfederaasii Booranaafi Baaarentuu akkasumas bulchiinsi Giraany akka biyya diiguutti ilaalamaa turan.

Keessattuu sochiin konfederaasii Booranaafi Baaarentuu barreeffama Itoophiyaa keessatti akka raawwii dhala namaa utuu hin ta’iin akka balaa uumamaa adabbiif mootummaa Kiristaanaatti ergameetti ilaalame. Ilaalchi barreessitoota akka Alaqaa Taayyee, Huntingford, Ullendroff, Geetaachoo Haayileefi Masfin Waldamaariyamiin calaqqise barreeffama seenaa Itoophiyaa ammayyaa keessatti bo’oo ilaalcha seenaa dabee babal’iseera.

Haata’u malee, haala kana keessa otoo jiruu qorannoon Asmaroom Gadaa irratti bara 1973 gaggeesse akka waliigalaatti ummata gama Kibba Itoophiyaaf xiyyeeffannoon akka kennamu taasiseera. Kitaabichi xiyyeeffannoo bulchiinsa Gadaaf, keessattuu Oromoo Booranaaf xiyyeeffannoo kennuunsaa qorannoo seenaa keessatti kallattii kan jijjiiredha.

Ilaalchaafi aadaa seenaa barreessuu Itoophiyaa cabsuu irra darbee qorannoo hawaasa seenaan isaa dagatameef xiyyeeffannoo waan kenneef qorannoo ummataa keessatti bu’uura ta’e. Deebiin qorannoo kanaaf gama ilaalcha giddugaleessummaatiin kenname barreeffama ittisaati. Garuu, addatti qorannoon Donald Levine bara 1974 maxxanfame xiyyeeffannoo qorannoo ummataa giddugaleessarraa gara ummattoota kana dura carraa qorannoo hin arganneetti taasiseera.

Kana malees, ilaalcha giddugaleessummaa xiinxaluun seenaa hawaasummaafi aadaa ummata Itoophiyaa gara Kibbaa kan qoratan ‘Wendy James fi Donald Donham’ qorannoo fuulduratti adeemsifamuuf karaa baneera. Ragaa barreeffamaa gita bittootaafi ragaa afoolaa irratti hundaa’uun seenaa ummattoota kana dura hinqoratamiin qorataniiru.

Jijjiiramni guddaan gama qorannoo Oromoon mul’ate karaa beektota Oromooti. Keessumaa baroota 1980moota irraa eegalee qorannoon seenaafi aadaa Oromoo irratti mala qorannoo haaraan dhihaatan ilaalcha barreeffama seenaa Itoophiyaa xiinxaluufi diiguu danda’aniiru. Kanneen keessaa qorannoon Dhinsaa Laaphisaa, Lamuu Baay’isaa, Nagaasoo Gidaadaa, Mahammad Hassan, Tasammaa Taa’aa, Abbaas Hajiifi kan biroo bu’uura qorannoo Oromoo tahaniiru. Kanneen keessaa qorannoon Nagaasoofi Mahammad Hassan dhaha Sirna Gadaa irratti hundaa’ee barreessan bu’uura qorannoo Oromooti. Qorannichi aadaa seenaa barreessuu Itoophiyaa haalaan kan xiinxale yoo ta’u, gama seenaa Oromootiin kallattii seenaan sabichaa ittiin barreeffamuu qabu ifatti agarsiiseera. Dhaabbataan hariiroo Oromoon Maccaa, Tuulamaa, Bareentuufi mootummaa Shawaa, Goojjam, Turkii, Misiraafi Amiirota Harar, akkasumas Poorchugaal wajjin qabu haalaan ibsa.

Qorannoon Tasammaa Taa’aa waraana gita bittoota Abisiiniyaafi Mootolee Maccaa gidduu jaarraa 19ffaa keessa ture mul’isa. Qorannoon isaa adeemsa jijjiirama hawaas dinagdeefi siyaasaa Oromoo Maccaa, waldorgommii mootoleen humna jabeeffachuuf qabiyyee daangaarratti qabaniifi akkaataa adeemsi sun kufaatii Sirna Gadaaf sababa ta’e haalaan ibsa.

Xiyyeeffannoo qorannoo kanaa kan ta’e kan biroon xiinxala waraana daangaa babal’ifannaa jaarraa 19ffaa fi adeemsa bulchiinsa mootummaa giddugaleessaa Itophiyaa waliin tureedha. Toora walfakkaatuun qorannoon Martitin Pe, Salviacfi Abbaas Hajii seenaa qabsoo Oromoon Arsii sirna Nafxanyaa ofirraa ittisuuf waraana Raas Daargeerratti taasise sirriitti ibsa.

Kana malees, qorannoon seenaa Lammiilee Xaaliyaaniin Truilzifi Marco Bassi Oromoo Maccaafi Boorana irratti gaggeessan guddina qorannoo seenaa Oromoo keessatti gahee olaanaa qaba. Boqonnaa kana keessatti hariiroo Oromoon saboota Afrikaa Bahaa kan biroo waliin qabu ibsuu yaalla. As keessattis walfalmii Oromoofi mootummoota akkasumas hawaasa Baha Afrikaa waliin qabaataa ture xiinxalla.

Oromoo Jaarraa 16ffaa Keessaa

Ragaan seenaa ummattoota Baha Afrikaa keessattuu kan bara gidduugaleessaa qabatamaafi bifa quubsaa ta’een ibsu hin argamne. Seenaan kennamus ragaa qabatamaatiin waan hin deeggaramneef amansiisaa miti. Barreeffamoonni karaa mootummaa Habashaafi Sulxaanota Islaamaa jiranis ibsa waa’ee mootummaa Kiristaanaa, Islaamaafi ummattoota kan biroo irratti yaada madaalamaa hin qaban.

Garee ofii faarsuu, garee kan biroo immoo abaaruun, waraana daangaa babal’ifannaa ofii hojii eebbisamaa akka ta’e barreessaa kan biroo immo hojii jinnii taasisuun barreessan. Adeemsa akkasii keessatti ummanni tokko lammii, kaan immoo biyya kanaaf alagaa taasifamee barreeffame

Kanaaf akka waliigalaatti beekumsi seenaa ummattoota Itoophiyaa keessattuu kan Oromoo jaarraa 16ffaafi isa dura jiru loogiin kan guuttameedha. Kunis sababa gurguddaa lamaaf ta’a: dhabiinsa aadaa barreeffamaafi qorannoo seenaa Itoophiyaa keessatti dagatamuu yookaan irra darbamuuti. Oromoon seenaafi aadaa ofii barreeffamaan utuu hin ta’iin argaa dhageettiin dhalootarraa dhalootatti dabarsa. Aadaan kunis afoola guddisuu keessatti shoora olaanaa haa qabaatu malee seenaan hawaasichi dabarse qabatamaan katabamee akka dhalootatti darbu taasisuu hin dandeenye.

Sababa kanaaf hanga guyyaa bilisummaa Afrikaatti (1960mootaatti) afoolli akka ragaa seenaa qabatamaatti waan hinfudhatamneef ummattoonni afaan barreeffamaa kan hin qabaatiin seenaa hin qaban jedhamaa ture. Kun immoo kaayyoo kan biroo dabalatee qorannoo seenaa Itoophiyaa keessatti seenaan Oromoo akka irra darbamu yookaan dagatamuuf sababa ta’eera.

Sababiin inni lammaffaan ta’e jedhame seenaa Oromoo bira darbuufi ummata gama siyaasaa, dinagdeefi hawasummaa ijaarama isaarratti loogii hojjetamaa ture ta’uu isaati. Qorannoowwan hanga ammaatti mul’atanis haala seenaa waliigala yeroo sanaarratti hunda’uun tilmaama ofii kaa’uu irraa kan hafe ibsa quubsaa hin kennan.

Barreeffamni seenaa Oromoo ibsus akkuma armaan dura eerame ilaalcha madaalamaa hin qabu. Waa’een Oromoos kan barreeffame dhimma mootummaa Habashaa keessatti barbaadamee waliin walqabsiifameeti. Akka waliigalaatti garuu kallattiinis ta’e alkallattiin barreeffamoonni seenaa Oromoo jaarraa 16ffaa ibsan seenaa cimina gurmaa’ina Oromoofi Sirna Gadaa utuu hin jaalatiin ragaa bahu. Seenaa barreeffamoonni kun ifaan ifatti haalaniifi deebii hin argatiin hangaafi biyya Oromoo jaarraa 16ffaatti. Kun immoo kaayyoo siyaasaaf jecha akka ifatti hin baane barbaadame.

Utuu hariiroo Oromoofi ummattoota Baha Afrikaa yeroo sana turetti hin cehiin gaaffii “Oromoon jaarraa 16ffaa hawaasa attamii ture? Eessa jiraataa ture?” isa jedhu ilaaluun barbaachisaadha. Gaaffileen kunniin yoo deebii argatan “Biyyi Oromoo eessa? Oromoon ummattoota kam waliin hariiroo attamii qabaachaa ture” kan jedhuuf deebii taha.

Asirratti toorri qaaccessa keenyaa hariiroon ummattoota Baha Afrikaa jaarraa 16ffaa boodaa bu’aa seenaa hariiroo jaarraa eerame kana dura tureeti. Akka fakkeenyaatti yoo fudhanne waraanni mootummaa Habashaafi Islaamaa “Waraana Giraany” gidduutti jalqaba jaarraa 16ffaatti raawwatame bu’aa hariiroo jaarraa sadii (13ffaa-16ffaatti) isaan gidduutti tureeti.

Seenaa hariiroo sana keessatti tokko isa kan biroo injifachuun olaantummaa walirratti agarsiisaa turaniiru. Hariiroo sana keessatti milkaa’inni Mooticha Zaaraa Yaa’iqoob walakkeessa jaarraa 15ffaa keessa Mooticha Ifaat Ahmad Badley ajjeese boqonnaa haaraa ture. Seenaa sana keessatti yeroo Sulxaanetiin Shawaa barbadaa’e giddugaleessa mootummaatu jijjiirame malee hawaasni iddoodhaa hin godaanne. Godaansi ummataa yoo jiraates kan bulchiinsa (masaraa) mootummaa waliin socho’u namoota muraasa turan. Kana jechuun sababoota rakkoolee haala siyaasaa, dinagdeefi hawaasummaatiin ummattoonni iddoodhaa iddootti hin sochoone jechuu miti. Qabxii ijoon garuu sochii wiirtuu siyaasaa yeroo hunda sochii hawaasaa hordofsiisa jechuu miti.

Ittifufa…

Obbo Alamaayyoo Hayilee: Hayyuu Seenaa yoo ta’an wayita ammaa Giddugala Aadaa Oromootti qorataa seenaafi dursaa garee seenaati.

BARIISAA SANBATAA Caamsaa 20 Bara 2014

Recommended For You