Gumaacha Oromoon ijaarsa biyyaafi eenyumaasaaf gochaa ture

Oromoon ummata guddaafi lafa bal’aa kaabaafi baha Afriikaa keessa jiruufi jiraachaa tureedha. Barreeffamni kunis irra caalaan seenaa ummata Oromoo jaarraa 16ffaa hanga jalqaba jaarraa 20ffaa irratti xiyyeeffata. Akka Kitaabni “Seenaa Oromoo Hanga Jaarraa 16ffaa” jedhutti, seenaa ummata Oromoo baroota kana gidduutti ilaaluuf sababoota gurguddoo lamaaf ka’umsaafi xumura taasifanne. Inni tokkoffaan jaarraa 16ffaa seenaa waraana daangaafi amantii babal’ifannaa akkasumas sochii ummattoota Afrikaa Bahaa waan keessummeesseef qubsuma ummattootaafi jireenya hawaasummaa, dinagdeeefi siyaasa biyya kanaa keessatti iddoo guddaa qaba.

Keessumattuu, jaarraa 16ffaan bara haaromsaa (renaissance) Sirna Gadaa Oromooti jechuun ni danda’ama. Yeroon sun bara milkaa’ina haaromsa Gadaa, gurmaa’inaafi daangaa (biyya) ofii mirkaneeffachuuti. Barri sun yeroo itti Oromoon Itoophiyaatti dhufe utuu hinta’in yeroo inni itti Sirna Gadaa haaromsatee jaarmiyaa bulchiinsaafi humna waraanaa cimaa bifa haaraan ijaarratee weerara mootummaa Abisiiniyaafi sulxaanota Bahaa ofirraa qolateedha.

Taateewwan seenaa jaarraa 16ffaa keessa raawwataman kallattii seenaa fuulduree biyya kanaa keessatti shoora olaanaa qabu. Gama biraan immoo sochii jijjiirama wiirtuu Mootummaa Abisiiniyaa Shawaarraa gara Gondoritti godheefi ijaarsa Mootummaa Itoophiyaa ammayyaa kan sakatta’uudha.

Sababni inni lammaffaa imaammanni bulchiinsa kolonii Porchugaalotaafi boodas kan Xaaliyaanii taateewwan sirna siyaasa Itoophiyaa jijjiiruu danda’u keessaa tokko ture. Barri waraana Porchugaal kan Oromoo diinummaan ramadee seenaa Oromoo akka ummata weeraraafi biyya alaatii dhufeetti itti ramadanii barreessa turaniidha. Taateen yeroo sanaa seenaa Oromoorra raawwachaa ture hanga ammaatti qabachuun kan Oromoo abbaa biyyummaa isaa haalaan morman ammas kan iyyan ni jiru.

Bulchiinsa Xaaliyaanii sirna Abbaa irree gadi qabuun toora bulchiinsa duraan ture jijjiiruuf yaaluu irra darbee sabboonummaa saboota cunqurfamoo biqilcheera. Nutis taateewwan kana ka’umsaafi xumura taasifachuun seenaa Oromoo jaarraa 16ffaa hanga jalqaba bara bulchiinsa Xaaliyaaniitti (1936) ibsuuf kan yaallu ta’a. Mootummaa dhufee darbe keessatti jijjiirama hawaas dinagdee keessatti dhiibbaa Orommoorra gahe qofa utuu hinta’in gahee Oromoon biyya kana keessatti kallattii adda addaan qabu bo’oo kana keessatti ilaalleerra.

Kitaaba “Seenaa Oromoo Hanga Jaarraa 16ffaa” jedhu bara 2006 maxxanfame keessatti seenaafi Aadaa Oromoo jaarraa 16ffaa dura ture ragaalee xiinqooqaa, seenaa, arki’ooloojii, walitti dhufeenya sabootaa Afrikaa Bahaa akkasumas seenaa wiirtuulee aadaafi siyaasa Oromoofi qaccee hidda latiinsa Oromoo waliin walqabsiifnee hanga tokko hir’ina gama qorannoo seenaa Oromootiin jiru waan guute fakkaata.

Bu’aan qorannoo sanaa ilaalcha dogongoraa dhimma Oromoorratti ture cabsuu bira darbee qorattoonni adda addaa seenaa jaarraa16ffaa Afrikaa Bahaa dura ture akka qoratan fedhii itti horee kallattii ifa ta’e agarsiiseera. Qorannoowwan ergasii barattoonni damee barnoota adda addaa qorannoo kanarratti hundaa’uun taasisan ragaadha. Itti dabalees, argannoon kitaaba sanaa sochiin ummataa jaarraa 16ffaa dura ture Kaaba irraa gara Kibbaatti ykn Baha irraa gara Lixaatti malee ibsa sochii ummataa Kibbarraa gara Kaabaatti taasifameera jedhu fashaleessuun Oromoon akkuma hortee Kuush kan biroo Kaaba Baha Afrikaa keessa waggoota kuma hedduuf jiraachuu isaafi qarooma Sulula Laga Naayil akka qooddate ragaa waliin ibsa. Kitaabni “Seenaa Ummata Oromoo Hanga Jalqaba Jaarraa 20ffaa” jedhus kanuma mirkaneesa.

Matadure kana jalattis taateewwan seenaa gurguddoo jaarraa16ffaa keessa Afrikaa Bahaa keessatti raawwataman fudhannee seenaa Oromoo keessatti ilaalla. Yeroon sun bara falmii garee Amantii Kiristaanaafi Islaamaa duula biyyoota Turkiifi Porchugaal taasiisaa ture. Itti aanees hundeeffama mootummaa Gondor waliin walqabsiifnee dhiibbaa aadaa siyaasa Oromoo irra gaheefi gahee Oromoon bulchiinsa Abisiiniyaa keessatti qabuuf iddoon kennameera. Bulchiinsa Sirna Gadaafi dhalachuu Mootummaa Nam-tokkee ykn Dhaalaa ilaalla. Keessattuu jalqaba jaarraa 10ffaa Oromoo Tuulamaa Yeshawaa Sulxaaneet jedhamuufi boodas jaarraa 19ffaa irraa eegalee Maccaa keessatti sababa jijjiirama haala amantii, dinagdeefi hawaasummaatiin sirni Mootii Sirna Gadaa bakka bu’uusaa hubanna.

Waldiddaafi qoodama Oromoota garee amantaa lamaan (kiristaanaafi Isilaamaa) jidduutti uumameen badiin guddaan bara dheeraaf raawwachaa kan ture yoo ta’u, kunis rakkinoota Oromoofi Oromummaaf hudhaa guddaa ta’aa tureedha. Waldiddaa Oromoo akka waliigalaatti Oromoofi humnoota alaa bara Porchugaalotaa irraa eegalee hanga bara dhiibbaa kolonaalizimiitti gargaarsi humnoota biyya alaa weeraramuu biyya Oromoo irratti dhiibbaa guddaa qaba. Weeraraan qabamuu biyya Oromoo yoo ilaallu diibbaalee waliigalaa duula Itoophiyaa hundeessuu keessatti wareegama guddaan akka gahaa ture hubachuun ni danda’ama. Xumurarrattis hundeeffama “Itoophiyaa Ammayyaa” (1855-1936) keessatti Oromoo gahee olaanaa qaban gabaabinaan ilaalla.

Oromoofi Seenaa Ummattoota Afrikaa Bahaa jaarraa 16ffaa keessa

Barreeffamoonni seenaafi xiinhawaasaa ilaalcha Semetikiin faalaman ragaa sobaa dhiheessuun hundee ummata Oromoo Afrikaa ala taasisu. Ilaalchi kun barreessitoota Habashaafi deeggartoota isaaniitiin waggoota dheeraaf irradeddeebi’amee calaqqiseera. Kana keessatti barreeffamni Abbaa Baahiree (bara 1593) shoora guddaa qaba. Duula buttaa Oromoon jaarraa 16ffaa irraa eegalee Madda Walaabuutii gara kallattii adda addaatti taasise barreeffama Abbaa Baahiree ragaa taasisuun biyya Oromoo Itoophiyaa ala ykn Kibba Itoophiyaatti gadi butu. Imaammata “Sobni yoo irradeddeebi’ame dhugaa ta’a!” jedhu qabatanii barreeffama Abbaa Baahiree keessaa jecha “Galaana Gama” jedhu qofa luqqisanii fudhachuun akka Oromoon baar gamaa dhufe fakkeessanii barreessaniiru.

Akka Baahireen barreessetti, yeroo inni bataskaana Gaamoo jirutti, Oromoon “Laga biyya isaanii Galaana jedhamu cehanii dhufan” jedha. Barreeffama kanarraa yaada quubsaa ta’e argachuun sababa lamaaf hindanda’amu. Tokkoffaa, kaayyoon barreeffama Baahiree seenaa dhugaa barreessuuf hinturre; ragaa dhugaa irrattis kan hundaa’e miti. Kaayyoon isaa gurmaa’inaafi dandeettii waraana Oromoo yeroo sanaa mootummaa Kiristaanaaf ibsuuf ture. Sababa kanaaf walitti bu’iinsa mootummaa Abisiiniyaafi Oromoo gidduu yeroo sana ture ilaalchisee yaada madaalamaa hinqabu.

Mootummaa Abisiiniyaa faarsee, Oromoo abaaree, tuffatee barreesse. Lammaffaa, lagni “Galaana” jedhamuufi bataskaanni Gaamoo eessatti akka argaman sirriitti hin ibsine. Lagni “Galaana” jedhamu hedduun Oromiyaa keessa jira. Darbees Bataskaanni Gaamoo jedhamtuufi umurii yeroo sanaa qabdu Goojjam keessa naannoo Haroo Xaanaa akka jiru ragaan ni ibsa. Kana malees, Gaamuufi Haagara Maaraano konyaa Kaaba Shawaa lafa Baasoofi Warraanyaa gara Kibbaatti argamu lafa bal’aa Oromoo warra Abbichuufi Jiddaa irratti argamuudha.

Atsime Goorgis seenaa Oromoo waggaa dhibba afurii yoo barreessu, fedhii Mooticha Minilik guutuuf akka ta’e hubachuun nama hin rakkisu. Kitaabni Alaqaa Taayyee (Ye Itoophiyaa Hizibi Taarik) seenaafi aadaa Oromoo haaluu bira darbee ilaalcha dogongoraa barreessitoonni isa dura turanii irra deebi’ee ibseera. Akka inni barreessetti, Itoophiyaa keessatti sadarkaa sabaarra kan gahan ummata Amhaaraafi Tigree qofa. Ulaagaa isaa immoo bal’inaan ibsuu irraa ofqoqqobeera.

Haaluma walfakkaatuun Mootichi Hayilasillaaseen qomoo Oromoo yoo qabaatullee, maallaqa guddaa ramaduun seenaa barreessitoota biyya Isiraa’eliifi biyyoota Awurooppaa adda addaa qacarachuun duula seenaa xureessuufi eenyummaa Oromoo balleessuu bal’inaan akka gaggeeffamu godheera. Jaarraa 16ffaa dura yeroo Oromoon giddugaleessa Itoophiyaa qabate jedhamu dura saboota kamtu ture gaaffii jedhuuf immoo akka isaanitti deebiin hinjiru. Ykn sanyiidhuma isaanii akka ta’an ibsu gama tokkoon of ijaaraa gama biraan of diiguun kanuma mootii Hayilaaseen akakaayyuu Guddisaa Dhaabaa Nagawooti. Kun eenyummaa ofii haaluuf ykn of wallaaluu irraa kan ka’e ta’uuf dhiisuun wanti barame hinjiru.

Ittifufa

Obbo Alamaayyoo Hayilee: Hayyuu Seenaa yoo ta’an wayita ammaa Giddugala Aadaa Oromootti qorataa seenaafi dursaa garee seenaati.

BARIISAA SANBATAA Caamsaa 13 Bara 2014

Recommended For You