Kutaa 2ffaa
Akkaataa barreeffama seenaatiin ragaaleen kun hundi erga madaalamanii xiinxalliin godhamee booda seenaan ni barreeffama. Seenaan ragaaleewwan kana hordofee barreeffames hanga tokko seenaa dhugaatti hiiqudha jedhanii fudhachuun ni danda’ama. Kana ta’uu baannaan seenaan barreeffamu seenaa osoo hintaane “barruu gabaa” ykn “qaboo yaa’ii” qaama siyaasa tokkoo ta’a jechuudha.
Jecha qaboo yaa’ii ykn barruu gabaa jedhu kana sababa malee hinfayyadamne. Sababni isaas seenaa saboota biyya kanaa warri barreessaa turan (hunda ta’uu yoo baates) qaboo yaa’ii ykn barruu gabaa dhaabbilee qaama siyaasa tokkoo warra qabaa (barreessaa) turan jechuu nama dandeessisa. Fkn. seenaa biyya kanaaf bu’uura ragaa seenaa kan ta’an keessaa tokko warra seenaa jireenya moototaa barreessaa turan yoo ta’an, isaanis “Zeenaa Mawaa’il” jedhamuun beekamu.
Jarreen kunis seenaa yeroo sanatti ta’ee darbe sanaaf itti dhiyeenya waan qabaniif seenaa dhugaa ta’e tokko barreessuuf carraa guddaa kan qaban turan. Ta’anillee, warra kaayyoo siyaasa yeroo san gaggeeffamu hordofan keessaa filatamu waan ta’eef dhugaa seenaa barreessuurra waan mootota isaanii hingaddisiifneefi hindallansiifne barreessuun dirqama isaaniiti. Sababiin isaas takka takka nyaachisa adda addaa irratti “Mee har’a waan galmeessitan nuuf dubbisaa” waan jedhamaniif seenaa mootota isaanii gammachiisu qofa barreessuuf ni dirqamu.
Haa ta’u malee, seenaan saba tokkoo sababa adda addaatiin osoo hinbarreeffamin turuu danda’a. Saboota akkasiitiin seenaa hinqaban jechuu hindandeenyu. Seenaan sabasaanii barreeffamuufi hinbarreeffamneen wanna biraa ta’ee sabni seenaa hinqabne garuu hinjiru. Namni tokko dhuunfaa isaatiin iyyuu seenaa jireenya mataa isaa dhalootaan ni qabaata waan ta’eef. Seenaa Oromoo wanni qunnames kanuma. Seenaan Oromoo yeroo hedduuf osoo hinbarreeffamin waan tureef ummata seenaa hinqabne jechisiiseera. Kunis hiri’ina guddaa Oromummaa keessatti mul’achaa tureedha. Rakkoon kunis kan uumamuu danda’e kanaan dura seenaan ifaan barreeffameefi bilchina qabu waan hinturreefidha.
Barreeffama seenaa kana barreessuuf kan nu deeggaru guutummaan guutuutti arganneerra yoo jechuu baanneyyuu, hanga danda’ame barreeffamaan deeggarreerra. Ta’ullee irra caalaa kan inni xiyyeeffatee barreeffame afoola manguddootaatiin ta’uu ibsina. Afoollis gaheen qormaata seenaa keessatti qabu salphaa miti. Kana ilaalchisee barreessaan ‘John Hamer’ jedhamu yeroo seenaa saba Sidaamaa barreessetti faayidaa afoolli seenaa keessatti qabu akkas jedheera. “As is true wherever peoples have no written histories, it is necessary to resort to the oral traditions and genealogies… in order to reconstruct the broad outlines of their origins and early existence.”
Yaanni armaan olitti kaa’ame kun Afaan Oromootti yoo hiikamu akkuma dhugaatti beekuun danda’amutti, seenaa ummataa bifa barreeffamaan hinjirre tokko duubbatti deebi’anii ijaaruuf maddaafi jireenya isaanii mirkaneeffachuuf afoolliifi hiddi latiinsaa bakka guddaa qaba yaada jedhu of keessaa qaba.
Nutis yaaduma kana dhugoomfachuudhaan Seenaa Oromoo afoolaafi hidda latiinsaa irratti hundoofnee jaarraa 16ffaan dura Oromoon biyya kana keessa akka jiraataa ture hubanneerra. Ammas gaheen ragaan afoolaan argamu salphaatti akka hinilaallamne barreeffama ‘Jan Vansina, “Oral Tradition as History” jedhu keessatti yaada armaan gadiitu jira.
“Oral traditions had a part to play in the reconstruction of the past. The importance of this part varies according to place and time. It is a part similar to that played by written sources because both are messages from the past to the present, and messages are key elements in historical reconstruction. When writing fails tradition comes on stage. This is wrong wherever oral traditions are extent they remain an indispensable source for reconstruction. They correct other perspectives just as much as other perspectives correct it.”
Barreeffama kanarraa wanti hubatamu jira. Kunis ragaaleen afoolaan argaman akkuma ragaalee barreeffamaa ergaa akka dabarsaniifi ijaarsa seenaa darbee keessatti seenaa barreeffamaan jiru waliin akka ragaaleetti yoo xiinxalaman gahee wal qixa ta’e akka qabaniif, seenaa dogoggoraan barreeffame sirreessuu akka danda’aniif, ofiis ittiin sirreeffamuu akka qaban hubanna. Nutis kaayyoon keenya seenaa Oromoo afoola manguddootaatiin sirreessuufi kan sirriitti barreeffames cimsuudha. Kana raawwachuuf egaa, hojii addaatu haala addaatiin hojjetame jechuu ni dandeenya.
Hojii kana maaltu adda taasisa? Gaaffiin hojii kana maaltu adda taasisa jedhus ka’uu ni mala. Qormaata Seenaa kana wantoota adda godhan keessaa inni tokkoofi olaanan seenaa Oromoo hanga jaarraa 16ffaatti isa jiru barreessuudha. Kanas adda kan taasise hanga ammaatti seenaa barreessitoonni biyya keessaas ta’an biyya alaa Seenaa Oromoo jaarraa 16ffaa booda kan jiru irratti kan xiyyeeffataa turan malee Seenaa Oromoo jaarraa 16ffaan dura jiru sakatta’uuf jabinaafi kaka’umsa kan qaban hinturre.
Kanaafuu seenaa kana kan adda godhu seenaan kun Seenaa Oromoo hanga jaarraa 16ffaa isa jiru sakatta’uuf kan yaalame ta’uusati. Kana malees kan qorattoonni seenaa hanga ammaatti madda sabichaa Kibba Itoophiyaatti hidhaa turan kan faallessuufi tarii maddi Saba Oromoo ykn sochiin sabichaa jalqaba Kaabaa gara Kibbaatti ta’uu barreeffama ciminaan ibsu keessaa hanga ammaatti isa olaanaadha jennee amanna.
Babal’inni Oromoo Kaabaa Kibbatti yeroo jennu dubbistoonni waan tokko akka nuuf hubattan barbaanna. Kunis kan Oromoon akka Oromummaa isaatti Kushoota kaan irraa afaaniifi aadaa isaa qabatee fottoqee sochii Kaabaa Kibbatti adeemsise jechuudha.
Boodarras dhiibbaa adda addaa duula Giriikotaa, Pireeshiyaanotaafi Turkotaa irraa kan ka’e Oromoon gadi dhiibbamaa dhufeera. Kuun immoo sabummaan isaanii jijjiiramee achumatti hafaniiru. Fkn. kanneen akka Ummata Nuubiyaa, Marrawwaafi kkf. akkasumas haftee Oromootaa kaasuun ni danda’ama.
Dhiibbaa yeroo boodaa kanas yoo ta’e, irra caalaa kan buqqa’aafi dhiibbamaa adeeme hawaasa Oromoo mara ykn hunda osoo hintaane gidduugala amantaafi siyaasa isaati. Walumaagalatti qormaata kana keessatti wanti ifa ta’e Oromoon qubsuma isaa amma qabatee irra jiraatu kana jaarraa 16ffaan dura bara dheeraaf qabatee irra jiraachaa akka tureedha. Inumaayyuu mootota durii Aksumirratti mo’aa turan dhaloota Kiristoos dura bara 321 keessa Atsee Fantaalleefi Ilmi isaanii Mootii Cilaaloon akka ragaa guddaatti kan fudhatamuudha.
Qorannoon Seenaa Oromoorratti gaggeeffame kun gara fuulduraatti seenaa biyya kana keessatti adeemsifamuuf bu’uura ragaa guddaafi tarii jijjiirama seenaa biyyattii keessatti gahee guddaa qaba jennee amanna. Kunis akka amantaa keenyaatti waliin jireenyaafi walitti dhufeenya sabaafi sablammiiwwan biyya kanaa hunda caalaa kan cimsuufi jabeessu, akkasumas jijjiirama amalaafi hawaasaa fida jennee yaanna. Seenaa Oromootiifis bu’uura haaraa ta’a jennee yaadna.
Qorannoo Seenaa Oromoorratti kanaan dura adeemsifamanii kitaabota barreeffaman kamiiyyuu caalaa kitaabni kun Orom Duroo (Orom Kontom), gosaafi balbaloota Oromoo adda addaa qabatee kan baheedha. Kunis kitaabni kun adda ta’uusaa kan mul’isuudha. Hunda caalaa ammoo kitaaba kana adda kan isa godhu, yeroo darbeef haala kanaan dura hinturreen baajanni piroojektii qormaata kanaaf eeyyamameen yeroo dheeraaf irratti kan hojjetameefi dhama’a yeroo dheeraati.
Kitaabni seenaa kun maleenya qorannoo lama kan of keessatti hammateedha. Isaaniis maleenya qorannoo seenaafi xiinaadaa (Historical and Anthropological approach) kan jedhamaniidha. Kunis maleenya wal deeggaruufi wal gargaaru akka ta’e hayyuu ‘Jan Vansian (1985) ni deeggara. Dabalataanis mala ittiin hojjetame ilaalchisee hayyoonni seenaa kana qoratan sakatta’a ragaalee barreeffamaa Yuunivarsiitiifi Koolleejjota Finfinnee keessa jiran keessatti yeroo dheeraaf adeemsisaniiru.
Kana boodas, gaaffileen sakatta’a Afaan Oromoofi Amaaraatiin aloolaaf qophaa’an hojiirra oolaniiru. Hayyuun tokko ammoo waggoota lamaaf hojii ragaa barreeffamaa walitti qabuu kanaratti hojjeteera. Kana males, aloola jidduu jidduutti hojii mana kitaabaatiin mata dureewwan seenaa shanirratti sakatta’iinsi ragaa adeemsifameera.
Bakka armaan olitti tuqaman Oromiyaa keessaa yoo xiqqaate aanaalee sadii sadii godinaalee Oromiyaa hunda keessa manguddoota gaafachuun erga irratti waliigalamee booda, manguddoonni filataman ammoo danda’ina kaayyoo barbaadamaniif (Purposive sampling) qabaachuusaanii erga addaan bahee booda haala kanaan filachuudhaan odeeffattoota 10-20 matamataan aanaaleerraa ragaalee afoolaa nuuf kennaniiru. Kanaanis ragaaleen kuma tokko kan walitti qabaman yogguu ta’u, kunis jildii 400n qindeeffameera. Kan qindeeffaman kun mata duree shanirratti yeroo ta’u, amma kitaabni bahe kun mata duree tokko qofa ta’ee isa tokkoffaafi isa duraati.
Obbo Alamaayyoo Hayilee: Hayyuu Seenaa yoo ta’an wayita ammaa Giddugala Aadaa Oromootti qorataa seenaafi dursaa garee seenaati.
BARIISAA SANBATAA Caamsaa 6 Bara 2014