Uummata Oromoofi seenaa biyyaa keenyaa

Sabni tokko dhuunfaadhaanis ta’e gamtaadhaan jiraachuuf beekumsi dhalootaafi yeroo darbee (knowledge of the past) yoo jiraatedha. Namni beekumsa seenaa hinqabneefi faayidaa seenaa hinbeekne quuqaan eenyummaa (sense of identity) itti hindhaga’amu. Murtii sirrii ta’e (intelligent decision) fudhachuuf ni hadooda. Murtii inni fudhatus faayidaan ala ta’a.

Sabni tokko ykn namni tokko waa’ee eenyummaasaa baruufis ta’e walitti dhufeenya sabni qabaachaa tureefi jiru baruu kan danda’u yoo seenaa isaa kan darbe beeke qofa. Namni tokko dogoggora ofii sirreessee karaa dhugaa ta’etti godaanuu kan danda’u seenaa darbe yoo beekedha. Kana ta’uu baannaan badii seenaa darbe deebisee dalaga.

Jireenya ilmaan namootaa seenaa darbe keessatti kaafnee yoo ilaaluu baanne kan har’a irra jirru baruufis ta’e hubachuuf ni rakkanna. Kaleessi yoo hinjiraanne har’i hinjiru. Har’i yoo hinjiru ta’e immoo boru ni dhufaan tasumaa hin yaadamu. Kanaaf isa har’aa baruuf kan boruu tilmaamuuf isa kaleessaa qorachuun barbaachisaadha.

Sochiin ummataa yeroo darbe godhame, cunqursaan isa humna qabuun kan humna hinqabnerratti adeemsifame, ilaalchi siyaasaa, raawwachaa ture beekumsi waa’ee artiifi aadaa, muuxannoon barnootaa, amalli namaa hundi bu’aa isa darbeeti.

Kanaaf waan ta’ee darbe tokko jalaa miliquun hindanda’amu. Wanti ta’e tokko ta’ee darbeera; har’a hinjiru. Garuu wanta inni dhiisee darbetu jira.

Haala kanaan seenaan Oromoo yeroo dheeraaf bifa barreeffamaan katabamee ifa akka hintaane iccitiidhaan qabamee tureera. Kanaafis sababa adda addaa kaa’suun ni danda’ama. Kunis abbaa seenichaa kan ta’e Oromoon carraa barnootaafi aangoo siyaasaa argatee mirga afaan isaatiin baratee seenaa isaas ta’e aadaa isaa barreessuu hindandeenye ture. Warri ykn Oromoonni carraa barnootaa argatanii seenaa isaanii dhugaa ta’e barreessuuf tattaaffii gochaa turan immoo gufuu guddaatu isaan qunnamaa ture.

Seenaan saba tokkoos nama sabicha keessaa dhalateen osoo barreeffamee wayya jennee amanna. Sababiin isaas aadaa, duudhaa, afaaniifi maalummaa sabichaa waan beekuufidha. Gama biraatiin inniyyuu dhiibbaa ilaalcha siyaasa adda addaarraa walaba ta’ee yoo hinbarreessine dhalataa saba isanii qofa waan ta’eef seenaa dhugaafi dhugaatti dhiyaatu barreessa jechuun hindanda’amu. Sababiin isaas warri saayinsii seenaafi ilaalcha gaarii ta’e ilmaan namaaf qaban seenaa saba fedheeyyuu yeroo barreessan of eeggannoofi xiinxalli cimaa ta’een gargaaramanii yoo barreessan komii akkasii jalaa ba’u.

Itoophiyaa keessatti sirni mootummoota wal duraa duubaan darbaniis yoo ta’e seenaa saboota cunqurfamtootaa walumaagalattiifi seenaa saba Oromoo keessumaayyuu, akka hinbarreeffamneefi ifa hintaaneef dhiibbaa adda addaa irraan gahaa tureera. Kana kan taasises aangoon siyaasa biyya kanaa yeroo dheeraaf harka warra gita bittootaafi amantaa isaanii hordofan harka waan tureef, jarreen sunis saboota kaayyoofi amantaa isaanii hinfudhanneef seenaa yaakkaafi hamilee isaanii gadi cabsu galmeessaa turan. Bifa biraatiin ammoo olaantummaa seenaa isaaniifi aadaa isaanii ibsu bifa barreeffamaafi oduutiin dabarsaa turaniiru.

Gama biraan jaarraa 14ffaa-15ffaa keessa imaltoonni Arabootaafi Awurooppotaa kaayyoo adda addaatiif gara biyya kanaa yeroo dhufanitti seenaa saboota biyya kanaa haalli isaan ittiin galmeessaa turan yaada bilisa ta’eefi deggarsa saayinsii seenaatiin kan qophaa’e miti. Isaanis, kaayyoo amantaa gita bittootaa babal’isuufi siyaasa biyyi isaanii hordoftu galmaan ga’uuf hojii basaasummaa hojjechaa turan. Kana malees, hundeen madda odeeffannoo isaanii harki caalaan kan irraa madde namoota naannoo gita bittootaarraa waan tureef seenaan isaan galmeessaa turan kan dabtaroonni jibba qaban barreessan irraa adda hinturre.

Akkasumas hordoftoonni amantaa Islaamaa sheekonniifi qaadiiwwan adda addaa biyya Oromoo keessatti gurmaa’uudhaan aadaafi seenaa Oromoo busheessuun kaayyoo amantaa isaanii galmaan ga’achaa kan turan jiru. Akkas yeroo jennummoo barreessitoonni biyya alaatii dhufan seenaa galmeessaa turan hundi fedhaafi kaayyoo siyaasa isaanii galmaan ga’uuf qofa seenaa qoratan jechuu keenya miti. Fkn. Erike Haberland, namtichi jedhamuufi Cheeruuliin odeeffannoon waa’ee seenaafi Afaan Oromoo irratti qaban guutuu yoo ta’uu baateyyuu, seenaan isaan waa’ee Oromoo irratti barreessan ragaa bu’uura gaarii ta’e akka qabu barreessitoota addaadaatiin ibsameera.

Fkn. Afoola manguddootaa fudhachuudhaan madda Saba Oromoo bira gahuuf kan qorattoonni adda addaa ibsan irra fooyyee kan qabu yeroo ibsanitti maddi saba Oromoo naannoo baddaa Baaleeti jedhaniiru. Egaa, seenaan saboota biyya kanaa haalliif akkaataan ittiin barreeffamaa ture maal akka fakkaatu kan armaan olitti kennamerraa hubachuun ni danda’ama.

Seenaa gita bittootaafi dhaabbilee amantaa isaan hordofan qofarratti barreessuudhaan sabni biroo akka seenaa hinqabnetti fudhaachaafi amansiisa turaniiru. Haala kanaan ummanni Oromoos jiraataa biyya kanaa osoo hintaane biyya kanaaf keessummaa akka ta’eefi akka lammii lammaffaatti akka ilaallamu taasifameera. Afaan Oromoos akka hinguddanneefi hindagaagne taasifamaa tureera. Kana malees, Oromoon Oromummaa isaa akka jibbuufi tuffatamaa akka ta’e aadaa seenaafi afaan isaatti akka saalfatu godhameera. Kallattiidhaan maalummaafi eenyummaa sabichaa kan mul’isu hambaalee, hafteewwan aadaafi seenaansaa akka kan Oromoo hintaaneefi waan hunda gosa gita bittootaarraa akka baratetti fudhatameera.

Fakkeenyaaf, ummanni Oromoo horii horsiisuu qofa malee hojii qonnaa akka hinbeekneefi kanas saba Amaaraa irraa akka barate dubbatamaafi barreeffamaa tureera. Kana malees falaasamni Oromoon hundee beekumsaafi guddinaaf qabu biyya kanaaf faayidaa tokko akka hinbuufnetti fudhatameera. Fkn. Sirni Gadaa bu’uura dimokraasiifi walitti dhufeenyaafi waliin jireenya sabootaaf bu’aa (gahee) tokko akka hinqabnetti amanamaa ture. Maamiltoonni isaaniis kanuma gochaa turan.

Fkn. namtichi E. Ullendorf jedhamu tokko waa’ee Oromoo yeroo barreessetti akkas jedhee ture: “The [Oromo] had nothing to contribute to the civilization of Ethiopia. They possessed no material or intellectual culture, and their social organization was at far lower stage of development than of the population among whom they settled.” Kun garuu saba Oromootti dhiyaatee qorate otoo hinta’iin hojii barreessitoota gita bittaa Itoophiyaa fudhachuun akka ta’e shakkii hin qabu.

Jireenyiifi qubsumni Oromoo yeroo dheeraaf Kaaba Baha Afrikaa ta’uun isaafi Oromoonis ilmaan Kuush keessaa tokko akka ta’e haalame. Kana malees Sabni Oromoo jaarraa 16ffaa keessa bifa godaansaatiin biyya alaatii dhufee biyya kana akka dhuunfatetti barreeffamni adda addaa kaa’eera. Seenaan Oromoos seenaa baay’ee as dhiyoo akka ta’etti galmaa’eera. Keessumattuu madda saba Oromoo ilaalchisee barreeffamni dhiyaachaa ture sobaan kan dhuunfatameefi firii sakatta’a qormaataatiin kan deeggarame (mirkanaa’e) miti.

Jaarraa 16ffaa dura Oromoon biyya Itoophiyaa jedhamu kana keessa akka hinturreefi jaarraa tuqame kanatti biyya alaatii godaanee akka dhufeefi keessummaa akka ta’e barreessaniiru. Sadarkaa mana barnootaattis ittiin barsiifamaa tureera. Kanaan osoo hindaangeffamin lammiin Oromoos Itoophiyaa akka hintaaneefi, maqaa kanayyuu akka jibbu tooftaa addaa adaatiin dhiibbaan irraan gahamaa tureera. Maqaa kanaanis yeroo baay’eef dararameera.

Seenaa dhugaan garuu yaada kana hindeggaru. Kitaaboleen adda addaa akka ifa godhanitti, jechi Itoophiyaa jedhu, maddi isaa eessa akka ta’eef maal jechuu akka ta’e ifatti kaa’u. Akka jechoota kitaabolee kanaattis, jechi Itoophiyaa jedhu jecha Giriikotaa “Aethiops” jedhurraa madde. Hiiki isaas “biyya namoota fuulli isaanii gurraachaa ykn gubataa jechuudha.”

Giriikonnis biyya Misiraa dhaloota Kiristoosiin dura bara 332 hanga 30 yeroo bulchaa turanitti Kibba Misiriitti biyyoota argaman hundaan Itoophiyaa jedhanii akka waaman barreeffama adda addaarraa hubachuun ni danda’ama. Ragaan amma qorattootaan ifa ta’ee jiru garuu Itoophiyaa jechuun biyya Siidaaleen Waaqaa itti baay’atuufi itti dhugeeffatamu jechuun himu. Yeroo sanattis Kibba biyya Misir kana kan jiraachaa turan Saba Kuush ykn Kuusaati. Qorattoonni Saayinsii afaaniirratti yeroo hedduuf qorannoo adeemsisaa turanis Sabni Oromoo saboota Kuush kanarraa akka fottoqeefi damee Kuush akka ta’e irratti walii galameera.

Kuushonnimmoo (Birtu Teshegaaye, 2008) lafa Kaaba Baha Afrikaa keessa yeroo dheeraaf jiraachaa kan turan ta’uu ibsameera. Kanaaf maqaan Itoophiyaa ykn “Aethiops” jedhu kun irra caalaa kan inni bakka bu’u Saba Kuush kana ta’uun ifa jechuudha. Garuu, amantaan Kiristaanaa bara 333 (4thc A.D.) yeroo biyya kana seenee qabee maqaa kana Mootii Aksum kan ture Izaanaan barreeffama dhagaarratti boccisiiseen Mootii Itoophiyaa jedhee akka of waameefi biyyi Itoophiyaa amma jedhamu kunsi maqaa kanaan waamamuu akka jalqabe barreeffama tokko tokkorraa hubachuun ni danda’ama.

Haa ta’u malee, giti bittootaafi warri amantii Kiristaanaa fudhatan ummata amantaa kana hinhordofiiniifi hinfudhatinirratti maqaan kun akka isaan hin ilaallanneetti sadarkaa adda addaatti bifa adda addaatiin barsiisaa turaniiru. Itoophiyaa jechuunis akka waan Kaaba Itoophiyaa qofa ta’etti fudhachuudhaan mootonni gita bittaa fedhaafi kaayyoo siyaasa isaanii galmaan ga’achaa turaniiru.

Nutis akka amantaa keenyaatti, waliin jireenyaafi walamantaa saboota biyya kanaa gidduutti uumuuf jalqaba seenaan sabootaa kan dogoggoraan barreeffaman sirriitti xiinxalamanii dhiyaachuu qabu jennee amanna. Haa ta’u malee kaayyoon keenya seenaa Oromoo jallatee barreeffamaa tureef deebii kennuu miti. Ta’ullee kan haga ammaatti ifa hinta’iin ifa baasuufi Seenaa Oromoo dhugaa barreessuudha. Seenaan kunis afoola manguddoota Oromoorratti kan xiyyeeffate haa ta’u malee ragaaleen barreeffamaan jiranillee sakatta’amaniiru. Afoolli kunis sanyiidhaan Oromoo kan hintaane irraallee walitti qabameera.

Namoonni tokko tokko ykn barreessitoonni adda addaa seenaa yeroo jedhan waanuma barreeffamee jiru qofa itti fakkaata. Haa ta’u malee seenaanis kan jiraachuu danda’u bifa lamaan. Tokkoffaan bifa barreeffamaan yoo ta’u, lammaffaa ammoo oduu (himamsa) afaaniitiin darbaa dabarsaan kan dhufeeni. Jireenyi seenaa saba tokkoo bifa lamaan kana keessaa tokko kan hordofu ta’a jechuudha. Seenaan saboota biyya guddatanii bifa barreeffamaan mana kitaabaa, Muuziyeema keessatti ni argama. Isaanis seenaa isaanii kunuunsuufi tursuudhaan (preserve and perpetuate) dhaloota dhufuuf dabarsu.

Seenaan saboota biyyoota hinguddannees yoo ta’e bifa barreeffamaan bakka adda addaatti yoo hin argamnes bifa oduutiin darbaa dabarsaa waan jiraatuuf mala qormaata adda ta’e hordofuudhaan seenaa isaanii barreessuun ni danda’ama. Kunis ragaa duraafi lammaffaa jedhama. Tooftaaleen qormaatichaa seenaan ittiin barreeffamu keessaas haddaarsa (archive) durii, manneetii durii kan jijjiganiifi jiran, lafeewwan adda addaa kan lafa keessatti argaman, haftee durii, bu’aa artiiwwanii walitti dhufeenyaafi firoomina afaanotaa, himaamsa manguddootaa kan abbootiirraa darbaa dabarsaa dhufe hundi ragaalee seenaati.

Ittifufa

Obbo Alamaayyoo Hayilee:  Hayyuu Seenaa yoo ta’an wayita ammaa Giddugala Aadaa Oromootti qorataa seenaafi dursaa garee seenaati.

BARIISAA SANBATAA Ebla 29 Bara 2014

Recommended For You