Haala kanaan Adooleessa bara 1875 keessa humni Kadiifi Ismaail Kaaba Somaaliyaarraa ka’ee gufuu tokko malee buufata Doonii Barbaraafi Zeeyidaa qabate. Kana booda Fulbaana 18, 1875 achii ka’uun gara magaalaa Harariitti qajeelan. Onkololeessa bara 1875 magaalaa Harar seenan. Waraana Misiraa kanaaf hanga kaayyoo isaanii beekaanitti hundumtuu simannaa gaarii godheef jedhama.
Imaam Mohaammed kan ennas bulchaa jiran haala hidhannoo Misirootaa arganii loluu dhiisanii akka itti bulan itti himan. Warri Misiraas mootii Hararii kan ture Amiir Mohaammad ajjeesanii humnaan magaalaa Harar qabatan. Hararootaaf garuu bara calqabbii bilisummaa isaanii osoo hintaane bara calqabbii garbummaa isaanii itti ta’e. Du’i Amiir Mohaammad Oromoota biratti gadda guddaa uume. Akka mootiin ummata Oromoo du’etti fudhachuun gocha Misiraa balaaleeffatan.
Oromoonni naannoo jiran garuu Misirootatti buluu diduun ofirraa finciluuf walqindeessuu eegalan. Oromoon Noolee bakka Goflolaa jedhamutti Misiroota kiphan. Humna diinaas hedduu irraa ajjeesan. Maqaan Goflolaa jedhamu kunillee sababuma kanaan bakka kanaaf kenname jedhama. Itti aansuun immoo bakka Gobaa jedhamutti lolan. Bakka kanatti Misiroonni meeshaa waraanaa gurguddaa fayyadamuun loltoota Oromoota hedduu galaafatan.
Ammas Oromoonni Noolee bakka Igguu jedhamutti Hararoota kiphanii lola sa’aa torbaa gaggeessan. Misiroonni madifiin Oromoota daguuguu eegalan. Kanaan booda Misiroonni olaantummaa isaaanii mirkaneeffachuun Harariin qabatan. Lola kana keessatti dogoggora Oromoonni hojjetan walqabatanii itti duulurraa irraa jalaan itti duuluu filatan. Kun immoo Misiroonni yeroo argatanii meeshaa jalaa hir’dhatellee akka itti guuttataniif gargaareera.
Isa booda Harariin kaallattiin bulchiinsa warra Misiriin taasise. Haata’u malee Oromoonni gochaa warra Misirii kana tole injifatamne jedhanii hinfudhanne. Si’asuma walitti qabamanii moorichatti marsan. ‘Raauf Paashaas’ haalichaan na’ee mooricha keessaa gadi ba’uu dhiisee humna dabalataa Misirii gaafate. Ammasitti immoo Oromoonni kallattii hundaanuu fageenya kiilo meetira 30 irra jiran bakka bu’aa isaanii ergatanii akka araaramuu qaban gaafate. Oromoonnis silumaayyuu jaarsummaatti amanu waan ta’eef shakkii tokko malee bakka bu’aa isaanii ergatan.
Isa booda haalli akka isaan eegan hintaaneef. Bulchiinsa Misiraafi Amantaa Islaamaa akka fudhatan gaafate. Oromoonnis fudhachuu didan. Amma humni dabalataa inni gaafate qaqqabutti mana hidhaatti naqe. Ennaa humni dabalataa inni gaafate bira ga’u walitti qabee madifiidhaan fixe.
‘Raauf Paashaa’ injifannoo isaa kanatti gammadee Oromoota warra mooraa ala jiran loluuf bara 1876 mooraa keessaa gadi ba’e. Jalqaba warra Noolee bakka Dirree Goflaatti Kiphe. Oromoota hedduu Madifiin fixe. Isa lammaffaa gaara Qunduddutti lole. Ammas Oromoota gara laafina tokko malee fixe. Isa sadaffaafi isa abdii kutachiisaa Gaara Mul’ataa bakka Cirracha jedhamutti lole. Bakkichis bakka Oromoonni yeroo dhumaaf itti injifataman ta’e. Waraana kana gubbaatti Orfoo Jiloo Abbaan Caffee Afran Qalloo ni booji’an. Baallaa Buubbaa Abbaan Duulaafi Caammaa Nuur Abbaan Seeraa ni ajjeefaman.
Injifannoon booda Misiroonni Maskiida ijaaruun Oromoonni aadaa isaanii dhiisanii amantaa Islaamaa kana akka fudhatan dirqisiisuu eegalan. Orfaa Jiloos amantaa kana fudhachiisuun bakka bu’aa Misirootaa ta’ee akkanni Afran Qalloo bulchu gaara Mul’ataatti ergan. Innis edda amantaa jijjirratee deebi’ee farra Oromoo ta’e jedhama. Warra amantaa kana fudhachuu dide qabeenya isaanii saamsisuun hanga qottoon mursiisuutti ga’e. Kanaaf ennas Oromoonni Harargee ennaa salaata deeman akkas jedhu jedhama. “Salaata Orfoo sodaa Qottoo Allaahu Akibar.”
Injifannoo kanaan Oromoota kallattii hundaanuu hamma kiiloo meetira 70 fagaatanii jiran ofjala galchee bulchuu eegale. Qabeenyi lafa kanarra jiru hunduu ni galmaa’e. Lafti immoo kan ‘Kadiive Ismaa’el’ ta’uu itti himame. Oromoonni lafa isaanirra turuu kan danda’an gatii Misir himattuun yoo bitan qofaa ta’uutu itti himame. Edda uummanni lafa isaa bitatee marsaa jalqabaa kaffalatee immoo keessa deebi’anii labsii baasan. Innis lafti kan mootummaafi Ummataa jedhamuun bakka lamatti qoodama. Haala kanaan lafa gabbataan waa biqilchuu danda’u ofii fudhatan. Isa borqii immoo Oromootatti gurguran. Bara bulchiinsa isaanii keessa labsii akkasii ala afur baasanii lafa kana ala afur keessa deddeebi’anii gurguratan.
Caseeffamni bulchiinsaa warri Misiraas Oromoota kan Araddaa 11, 829 qoode eennaa ta’u, abbootiin Araddaa kanaa hundinuu Oromoota. Isaan kana immoo kan walitti qabu Oromoota 500 iratti muude. Warra 500nii kanarratti kan yeroo hundaa Hararee ta’uu qabu nama 45 irratti muude. Bakki bulchiinsaa kun hundi immoo kan sanyiin dhaalamu godhan. Akkasittiin Oromoota Afran Qalloo sirna bulchiinsa isaanii isa kan Gadaa balleessitee akka saamichaaaf tolutti mijeefatte.
Oromoonni yoo warri Misir Oromoota of jalatti muudan qabatanii gibira funaanuu yaalaniyyuu Oromoonni kaffalanii hinbeekan. Gibxoonni Oromoota keessatti nagaas buusuu hindandeenye. Gibira isa Oromoota 200,000 irraa funaanna jedhanii karoorfatanis argachuu hindandeenye. Mormiin itti cimuurraa kan ka’e humni warra Misiraa jira jedhame 8,000 gadi ba’uu sodaatee dahannoo dallaa warra Hararii keessa dhokatee taa’uu eegale.
Sodaan Oromoonni mooraa nutti cabsu jedhuufi haalli walitti dhufeenyi Ingliiziifi Misir Sudaanii wajjin qaban akkasumas humna 800,000 dallaa keessatti daheeffate kana bu’aa tokko malee qallabuun Misiroonni akka Harariin gadi lakkisanii ba’an taasiseera. Humni isaanii inni dhumaa 8359 waxabajjii 1885 buufata doonii Zaylaa ga’e.
Akkuma Misiroonni gadhiisaniin Oromoonni Gadaa isaanitti deebi’anii Orfaa Jiloo jalatti gurma’uu eegalan. Dallaa Harar keessatti ilma Imir Mohaammed isa hangafaa Imir Abdullaahii muudan. Imir Abdullaahinis karaa abbaa isaa Oromoo yoo ta’eeyyuu, harcaatuu qawwee warra Misiraan Oromoo loluun hojii aangoo isaa eegale.
Sababiin walitti bu’iinsa Oromoofi Abdullaahii dhimma amantiirratti ture. Abdullahiin Oromoota amantaa Islaamaan itti fufsiisuu barbaada. Oromoonni immoo nididan. Imir Abdullaahii waraana gurguddaa lama Oromootarratti gaggeessee lachanuu injifatame. Isa booda Abdullaahiin Oromootti araaramuuf dirqisiisame. Oromoonni akka Mooraa itti hinseenne, inni immoo lammaffaa dhimma aadaa isaanii keessa akka hingalle walii galuun araaraman. Walitti dhufeenyi kun otoo kanaan jiruu humni biraa dhufee yeroo ammaan tana Oromoofi Harariin nageenyaan waliin jiraatu.
Obbo Alamaayyoo Hayilee: Hayyuu Seenaa yoo ta’an wayita ammaa Giddugala Aadaa Oromootti qorataa seenaafi dursaa garee seenaati.
BARIISAA SANBATAA Ebla 22 Bara 2014