Oromoofi ijaarsa tokkummaa Itoophiyaa (1855-1889) falmiif diddaa ture

Kutaa 10ffaa

Walloon ilmaan torba qaba. Islaama. Ennaa Oromoo warri moggasaa hintaane ajjeessan warri walloo garuu saamanii gadilakkisu. Afaan Oromoo barateera. Ennaan Kakuu Haaraa gara Afaan Oromootti qubee latiiniin jijjiretti Habashoonni najjiban. Kitaaban Afaan Oromootti hiikes kukkutuudhaan bara 1839-1841tti maxxansiiseera. Guuboo jechootaafi Seer Luga Oromoos qubeedhuma Laatiinii kanaan barreessee maxxansiiseera. Misiyoononni Oromoo akka qaqqabanis hedduu dhama’eera. Barreefama Oromoos nama uumuu yaaleedha.

‘Salvaayki’ Luba amantaa Kaatoliikiit. Innis bara 1856 hanga 1879tti Oromoota keessa ture. Akka inni biyya Oromoo dhufu kan isa godhes gabaasa waa’ee Oromoo ‘Antoone Abbaadirraa’ dhaga’edha. Garuu akka Abbawdii biyyaa nagaafi tasgabbii qabutti hindhifine. Ennaa inni biyya Oromoo ga’u Oromoo Oromoonni Habashaan weerararmanii jeeqamaa jiru. Innis haala Oromoofi weerartoonni Oromoo qaban waliin madaalee barreefama isaa kessatti ibsuu calqabe.

Akkasis jedha. Oromoonni nama amantii hinqabne miti. Waaqatti amanu. Gochisass ennaan uumamarratti mul’atu ilsaluu. Akkanaan hiika iti kennu. Ennaa namni isasn amantii hinqabdan jedhuun baay’ee na’u. Amantii isaaniis walaloon, wareegaan, kabaja ayyaaneffaanaatii ibsatu. Jireenyi isaanii hundi dhugaadhaafi amantiitti kan hidhateedha. Sobuu hinbeekan; hinfedhanis. Sobuun Waaqatti riqaa ijaaruudha jedhu. Waaqa tolfamaa hinqaban. Waaqni bifa kamiinuu hidhamee hintaa’u jedhu. Akka Oromootti Waaqayyoo ayyanaa isaan nama bira jira malee, ofii akka namaatti deemaa nama bira dhufa amantii jedhu hinqaban.

Namaa hingugguufan. Kan isaan gugguufaniif Waaqa isaanii qofaaf. Seerri isaaniis akka kan warra ollaa isaanii nama tokkoon kan tumamu miti. Uummatu Muka Odaa jalatti walga’ee tumata malee. Oromoo biratti seerri kan tumamu olaantumma namaa kabchiisuuf osoo hintaane, tasgabbiifi nageeyna iddootti deebsuuf, nageenya itti fufsiisuf, walitii dhufeenya cimsuuf. Naminni kamuu seera isaanii ol ta’uu hindanda’u.

Sirna bulchiinsaa hedduu dimokratawaa ta’e qabu. Namni hunduu mootii isaanii dabalatee seera cabsuu hindanda’u. Namni hunduu safuu hawwasummaa isaanii seeraan eeggatu. Bosonni, bineessi bosonaa waliigalatti uumamni hunduu bakka isaatti barbaachisadha ilaalcha jedhu qabu. Ta’us walitti dhufeenyi isaan waliin qabaniifi umama duukaa qaban weerara habashaan jalaa jeeqameera; jeeqamaa jiras jedha.

Afaan Oromoo akka kan warra Tigireefi Amaaraa nama hinrakkisu. Walfakkaata, salphaatti hubatama. Kan Afaan Araabaatti aanee namoota baay’een dubbatamuudha. Barreefama isaa keessatti daba Habshoonni Oromootarratti raawwatanis gadi fageenyaan ibsuu yaaleera.

‘Salvayik’ dalagaa hamaa Habashoonni Oromoorratti raawwatanis akka armaan gadiitti ibseera.

Habashoonni biyya Oromoo keessa jiran kan cunqursan uummata isaa qofaa miti. Bosona isaa isa sololoo ciranii isa kaan kaampii loltoota isaanii, isa kaan immoo qoraan gochuun barbadeessan. Hiddisaallee deebi’ee akka hinbiqilletti kutan. Jarri fuula duratti waan dhufulle quba hinqaban. Ennaa waraana isaanii immoo qabeenya hedduu uummata kanaa saamuu hojii godhatan. Isa guuranii dadhaban immoo nibarbadeessan. Loon kitilatti lakkaa’aman jalaa ooffatan. Namoo kumaan lakkaa’aman immoo qabanii gurguratan. Daa’ima, jaarsa, jaartidha hinjedhan.

Lola keessatti nama mana jirus ta’e ooyruu isaa keessaa hojjetatu walitti qabanii ajjaeesan, ykn immoo harkaafi miila irraa muran. Namitichi Walda Gabri’eel jedhamu guyyaa tokko keessatti harka mirgaa Oromoo nama 400 kukkutuu isaa anuu ija kootiin argeera. Minilikis waraana tokko qofa keessatti loowwan kuma10 ooffachuu isaafi namoota kumaatamatti lakkaa’aman garbummaatti qabachuu isaa beeka. Kanaan ala lola tokko qofaa keessatti loowwan saamaman hanga kuma 100ttis ol ka’u jedhama.

Ennaa isaan waraanarraa deebi’an ajajoota waraanaa isaanii gaafadhee kan ajjeesnee reeffa isaanii lakka’uu kan dandeenye hanga nama kuma 96 niga’a jedhan jedha. Waanti hedduu nama gaddisiisu ennaa loltoonni Habashootaa mucaa daa’ima haadharraa fuudhanii bakkeetti gadi darbatanii haadha fuudhanii deemaniidha. Kun hunduu nuun nucinqa, isaan in immoo nigamachiisa jedha.

7.6 Oromoo Bahaafi Misiroota

Oromoon bahaa bittaa jalatti kufan. Ennaa warri Misiraa (Gibxootaa) bara 1875 meeshaa waraanaa Awurooppaa fayyadamuun itti seenanii weeraraniidha. Amma sanatti Oromoota Shawaafi Walloorraatti yeroo garaagaraa weerarri Habashootaa ollaa isaanirra gaggeeffamu gidiraa kan turan yoo ta’eyyuu, Oromoo bahaatiif weerarri akkasii arguun ennaa Misroonni weeraran kana. Hamma kanatti Oromoonni bahaa ykn Harargeen Sirna Gadaatiin tokkummaasaanii cimsatanii ofkabachiisanii kabajamanii jiraachaa turan. Sodaachisuu malee sodaatanii hinbeekan.

Haata’uutii sababa kanaaf kan isaan saaxile meeshaa daldalaa kan omisha isaanii isaaan Harareetti gurgurachaa turaniidha. Walakkeessa jaarraa 19ffaatti Oromoonni dallaa warraa Harareetti naanna’anii meeshaa isaan alaa galchan bitaa warri Harargee immoo bu’aa qonnaafi loonsaanii itti gurguraa turan. Harar ummata Oromoo yeroo mootonni nageenyaafi ummata jaalatan aangoo qabatan waliin jireenyaaf wiirtuu siyaasaa gaariifi ardaa tokkummaa turte. Kun immoo Islaamummaanillee akka haaraa itti hintaane godheera.

Hata’utii meeshaa isaan warra Harargeerra bitan sun alaa waan dhufuuf biyyoonni meeshaan kun irraa bitamu humna gabaa kanaa waan hubataniif, akkasumas meeshaaleen gara bakkeetti deemu kun hedduu barbaachisaa waan ta’eef bakka kana koloneeffachuun bu’aa gaarii akka qabu himan. Haaluma kanaan Turki, Misir, Faransaay, Xaaliyaaniifi hanga tokko Biriiteen Guddittiin bakkicha qabachuuf waldorgommii keessa seenan. Ennaa kana immoo mootonni warri Habashaa kallattii kanattis xiyyeefatanii jiru waan ta’eef dorgomichaa daran saffisiise.

Ennaa kana hariiroonsaanii fooyya’uu bira darbee Oromoonni mooraa warra Harargeetti seenanii aangoo bulchiinsaa ennaa itti argataniidha. Kun irra caalatti bifa ifa ta’een kan eegale ennaa dhalataa Oromoo kan ta’an Amiir beekaman, Amiir Ahmad bara 1852 Harargeerratti aangoo qabataniidha. Amiir kan aangoo qabate gargaarsa Oromootiin jedhama. Isatti aansee immoo hundeen isaa Oromoo kan ta’e Amiir Mohammad bara 1856 aangoo qabachuun Amantii Isilaamaa Oromoo keessatti akka babal’atu taasiisan.

Kana malees daldalaafi beekumsi qura’anaa akka Oromoota bahaa keessatti babal’atu nama yaaleedha. Amiir Mohammad hundeen isaa Oromoo ta’us aadaafi seenaa Hararii nama sirriitti baratedha. Amiir Mohammad walitti dhufeenya Abbootii biyyaa Oromoofi Hararii akka hariiroo gaarii ummatan nama taasiseedha. Kana malees, hojiin daldalaa Oromoo keessatti uumame haala salphaafi obbolummaa amantii gaariin ummata lamaan jidduutti akka umamu nama taasiseedha. Akkasumas uguraa armaan dura ture cabsuun ummanni Oromoos magaalaa Hararii (Jogol) keessa akka jiraatu nama godhaniidha.

Imaamitichi Amiir Mohammad gocha isaan raawwatan keessaa inni guddaan walqixumaa siyaasaafi amantii mirkaneessu malee walitti dhufeenya gaarii Oromoofi Hararii jidduu ture babal’isee aangoo siyaasaafi walaba ta’anii akka waldorgoman gochuusaati. Kunis aadaa Sirna Gadaa Raabaafi Doorii Afran Qalloo Amiiricha akka ofitti make himama. Kana malees Amiir Mohammad haadha warraa afur maatii Oromoo keessaa akka fuudhan himama.

Amiir Mohammed ilma gosaa waan tureef dachaa Oromoo irra gara fedhe deemullee namni ati eenyu jedhee gaafatu hinture. Kanaaf Amiir Mohammadiifi ilmi isaanii Amiir Abdullahiin amantii Isilaamaa Oromoota keessatti babal’isuun Amiiroota armaan duraa caalaa kan hojjechaa turaniidha. Amiir Mohammadiifi ilmi isaanii amantaa Oromoo baball’isuufi gosa keessattis baay’ee jaalatamaa waan turaniif saba Hararii biratti hojiin kun waan hinjaalatamniif.

Jiraattonni Hararii tokko tokko akkuma sanyii mootota Kiristaanaa nuti sanyii qulqulluu seemootaa Zabiidiifi Aksumii jechuu waan barbadaniif Oromoota ofirraa faccisaa (dhiibaa) turan.

Ittifufa

Obbo Alamaayyoo Hayilee : Hayyuu Seenaa yoo ta’an wayita ammaa Giddugala Aadaa Oromootti qorataa seenaafi dursaa garee seenaati.

BARIISAA SANBATAA Ebla 15 Bara 2014

Recommended For You