Yunivarsiitichi hanqina Konkolaataatiin qoramaa jira

Asallaa: Bara keessa jirrutti hojiiwwan baruufi barsiisuu cinatti hojiiwwan tajaajila haawasummaatiif qarshii miiliyoona 23 ta’u ramadee gara hojiitti kan gale Yunvarsiitiin Arsii, hojiiwwan kanneen bifa guutuu ta’een akka hinraawwanneef hanqina konkolaataatin qoramaa jiraachuu beeksise.

Torbee kana qorannoo raawwii hojiiwwan qorannoofi tajaajila hawaasaa taasisaa kan ture yunivarsiitichi, rakkoowwan raawwii kanarratti mul’atan furuufi iddoowwan hanga ammaatti hojii tajaajila hawaasummatiin hinuwwifamnetti piroojektoota haaraa babal’isuufis karoorfamuu Yunivarsiitichatti Pirezdaantiin Ittaanaan Damee Qorannoofi Tajaajila Hawaasaa Doktar Adam Kadiir ibsaniiru.

Hojiiwwan qorannoofis ta’ee tajaajila hawaasummaarratti gufuun guddaan hanqina konkolaataa ta’uu himanii, seerri rakkoo kanaaf sababa ta’e akka furamuuf Ministeera Barnootaatti irra deebiin himanis hanga ammaatti deebii eeggachaa jiraachuu dubbatu. Bakka geejjibni gahaan hinjirretti hojii barbaadamu hojjechuudhaaf waggaatti maallaqa konkolaataa lama bituu danda’u kiraa konkolaattotaatiif kanfalaa jiraachuus ibsaniiru.

Hojii tajaajila hawaasummaa bara kanaatiin aanota hanga ammaatti sochiin hojii tajaajila hawaasummaa yunivarsiitichaan kennamurraa fayyadamoo hintaaneetti piroojektoonni garagaraa kan eegalaman ta’uufi keessatti kunuunsaafi eegumsa qabeenya uumamaatiin walqabatee sochiin jiru cimee kan itti fufu ta’uus kaasaniiru.

Bayyaana Ibraahimiin

BARIISAA SANBATAA Ebla 1 Bara 2014

Recommended For You