Oromoofi ijaarsa tokkummaa Itoophiyaa (1855-1889) falmiif diddaa ture

Kutaa 8ffaa

Warraaqasa warshaalee (Industirial revolution ) Awurooppaatti jaarraa 18ffaa keessa gaggefamaa tureen immoo biyyoonni Awurooppaa ennaa gara Afrikaa ilaalan ganfi Afrikaas xiyyeeffannoo isaanii keessaa tokko ture. Akkasuma lafti Itoophiyaan har’a qabattee jirtu kunis xiyyeeffannoo isaanii keessaa tokko ture. Keesumattuu sababa karaa doonii Galana Diimaa to’achuu jedhuun Poorchugaallonniifi Turkoonni waldhabuun seenaa Oromoo har’aa keessatti ka’umsa guddaa ta’eera. Ennaa kanatti Poorchugaalonniifi Turkoonni degersa biyyoota naannoo Galaana Diimaa jiran kana heddumminaan waan barbaadaniifi warri Poorchugaal Kirstaana Absiniyaa ennaa qabatan warrai Turkootaa immoo Musliimota Itoophiyaa har’aa kana keessa jiran qabatan.

Poorchugaalonniifi Turkoonni gara biyya Oromootti kan dhufan waldhabiinsa Kirstaanotaafi Musliimotaa ennas gaanfa Afriikaa keessa jiraachaa jiran ennaa cimsuuf dhufanitti. Poorchugaalotas ta’e Turkoonni baamsa kanatti kan seenan faayidaa kirstanootaa ykn Musliimotaa eeguuf osoo hintaane, Gaanfa Afrikaa qabachuun faayidaa Galaana Diimarraa argamu dhuunfachuuf malee. Kun baruma Sanaa kaasee Awurooppatti hidhatanii diina ofii injifachuu ykn biyya barbaadan weeraruu warra moototaa barsiise. Motonnis bara kanaa kaasanii osoo walirraa hinkutin biyyoota weeraruu barbaadanitti deggersa warra Awurooppaa gaafachaa turan.

Jaarraa 19ffaan immoo bara Awurooppaan Afrikaa koloneeffachuuf ifatti labsan maqaa qorannoo Saaynsiifi Ji’ograafiin namoota isaanii gara Afrikaatti ergaa turan. Bara kanatti immoo mootummoonni naannoo lageen gurguddaa galaanatti ya’aniifi qarqara galaanaatti daangeeffaman fayyadama harcaatuu meeshaalee waraanaa warra Awurooppaa ta’aniiru. Habashoonni Galaana Diimaan waan daangefamaniif carraa akksii warra argate keessa tokkoodha.

Kan ennas lafa Tigraayiifi Bahire Nagaashii jedhamu bulchaa turan meeshaalee akkasii kana funaananii yoo Rabbi isaan gargaare mootota Abisiniyaa rukutuun aangoo irraa fudhachuu yoo hafe immoo, bifa boojuutiifi bifa gabbaraan dabarsanii gara walakkeessaatti mootota Habashaatti kennaa turan. Kun immoo Oromoo warra karaa carraa kanaa argatan hinqabneef balaa ture.

Kanaaf carraan Oromonni dursanii namoota biyyaa alaa keessumaa warra Awurooppaatiin kallattiin walitti dhufanii wal arguu danda’an baay’ee xiqqaafi cufamaa ture. Kan biyya alaatii dhufuu kallaatii kamiinuu edda waa’ee Oromoo bifa jal’aa ta’een warra Habashaarra dhaga’ee Oromoota bira ga’e. Kun immoo bifa gurguddaa ta’een lamaan Oromoota waan miidhe fakkaata. Tokkoffaa Oromoonni dursanii bu’aa qaroomina alaa galu argatanii ittiin akka oftiksuufi of ijaaran jalaa habiseera. Inni lammataa immoo naminni biyya alaatii dhufu yaraas ta’e garii waa’ee Oromoo dursee akkanni nama birarraa dhaga’u taasiseera.

Kanas ta’ee sana warri Awurooppaa waa’ee Oromoo hinbeekan jechuu miti. Carraa xixiqqoo argamtetti fayyadamuun waa’ee Oromoo dhageettii qabu. Isaan keessaa Oromoonni garbumaatti guguramaa turan, daldalaafi waraana keessatti qooda fudhachuun isaaniitiif warri Awurooppaa akka adda dureetti caqasamu. Olola isaaniin Awurooppaanonni hedduu gara Oromoo dhufanii akka Oromoo hinqoranne; kanuma isaan itti himan akka seenaa sirritti barreesanii kan deeman baay’ee yoota’aniyyuu, Awurooppaanonni kan olola kana bira darbanii waa’ee Oromoo kan hubatan jiru. Walitti dhufeenyi Oromoofi biyyoota alaa kun bay’ee guddaa ta’uu baatus Oromootarratti faayidaas dhiibbas qaba ture. Fayidaan isaa dhimmi Oromoo hanga tokko gara barreefamaatti akka ceesifamu ennaa ta’u, dhiibbaan isaa garuu laayyoo hinturre.

Bifa daldaala garbaafi waraanaanis ta’e karaa aadaafi maalummaa Oromoo jijjiiruutti bakka olaanaa qaba. Meeshaaleen warra Abisiniyaa Oromoota ittiin to’annaa jala oolchanis kanuma isaaniiti. Kan baay’ee nama gaddiisiisu garuu waaraanni Poorchugaal baroota 1543 biyya kana kan ture yoo ta’u, daba isaan yeroo sana barreessan keessaa Oromoon biyya alaatii dhufe kan jedhuudha. Kunis waraana Oromoon Gadaan gaggeessaa ture waan isaan rakkiseef haaloo ba’uuf, ummata “weerartuufi alaa galte” jechuun seenaa warri moototaafi gareen isaani ittiin sodaachisaa turan barreessu isaaniti.

7.1 Oromootaafi Abuurtota (Himaltoota)

Misiyoonotas ta’e daldaaltonni ykn immoo ogeessonni garagaraa gara biyya Oromoo dhufan sababa taa’umsa Oromootiif dursanii Habashoota qunnamuun dirqama ture. Kunis kan ta’u danda’e gara kaabaatiin kan jiraatan isaan waan turaniif isaan bira qaxamuruun dirqama waan tureefi Qunnamitii isaanii kana keessatti immoo Habashoonni isaan qunnaman Oromoonni akka bineessa ta’anitti itti himu. Keessumattu immoo Adiin isaan bira yoodhaqe qaroomina hinqaban waan ta’eef akka bineessatti itti yaa’anii adamsuun warananii ajjeesu jechuun itti himu.

Kanafuu, jedhuun warroota kanaan waa’ee isaanii beekuu barbaaddu yoo ta’e, nuyyuu isinitti himnaa nubiraa taa’aa barreefadhaa jedhuun. Habashoonni haala kanaan hedduu kan milkaa’an yoo ta’es, kanneen didanii garaa kutatanii biyyaa Oromoo ga’uuf yaalan ni jiru. Isaan keessa kan akka ‘Jams Birus, ijoollee Abbadii, Joon Kirafi, Maarshal di Salvayik, Abbaa Maasiyasii (Father Massaja)’fi kanneen biroo nicaqasamu.

Jarreen kana keessaas kanneen waan Habashootarra itti himame qabtanii sammuu faalame kanan Oromoo hubachuu yaalan nijiru. Isaan kana keessa Jams Birus akka fakkeenya guddaatti ka’u. Warri kaan immoo didanii ofiidhuma isaanii Oromoota keessa dhaqanii taa’uudhan haala Oromoon itti jiru hubatan yaaadota Habashoonni warra Awurooppaatti tamsaasaa turan kana kan fashaleessan jiru. Isaan kana keessaa ‘Arnawuld Abbadii, Joon Kiraafifi, di – Salvayikfi Abbaa Masiyaas’ warreen bakka guddaa qabaniidha.

7.2. Jams Birus

‘Jams Birus’ lammii biyya Iskootilaandi ta’ee Ingiliiziif bitamee madda Laga Mormor ykn Abbaayiin barbaachuu gara Itoophiyaa nama dhufeedha. Warri Taabota Musee isa yeroo Miniliik 1ffaa Mootii Salamoon kan Warra Israa’el jalaa fudhatame gara Itoophiyaa dhufe jedhamee odeeffamu barbaacha dhufe jedhanis jiru. Itoophiyaa keessa bara 1768- 1774tti akka ture himama.

James Birus daawwannaa Itoophiyaatti godhe keessatti kaayyoo isaa galmaan ga’achuuf waan moototni Itoophiaa ajajan raawwachaa waan ture fakkata. Ta’us Birus barreefama isaa keessatti waa’ee Amaaraa, Tigree, Oromoo, Falashaafi Warra Gumuziin xuquu yaleera. Saba warraa kaan garuu akka jiranuu waan quba qabu hinfakkatu. Warra argerratti garuu yaada Habashoonni saboota kanarratti qaban agarsiisuu yaaleera.

Waa’ee saboota Kuush qaroomina isaanii dabalatee hanga tokko ibseera. Akka Birus jedhutti, Aksumiin Kuushota akka ta’eefi ijaarsichis kan raawwate bara Abrihaam ta’uu isaa ibseera. Akka inni jedhutti, booda keessas garuu sabasa dhiibbaa warra biyya Giddu Galeessa Awurooppparraa dhufeen jarri kun gara Laga Atibaraatti gadi dhiibamanii mootummaa Meerowee jedhamu akka hundeessan ibseera. Jemis Birus biyya har’a Itoophiyaa jedhamutu kana keessa dhihaa hanga bahaatti, kaabaa hanga kibbaatti bal’inaan qabatanii kan turan kuushota ta’uu isaanii nama ibseedha. Mootummaan Puntiis kan Kuushotaa ta’uu isaa jala muree ibseera.

Ennaa Birus Gondoriin jiru waa’een Oromoofi Habashootaa dhimmi siyaasaa waan ta’eef waa’ee Oromoos waa jechuu yaaleera. Wa’ee Oromoo waa’ee amantii isaanii, wa’ee gaa’ela (fuudhaafi heeruma) isaanii, waa’ee lola isaanii, tooftaa waraana isaaniifi sirna bulchiinsa isaanii xuqee ibseera. Garuu dhiibbaa Habashootaan haata’u madaallii aadaa warra Awurooppaa, yaadonni inni dhimma Oromoo ilaalchisee lafa kaa’e wal dhahaa fakkata.

Akka Birus jedhutti, Oromoonni bifaan ifoo ta’anii garuu fofokisoodha jedhe, kunis namoota fofokkisoo arguu danda’a. Hojiin dubrtaoota Oromoo inni guuddaan osoo walirraa hinkutin ijoollee da’uu, Waaqnni Oromoon sagadu Muka Waddeessaafi bakka mootiin isaanii itti muudamu, Ji’afi urjiis kan safeeffatan, gammachuu gara fuula duraatti kan amanaaniifi garuu wa’ee adabbii du’a booda quba kan hinqabaneedha jedha. Waa’ee fuudhaafi heeruma Oromoo ilaalchisees dhiirri dabalee fuudhuu nidanda. Haat warraa isheen hangafitti yoo ijoollee hinqabdu ta’e ykn immoo baay’ee hindeenye ta’e ofiidhuma ishee dubbattee dhirsa ishee fusisti. Kun Oromoota biratti akka hojii qulqulla’aatti ilaalama jedha.

Afaan isaan haasa’an garagarummaa loqodaa malee tokkodha. Waa’ee tokkummaa Oromoo ilaalchisee Oromoon qomootti kan qoqqoodamaniifi mootummaas ijaarachaa kan turanidha jedha. Ta’us qomoon Oromoo ani arge hundi garaagarummaa logaarraa kan hafee waliigalu. Afaan isaan haasa’ani walkeessa jira jedha. Sirni bulchiinsa isaaniis Gadaa kan jedhamu ennaa ta’u, seerri isaanii goggogaa ta’uurraa kan ka’e naminni tokkoyyuu hanga waggaa saddeetiitti namicha aangoorra jiru buusee itti ba’uu hindanda’u. Kunis abbaa irrummaa isa hamaadha jedha. Wa’ee lola isaanis ennaa dubbatu fardaafi riphanii loluun kan beekamanidha. Kan isaan Abisiniyaa godhan inni Abisiniyonni wal waraananiifi diinni isaanii isaan waraane walitti eda’amee amma Oromoon isaan godhe hinga’u jedha.

Birus ibsasaa kana keessatti waan lama waan rakkate fakkaata. Tokko dhimma Oromoo gadi fageenyaan hubachuu dadhabuu. Inni lammaffaan immoo kan warra Habashaa akkanni barreesu fedhan barreesuuf waan dirqame fakkaata. Kanaaf waan Oromoon qabu isa garii ta’ee itti mul’atellee gara yaraatti harkisuu kaninni yaaleef.

7.3.A.Di.Abaddii:

‘Antooni di Abbadiin obboleessi isaa Antoni Arnaawuld’ wajjin gara biyya Abisiniyaa dhufan. Ennaa oboleessi isanii ‘Arnawuld’ Gojjamitti biraa hafu isaan gara Oromoo Guduruutti dhufanii qorannoo isaanii itti fufan. Isaan lachuu garu biyya Itoophiyaa har’aa kana kan dhufan madda laga Abbayaa isaa ‘Peediroo Pe’eezi’ bara 1607 Haroo Xaanaatti jedhe addaan baafachuuf ture. Dhimmuma kanaaf bara 1837-1838titti biyya Tigreefi Amaaraa keessa turan. Turtii isaanii kanas ‘Di Abbadiin’ garagarummaa Tigree, Amaaraafi Oromoo addaan baafachuuf nagargaare jedha. Bara 1838 gara Awurooppatti deebi’ee bara 1840 immoo deebi’ee gara Abisiiniyaa dhufe.

Amma bara 1842tti Tigraayi, Gondor, Laastaafi Goojjam keessa deddebi’uun qorannoo isaa gageesaa ture. Bara 1843 Laga Mormor (Abbaayiin) ce’uun Oromoo Maccaa keessattis qorannoo isaa waggaa sadiiif itti fufe. Oromoo keessatti qorannoon isaanii inni calqabaa Oromoo Gudururratti kan xiyyeefate ture. Qorannoo isaanii kana keessatti immoo biyya Oromoo kan Awurooppaan wal dorgomisiisaati.

Akka ‘Abbadiin’ jedhutti, Oromoonis naannoo Laga Awaash kan jiruuf gara dhalota ja’aaf bilisummaan jirachaa akka ture himeera. Qrannoo mangudoota Oromoo waliin godheen umurii ykn dhaloota namootaa tilmaamuun waggaa dhibba tokkoof sagaltamii saddeet akka jiraachaa turan lafa ka’a. Hundee Oromoos ennaa ibsu namicha ‘Sapperra’ jedhamuttu bakka Walal jedhamu galaana ce’uun dhufee nannoo Awaash kana qubatte jedha. Achittis ijoollee sagal godhatte. Inni hangafti Raayyaa ture. Qaccee akaakayoota Oromoo lakka’uunis Oromoon yoomii kaasee bakka amma jiru kana akka jiraachaa ture himuu yaleera. Calqaba jaarraa 15ffaa akka Walalii ka’anii laga Awashirra qubatanis himuu yaala. Taus Walal naannoo kamitti akka argamu kan inni ifa godhe hinjiru.

Ittifufa

Obbo Alamaayyoo Hayilee: Hayyuu Seenaa yoo ta’an wayita ammaa Giddugala Aadaa Oromootti qorataa seenaafi dursaa garee seenaati.

BARIISAA SANBATAA Ebla 1 Bara 2014

Recommended For You