Kutaa 7ffaa
Ganda Nugus gaalerraa gara kaabaa jiru, Waajiraat, Allaamaaxaafi Dayyuu immoo nama Tolaa Abbaa Marawwaaf kenname. Tolaa Abbaa Marawwaa kirstinnaa ka’uun maqaa Dajjaash Dastaa jedhamu Yohaannisiin moggafamuuf ture. Namni Dajjaash Hagos jedhamu immoo Mislanee ta’ee Raayyaarratti muudamaan hanga lubbuun turanitti Raayyaa gabbarsiisanii turan. Atse Yohaannis Oromoota Raayyaa gorsuunis ta’e humnaan amantii kiristaanaa akka fudhatan godhaa turan.
Kanaafis qeesota hedduu gara Raayyootti fiduun mana sagadaa 44 Raayyaa keessatti akka hojjatamu godhanii turan. Kanaafis eegumsa kan godhan qubattoota hedduu Tigraayiifi Laastaarraa ummata fiduun qubsiisaa turan. Keessattuu mootichi gara Laastaa deemuun ummanni achii ka’ee Raayyaarra akka qubatu gaafannaan waan mormeef waggoota sadii ummatarra taa’uun waan rakkisaniifi humnii namaa baay’een gara Raayyaa dhufuun Takulash keessa qubate. Hanga yeroo dhiyootti gandoonni Raayyaa keessa jiran ganda Tigree, Ganda Laastaafi Agawu jedhamuun waamaman hedduutu jira.
Dhaadannoon mootii Yohaannis inni lammaffaan Raayyaarratti qaban.
Dur lafa qonnaa babal’isuuf namoota iddoo biraatii fidanii qubsiisaas turan. Lammaffaan immoo Oromoota Raayyaa ajjeesuun lafarraa fixuu ture jedhama. lamaanuu yeroosaa eeggatee kan raawwate ture.
Dhumiinsa Oromoo Raayyaarratti raawwatame kana booda iddoo maratti fincillii ummata cimee ittifufe. Kanarraa kan ka’e yeroo mootichi achii socho’u namoota achi qubatan ajjeesuu qaban. Kanaafis qubattoonni gara naannoo irraa dhufaniitti baqachuu qaban.
Akkuma Oromoota Raayyaarratti raawwatan gara Wallootti dhufuun ummatni gamtaan akka kiristinnaa ka’u gochuu qaban. Kanaafis dursanii mootii Oromoo Walloo Mohaammad Alii ofiisaaniifi Mikaa’ela Golbootti Yaamanii kiristinnaa kaasan. Abbootii waraanaafi mootota naannichaas minilik wajjin kallattii lamaaniin itti duuluuf waggoota 10f walficisiisaa turan. Mohaammad Alii (Nugus Mikaa’el) Yohaannis yoo kiristinnaa kaasan, Abbaa Waaxoo / Hayilamaariyaam/ immoo Miniliik kiristinnaa kaasan walmorkii guddaan Wallo keessatti akka uumamuufi Oromoon ofumaaf akka walfixu gochaa turan.
Bakka Boruu Meedaa jedhamutti Musliimota Walloo walitti qabanii labsii ofeegannoon golgame dabarsan.
Ennasuma Mohaamdi Alii Yohaannisiin abbaa Kirstinnaa godhachuun Golbootti Kirstinnaa ka’ee Walda Mikaa’el jedhame. Abbaa Waaxawu immoo Warra Iluutti Miniliikiin Abbaa Kiristinnaa godhatee Hayla Maariyam jedhame. Kan hindeemnu jedhe dirqiin amanticha fudhatan. Warri kaan immoo biyya gadi lakkisanii gara Matammaa, Jimmaa, Hararitti baqatan.
Isa booda Walloo keessa bakka maratti bataskaanaa ijaaruun eegalame. Imaammata kana galmaan ga’uuf Mohamadi Alli (Mikaa’eel) luba Girmaa jedhamuu duukaa Alii Bet, Abbaay Beetiifi Warri Himanoo kennamaniif. Abbaa Waaxawu (Dajjaamashi Hayla Mariyamii)f immoo Luba Akale Waldi jedhamu duukaa Tahuldaree, Qaaalluu, Garfaa, Albukkoo, Lagamboofi Booranaan keennameef. Warra diddee mormitu immoo tarkaanfii humnaa irratti fudhachuun dhabamasiisuun itti fufe.
Gama biraan Lola bara 1882 Habaaboo Guduruutti miniliik deegaruun Minilikii gara shawaa goree Takalhymanoti itti walloolan keessatti ga’een Oromoota Walloo hedduu guddaa ture jedhama. Injifannoo gara Minilikitti fiduu keessatti humni Mastaawiti qabatee dhaqxe ga’ee guddaa taphateera. Haata’uu malee gaafa achii galan Walloon kan kennameef Mastaawitiif osoo hintaane Raas Mikaa’eliifi. Haaluma kana kan Abbaa Jabaliifi Mastawaatin fincila Sheekotaa isa bara 1885-1886 keessatti qooda fudhachise.
Haata’uuti Yohaannisiifi Minilik oggantoota Warra Walloo ofjalatti haqaban malee ummanni callisee hindhaggeeffanne. Fincilasaanii karaa adda ta’een ittifufan. Luba Akaalaaldi kan Abbaa Waaxawuuf kenname reebanii ajjeesan. Gargaaraa Akaalawaldin Mariigeetaa Yohaannis jedhamu immoo ganda Qullubbii jedhamutti goraadeen waraananii ajjeesan. Qabsoo kanas amma kan eegalan abbootii siyaasaa miti. Ammas Yohaannis keessa deebi’uun bakka ka’umsa Sheekota kanatti Batsakaana ijaaruun cimsee akka itti fufu ajaje. Garuu furtoo hintaane.
Sheekota hundarra rakkisaa kan ture immoo Sheek Tolaa isaa naannoo Argoobaati. Sheek Tolaan suutuma jedhee Islaamummaa barsiisuu ittifufe. Boodarra immoo ennaa Raas Mikaa’el Yohaannis wajjin bara 1884 Tigraay deemetti Sheek Tolaan fincile. Ta’us Minilik osoo yeroo itti hinkennin itti duule. Miniliki Boruu Meedaa ka’uun Warra Qaalluu, Garfaa, Tahuladareeefi Warra Baabboo Sheek Tolaa deggertan jechuun barbadeesse. Amadee Saadiquu sanyii mootii warra Tahuladares ajjeese. Kun immoo ummaanni Sheek Tolaa deeggsruun akka ka’u godhe. Kiristaanummaan Walloo keessatti akka meeshaa hacuuccaatti fudhatame. Namoonii dura Kiristinnaa fudhatan Warri akka Abbaa Jabal, Mastaawitiifi Mohaammadi Qaanqee, waamicha Sheek Tolaa fudhachuun bara 1885 Islaamimmaatti deebi’anii imaamota jedhanii oflabsan. Qabsoon Sheekota Walloo calqaba bara 1886 gara Bahaa naannoo Caffaa, Iriqee, Arxummaa, Warra Qaalluu, Garfaafi Warra Baabboorratti kan cime ture. Sababa kanaan Yohaannis keesumatti uumata Warra Qaallurratti ajjeechaa sanyii fixiinsaa hanga rawwatutti ga’e. Ajjechaa isaa keessatti Islaamaafi Kiristaana osoo addaan hinbaasin fixe. Fincila kana booda Yohaannis ilma Isaa Ari’aa Sillasee kaasee Raas Mikaa’eliif kenne. Raas Mikaa’elis taa’umsasaa Tantaa kaasee gara Dasee lafa taa’umsa abbaa Jabal turetti geessate. Sheekonni fincilarra turan Sheek Tolaan gara Awusaatti deemee jedhama. Mohammad Qaanqee nidu’e. Mastwitis osoo Garadoo keessatti waraantu ajjeefamte. Abbaan Jabal immoo boodaa Kiristaanotatti hararame bara 1890 du’e. Haaluma kanaan bara 1887 kaasee Wallo tokkomtee Mikaa’eelii kennamte.
Bara 1886 egga Mikaa’el Raas ta’ee guutummaa Wallootti muudamee fincilli Walloo keessa hanga tokko kan tasgabba’e fakkaata. Raas Mikaa’el Oromootaafi Musliimota Walloof obsaan bulchuu eegale. Amma Yohaannis bara 1889 du’utti Raas Mikaa’el amanamaa Yohaannis ta’ee ittifufe. Enna Minilikiifi Takla Haymanot waliigalanii bara 1888 Yohannisirratti ka’an Mikaa’el Matammaattis gara Yohaannis goruun lole. Lola Matammaa kana keessatti Oromoonni Raayyaa Yohaannis baqatanii turan gara Warra Durbushoota goruun akka keessatti qooda fudhatan himama. Ajjeechaa Yohaannis keessattis ga’ee olaanaa taphataniru jedhama.
Karaa biraatin immoo ajajaa waraana qomoon Oromoo kan ta’e Oromoota gurmeessuun gara Yohannis goree lola kan ture Raas Mikaa’elis lola Matammaa kanarra akka waliin turaniidha. Raas Mikaa’eliin ogganaman loltoota Yohannis Matammaatti mootii malee hafanis kan walitti qabee Raas Mangashaa Yohaannisiifi Raas Aluulaa duuka tursiise Raas Mikaa’el. Booda garuu eenaa Raas Mangashaafi Raas Aluulaan gara Tigraayitti qajeelan. Raas Mikaa’el immoo Wadlaatti gale. Isa booda Minilikiin duuka Raas Mangashaatti duuluun amantummaa isaa Minilikiifi mirkanesse.
Haata’utii ennaa Minilik Boruu Meedaatti Mootii Moototaa jedhee of muudu Raas Mikaa’el harka kennacchuf yeroo itti hinfudhanne jedhaama. Muudama Minilik kana booda xiyyeeffannoon Minilik gara kibbaa waan ta’eef walitti dhufeenyai Musliimota fi kirstaanotaa Walloo hanga tokko kan fooyya’e jedhama.
Mikaa’el ittala Minilik Shawaaraggaa fuudhuun jala bultummaan ta’us Walloon bifa tasgabbii qabuun bulche jedhama. Hanga danda’ametti warra nifical jedhee yadu fuudhanis ta’e karuma danda’ameen haraarfachuun nageenya buusuu yaalaa ture. deggrsaa inni Miniilik biraa argatus warra finciluu barbaaduuf abdii Humna kutachiisa ture.
Wallansoon walloo dadadhabsiisu garaa mooti Yoohans ta’e mootii Minilikiin godhamaa ture milkoomee inumaayyuu Raas Mikaa’el bara Yohaannisitti michoomu Minilik mootii moototaa jechuun of muudee ka’e kan kana dhaga’e Yohaannis waransaa qabatee gara Shawaatti qajeele. Dubbii kana kan dhaga’an Minilik waraanaafi qawwee Yoohannis qabate waan dhaga’nif ,gara araarati deebi’ani dhifama kana gaafachuuf Booruu Meedaatti dhagaa bachuun akka fuunduratti kufani dhiifama gaafatani gibira galchuufi aangoo isaanis mootii shawaa miniliik gadi buusun waan waliigalaniif akka araaraman himamaa.
Seenaa kanarraa kan barannu yoo ta’u, dhumarratti garuu tooftaadhaan mootii moototaa ta’aniiru. Ummanni Oromoo Ealloofi Raayyaa jaalalaanis ta’e humnaan Yohaannisiifi boodas Mootii Minilik jalatti kufan.
Oromoofi humnoota alaa
Biyyoonni alaa waa’ee Oromoota bara kana beekuu eegalan jennee yoo lafa kaa’uu baanellee sababa daldala garbaatiin Oromoon biyyaa alaatti beekama akka ture. Akka Makuriyaan jedhutti jaarraa shanaffaa keesse Oromoon garbummatti hararii guguramee deeme biyya Hindii dhaqeee osoo gooftaa isaa loltummaan tajaajilaa jiruu booda inni duunaan maatii isaa isa galagalchee mootii akka ta’e kaasa. Itti dabaluunis jaarra 7ffaa kaasanii hordoftoonni amantaa Islaama walkeessa deemaa akka turan seenaan nimirkaneessa.
Obbo Alamaayyoo Hayilee: Hayyuu Seenaa yoo ta’an wayita ammaa Giddugala Aadaa Oromootti qorataa seenaafi dursaa garee seenaati.
BARIISAA SANBATAA Bitootessa 24 Bara 2014