Kutaa 6ffaa
Warri Himanuus Walloo deeffachuuf qabsoo mataasanii itti fufan. Warqituufi Mastawotitti ilmi Alii nama Geex jedhamtu Gindabaratirraa bitamte jedhamturra dhalate bakka baqatee jiruu Amaara Saayintii gara qabsootti seene. Geex ilmashee kana najalaa ajjeesu jettee akkuma abbaan isaa Alii Abbaa Bulaa bara 1852 du’een fudhattee Amaaraa Saayntiitti galte.
Takla Giyoorgis durumayyuu osoo Teewodroos hindu’in naannoo 1867 Walloon qabachuu ennaa yaalutti Mohamadi Alii kana itti fayyadamuu yalee ture. Mohamadi Aliis akka gara falmii aangootti dhufuuf akkas jedhanii kakasaa turan jedhama.
“Anteem Alii weldohaal
Irsum Liiban weldootaal
Inde baariyaa lemin yaazuhaal”
Ennaa Afaan Oromootti hiikamu:
Sis Aliitu dhalchee
Isas Liibantu dhalchee
Maaf ergamta akka garbaa?” Jechuun isa kakaasaa turan. Mahamadis kana aariin Waaqshumitti hidhatee humna waraanaa walitti qabachuu eegale. Gara Mastaawotittis duule. Garuu Mastaawotiifi ilmishee Abbaan Waaxewu waliin ta’anii ofirraa faccisanii deebisan. Du’a Teewodroos boodas Wallootti osoo hinduulin mootummaan isaa kan waggaa sadiifi ji’a sadii bara 1871 kan Waaqshuum Gobaazee xumurame.
Ennaa Mohaamad Alii Taklegiyoorgis bira jirutti Minilikis Warqituu deebifatee Walloo kibbaa heddumminaan to’achaa dhufe. Minilik Warqituu deebifatee gara Walloo Kaabaatti darbuun bara 1869 Mastaawotiif Abbaa Waaxawu loluun injifate. Waraanicha keessatti garuu Mastwotiifi Abbaa Waaxawu harkaa miliqanii ba’uu danda’aniiru. Booda keessa garuu warra karaa kaabaa ofirraa dhorkuuf Minilikiin firoomfachuu wayya jedhanii Mastaawotiifi Abbaa Waaxawun mari’achuun walitti dhufeenya gaa’elaa siyaasaan deggerame uuman.
Minilikis gara calqabaa dhimma kanatti waliigaluun intala warra Shawaa keessaa Abbaan Waaxawu akka fuudhuu danda’u itti hime. Booda garuu kennaa fuudhaaf barbaachisu edda fudhatee booda Amaara Shawaa Oromoo Wallootti heerumsiisuun waan hinjaalanneef waliigaltee diige.
Mastaawotiifi Abbaan Waaxawus deebi’anii Minilikirratti finciluu eegalan. Loltoonni Minilikis faana bu’uun bakka Masqalaa jedhamu Dirree Waraanaa Warra Himanuu keessatti argamutti bara 1871 injifate. Haatiifi ilmi booji’amanii hidhaadhaan haadha warraa Minilik ennaa sana Aadde Baafanaatti kennan. Aadde Baafanaan ennas warra Iluu keessa jiraatti. Bakkasaaniis Minilik yeroof ilma Mastaawot isa quxisuu kan qacceen isaa warra Mohammadoochi hintaane haadhatti waamamuu Alii Mastaawotiin bakka buuse. Minilikis Warqituu of fuuldura qabuun bulchaa Walloo waliigalaa ta’e.
Karaa biraatiin ennaa Kaasaa Mircaafi Taklagiyoorgis bara 1871 Adwaatti wallolan Mohaamad Alii immoo booji’amee harka Kaasaatti kufee booda (mootii Yohaannis), Kaasaaf riqicha ittiin Wallootti ce’an isa guddaa ta’e. Mohaammad ennasuma osoo Mastaawotiifi Abbaan Waaxawu mana hidhaa Minilik jiranii bakka duwwaatti Wallootti ergame.
Minilikis ennaa kana dhaga’u Mastaawotiifi Abbaa Waaxawu iddoo hidhadhaa hikee akka Mohaammad Alii waraanan itti erge. Mohaammad Alii Mastaawotiifi ilmashee bakka Tantaa jedhamutti waraanuun injifate. Kanufuu gara dhumaa bara 1871 keessa Minilikiifi Kaasaa Mircaa qondaaltota warra Walloo ofjala hiriirsuun Walloorratti gooftummaasaanii labsuu eegalan.
Asirratti kan hubatamuu qabu warri Walloo kun dhuguma Yohaannisiifi Minilik ofirratti goobsuuf osoo hintaane isaan qabatanii diinasaanii injifachuuf ture. Bara 1871 ennaa Minilik Kaasaa Mircaa loluufi Abbaa Waaxawuufi Fitaawraarii Naadawun na hordofaa jedhee qajeelu, Abbaa Waaxawu haalli mijate jedhee Fitaawraarii Naadawun isin maal amanamtu jechuun itti garagalee lole. Loltootasaanii reebe. Ennasumas Imaama Walloo jedhee of labse. Abbaa Waaxawu gara Tantaattis darbee Mohaammad Aliin lolee injifate. Ta’us Minilik dhimma kana callisee hinilaalle. Duula gara Kaasaatti godhaa jiru dhiisee deebi’e.
Mohaammad Aliis ennasuma dafee harkasaa Minilikitti kennatee gara Minilik gore. Minilikis intala haadha warraasaa intala Baafanaa kan isarraa hindhalanne kan Maannallabbish jedhamtu itti heerumsiisee soddoomsatee Wallorratti bakka buusee deeme. Ta’us Mohaammad Alii Abbaa Waaxawu kophaasaa dura dhaabbatee loluu hindandeenye. Booda garuu Minilikiin deggeramee bara 1871 hanga 1872 guutuusaa waranaa qixxeeffachiisaa (hamaa) gaggeessan.
Waraana isaan Maqdallaatti godhanirrattis Abbaa Waaxawu waraana ijibbaachisaa gaggeesuun hogganaa waraanaa Minilik Giraazmaach Baabuu jedhamu jalaa ajjeese. Waraanni Shawaa Minilikiin dhiisanii baqatan. Minilikis qabamuu kan oole humna dabalataa Mashashaa Sayfuu dugda duubaan fidee dhufe. Kan injifanoon gara Minilikitti deebi’es humna haaraa kanaani. Ta’us abbaa Waaxawu ammayyuu cimina Walloo keessatti qabu gadi hinlakkisne. Mohaammad Aliis biyyattii galuu dhorkate. Waraana kanatti aruun akkuma Tewedroos Minilikiis Warra Walloo waraana Abbaa Waaxawu deggeran saamuu, gubuu, fixuu itti taa’e.
Ammas Minilik aaruun bara 1874 Wallotti duuluun hanga Laga Bashiiloo ga’utti namoota ajjeesaa lolasaa ittifufe. Abbaan Waaxawus haalichi humnaa ol waan itti ta’eef Yohaannis (Kaasaa Mircaa) osoo inni lola Gojjamii galaa jiruu itti dhaammatee akka gargararu gaafate. Yohaannis ennasuma Abbaa Waaxawu Imaama Walloo jechuun beekamtii kenneef. Garuu gargaarsa tokkollee hingooneef.
Ittifufuun bara 1876 Mahaammad Aliifi Miniliik lolasaanii ittifufuun Abbaa Waaxawu ari’anii Yajjuutti galchan. Achittis duukaa bu’uun bakka Qaliim jedhamutti Adoolessa bara 1876 booji’anii Shawaa keessatti bakka Inawarii jedhamutti hidhan. Haaluma kanaan Mohaammad Aliifi Minilik Walloo dhuunfatan. Onkoloolessa bara 1876 Mohaammad Alii Imaama Warra Walloo (Laga Wahiitii kaasee hanga Laga Bashiilootti, akkasuma Laga Abbaayii hanga Azaalootti) jedhamuun labsame.
Walitti dufeenyi Minilikiifi Mohaammad Alii callisee akkasiin itti hinfifinne. Ennaa Miniliiki Mohaamdi Alii fudhatee Adaal Tasammaa isa Goojamiin gabbarsiisuu dhaqu, Yohannis achitti itti dhufee jennaan Minilik baqatee Salaaleetti gale. Ennaa kana Mahaammad Alii nama dadhabaa akkasii faana hiriiruusaatti gaabbe. Ta’us oggaa Minilikii wajjin dhufanii Salaalee ga’an Baafanaan Abbaa Waaxawuufi Mastawotiin hidhaadhaa hiiktee gadi lakkisuushee dhaga’ee Mohaammad Alii gara Walloo deemee isaan kanaan akka walfalmu itti hime.
Mohaammad Aliis Marraabeeteerraa goruun Xamootti goree Abbaa Waaxawuufi Mastaawot argee Minilikirratti finciluuf waliigalee darbe. Magaalaa Warra Iluu Minilik hundeesse jedhamu gubee bira darbe. Minilikis kana dhaga’ee faana bu’uu Mohaammad fagaatee Laga Goraa ga’eera. Minilikis dubbichi gara Yohaannis isa geessaa jiraachuu baree dugda ofirra deebi’e.
Abbaa Waaxawuufi Minilik Warra Iluutti walarganii araaramanii waliin ta’uun Onkoloolessa bara 1877 Masqalaatti Mahaamad Aliitti duulan. Garuu ennaa isaan Jiffaa ga’an, Mohaammad Alii immoo jara kanneen jala dhaabbachuu hindanda’u jedhee gara Yohaannisitti baqate. Minilikiifi Abbaa Waaxawus Wallo darbanii deemuu hinbarbaanne. Yohaannis garuu dhimmicha callisee hinilaalle. Akkuma Mohaammad Alii isa bira ga’een Adaal Tasammaa isa Gojjam dabalachuun Minilik faana bu’anii Salaalee ga’an. Lolli kunis waliigaltee Yohaannisiifi Minilik Liicheetti bara 1878 godhaniin hafuu danda’e. Yohaannisis guutummaatti aangoo Mootii Moototaa Absiinyaa fudhaachuun gargar deebi’an.
Mootii Yohaannis Teklagorgiis akkuma mo’atanii aangoo qabachuun bara 1872 gara Raayyaatti duula duraa eegalan. Tooftaan fixuufis Oromoota Rayyaa Walga’ii waaman. Waliga’ii kanas dirree bal’aa Inguyyee jedhamarratti Oromoota Raayyaa mara akka walga’iif dhufan ajaja dabarsan. Kuubii Abbaa Boonaas shakkii tokko malee ummataaf ajaja dabarsuun hoggantootasaanii waliin Carcar iddoo mootichi qabateefi waraannisaanii jiru ga’an. Walga’iin kunis kan biyyaaf tolu jedhanii waan yaadaniif hundumtuu argaman. Yaa ta’uutii akkuma achi ga’anii waraanaan marfamaniifi Abbaa Boonaa Kuubis dursee ajaja mootichaatiin goraadeedhaan mormisaanii akka kutamu ta’e. Oromoon Raayyaa mootiisaanii marsanii dhufaniis qaawwa Ingiliz mooticha badhaasteen akka dhuman ta’e.
Guyyaa tokkotti namoonni kuma sadii ta’an dhuman. Kunis seenaa mootichaa keessatti gocha sukkaneessaa akka ta’e dubbatama. Dirree Unguyyee walga’iif Oromoon Raayyaa itti yamame kanarratti Abbaa Boonaa Kuubii malee Abbootiin biyyaa isaan waliin turan kan akka Aarbisee Goljaa, Alii Hasaniifi Sayid Yimar jedhaman waraanaan akka ajjeefaman dubbata.
Ajjeechaa gamtaadhaan ummata Oromoo Raayyaarratti raawwatame kanarraa kaasee kan guyyaa san lubbuun jalaa ba’aniifi kan walga’icharratti hinargamin baay’een biyyaa ba’uun kallattiilee adda addaatti faca’an. Kuunis gara Sudaanitti baqatan. Warri biyyatti hafanis namoota Tigraayii dhufan Shakkiifi sodaan ilaaluu eegalan.
Kan naannoo sanaa dhufan qofa otoo hinta’in kan Laastaa fa’ii dhuufanis jibbuu qaban. Afoolaafi dubbiisaanii keessattis akka nama Tigraay hinamannee aadaa dabarsaa turan.
Walaloo yaada kana ibsu keessa tokko yoo ilaallee,
Hinamaniin Tigroota
Ka kuu baay’isuusii
Kiristinnaa kaasuun
Kuubis ni qalanii!
Ni nyaachisu malee
Ykn ni obsan
Akkamitti ajjeesanii
Ilma moggasanii!
Jechuun shakkiifi gadda itti dhagame ibsaa turan. Kiibii Abbaa Boonaa erga ajjeesanii booda manaafi qabeenya isaa saamun masaraa isaa bataskaana godhan.
Ittidabaluunis iddoo Gabatee jedhamuufi ittisa bishaanii hojjatanii diinnii akka bishaan dheebotee baqatu ykn Hidha lagaa hojjatan seenaa keessatti idoo guddaa kan qabuudha. Oromoonni Raayyaa waraanni mootichaa Mahonnii (Makkonnaa) warra Abayyee, Dayyuu ga’anii horii saamuu, nama Ajjeesuufi qabeenya mara gubaa yoo gara Basoo, Qobboo, Allaamaaxaa (Qillisha)fi Gaattiraatti socha’an, dirqama akka gabaatuu qaban murteessan kunis seenaa Oromoo Raayyaa keessatti kufaatiifi qaanii gudaa ture.
Maaliif yoo jenne Oromoo Raayyaa namni gosa isaaniirra adda ta’e armaan dura isaan bulchee hinbeeku. Humna Raayya erga rukutanii booda mootichi Raayyaan namoota ofiitiin malee akka hinbulleef waan beekaniif Oromoota keessaa kiristinnaa kaasuun namootaaf muudama kennuu qaban. Haaluma kanaan Abbaa Biyyaafi hogganaa Qobboo kan turan, Kuubii Abbaa Boonaaf lafa nugus gaalee kaasee hanga Hormaata ga’uttiifi isaan gadii lafa jiruu hanga muddaman godhame. Hormaati iddoo jedhuu kaasee gara kibbaatti lafa jiru Oromoota Yejjuu jalatti akka bulan gochuu ture.
Ittifufa
Obbo Alamaayyoo Hayilee: Hayyuu Seenaa yoo ta’an wayita ammaa Giddugala Aadaa Oromootti qorataa seenaafi dursaa garee seenaati.
BARIISAA SANBATAA Bitootessa 17 Bara 2014