falmiif diddaa ture
Kutaa 5ffaa
Eegan Ingilizoota waliin mari’achuu Warqituufi Mastaawotiin dhaga’anii booda waraanni Tewodroos bay’een gara Ingliizitti harka yoo kennatu Tewodroos garuu hidhamtoota isaa eeguufi du’a isaa cinqiin eeggachuu malee eessattuu dheessee ba’uu akka hindandeenye waan beekuf harka kennachuu hinbarbaanne.
Tewodroosifi aantonni isaa gara kibbaatiin Wallootti baqachuuf yaadanii turan. Haata’uutii daandiin hundinuu Oromoota Warqituuf Mastaawotiin guutamee jira waan ta’eef hindanda’amne. Kanaaf achumatti Mishigii (Dhannoo) isaanii qabatanii soddaa isaa Dajjaashi Alamen namoota hidhaman keessaa Faranjootas dabalanii araara gaafachuuf Jeneraal Naappiiritti erge. Naappiiyeer garuu nama balleessaa qabuufi hinqabne walitti qabee mana hidhaa keessa galchee isa kaan gubee isa kaan hiraarsee callisanii itti araaramuun hindanda’amu jedhanii tursan.
Loltoonni Tewodroos karaa kamiinuu Dahannoo Maqdallaa cabsanii ba’uu akka hindandeenye beekan Ingiliizotatti harka kennachuuf qophii taasisan. Kanas kan filataniif waggoota kudha shaniif Oromootatti duulanii bifa kamiinuu kan harka isaa seenan gocha sukkanneessaa akkamii akka irratti raawwachaa turan waan yaadataniifi mooticha wajjin ummata dararaafi ajjeesaa akka turan waan beekaniif haaloo nuba’u jechuun sodaachaa ture. Kanaaf waliigatee Naappiyeer waliin godhan yoo humna Oromoo Wolloo harkaa nu baraarte harka kennana jechuun jaarsummaa ergatan. Naappiiyeriis waadaa gale.
Dubbiin haala kanaan otoo jiru waraanni Jeneraal Naappiiyeer Dirree Maqdallaa cinaa ga’e. Yeroo kanatti waraanni Aadde Warqituufi Mastaawot lola isaanii cimsuun Maqadallaa gara kibbaan ba’anii too’atanii ture. Jeneraal Naappiiyeer gara kaabaan Maqdallaatti seenuun yoo dirree waraanaatti seenan Tewodroosis kiyyoo keessaa hinbaane keessa ta’uu baree hidhamtoota Oromoo harka isaa jiran harkaafi miila qottoon mursiisuun ficcisiise. Kaan immoo harka isaanii duubatti hidhuun lubbuun osoo jiranii qileetti darbaa ture.
Dhumarratti waraanni Ingiliizotaa yoo itti dhiyaatu Ebla 10 bara 1868 Abbaan waraana mooticha Gabriyyeen loltuu 4,000 qabatee iddoo Roggeetti waranatti seene. Gara Ingliiziin garuu loltuu 2000fi kan Warqituufi kan Mastaawootiin ala lola eegalan. Guyyaa kana Abbaa waraana Fitawraarii Gabriyyee loltoonni mootii Tewodroos abdii kutachuun jalaa miliquuf gara kibbaatti socho’anis iddoo maraanuu loltoota Oromoo Walloon waan marfamaniif akkas gochuu akka hindandeenye waan hubataniif isaanis dabaree isaanii du’a namootaaf gumaachaa turan fudhachuuf qopha’an.
Waraana kana booda gara barii waraana gara mootii Tewodroosiin du’an reeffa namoota 560 kan awwaalame yoo ta’u, walumaagala lola Roggeerratti loltuu mootichaa namoota 700 du’aniiru. Namoonni 1,500 ta’an immoo madaa’anii ture. Gara Ingliiziin immoo loltoonni 20 kan madaa’an yoo ta’u, lama qofti du’aniiru.
Waraana kana keessatti ga’een Oromoota Walloo baay’ee ol’aanaa ture. Isa kana immoo Jeneeraal Naappiiyeer xalayoota isaa yeroo garagaraa keessattiifi barreessitoonni isa duukaa turan dhugaa ba’aniiru. Osoo Mastaawotiifi Warqituun Tewodroosiin hinmarsine ta’ee Tewodroos Ingiliizota jalaa ba’ee akka badu xalayaa Naappiiyeer Ebla 14, 1868 gara bakka bu’aa Ingiliizii Indiyaa jirutti barreesse keessatti ibseera. Baates ennaa gabaasu, waraanni Jeneraal Naappiiyeer yoo iddoo Tewodroos jiru ga’u (Mishigii) waraanni Oromoo Walloo kan Warqituun durfamu Maqdallaa qabatee naannicha to’achaa ture. Karaa da’annoo mootichaa fuula duratti garuu waraanni cimaan mootichaafi eegdota isa tiksu faccee cimaa booda achitti ajjefamanii reeffi baay’een achi ciisee argame.
Reeffa walirratti kukkufe kana keessaa tokko kan mootichaa ture. Kana booda Jeneeral Naappiiyeer reeffa mootichaa erga qorachiisanii booda hadha manaa isaanii Aadde Xuruwarqiif kennuun akka seeraan awwaalchi isaa raawwatu godhanii ture. Barreessaan Ameerikaa dirree waraanaa kanatti argame, gocha achitti raawwate yoo ibsu, akkas jedhee ture.
Mootichi erga du’ee booda reeffi isaa conqola’ee rifeensi isaa irraa mummuramee (haadamee) uffanni isaas gar tokko, irra mulqamee qullaa isaa ture. Reeffa Tewodroos ta’uu isaa erga baramee booda. Namoonni naannoo san jiran iyyaafi boo’aa reeffa kana dhiituufi rukutuu ture. Hanga dhumaatti akka qullaa ta’utti uffata isaa irratti kukkutuun tatarsaasan.
Eegduu tokko malee baattoorratti (qaareezaarratti) yeroo dheeraaf qullaa isaa aduu keessa ture. Anis mooticha kana qullaa isaafi uffata malee diriiree yoon argu, isa moo kan biraati jedhee shakkee ofirra garagalee yoon ilaalu kootii mootichaa kukkutanii fudhachaa loltoonni (ofiisaroonni) Ingliizii yoo walsaamanan arge jechuun wanta arge gabaasee ture.
Du’a mootii Tewodroos booda Jeneraal Naappiiyeer Maqdallaa akkanumatti dhiisanii deemuu hinbarbaanne. Oromoota Walloo hagas wareegama lubbuu kennuun isaanii wajjin turan gargaarsa kamiyyuu otoo hinkenniniif nama Wal’aansoo Tewodroos kuffisuu keessatti hirmaannaa tokkollee hinqabneef Waaqshuum Gobozeef kennan. Meeshaa waraanaa Tewodroos Maqdallaadhaa saamame immoo Kaasaa Mircaa isa Tigraayiif kennan. Kana malees humna Minilik karaa kibbaa dhufes akka hidhachiisan himama. Oromoota walloo kana maaliif akkas akka isaan mirga isaanii sarban wanni ifa ta’e hinjiru. Garuu akka barreessitoonni baay’een jedhanitti Walloonni waan Musliima ta’aniif jedhama. Seenaa kana keessatti waanti hubatamuu qabu kan biraan Ingiliizonni duris ta’e amma loogii garee wara kaabaaf akka raawwachaa turteedha.
6.2. Mootii Yohaannisiifi weerara gara Oromoo Raayyaafi Wallootti gochaa ture
Mootiin Tewodroos erga du’ee booda falmiin aangoo garee Lastaa (Waaqshuum Gobazee, Yohaannis ykn Bazbiz Kaasaa, Kaasaa Mircaa, Adaal Tasammaafi Minilik gidduutti duulli Oromoo dhuunfachuu ittifufee Jarreen Lamaan Takla Goorgis (Waaqshuum Gobazeefi Yohaannis) soddaa ta’anillee Tigraayiifi Aggawu qabatanii otoo walfalmanuu, Waaqshuum Gobazee Atsee Takla Goorgis jedhamee waggoota sadiif mo’ullee Yohaannisiin rukutamee du’uun isaa ni yaadatama.
Kunis kennaa qawwee Ingiliizotaafi leenjii waraana lolaa argataniin caaludhaan akka ta’e ni amanama. Qabsoo falmii aangoo kana keessatti Oromoon gara kaabaa jiran garee isaanitti dhiyaate akka Raayyaatti tajaajiluu malee waanti isaan ifa godhu hinmul’atu. Sochiin guddaan Oromoota Wajiraatiifi Indartaa qabachuuf godhame jaarraa 17 hanga jaarraa18 keessa kan xumurame waan tureef isaan garuu akka Tigree ta’anitti kan ilaalamuudha. Duulli guddaan yeroo kanaa babal’ifannaa biyyaafi duula Oromoorratti godhamuudha.
Bara mootummaa Yohaannis IV Oromoorratti duulli godhame kallattii sadiin ture. Isaanis tokkoffaan duula mataan isaa mootiin moototaa Yohaannis Oromoota Raayyaafi Walloorratti raawwachaa ture yoo ta’u, inni lammaffaan immoo duula gara mootii Minilikiin Oromoota Tuulamaa, Maccaa, Karrayyuu, Arsii Ituufi Humbana, Gujiifi Booranarratti gaggeeffamaa turaniidha. Inni sadaffaan duula Adaal Tassammaa ykn Nugus Taklaymaanotiin gaggeeffamaa turaniidha. Waraanni Oromoorratti godhamaa ture kun yeroo kamiyyuu caalaa Oromoota kan lubbuudhaan lafarraa fixeefi meeshaan Awurooppaa armaan dura hinbeekamne Oromoorratti kan shaakalameedha.
Kun immoo isaanumayyuu walitti buuse. Minilikiifi Yohaannis Walloorratti wal loluu eegalan. Minilikiifi Taklaymaanoti immoo Kibba Lixaarratti wallolan. Kanas ta’e sana Walloon dirree aggaammiin Itoophiyaa har’aa tokkommeessuun itti eegale taate. Qondaaltota Walloos ofitti qabuu yaaluun karaa itti Walloo to’atan mijeeffachaa turan.
Mootonni kaaba Itoophiyaa baay’een akkuma mootota Gondorii otoo muudamin dura gara Oromootti baqachuun humna isaanii cimsatanii akka mootummaa qabatan hunda mootonni Laastaafi Tigraayis kanuma raawwachaa akka turan himu. Bifuma kanaan Waaqshuum Gobazee (Atsee Taklagoorgis) otoo muudama hinargatin dura Oromoota Yejjuufi Raayyaatti baqachuun humna akka godhataniifi aangoo olaanaa qabatan mara Bazbiizi Kaasaa ykn Atsee Yohaannis 4ffaa niis duraan Oromoota Raayyaa keessatti kooluu galuun akka humna isaa ijaare dubbatama.
Haata’uutii garuu Yohaannis akkuma Aksumitti muudameen bara 1872 waraana isaa gara Raayyaatti fuullesse. Qophii waggaa tokkoo erga raawwatee booda bara 1873 Raayyaa weeraruu eegale. Dhaadannoon isaa bara sanaas akkas jedha ture.
“Iddoon ykn biyyi Raayyaa jedhamu kun dur lafa namoota eebbifamtootaa ture luboota kiristaanaafi maatii isaanii hedduutu as ture. Mana sagadaa Kiristaanaas gubanii achitti mana sagadaa Musliimaa ijaaran. “Dhiiga dhiigaan” kaffaluun barbaachisaadha. Kanaaf nutis dhiiga isaanii dhangalaasnee haaloo ba’uu qabna jedhan. Namni Raayyaa hinajjeesin nukeessatti jiraachu hinqabu. Sodaattuufi lugna jedhama. Akka dubartiittis ni lakkaawwama. Ajjeechaa kana raawwattan malee loltuu kiyya hin taatan jedhe.
Gorsaafi ajaja kana erga fudhatanii booda waraana isaanii iddoo lamatti qooduun Raayya waraanuuf sochii eegalan. Hoomaan waraanaa tokko kan hoggonamu, Atsee Yohaannis mataa isaatin yoo ta’u, inni lammaffaan immoo Raas Ari’ayaan ture.
Gareen lamaanuu Waajjiraatii kaasee Oromoota Raayyaa ajjeesaafi booji’aa kaan immoo saamaa akka Makkonnaatti (carcarirratti) walargan mari’atanii adda bahan. Akkuma jedhan raawwachaa Makkonnaarratti walargan. Raas Ari’ayaan gara Abbaa caaraa goranii kan dhufan yoo ta’u, Yohaannis immoo gara Wayijig goree gocha dhaloonni hin hin irraanfannee raawwacha dhufe.
Yeroo kanatti Oromoonni Raayyaa humna mootichaa meeshaa Ingiliiziin kenname ofirraa ittisuuf qophii kamuu kan hinqabne ture. Abbootiin biyyaa naannoo Raayyaatti argaman hedduun garee xixiqqaan kan socho’an malee humna hidhannoo guddaa qabu kan ofirraa ittisuuf of ijaare hinture.
Waraanni Yohaannis yoo Raayyaa ga’u Oromoota hogganaa kan turan keessaa tokko nama Umar Makkonee jedhamu ture. Namni kun waraana mooticha waliin godhamerratti otoo qabsaa’uu lubbuun isaanii akka darbe dubbatama. Umar Makkonnee Abbaa waraanaas qofa otoo hinta’in duree amanta Islaamaa nama turaniidha.
Du’a Umar booda Oromoonni Raayyaa isaan bira turan kallattii adda addaatti baqachuu eegalan (gara Sudaan, Arsii, Walloo, Jimma, Gommaafi Geeraa)tti deemuun lubbuu isaanii oolfatan. Mootichi kunis Mahonneerraa ka’uun warra Abbayyee, Kaarraa, Eeboo, Gabateefi Golochaatti socho’uun ummata saamuufi ajjeesuu itti fufe. Yeroo kanas Waaqshum Tafarii namni jedhamu haaloo dur Raayyaarraa qabu ba’uuf Yohaannis gargaarsa dhufeef akka saamichaaf ajjeechaa kanarratti hirmaate himama.
Humna kamiinuu cimnaan haadhufan malee Yohaannis Oromoota Raayyaa gonkumaa mo’achuu hindandeenye. Maaliif yoo jenne lafti Raayyaa da’annoo gaarii waan qabuuf haala salphaadhaan bira ga’uun rakkisaa ture. Raayyaa keessatti waan gochuu qaban erga raawwatanii booda gara Oromoota Yejjuutti darbuu ture. Kunis Yejjuun duraanuu waan Kiristinna fudhateef baay’ee otoo hinrakkatin bira darbuun Walloo darbuu ture.
Ittifufa
Obbo Alamaayyoo Hayilee: Hayyuu Seenaa yoo ta’an wayita ammaa Giddugala Aadaa Oromootti qorataa seenaafi dursaa garee seenaati.
BARIISAA SANBATAA Bitootessa 10 Bara 2014