Falmiif diddaa ture
Kutaa 4ffaa
Du’a Amadeetti aansee immoo Warqituun maqaa ilmashee Amadee Aliin qabsooshee finiinsaa dhufte. Karaa biraa immoo obboleessi Amadee Bashir Shumiinis lola eegale. Teewodroos Walloo yeroo hunda waan deebi’ee isa ganuuf nama isaaf amanamaa ta’u, Imaamota keessaa waan dhabaniif dirqama Warqiituu wajjin araaramuuf waliigaltee godhan. Waliigalteen kunis ilma tokkicha qabdu kiristinaa kaasuuf mootichis Abbaa Kiristinnaa akka ta’uuf waliigaluun ture.
Amadee Alii ilmi Warqituus, aangoo Dajjaazmaach jedhamu argachuun muudamaa ta’an. Haati Amadee, Warqituun bara 1863 akka isheen Walloo mara bulchitu irratti muudanii ilmashee Amadee qabsiisa galchatanii gara Maqadallaatti deebi’an. Osoo hinturin garuu sababuma xiqqoon ilma Warqituu kana hidhe.
Warqituun ilmashee harkaa baasachuuf takka jaarsummaa, takka gubboo, takka immoo amantummaa argisiistee dadhabde. Tawadrroos immoo loltootasaa booji’amanii finciltoota Walloo warraa kaan harka jiran naadebisiistu malee mucaa kee hinargattu jechuun dide. Warqituunis silayyuu Teewodroos faana Waliigaluushee itti aaraniiru waanta’eef finciltoonni hidhamtoota kana deebsuu didan. Warqituunis mucaashee osoo hinargatiin hafte.
Gaafa Amadee Bashir du’u Warqituun ilmashee akka gadlakkisaniif gaafatte. Ammas Teewodroos Oromoota Walloorratti jibbinsaafi haaloo hamaa qaba waan ta’eef tole jechuu hinbarbaanne. Bara 1864 deebitee fincilte. Booda akka haalootti Miniliikiin isa boojuun masaraa Teewodroos keessa jiru Waxabajii bara 1865 baastee gara ofiisheetti gaara Rogeetti baastee fudhatte. Kanas kan gooteef ilmasheen jijjirachuu yaaddeeti jedhama. Miniliikis waraana Walloon marfamanii Faaggaa ykn malakata, Imbiltaa (xurumbaa) wajjin ta’uun gara Shawaatti ergite. Meeshaa waraanaafi loltuu gumaachun humna Minilik utubtee kan Shawaadhaan geesse humna Warqituu ture.
Teewodroos immoo haaloodhaan ilmasheefi namoota hidhaa isa bira jiran harkaafi miila irraa cirsiisuun qileetti gadi naqsiise. Teewodroosis arii kanaan ilmasheefi warra isa duukaa boojiaman namoota 32 ta’an mana hidhaa jiran harkaafi miila irraa muree qileetti naqe. Alattis gadi ba’anii midhaan ala jiru barbadeessan. Isa biqilee jiru nibuqqisiisan.
Oromoota Maccaa Goojjamiin jiranis walitti qabanii hidhanii midhaaniifi bishaan dhorkatanii fixan. Daa’ima, jaarsa jaartii osoo addaa hinbaasin manatti oldeebisanii gubaa turan. Kan qotus kan hojjetus balleessaa tokko malee fixaa ture. Henerii Blaank /Henery Blank, 1870) ajjeechicha akkasitti ibsa.
“Oromoonni Walloo mana hidhaa mootichaa keessa jiran hundi a j j e e f f a m a n i i r u . Isaan keessaa namoonni 32 ta’an ganaa lubuun keessa hinbaane ture. Jarreen lubbuun jiran kanas Tulluu Maqdalaarraa akka boowaatti gataman ta’e. Kana booda akka nama gaddaa tokko ta’u barbaadan (Mootii Teewodroos) garuu yeroo muraasa booda of jabeessun asiif achi deemuu qaban.”
Enna Minillik Shawaa seenaan gareen tokko tokko gammachuun yoo simatan Bazuu Abbaa Diikiir kan Teewodroos bara 1857 Shawaarratti muudan hinseensisu jedhee waraana itti kaasus hingalchu jedhee morme. Yaa ta’uutii waraanni Warqituu isaanii wajjin turan aarsaa guddaa kanfalaniin Bazzuun mo’amee akka duubatti baqatu ta’e. Warqituu lolee ishii gara Shawaatti erguu qofa otoo hinta’in mataan ishee gara Shawaa deemuun gara waggoota lamaa turtee Wollootti deebite.
Warqituun yakka seenaa Oromoorratti hojjatte garuu gargaarsa Miniliikiif gooteen namuu baay’ee ishee hinkomatu. Yaata’utii garuu yeroo kanattis ilma tokko guddifattee abbaa warraa isheefi qacceen Mahammadootaa gama Aliin jiru isheen walqabatu gochuuf yalaa ture jedhama.
Turtiishee kana booda Warqituun Miniliikiin qabattee Wallootti deebite. Ennaa kanatti Mastaawotiifi ilmishee aangoo qabatanii eegan. Mastaawotiifi ilmishee ummata biraas deggersa hedduu argataniiru. Ta’us Mastawoti daftee lolicha kiphuu hinbarbaane. Hanga Minilik Shawaatti deebi’utti eegde. Yaata’uutii ummaani Aadde Mastaawootii wajjin waan hiriireef deggarsa hanga barbaadame argachuu hindandeenye. Ta’us Warqiituufi Mastaawoot waraana godhaniin gareen lamaanuu jiddutti lubbuun darbee yaraa miti.
Warqituun bara 1867 Wallootti deebi’uun Teewodroosirratti qabsa’uu eegalte. Kara biraa immoo haati Abbaa Waaxew Mastaawot kan bara 1865 booda ifa ba’aa dhufte Teewodroosiin boqonnaa dhorkite. Hata’uutii lola kana keessatti Warqituufi Mastaawot marii hinqaban. Kopha kophaa lolu. Kun immoo diina isaan jilbiinfachiisurratti dhiibbaa guddaa itti uume. Irraa caala immoo osoma Teewodroosiin lolanii deebi’aniis waliins lolaa turan jedhama.
Ennaa kanatti Walloonni Warqituu isa isheen al tokko Teewodroositti harka laatte, al tokko immoo Amaara Shawaatti baqate komachuun baay’inaan gara Mastaawot goruun lolaa turan. Irraa jalaan Warqtuufi Mastaawot Walloo harkatti galchatanii Teewodroosiin Maqadallaarra qofaatti hanbisan. Bara 1867 kaasee Ingiliizoonni gara Itoophiyaa waraana qabatanii hanga seenanitti Teewodroos naannoo Maqdalaatti waraana Aadde Mastaawootiifi Warqiituun marfamanii harka marachuun taa’aa turan.
Biyya bal’aa waggoota 15 dura warra Yajjuurra dhaalan dhiisaanii loltuudhuma isaaniyyuu akka hinbittinoofne gochuu hindandeenye ture. Calqaba Fulbaanaa bara 1867 ajajaa waranna Teewodroos kan ta’an Afa Nugus Mashashaafi Bajorondi Kinfuu loltoota Wallootti harka kennatan. Ennaa loltooni Tewedroos diina keenya deggertan jedhanii uummata naannoo Maqadalaa adabuuf gad ba’anis uummani ofirra qolatee ol deebisaa ture.
Bara 1866-1868titti, Mastawotiifi Warqituun Maqadalaa qabachuuf yaalii onnachiisaa godhaa turan. Mastawot ilmashee Abbaa Waaxew duukaa hidhamtoota Ingliiziif Phaaphasii ennasiitti xalayaa erguun ennaa isheen Maqadallaa qabattu akka mirkaneessaniif gaafatte. Warqituun immoo humna Miniliik biraa argattee dabalattee humna waranaa 30,000 qabattee Maqadallaatti seenuun Jiffa qubatte. Adeemsi Warqituu kan injifannootti geessaa jiru kan hubatan Miniliikifi gorstoonni isaa gochaanishee kaayyoo keenya funduraa nujalaa fashaleessa jechuun Warqituu dhorkan.
Warqituuniifi Mastaawot akka mootichi jalaa hinbaqane marsanii adamsaa jiranitti Waqshuum Gobozee inni Laastaa Tigraayiin, Indartaa, Waajiraat, Daawuntiifi Dalaantaan qabatee Yajjuutti ce’uu Maqadalaatti deemaa jiraachuu isaa dhaga’an. Kuni immoo Mastawoti lola Maqadallaa dhiistee gara Waqshuumiitti akka deebitu taate. Waqshuumis sodaatee Daawuntiifi Dalantaa Mastaawotiif deebisee ofduuba deebi’e. Mastaawoti Maqadallaatti deebitee Teewodroosiin bahaafi gala dhorkuu eegalte.
Seenaa kana keessatti kan nama dinqisiisu falmii Oromoon Walloo Yejjuufi Raayyaa Oromummaa isaanii eegsisuuf gochaa turan irraafatamee jibbi aadaafi Aafaan Orommorratti waggoota dhibbaan dura tures irraafatamee yeroo ammaa saba Amaaraa ta’anii falmii biraatti ce’uu isaanii kan nama dinqisiisuudha.
Barreesaan seenaa Phaawuloos Nyoonyoo kitaaba isaanii Teewodroos jedhamu keessatti akka ifa godhanitti, Ebla 16 bara 1867 keessa humni Warqituun gaggeeffamu Tulluu Maqdalaa gara kibbaan marsuun waraana eegale. Kunis Inglizootatti himame. Jeneraalli Naappiir, oggaanaan Waraana Ingiliiz, mareedhaaf Warqituu ofitti waamsise. Yeroo kana Warqituun gara Jeneral Naappiir deemuun waliigaltee godhan. Warqituunis Jeneraal Naappiiriin akkas jettee jedhama:
“Nuti hamma dandeenyu isaan waraanaa turre. Garuu meeshaa waraanaa nu caalu waan qabaniif nu mo’atan. Ilma kiyyas nan guddisa jedhanii kiristinnaa kaasuun fudhatan ajjeesan. Ani amma kanan barbaadu inni (mootichi) mo’amee bakka ilmi kiyya qaamni isaa itti kutame itti darbatame san ilaale lafee isaallee yoo argame akka guuramuufi hirmii kiyya baafadhuun barbaada. Kana malees akka gocha kanaaf adabbii argatan fedhii kiyya jettee turjumanaan himate.”
Bifuma walfakkaatuun Jeneraal Naappiyeer Aadde Mastaawotiis akka walargan, Darl Bats 1979 yoo ifa godhu. J/Naappiyeer Aadde Mastaawot waliin walgayiin godhamerra fooyyee kan qabu ture. Naappiyeeris baay’ee kanitti gammadaniidha. ‘Bats’ akka jedhutti, Mastaawot umurii akka afurtamaa keessa kan jirtuufi dubartii furdoofi bifa miidhagaa qabduudha. Erga jedhee booda, mucaa ishee baay’ee midhagaa waggoota ja’aa hanga torba ta’uu kan qabuudha.
Mucaan kunis baay’ee miidhagaaf nama isa argu mara kan gammachiisuudha jedhee erga galmeessee booda. J/Naappiyeer waliin yoo walarguuf dhufan Mastaawot akka dubartii ykn aadaa Itoophiyaatti otoo hinta’in iccitiidhaan hanga fuula isaanii haguugachuutti kan of faxuuraniifi goraadee hidhatanii waraanaafi gaachana qabachuun akka dhiiraafi Jagnaatti kan dhufaniidha. Kunis gaazeexaa “The times” jedhurratti bahee ture. Isaanis waraana isaanii kallattii kamiinuu akka sochoosu danda’an Jeneraal Naappiyeeran walii galuun akka hojjachuu danda’an ibsu.
Yakkaafi loogii Jeneraal Nappiyeer Oromoo Walloorratti raawwatan
Waliigalticha keessatti jeneraalichi kan barbaade mootichi akka jalaa hinbaqanneef eegumsi akka mootoota Wallootiin godhamu kan gaafatu yoo ta’u, kunis duraanuu kan raawwachaa tureef waan dubartoonni Oromoo daran itti hinrakkanneef ture. Mootiin Mastaawotis ta’e Warqituun waraanni Ingliizii hidhamtoota isaanii bilisa baasuun gara biyyaatti deebi’uu malee mootii akka fedhetti seera ala namoota ajjesuufi qalu kana humna isaanii bittisuufi balleessuun ifatti akka itti himamu gaafachuun atoomsa isaanii akka ta’e mirkaneeffachuu ture. Kana gochuuf mootota Oromoo kanaafi ummanni gara isaaniin akka hubatu (qabsiisu) Naappiyeer imaanaa wajjin itti hime. Kana malee balleessa hanga ammaatti raawwataniif akka itti gaafataman ifa godhameefii waliigaltee irra ga’an ifa godhan.
Jeneral Naappiyeer mariin Oromoota (Warqiituufi Mastaawot) waliin godhan akkuma eerame kan baayye walfalmisiisu hinture. Dubartoonni Oromoo kun lachuu rakkinoota ofii qaban akka salphatu malee kan garee biraa ilaaluufi yaada adda hinqabani ture.
Ittifufa
Obbo Alamaayyoo Hayilee: Hayyuu Seenaa yoo ta’an wayita ammaa Giddugala Aadaa Oromootti qorataa seenaafi dursaa garee seenaati.
BARIISAA SANBATAA Bitootessa 3 Bara 2014