Oromoofi ijaarsa tokkummaa Itoophiyaa (1855-1889) Falmiifi diddaa ture

Kutaa 2ffaa

Falmiifi diddaa Oromoo Walloofi Mootii Tewodroos II

Atsee Tewodroos II ykn maqaansaanii ganamaa Kaasaa Hayiluu (kanaan booda barreefama kana keessatti Tewodroos jennee kan waamnu) akkuma mootii ta’aniin kan xiyyeeffatan Oromoota Walloo of jala oolchuurratti yoo ta’u, isa dura garuu mootummaa Gondor of jalatti galchuuf ture.

Yeroo sanatti Gondor gaggeessaa kan turan Oromoo Yajjuurraa kan dhalate Raas Alii xinnicha turani. Kunis mormii baras Oromoorratti godhamaa tureef deebii kennuuf fakkaata. Kan biraa akka barreessitoota Awurooppaa, Tewodroos Walloorratti kan xiyyeeffateef barreessitoonni sababoota garagaraa lafa kaa’u.

Akka barreessitoota tokko tokkootti Tewodroos ijoollummaasaarraa kaasee ciminaafi seexaa Oromoota Walloo argaa waan guddateef dursee isaan yoo jilbeenfachiise malee mootummaan inni ijaaruuf deemu humna akka hinarganne waan hubateef jedhu. Ciminasaanii kanarraa kan ka’e, sirni bulchiinsa Oromoota Walloo (Yejjuu) deebi’ee akka hinijaaramneef sodaa guddaa qabu maqsuuf akka ta’e ibsu.

Gareen biraa immoo ennaa aangoon warra Yejjuu harka ture Walloonni waan isatti hintolle raawwachaa waan turaniifi akkasumas cimsanii isa hacuucaa waan turaniif haaloo qabu ba’uuf akka ta’e himama. (Taaboor waamii, 2006:357).

Gareen biraa immoo gara Shawaatti darbuuf dura Walloo gabbarsiisuun dirqama waan ittita’eef jedhu. Garee afraffaan immoo keessumaa warreen amantii xiyyeeffatanii barreessan Amantii Musliimaa Walloo keessaa balleessuuf gorsa Abuna Salaamaa bakkaan ga’uuf waan kaayyeffateefi, jedhu.

Tewodroos bara 1855 akkuma Mootii Moototaa jedhee of muudeen ganna roobaa Ambaa Carratti dabarsee Onkololeessa 1855 gara Wallootti qajeele. Kaayyoonsaa Wallootaafi Warra Shawaa ofjala oolchuuf ture. Ennaa kanatti mootonni Oromoo Walloo bulchaa jiran hingurmoofne. Ofiisaaniiyyuu bakka sadiitti walqoodanii aangoof wallolaa turan.

Warqituu Wadaajoo haati Amadee Alii, haati warraa Alii Liiban Ambaassalirraa, Liiban Amadee ilmi Abbaa Miijaa Amadee Liiban Maqadallaarraa, Amadee Bashir ilmi Bashir Liiban Karabirraa walqeeqaa turan.

Kan waldhabiinsasaanii hammeesse immoo daangaansaaniillee sirriitti addaan ba’ee beekamuu dhabuusaati. Isaan kunniin hundi walto’achuuf waldhabaa turan. Mootonni xixiqqoon kan jiraa kan itti hinxiyyeeffatamin kan warra akka Adara Billiifaas turan.

Tewodroos kaabarraa ka’uun gara Wallootti dhufee abbootii biyyaa kanneen gargar qoodee gabbarsiisuun gabbaraa funaanuutti ka’e. Achii ka’ees Laga Bashiiloo ce’ee bulchaa Laga Goraa kan ta’e Adara Billeetti lola bane.

Waraana Laga Goraatti Adara Billee jala dhaabbachuun Tewodroosirraa loltuu hedduu fixe. Dhumarratti waraanichi cimuurraa kan ka’e Tawodroos ofiisaa farda yaabbatee loluu eegale.

Waraana hedduu qixxeeffachiisaa booda Adara Biilleen ni ajjeefaman. Loltoonni warra Adara Biillees nitamsa’an. Injifannoo kana booda Tewodroosis Ilmaan Adaraa Biillee Alii biyyicharratti muuduudhaan gara Warra Heemanootti qajeelan. Karaarrattis waan argan saamuufi gubuu ittifufan.

Qabsoo Diddaa Gabrumma Oromoota Walloo

Warra Heemanoorraa gara Kaabaatti Abbaa Biyyaa Saadiiq Daanqaatti dhufan. Turban Waloo hafanis Saadiiq cinaa dhaabbachuun Tewodroositti marsanii lolan. Loltuu Tewodroosis nyaata dhorkatanii loltuu waa barbaaddachuu deemus jalaa ajjeesan. Waraanichi waan jabaa tureef haala sukkanneessaa ta’een nama kumaatamatti tilmaamamu gar lachuurraayyuu fixan.

Tewodroosis loltootasaa Walloota baqatanii deebi’an maaliif baqatan jedhee harkasaanii tokkoofi miilasaanii tokko irraa mummure.

Ennaa kanatti Warqituun mootiin Shawaa Hayla Malakot akka gargaaru itti himattee humna fardaatiin lolaan qabatte isheenis dabaree ishee bataskaana Ortodoksii karaarratti argatte akka haalootti gubaa Tewodroosiin loluuf gara Gimbaatti qajeelte. Waraana kana keessatti kaayyoon Aadde Warqituu inni guddaan mooticha marsanii qabuu ture.

Waraana kana keessatti Hayla Malakot kan isheen silaa walirra goruuf waliigalan loltoonnisaa biyya Oromoo keessatti hinlollu jedhanii yoo biraa deebi’aniyyuu Warqituun loltootashee qabattee waraana Tewodroosiin itti marsitee hiraarsite. Imaamota hafaniifis fakkeenya cimtuu taate.

Waraanni Warqituu wajjin godhame kun murteessaa waan tureef lubbuu namoota baay’ee kallattii lameenirraayyuu fudhatee ture. Waraana kanarrattis Imaamotaafi Oromoonni Walloo hedduutu hirmaate.

Waraanni Gimbaarratti godhame kun mooticha marsuuniin achiti hambisuuf yoo ta’eyyuu lola qixxifachiisaa guyyoota afuriin booda Tewodroos injifannoo argate. Waraanni Aaddee Warqituu ammas abdii osoo hinkutin gaara mijataa qabachuun ofirraa ittisuu ittifufan.

Loltoonni Tewodroos ennaa gaaratti ol itti ba’uu yaalanis dhagaa gadi itti konkolaachisuun jalaa fixan. Haata’uutii bu’aan waraanichaa akka eegame hintaane. Carraan waraanni Tewodroos qaban du’uu ykn mo’achuu qofa waan ta’eef cimee waraanuun lolee Warqituu injifachuudha.

Waraana guyyoota afur godhame keessatti gareen Tewodroos meeshaa waraanaa ammayyaa waan qabaniif garee Walloo mo’achuu eegale. Loltoonni Tewodroosis faccee jabaa isaan mudateen ol itti ba’uu haadadhabaniiyyuu malee guyyoota baay’eef loltoota Warqituu marsuun humna qawweetiin nyaataafi dhugaatii akka hinarganne godhan.

Namoota duubaa nyaata fiduu yaalanis meeshaa ammayyaa fayyadamuun irraa ittisan. Mormiifi faccee qixxeeffachiisaa Walloonni agarsiisan Warqituufi loltoonnishee hedduun du’arraa baraaraman.

Waraana Gimbaatti godhameen kan aaran mootii Tewodroos Warra Himanoo keessa socho’uun namoota baay’ee fixan. Mootichis namoota lubbuun booji’an 30 ta’an akkuma barame haala suukanneessaan harka lamaan irraa muraanii mormasaaniitti hidhanii gara maatiitti deebisuu eegalan. Tewodroos jalaas akkasuma loltoota hedduutu dhume.

Tawodroos bakichattis Warra Himaanoo keessaa kan aangoo imaamummaaf falmaa turan keessaa Liiban Amadee itti muuduun humna haaraa walitti qabanii Gimbeedhaa gara Maqadallaa deeme. Warqituunis waraana Gimbaaatti haamo’amtu malee ji’a tokkoof qabsoo walirraa hincinne ittifufte.

Mootichis Maqadallaa qabachuuf deeme. Kana booda Tewodroosis Maqadallaa ykn Roggee to’achuun darbaniis Walloofi naannawa hunda to’achuu eegalan. Maqadallaas mana hidhaafi bakka kuusaa meeshaa waraanafi teessumasaa godhate. Ta’us injifannichi kan yeroo ture.

Tewodroos Maqadallaa kan bakka taa’umsaasaa godhateef Walloo keessa deddeebi’anii fincilanii waan isa rakkisaniif jedha.

Tewodroos injifannoo kana booda mootii Shawaa Hayila Malakotiin gabbarsiisuuf gara Shawaatti qajeele. Haata’uutii, mootii Shawaa kan turan Hayila Malakotis mooticha duulaan osoo hinsimatin dhibeen du’anii eegan. Tewodroos ilmaasaanii Minilik booji’ee haadha wajjin gara Maqadallaatti fudhatee deebi’e.

Kana malees Tewodroos Oromoota Shawaa namormitan, gibira dhiyeessuu diddan jechuun naannawa Angoloolaa (Abbichuutti) fi Dabra Biraanitti argaman mara ajjeesuun reeffasaanii dirreerratti facaasuun akka allaattiin nyaattu gochuusaanii kanneen ijaan argan kan akka Alaqaa Zannabaafaa ifa godhaniiru.

Tarkaanfiifi gochi Tewodroos ummatarratti keessumattuu Oromoo Walloorratti raawwachaa ture abdii kutachiisaa ta’us Oromoonni Walloo jala dhaabbachuu hindhiisne. Ennaa Tewodroos Shawaafi Gojjam to’annoo jala oolchanii gara biyyaatti /Gondor/ deebi’an ummanni Walloo kan mootichi muudan kaasuun mormiisaani ittifufan.

Liiban Amadeellee kan Tewodroos muudate osoo hindu’in ji’a shan fuldura Tewodroosiin fincilee Maqadallaa dhiisee gara Dalaantaa deeme. Liiban Amadee kan du’e bara 1857. Du’a Liiban Amadee booda Tewodroos mucaa Liban, Amadee dhiisee ammas ilma Bashir Liiban, Amadee Bashir ofjalatti bulchaa Walloo waliigalaa godhee muude.

Amadeenis bara 1858 muudama Tewodroos diduun Imaama Walloo jedhee of labse. Kana booda Amadee Bashiir wiirtuu ajajaasaa gara Afaamboo jedhamutti jijjiiruun qabsoosaanii ittifufan. Karaa biraa Warqituun ilmashee Amadee Alii qabattee haaloof eeggachuu ittifufte. Abbaan Waxewis haadhasaa Mastaawat wajjin yeroo mijitaa eeggata. Kan faccee kanarra fagaatee jiru Mohaammad Alii kan garbittii Geexii Geetoo biyya Ginda Baratirraa bitamtee dhufte, Geexii jedhamturraa dhalate qofa. Mohaammad Alii Abbaa Buddeeniisaa bira Amaaraa Saayintii jiraachaa ture.

Hundarra garuu hanga bara 1861 adda durummaan qabsoo Tewodroosirratti kan gaggeessaa ture Amadee Bashiri. Amadeen keessattuu waraana Tewodroos al tokko warra Qaalluu keessatti gaggeessan kallattiin falmachuun gootummaan isaan raawwataniin jagnummaa kan agarsiisan ta’uu himamaa ture.

Yeroo biraa garuu tooftaa waraana riphee loluun mooticha rakkoo argisiisaa turan. Amadee Bashiir iddoo Irqee jedhamutti bakka bu’aa Tewodroos kan ta’e Jaanxiraar Amadee Alii Boruu wajjin waraana guddaa godhaniin Amadeen Alii Birruu ajjeesuun ijifannoo argateera.

Waraana Faariis Qaasiim kan Warra Hemaanota waliin taasiseenis Faariis Qaassim booji’uun xumureera. Gootummaafi cimina Amadee Bashiirin kan ka’e Abbootiin waraanaa warra Qaalluu Amadee Boruufi kan Laga Goraa Alii Adaraa waraanasaanii wajjin makamuun Tewodroosiin waliin falmuu eegalan.

Bara 1858 Walloota walitti fidee gurmeessee loltuu fardeenii 50,000 horachuun Tewodroosiin waraana itti banuun qexxeeffachiisaa ture. Ennaa bara 1858 Tewodroos Goojjam dhaqu Amadeen qabsoosaa hedduu finiinse.

Lolli Amadees garlamatti ture. Inni gartokkoo Tewodroosiin loluu, inni kaan ammoo Warra Tewodroos jala kaattu jilbifachiisuu ture. Tewodroosis Amadee qabuufi Walloota ni dhoksitan jechuun manasaanii gubaa qabeenyasaanii saamee rakkisaa ture. Haata’uutii Amadeen waraana keessatti madaa’ee bara 1861 du’e.

Ittifuf…

Obbo Alamaayyoo Hayilee: Hayyuu Seenaa yoo ta’an wayita ammaa Giddugala Aadaa Oromootti qorataa seenaafi dursaa garee seenaati.

BARIISAA SANBATAA Guraandhala 26 Bara 2014

Recommended For You