Seenaa mootummaa Sirna Gadaafi guddinasaa

Kutaa 15fafi isa xumuraa

Caffeen Oromoo gosa gosaan ta’ee akka araddaa waliigalaatti iddoo murtaa’e tokko qabaachuu ni danda’a. Kunis ardaa miseensi tokko waggoota afurtamaan (40) altokko itti godaanuufi Gadaan garuu waggoota saddeet saddeetiin itti jila gaggeessudha. Kanaaf, Caffeen araddaa Waayyuufi Hayyuuti malee teessoo Abbaa Gadaa jechuu miti. Caffeen lafa diriirtuu, nagaafi tasgabbii qabdu, kan seera tumuuf toltu, sagaleen nama jeequ kan itti hindhaga’amne, iddoo seerri itti tumamuufi labsamudha ykn nagaati.

Bakki kun bakka huummoon itti hinkorrisne, simbirri halkanii itti hiniyyine, sardiinni itti hindunne jedhamee filatamee labsiin itti godhama. Iddoo Caffeetti qachaan Gadaa ijaarama. Kunis galma Abbaa Gadaa jedhama. Abbaan Gadaa qachaa Gadaa kanarratti jaarraa ofii xumurata. Kana booda guyyaa Baallii dabarsu ijoollee isaa akka bakka buusu waadaa galuun sirna maqaa baasaa gaggeessa. Iddoo tokko tokkotti sirna kanarratti warreen dhiiraa malees dubbartootaafis maqaan ni baha (moggaasatu kennama).

Maqbaasaa kanarratti maqaan kan bahu miseensa Gadaafidha. Akka aadaa Oromootti, maqaa dhuunfaa kan baasu abbaafi haadha mucaati. Kan intala ishee garuu yeroo baay’ee kan baastu haadha deessedha. Maqaan kun kan warra ishee biratti ittiin beekamtuufi hawaasni ittiin waamu ta’uu qaba. Maqaan lammataa erga heerumtee booda kan warra dhirsaan kennamuuf yoo ta’u, maatiidhuma san warra dhirsaa keessatti kan ittiin beekamtu ta’a jechuudha. Maqaan kun yeroo baay’ee niitii lamaan hangafaafi quxusuu ta’aniif maqaa murtaa’e qaba. Fakkeenyaaf Ayyaanttu, Soorettii, Beektuu, Hortuu, Boontuu … jedhuun ni danda’ama.

Qachaan Gadaa akka galma Abbaa Gadaatti fudhatama. Abbaan Gadaa Galma hinqabu. Yeroo gumiin miseensa Gadaan gaggeeffamu malee Abbaan Gadaa tokko yeroo aangoo fudhatee irraa jalqabee iddoo tokko hintaa’u. Hawaasa keessa deddeemuun hojii bulchiinsaa raawwachiisa.

Kana malees, seerri Gadaa akkaataa seera aadaatiin haalaan hojjiirra oolaa jiraachuusaa hordofa. Abbaan Gadaa waraana murtaa’e kan miseensa sadarkaa Kuusaafi Raaba keessaa filataman qabaachuun biyya bulchiinsa itti gaggeessuurra marmaaruun nagaafi tasgabbii ummataa eegsisa. Diinni yoo dhufe duula labsee waraana gaggeessa. Qabeenyaafi maatii Abbaa Gadaa kan tiksu gosa isa filateedha. Nyaataafi galaa inni barbaadu kan dhiheessu ummata inni yeroo murtaa’eef irra qubatedha.

Abbaa Gadaa tokkoof qachaan kan ijaaramu Caffee tumaa isaarrattiifi iddoo miseensonni itti luboomanidha. Kanarraa ka’uun fakkaata kan miseensonni Gadaa shananuu Kattaa Daalotaa (Duukam) keessatti Ardi Odaa Nabee Odaalee Shanan jiran maqaa miseensota shananiin moggaasan. Odaaleen kunis.

Odaa Birmajii, Roobalee, Duuloo, Horataafi Meelbaa jedhanii walirraa fageenyarratti argamu. Walumaagalatti, Caffeen jecha sadarkaa xiqqaarraa gara hiika gamtoomina ummataa sadarkaa olaanaatti argamu yoo ta’u, kunis qaama olaanaa bulchiinsa sirna Gadaati.

Akkuma armaan dura ibsinetti, Caffeen jechoota akka Odaa, Gumiifi Yaa’ii bakka bu’uu danda’a. Achi keessatti, Oromoota iddoo adda addaatti argaman akka seera baastuu, seera raawwachiistuufi seera hiiktuu kan hammateefi ergama kanaaf hundee kan ta’eedha. Kana malees, erga bulchiinsi Sirna Gadaan laafee booda Ummanni Oromoo jecha kana bifa haaraan itti gargaaramuun siyaasa ammayyaa keessattis Mana Maree Oromoo, Caffee Oromoo jedhee moggaafama “Caffee” jedhu haaromsee ittiin hojjachaa jira. Kunis jechaafi hiikaa iddoo isaa eeggatedha.

Obbo Alamaayyoo Hayilee: Hayyuu Seenaa yoo ta’an wayita ammaa Giddugala Aadaa Oromootti qorataa seenaafi dursaa garee seenaati.

BARIISAA SANBATAA Guraandhala 19 Bara 2014

Recommended For You