Kutaa 14fa
Miseensonni shanan aangoo qabatan dabareen mana maree ykn Caffee isaanii filatu. Caffeen filatamu kunis hojii gosa maraa kan hojjetan malee, kan gosa tokkoo qofa kan hojjetan miti. Hojii gosaa qofa kan hojjetu mana maree (Caffee) gosaan filatamuudha. Maqaan miseensota shanan Gadaa keessatti beekaman kunniinis marsaadhaan Birmajii, Roobalee, Meelbaa, Michilleefi Biifolee jedhamu. Kunis marsaan yoo ilaalamu kan armaan gadii fakkaata.
Fullaas, moggaafamni kun waggoota 40 booda maqaa biraa ofitti moggaasuun ilmaansaanii maqaa abbaa dhiisuun maqaa kan biraatiin beekamuu ni danda’u. Oromoota gara jiddugalaa (Tuulamaafi Maccaa, Arsii, Ituufi Gujii) keessatti garaagarummaan maqaa miseensotaa kun baay’ee kan mul’atu miti. Fakkeenyaaf Tuulama keessatti;
1. Birmajiin (Kiilolee)
2. Roobalee (Muudana)
3. Meelbaa (Harmuufa)
4. Michillee (Duuloo)
5. Biifolee (Mul’ata) jedhamu. Karaa biraatiin, miseensonni kunniin Oromoo Booranaa (Sabboofi Goona) biratti maqaalee Daraaraa, Maakula, Moggisa, Sabbaqaa, Libaasaafi Mardiida jedhamuun maqbaasa 7 (torbaa)fi Baallii 5 (shanitti) kan hiramaniidha. Maqaaleen miseensotaa naannawarraa naannawatti gargar ta’uu danda’a. Kun garuu, seeraafi kaayyoo Caffee Oromoorratti jijjiirama hinfidu. Seerri Caffee duruma kan tumameefi kan beekamu yoo ta’u, miseensi Gadaa waggaa saddeet saddeetiin Caffee taa’uun seera Caffee haaromsuun hojiitti hiika. Raawwiisaas hordofee komiifi ceephoo dhiheessa. Miseensi tokko carraa seera haaraa tumuufi ceephoo dhiheessuu kan danda’u umuriisaa keessatti altokko waan ta’eef carraa argatutti sirnaan gargaarama.
Bulchiinsi Sirna Gadaa bifoota lamaan hojjeta. Isaanis; miseensa qaraafi miseensa laafaatti qoodamuun ta’a. Miseensi qaraa kan jedhamu sadarkaalee Gadaa ja’an isaan duraa keessatti kan hojjetu yoo ta’u, kan hafan immoo sadarkaa 2fa ykn miseensa laafaa kan jedhamurratti hojjetu. Kunis seera Caffeen baaserratti hundaa’uun haaluma umuriin akka armaan gadiitti ibsuun ni danda’ama.
Maqaa sadarkaalee Gadaafi umurii miseensa Gadaa
Maq Umrii Isaanii
1. Dabballee ____0 – 8
2. Gaammee _____8 – 16
3. Kuusaa ____17 – 24 Miseensa
4. Raaba _______25 – 32 qaraa
5. Doorii _______33 – 40
6. Luba (Gadaa)____41 – 48
7. Guulaa /Yuuba/ 1 ___49 – 56
8. Yuuba -2 __________57 – 64
9. Yuuba -3 ___________65 – 72
10. Gadamoojjii ______73 – 80
11. Jaarsa (Qululuu) ___81 – 88
Sadarkaaleen kunniin kan namni Oromoo ta’e tokko seera Gadaa keessatti hammatamuun dhalootuma isaarraa kaasee hanga lubbuun jirutti keessa darbuu qabuudha. Sadarkaaleen murna duraa keessatti mul’atan Gadaa qaraa yoo jedhaman, isaanis seera Gadaan tume hojiirra oolchu; ni raawwatus. Kana malees, warri murna qaraa qajeelfama Abbaan Gadaa kennu hojiitti hiiku. Mata duree kana keessatti garuu sadarkaa qaraa keessaa isa xumuraa kan ta’e Luba (Gadaa) irratti xiyyeeffanna.
Akkuma murna Gadaa lamaan (qaraafi laafaa) jennee ibsineen sadarkaan Lubaa sun umurii nama tokkoo ykn Gadaarratti hirmaatu isa jiddugalaa akka ta’e mul’ata. Isaanis miseensota waggaa 41-48 ta’aniidha. Umuriin miseensota sadarkaa Gadaa bulchiinsi Gadaa kan gaggeeffamu jaarsotaafi manguddootaan osoo hinta’iin kan miseensa umurii jiddugalaa ta’uu isaa mul’isa.
Miseensa sadarkaa Gadaa ta’uuf barumsa (informal education) sadarkaalee Dabballeerraa kaasee hanga sadarkaa Dooromaatti keessa dabruun dirqama. Sadarkaan Lubaa ykn Gadaa jedhamee beekamu jireenya nama dhuunfaa tokko keessatti murteessaadha. Kunis shaakala barumsaafi dirqama sabni isaarraa eegu kan gumaachu yeroo kanatti waan ta’eef.
Namni tokko Abbaa Gadaa, Abbaa Duulaa, Abbaa Faajjii, hayyuu Fooqaafi qaama beekamaa Sirna Gadaa kan itti ta’u sadarkaa kanarratti waan ta’uuf. Akka seera Caffeetti lafumaa ka’anii Abbaa Gadaa ykn kan biraa ta’uun hindanda’amu. Qaama bulchiinsa Sirna Gadaa miseensa Caffee kan ta’us yeroo kanatti.
Sirna Gadaa keessatti sadarkaan kun baay’ee murteessaadha. Sirni Gadaas maqaadhuma sadarkaa kanaan kan beekameedha. Maqaan Gadaa jedhamu kunis Tuulamaafi iddoo baay’eetti maqaa Luba jedhamuun beekama. Sadarkaan kun iddoo tokko tokkotti sadarkaa ce’umsaa jedhama. Sadarkaa qaraarraa gara laafaa ykn Yuubomaatti waan darbaniif jechuudha.
Murna Gadaa isa 2fa keessatti miseensonni Yuubomarratti argaman hayyuu Gosaa, hayyuu Gabraafi Meedhachaa, Abbaa Seeraa ta’uun gosa ofii keessatti hojjechuu malee akka qaama olaanaa Sirna Gadaatti hojjechuuf seerri hinhayyamuuf. Haala kanaan Sirni Gadaa aangoon namoota murtaa’an harkatti akka hinqabamne dhorka.
Miseensonni kunniin namoota sadarkaa qaraa fixatan yoo ta’an, muuxannoo argataniin akka hayyuu gosaatti filatamanii hojii gosaa hojjechuu danda’u. Argaa dhageettiirratti muuxannoo guddaa waan qabaniif hawaasa biratti fudhatama guddaa qabu. Iddoo tokko tokkotti namoonni kun “Walaab galeessa” jedhamu. Kunis seera Walaabuu kan waraabbatee gale ykn muuxannoo qabaachuu isaanii argisiisa.
Akka seera marsaa Gadaatti, bulchiinsa Sirna Gadaa keessatti, namni tokko miseensa paartii tokko qofa ta’uuf mirga qaba. Kunis Caffeen kan murtaa’edha. Seenaa bulchiinsa Sirna Gadaa Tuulamaa keessatti Caffeewwan ykn gumiiwwan gosoota Oromoo hedduu biratti beekaman keessaa muraasni akka armaan gadiitti ilaaluu ni dandeenya.
Caffee – Caffee – Tumaa
– Caffee – Baalloo
– Caffee – Roobii Tuulamaa
– Caffee – Goraa
– Caffee – Doonsaa
Odaa – Odaa Nabee Tuulama
– Odaa Kallachaa >> >>
– Odaa Bisil Maccaa
– Odaa Bulluq >> >>
– Odaa Doogii >> >>
– Odaa Huulee >> >>
– Odaa Bultum Ituu
– Odaa Girjaa Gujii
Wiirtuun siyaasaafi amantii Oromoo Odaafi Caffee malees moggaafama gumii jedhamuunis ni beekama. Innis yaa’ii olaanaa Abbaa Gadaafi hayyoota Oromoon gaggeeffamuudha. Jecha gumii jedhu kana yeroo baay’ee Oromoota gara kibbaa jiranitu itti fayyadama. Kunis qaama olaanaa bulchiinsa Sirna Gadaa Oromoo Gujiifi Booranaa ta’uun beekamu. Gumiin Gaayoo Boorana keessa yoo ta’u, gumiiwwan akka Me’ee Bokkoo, gumii Daraartuufi gumii Dharritoo Gujii keessatti isaan olaanoodha.
Bal’ina biyyaafi baay’ina ummata Oromoorraa kan ka’e waan tokkoof maqaawwan adda addaa kennamuu danda’eera. Maqaan Caffee jedhamus ta’e gumii ykn Odaan qaama olaanaa mootummaa Sirna Gadaa Oromooti. Dhimma Caffee Oromoo mara dhiisnee otoo Caffee Tuulamaa akka fakkeenyaatti fudhanne, kan armaan gadii fakkaata.
Caffee keessatti Abbaa Bokkuufi Qaalluun sadarkaa walgiturratti argamu. Gadaa keessatti akka qaama ulfina guddaattis eeramu. Bokkuun kan Gadaa dursu yoo ta’u, Qaalluun immoo kan Gadaa eebbisuufi Muudaa kennuudha.
Caffeen akka qaama gaggeessaatti, Abbaa Gadaa filatee qaamni seera raawwachiisu marti seericha akka hojiitti hiikan Abbaa Gadaa jaarraa sanaatti kenna. Gadaan immoo akka caasaa isaa hanga gosaa, manaafi balbalaatti diriiru taasisa. Kanaaf, aangoon Sirna Gadaa akka miseensa Gadaa jaarraa (Waggaa saddeettan) sanaa mara bira ga’u ta’a.
Abbootii Gadaa jaarraa sanaa dirqamaafi ergama walqixxee ta’e qabu jechuudha. Miseensi Gadaa sun yeroo sadarkaa Lubaarra ga’an mallattoo Abbaa Gadaa ta’uu isaanii kan ibsu alangaa Roobii qabatu. Kunis jaarraa waggaa saddeettan dhufan sana keessa kan isaan dursee murtii kennus ykn dubbatu akka hinjirre ibsa. Seenaa kanas Asmaroom akkasitti ibseet ture; “Gada is a method of ensuring that all groups take turns in assuming the authority responsibility to perform domestic labor, ….responsibility across the whole life course.
Akkuma armaan dura eerame, Gadaan Sirna miseensi isaa keessatti ijaaramee tuutaan gara aangoo olaanaatti dhufanii dirqamaafi itti gaafatamummaa bahaniidha. Kunis duulaafi ummata gaggeessuu, seera tumuu, walitti bu’iinsa araaraan hiikuufi dhumarrattis yeroo aangoo saanii xumuran, gara hojii Yuubomaatti seenuun gosa isaanii keessatti tajaajila kennuu ta’uu ni mala. Kanarraa ka’uun Gadaan aangoo ummata keessatti diriirsuun gahee olaanaa qaba jechuudha. Gadaan ittigaafatamummaafi dirqama dhaloonni namootatti kennu akka galmaan gahan kan isaan gargaarudha.
Caasaa Mootummaa Sirna Gadaa Gosoota ykn Caffee Oromoo Tuulama (Odaa Nabee)
Caasaa Bachoo 1
Caffee Bachoo
Abbaa Bokkuu Abbaa Muudaa (Qaalluu)
Abbaa Gadaa
Abbaa Seeraa Abbaa Faajjii Gosootaa
Abbootii Gadaa Jaarraa Abbootii Gadaa Jaarraa Abbootii Gadaa Jaarraa
gosaa gosaa gosaa
BARIISAA SANBATAA Guraandhala 12 /2014