Seenaa mootummaa Sirna Gadaafi guddinasaa

Kutaa 13fa

6.14 Siyaasa Gadaa Tuulamaafi Yaadrimee Dimokraasii

Dimokraasiin jecha afaan Giriikotaa ta’ee jechoota ‘Demo’ fi ‘kiraasiyaa’ jedhurraa madde. Kunis ‘Demo’ jechuun ummata jechuu yoo ta’u, kiraasiyaa jechuun immoo bulchiinsa jechuudha. Kanaaf, jechi kun lamaan hiika bulchiinsa ummataa jedhu qaba jechuudha. Galmeen jechootaa (Oxford Advanced L. Dictionary 2000), jecha ‘dimokraasii’ jedhu yoo hiiku; “Democracy is system of government by the whole people of a country” jedha. Hiikni inni lammaffaas “Country with a government that allows freedom of speech, religion and political opinion, that up holds the rule of minorities” kan jedhudha.

Yaada armaan olii yoo Afaan Oromootti hiikne, dimokraasii jechuun sirna bulchiinsa ummataa ta’ee sirna bulchiinsa mootummaa keessatti bakka bu’aa ummataa ta’uun bulchiinsa gaggeessuudha. Hiika karaa biraatiin dimokraasiin sirna bulchiinsaa mirgi namaa keessatti eegamuufi olaantummaan seeraa keessatti kabajamuudha. Seerri namoota muraasaafis ta’ee gareedhaaf walqixa kan ta’eedha. Itti dabalees, dimokraasiin sirna bulchiinsaa mirgoonni walqixummaa namootaa yaada ofii bilisaan ibsachuu keessatti kabajameedha. Dimokraasiin hiikaafi yaadawwan armaan olii qaba. Sirna Gadaa waliin walbira qabnee yoo ilaalle, ulaagaa Gadaan tumataa ture yaadrimee dimokraasiiti. Kanneen keessaa haala dimokraatawaa ta’e guutuu danda’u hubachuun nama hin rakkisu.

Sirni Gadaa hundeeffama isaarraa kaasee gamtaafi atoomsa ummataa kan qabuudha. Gadaan Oromoota mara miseensa miseensaan iddoo shanitti ijaaree haala aangoon sadarkaa umuriifi dandeettiidhaan qoodamuun bulchiinsa gaggeessaa ture. Sirni bulchiinsa Gadaa qooda fudhannaan lammiilee akka cimu waan hayyamuuf dhuguma tumaataaleen dimokraasii Gadaa keessatti akka hojiirra oolaa turan ni hubachiisu.

Haala siyaasa addunyaa qaroomee ammaa kanarra teenyee tumaataalee dimokraasiifi, bulchiinsa gaarii hedduu dubbachuu ykn tarreessuu ni dandeenya. Garuu, seenaa sirna bulchiinsa Gadaafi jaarmiyaalee isa keessatti guddatan waggoota dheeraa yaadaan duubatti deebinee osoo xiinxallee, Sabni Oromoo bulchiinsa gaarii yeroo ammaa dimookraasii jedhamu kana kan itti gargaaramaa ture ta’uusaa hubachuu ni dandeenya.

Ga’umsaafi haala ijaaramni Gadaa ittiin bulu dinqisiifachuun Asmaroom akkasitti ibsee ture; ‘’… Oromo Democracy is one of those remarkable creations of the human mind that evolved into a full-fledged system of government. It contains genuinely African solution for some of the problems that democracies everywhere have had to face. ‘’Hiiknisaas, haala waliigalaan dimokraasiin Oromoo keessatti waantota sammuun dhala namaa kalaqe ykn uume keessaa kan nama dinqisiisuufi akkaataa bulchiisaa sadarkaa guddaa irra gaheefi akeeka saboonni Afrikaa ittiin of ijaaraa turan kan mul’isu sirna guddaadha. Tooftaalee rakkinaafi walitti bu’iinsa hawaasa keessatti mul’atus hiikuu kan danda’uudha. Kanaafis kan dandeettii qabuudha. Walumaagalatti, Sirni Gadaa, akkaataa saboonni Afrikaa ittiin wal bulchaa turaniif fakkeenya dimokraasiiti jedha.

Hayyoonni tokko tokko akka barreessanitti, Sirna Gadaa bulchiinsa ammayyaa keessatti akka bu’uuraafi madda bulchiinsa gaarii akkasumas tooftaa siyaasaa (polity) gochuun itti gargaaramuun ni danda’ama. Sirni Gadaa jaarmiyaa ga’umsaafi gaggeessummaa Ummata Oromoo jaarraa 13fa, 19fa keessa haala cimina qabuun gaggeessaa tureedha. Kana malees, akka siyaasa mootummoota ammayyaatti kan hojjechaa tureefi ulaagaaleefi yaadrimee dimokraasii ammayyaa kan gonfateedha. Kanaafuu, barreessitoota Afrikaaf bu’uura yaada dimokraasii ta’uu kan danda’u madda aadaafi safuu ummataati jechuun ni danda’ama.

6.15 Ulaagalee dimokraatummaafi yaadrimee siyaasa Gadaa

Yaadni kan biraa tumaata (principle) gurmaa’ina tuuta walaannaafi mormitoota wajjin walta’anii hojjechuu (cheek and balance) kan qabuudha. Kunis sadarkaa gadi aanaatii qabee hanga aangoo guddaatti walmaddii hiriiruun ceepha’uufi walgorsuus ni hammata. Jarreen kunis tuuta waldeeggaruufi walmormu qabatee hojii fudhatama qabuufi mormitoota safuu qabaniifi eegan kan keessatti uumamaniidha (inter-party struggle) kan jedhamuun walfakkaata. Kana malees mirgoonni tuuta xixiqqaa bifa itti eegamuun kan ijaarameedha.

Ulaagaaleen biraa qoodiinsa aangoo siyaasaati. Kunis gosa guddaarraa kaasee hanga manaa, balbalaafi warra ga’utti gadi diriiruu isaati. Qoodinsi kunis miseensaan qofa osoo hinta’in hangafoomaan wal ta’uun shaakalaafi jireenya duudhaa Oromoon walqabsiisee akka hojjetan gochuu yoo ta’u, kunis haala qubsumaan gurmaa’uufi gandaan ijaaramanii akka umuriin hayyamutti qaraafi laafaa ta’anii jeequmsaafi jiddugalummaa (interference) kamiiyyuu ala of danda’anii ummata ofii hogganuu kan danda’amu ta’uu isaati.

Ulaagaaleen Gadaan dimokraatawaa itti ta’uu danda’u kan biroo ammoo itti gaafatamummaa miseensi tokko qabaachuu danda’uufi namoota isa filatan biratti raawwachuu isaati. Kunis tartiiba aangoo olaanaa yoo ilaallu, taaytaa isa guddaafi dhumarra kan jiru nama dhuunfaafi nama beekamaa tokko osoo hinta’in yaa’a guddaa (gumii) malee homtuu hinjiru. Kana jechuun aangoon harka ummataa malee harka nama dhuunfaa seenuu hindanda’u jechuudha. Aangoo kennuufi aangoorraa buusuun mirga namoota warra filateeti jechuudha.

Ulaagaalee kan biroo keessaa waa’ee hangafoomaafi mirga quxusuu (seniority and succession) kan jedhuufi bulchiinsa hangafoomaati. Namoonni filataman yeroo aangoo qabatan ykn dhiisan rakkinni dhabama aangoo (power vacuum) mul’atu hinjiru. Haa ta’u malee, hojii biyyaa ilaalchisee yeroo kanatti hayyoonni warra Lubaa kan waliin hojjetan ta’a. Kunis irracaalaan isaanii hiriyaa Gadaafi warra Gadaa kanneen hulluuqaniin gaggeeffama.

Ulaagaaleefi dambiiwwan armaan olitti eeraman kunniin aangoon harka namoota dhuunfaatti akka hinkuufamne dhorkuurratti gahee guddaa qabu. Kana irraa kan ka’e aadaa Oromoo keessatti olaantummaan seeraafi bu’uurri dimokraasii akka guddachaafi dagaagaa dhufe ykn ture nama hubachiisa. Kana malees, Gadaan tumaataalee dhugaafi haqarratti kan hundaa’e ta’uu hubachuun nama hin rakkisu.

Sabni Oromoo jecha dimokraasii amma jedhamu yeroo sanatti beekuu baatullee bulchiinsa gaarii uumuuf tooftaan sirnicha keessatti ijaaree itti fayyadamaa ture bulchiinsa gaarii (ammayyaa) waliin kan wal madaalu ture jechuun ni danda’ama. Kunis Gadaafi bulchiinsi isaa federaalizimii yeroo ammaa akka haaraatti gaggeeffamu kana durumaa qabee yaadrimeen isaa akka jiruufi Oromoo keessatti karaa adda ta’een kan beekamuudha. Kanaafis ragaa guddaan Oromoota keessatti abbootiin Gadaa gosa hunda keessaa hirmaachuun biyya bulchuu isaaniiti.

Gadaan irracaalaa dimokraatawaadha kan isa jechisiisu sirni kun jaarmiyaa (institution) walitti hidhaman kan akka Caffee ummata mara walitti qabuufi yaa’ii gosaa kan sadarkaa adda addaarratti argamu, adeemsa marsaafi walharkaa fuudhinsa aangooti. Gadaa keessatti wanti guddaan namoonni hundumtuu seera biratti walqixxee ta’uu isaaniiti. Kunis olaantummaan seeraa hagam akka Sirna Gadaa keessatti kabajame kan mul’isuudha.

Seenaa Sirna Gadaa keessatti namoonni ijoo ta’aniifi fooyya’iinsa Sirna Gadaa keessatti hojii seena qabeessa ta’e raawwatan baay’een turaniiru. Isaan keessaa, kan akka Gada’oo Galgaloo, Daawwee Gobboo (Boorana), Makkoo Biilii (Macca), Haaw Saay’id (Ituu) Oromoo Tuulamaa keessatti immoo, Namoo Dooyyoo, Harruu Maaruufi Cangaree Korboos kan beekamaniidha. Jarreen kun yeroo Abbaa Gadaa turanitti miseensa ofii qabatanii seera Gadaa haaromsuun tarkaanfii guddaa Gadaa keessatti fudhatameef gahee guddaa taphachaa turaniiru.

Tuulama keessatti Namoo Dooyyoo Odaa Nabeetti haaromsa Gadaa gaggeeffame hogganuun beekama. Baroota Namoo Dooyyoo Abbaa Gadaa itti ture san wanti adda taasisu haaromsa Gadaa dhaloota Kiristoosiin booda bara 1116 keessa gaggeeffameen cinna Gadaa waggoota 360 booda ta’uu isaafi haaromsi kun jijjiirama seeraa qofa kan fide osoo hinta’in hangafoota miseensummaafi baay’ina isaarratti jijjiirama guddaa kan fideedha. Namoo Dooyyoos ta’e Cangaree Korboo qarooma (beekumsa) qabaniin miseensa isaanii wajjin ta’uun seerota Gadaa laafaniifi kan haaraa akka tumamuufi hojiitti akka hiikamu kanneen taasisan malee kan kophaa isaanii raawwatan miti.

Seenaa dhala namaa keessatti namoonni dhuunfaan gahee guddaa akka gumaachan ni beekama. Jarreen akka Harruu Maaruu, Namee Dooyyoofi Cangaree Korboo hayyoota cimoofi beekamoo seenaa Oromoo Tuulamaa keessatti jijjiirama guddaa argamsiisaniifi ummatichaan dinqisiifamaa turaniidha.

Namoo Dooyyoo miseensa Gadaa Birmajii yoo ta’u, Cangaree Korboo immoo nama miseensa Gadaa Roobalee tureedha. Jarreen kun seerri Gadaa baay’een isaa yaadatamee akkasumas haaromfamee akka dhalootaa gara dhalootaatti darbu taasisuu isaaniif Oromoo Tuulamaa keessatti baay’ee yaadatamu. Kana malees, seerri Gadaa cimee aangoon namoota muraasa harka akka hingalleefi Gadaan sirna dimokraatawaa ta’ee bulchiinsi gaariin akka jiraatu gochuurratti gahee guddaa taphataniiru.

Kan bira Gadaan sirna dimokraatawaadha kan jechisiisu keessaa tokko miseensota bulchiinsa gaggeessan keessaa kanneen badii dalagan buqqa’iinsa ykn aangoorraa ari’amuuf saaxilamuu isaaniiti. Abbaan Gadaa tokko filatamee imaanaa ummanni itti kenne bifa barbaadamuun yoo raawwachuu baate Baallii fudhatee waggaa afraffaa irratti madaalliif dhihaatee aangoorraa buqqa’a. Yakkawwan Abbaa Gadaa tokko aangoorraa buqqisiisuu danda’an keessaa muraasni waraana biyyatti dhufe ittisuu irraa duubatti yoo jedheefi yoo fedhii dhuunfaa guuttachuuf jecha seera Gadaa cabseefi kkfdha. Caffeenis fedhii ummataarratti hundaa’ee waan ummanni murteesse mirkaneessa.

Ittifufa…

Obbo Alamaayyoo Hayilee: Hayyuu Seenaa yoo ta’an wayita ammaa Giddugala Aadaa Oromootti qorataa seenaafi dursaa garee seenaati.

BARIISAA SANBATAA Guraandhala 5 Bara 2014

Recommended For You