Seenaa mootummaa Sirna Gadaafi guddinasaa

Kutaa 11

Seerri Oromoon ittiin bulu waggoota saddeet saddeetiin caffeerratti itti aggaamama. Yoo seerri haaraan tumamuu baatellee, seeronni jiran irra deebi’amanii akka waan haaraa tumamaniitti hawaasaaf labsamu. Haala jiruufi jireenya hawaasaa waliin seerri dura ture akka walsimatuuf sirreessuufi fooyyessuuf miseensonni itti gaafatamummaa kana qaban mirga qabu. Seerri Gadaa seera uumaafi uumamaa qaba. Kana jechuun namaaf, beelladootaafi bineensotaaf, biqiltootaaf, biyyaafi biyyoof, seeronni ni tumamu. Adeemsa bulchiinsa Sirna Gadaa keessattis miseensonni Gadaa shanan marsaa marsaadhaan bara durii jalqabanii seericha waggaa saddeet saddeetiin qorachaa akkasumas fooyyessaa seera Gadaa amma jiru irratti dabalaafi gabbisaa yeroo kanaan geessisaniiru.

Seeraafi Adeemsa Seera Tumuu Tuulamaa

Erga dhimma seera Gadaa Oromoo irratti akka waliigalaatti kana jennee gara seera Gadaafi raawwii Seera Gadaa Tuulamaa keessatti jiru haa ilaallu. Seerri Gadaa Tuulamaas qaama seera Gadaa Oromooti. Mata duree kana jalatti seerri Gadaa Oromoo Tuulamaa maal akka fakkaatuufi seera ittiin bulmaataa bulchiinsa Gadaa Odaa Nabeetiin gaggeeffamuun jijjiirama mul’ate ilaalla. Odaan Nabee yeroo dheeraarraa qabee jiddugala Sirna Gadaa, wiirtuu siyaasaafi amantii akka ta’e mata dureewwaan armaan duraa keessatti eerreerra.

Adeemsa seera tumaa Odaa Nabee hanga tokko osoo ibsinee akka armaan gadiitti ta’a. Abbootiin Gadaa seera tumuuf Odaa Nabeetti walitti qabamuun gumii taa’u. Gumiin kun hojii isaa kan eegalu Abbaan Gadaa ja’an Galaan erga Waaqa kadhatee, hirmaattonni yaa’ichaa Waaqa dhugeeffatanii booda. Abbaan Gadaa ja’an Galaan Waaqaaf aarsaa barbaachisu erga kennee Odaa Nabeetti (Odaa Birmajii) irreefateen booda gumiin achumaan taa’a. Miseensonni seera tuman yoo miseensa Roobalee ta’an, Odaa Nabeetti irreeffatanii gara Odaa Roobalee deemuun achi jalatti gumii gaggeessu. Miseensonni seera tuman Horata ykn Duuloos yoo ta’an, Odaa Nabee (Birmajii) jalatti irreeffatanii Odaa ofiitti socho’anii gumii isaanii gaggeessu. Kunis miseensi shananuu Odaa Nabeetti akka Odaa (teessoo) ofii qabaniifi kan Birmajii akka Odaa hangafaatti kan ilaalamu ta’uusaa hubanna.

Miseensonni gumii seerota duraan turan tokko tokkoon sakatta’anii jabinaafi laafina isaa erga gadi fageenyaan irratti mari’atanii booda seera tumu. Yeroo seerri tumamu Abbaan Gadaa Bokkuu isaa qabatee Odaa jala fuullee miseensotaa hundatti akka mul’atu barcuma lafaa ol ka’aarra margi irree buufameefii taa’a. Abbaan Seeraa isa bira dhaabachuun namoonni seera armaan dura baheen miidhaman akka iyyata isaanii dhiheeffataniifi Caffeen (gumiin) akka irratti dubbataniif haala mijeessa.

Hirmaattonni gumichaa karaa Abbaa Seeraa seerri armaan dura jiru rakkoo hawaasa keessatti mul’atu fooyyessuu maaliif dadhabe? gaafii jedhuuf tokko tokkoon irratti mari’atu. Adeemsa seera tumuu keessatti miseensi kamiyyuu seera mara fooyyessuuf yaalii ni taasisu. Haa ta’u malee, kan rakkina hawaasaa hin hiikne irratti mari’achuun akka fooyya’u yaada dhiheessuuf mirga qaba. Haaluma kanaan hirmaattonni yaa’ii guyyoota muraasa keessatti yaada waliigalteerra ga’u. Seeronni fooyya’aniif tumaman sirriitti addaan bahuun lallabaaf ykn labsiif qophaa’u. Seerri tumame garuu kan lallabamu Caffee tumaatti malee Odaa Nabeetti miti.

Seeronni Gadaa yaa’iin irratti mari’achaa turan kun gara Handoodee (Caffee) Basaqaa deemuun Galaan keessatti xumura argata. Caffee Basaqaattis gumiin taa’ee dhimmoota seera tumaa irratti hafan xumurata. Gumii kanarratti hojiin barbaadamu erga xumuramee booda korma jaarraa qaluun birbirsa Fooqaatti dhibaafatu. Hirmaattonni seera tumaa kanaas Abbaa Gadaa Tuulamaa waliin dhibaafatu. Eebbaafi dhibaafannaa Odaa Nabee kana booda miseensonni gara Galaan Dongoraatti godaanu. Galaan Dongoraa deemuun Seerota Ikkee hayyichaa (Qaalluu) kan bakka bu’u (Wayyuurraa) seera Waaqaafi seera lafaa ykn uumamaa erga fudhatanii booda, Handoodeetti seera dhalchuuf aggaamu. Kana booda, Caffeetti socho’anii Malkaa Haqaaqii (Basaqaarratti) deebi’uun seera tumame ummataaf lallabu.

Araddaa jilaa Basaqaarratti hayyoonni gosa gosarraa walitti bahan seerota fooyya’aniif tumaman qoratu. Seerri Odaa Nabeetti fooyya’eefi tumamuuf itti aggaamame aadaafi haala jireenya hawaasichaa waliin deemuusaa erga qulqulleeffataniin booda seerri ni lallabama. Seerri tumame kun kan lallabamu halkan walakkaa ykn ganama waca sinbiraa yoo bakkalchi mul’atu ta’uu qaba. Yeroon kun kan filatame miseensonni jeequmsa tokko malee akka caqasan (dhageettiif) yaadameeti jedham.

Yeroo seerri lallabamu miseensa Gadaa aangoorra jiru malee miseensi Gadaa hafan ykn kan Gadaan isaanii hulluuqe hirmaachuuf mirga hinqaban. Namoonni Oromoo ta’anii, miseensa Gadaa kan biroo ta’an akka keessatti hin argamne seerri ni dhorka. Seerri tumames Abbaa Gadaadhaan lallabama. Abbaan Gadaas yeroo seera lallabee xumure; “Tumaan tumaa Odaa Nabeeti, seerri kun hinjigu, hin dhangala’u” jechuun waraana harkaa qabuun lafa dongoree dhaaba. Akkasumas “Seerri kun Seera Odaa Nabeeti ykn Seeraa Caffee Tumaati” jechuun ulfinaafi kabaja akka qabu sagalee isaa olkaasee dubbata. Haala kanaan seerota tumaman raawwata. Labsii seeraa kana booda Abbaan Gadaa iddoo Kallachi isaa qubate qillisoo (Godoo) ijaaramte abidda itti qabsiisee gumiin marti akka gara biyyaafi gosa ofiitti deebi’an eebbaan gaggeessa.

Seera tumaa Odaa Nabeefi labsii Caffee Basaqaa kanaan booda miseensonni Gadaa imaanaa (dirqamaafi itti gaafatamummaa guddaa fudhatanii) gara biyyaafi gosa ofiitti deebi’u. Miseensonni gara biyyaafi gosaatti deebi’anis seera Caffeen tume waraabbatanii waan jila kanarraa galaniif gosni isaanii ulfinaan simatu. Hirmaattonni seera tumaas Caffee gosaarratti bahanii seera waraabbatanii deebi’an barsiisu. Ulfinniifi kabajni seera kanaaf akka kennamuuf jabeessanii barsiisu.

Seerri kun yoo labsamu akkuma Odaa Nabeefi Handoodee tumaarratti taasifame, namni tokko gama tokkoon ykn gamaa gamas ijaajjuun dubbatu. “Koottu dhufee’’ jedhanii alangaa roobii xaaxessuun seera ummataaf ibsu. Kan seera dubbatu dura “Koottu!” jedha. Kan jalaa qabus “Dhufe!” jedha. Kana booda namtichi seera himu yoo dubbatu inni jalaa qabu sun “Siigaleefan jedhe!” jechuun deebii kennaaf. Manguddoonni adeemsa seera lallabaa beekan labsii dubbatamu akka fakkeenyaatti nuuf ibsaniiru.

– Waaqni ulfaadha jedha.

Siigaleefan jedhe jedha!

– Lafti ulfaadha!

Siigaleefan jedhe!

– Abbaan ulfaadha!

Siigaleefan jedhe!

– Haati ulfoodha!

Siigaleefan jedhe!

– Malkaan Hawwaas ulfaadha!

Siigaleefan jedhe!

– Odaan Nabee ulfaadha!

Siigaleefan jedhe!…

jechuun hanga xumurutti itti fufaa yoo barbaadames maaliif akka ulfaa ta’e hiika isaa kenna. Rakkoon yoo jiraate, “Qaphe” jedha. Achirratti dhaabuun hiika ykn ibsa gahaa erga argateen booda itti fufa. Kun seerri akkamitti akka tumamu kan ibsu yoo ta’u, seerri Gadaa tumamu yeroo baay’ee maal akka of keessatti hammatu yoo ilaalle immoo kan armaan gadii fakkaata.

Seerota GadaaTuulamaa keesatti hamm ataman tokko tokko

Seera _______ Gadaa (Lubooma)

Seera _______ Buttaa

Seera _______ Gumaa

Seera _______ Dhaalaa

Seera _______ Rakoo

Seera _______ Guddisaa

Seera _______ Meedhachaa

Seera _______ Moggaasaa

Seera _______ Horaa

Seera _______ Caffee

Seera _______ Loonii

Seera _______ Dubartii

Seera _______ Gaa’elaa

Seera _______ Daa’immanii

Seera _______ Qaalluu

Seera _______ Waaqaa

Seera _______ Lafaa

Seera _______ Abbaa

Seera _______ Haadha

Seera _______ Kallachaa

Seera _______ Biqiltuu

Seera _______ Seerota Ikkee

Seera _______ Yakkaa

Seera _______ Bineensaa

Seera _______ Fardaa

Seera _______ Faajjii Oromoo

Seera _______ Boojuu Booji’uufi seeronni kana fakkaataan biroo hiika isaanii waliin jiru. Seerota asitti eeraman kana malee seeronni biraallee ni jiru. Seeronni kunniin fuulduratti kan addaan baafatamaniifi qorannoon gadi fageenyaan irratti gaggeeffamu ta’uu qabu.

6.14 Seera baasuufi seera raawwachiisuu

Gadaa keessatti qaamni seera baasu miseensa sadarkaa Gadaa ofii kan xumureefi waggaan lama kan isa hafeedha. Miseensi kunis akka miseensa qaraatti guutuu ta’ee kan seenu umurii naannoo waggoota 46 irratti ta’uu danda’a. Kanarraa ka’uun Seera Gadaan tumuu kan danda’u gaheessota umuriin jiddugala ta’an ta’uu mul’isa. Haaluma kanaan seerri kan bahu Luba Gadaa tokkoon ta’ee kan lallabamu Caffee tumaarratti jechuudha. Garuu, seera haaraa tumame kan hojiirra oolchu miseensa Gadaa isa itti aanudha. Seera tumaa kanarratti Abbaa Seeraa namni ta’ullee miseensa kana keessatti akka hin argamne ta’ee miseensa jaarraa sanii qofatu lallaba irratti argama.

Seera miseensi tokko tume miseensi Gadaa kan itti aanu ittiin biyya bulcha. Sababa kanaaf marii seera Gadaa gaggeeffamurratti miseensonni Doorii akka hordofan seerri ni hayyamaaf. Abbootii Gadaa waliin ta’uun muuxannoo fudhachuufis mirga qabu. Haa ta’u malee, yeroo labsii seera Gadaa Warri Doorii abbootii ofiirraa barumsa fudhatu malee hirmaachuu hin danda’an. Kanaaf, yeroo ilmi seera Gadaa raawwachiisu abbaan ykn gorsi isa biraa hindhabamu. Waggaa saddeet boodas gaafa ilmi Buttaa qalee abbaan gadamoojjii ta’uun rifeensa akka buufatu taasifamaa ture. Bifuma kanaan Meelbaan, Seera Muudanaaf tumee yoo dabarsu Muudanni Kiiloleen dabaree isaa Biifoleef kenna. Biifoleen Michilleef, Michilleen dabaree isaa Meelbaaf tumee dabarsa. Kun marsaa Gadaa tokko ykn waggoota 40 (afurtama) xumuru jechuudha.

Ittifufa…

Obbo Alamaayyoo Hayilee: Hayyuu Seenaa yoo ta’an wayita ammaa Giddugala Aadaa Oromootti qorataa seenaafi dursaa garee seenaati.

BARIISAA SANBATAA Amajjii 21 Bara 2014

Recommended For You