Kutaa 10fa
6.11. Seerota Caffee Tumaa Tuulamaatti Tumaman
Akkuma olitti caqasuuf yaalame, seeronni Caffee Tumaatti tumaman gosa garagaraa akka qaban hubanneerra. Boqonnaa kana jalatti tokko tokkoonsaanii kaasnee ilaalla.
Seerota Ulfoo
Seerota ulfoo kan jedhaman seerota bara baraan hinjijjiiramne yoo ta’an, seronni kun kanneen armaan gadii ofkeessatti hammatu. Isaanis:
1. Seera Waaqaa
2. Seera Lafaa
3. Seera Abbaa
4. Seera Haadhaa
5. Seera Tulluu
6. Seera Malkaa
1. Waaqni Ulfoodha: Hayyuun Waaqni ulfoodha jedha. Warri dhaggeeffatan maaliif ulfoodha? Jedhanii gaafatu. Hayyuunis akkas jedhee deebisa. Waaqni lafa uume, nama irratti uume, samiifi urjii mara uumee addunyaan hundi fedhii isaatiin diriire waan ta’eef ulfaadha. Waaqayyo ulfaadha; ajjeesee gumaa hinbaasu, balleessee hingaafatamu, buruqsee hinkiisu, Waaqaaf gadi jedhan malee itti ol hinjedhan, kanaaf Waaqni ulfoodha. Waaqni uumaa waan hundaati, ganna namaaf rooba, bona namaaf caama, Waaqni kanaaf ulfoodha.
2. Lafti Ulfoodha: Lafti ulfoodha jettee maaliif ulfoodha? Hayyuunis akkana jedhee deebisa. Lafti haadha, namaafi lubbuu qabeeyyii hunda dandeessee baatti, bishaan nuu maddisiifti, midhaan nuuf biqilchiti, looniif marga biqilchiti, waan isaan barbaadan hunda gumaachiti, fayyaa keenya baatti du’aa keenya nyaatti kanaaf ulfoodha. Lafti haadha namaati ishee irraa umamne, ishee irra jiraanna, ishee irratti guddanne, irratti walhorre kanaaf ulfoodha. Kanaafuu seeraan itti fayyadamuun dirqama. Namoota seera tumame kana cabsaniifis adabbii kaa’a. Dhugaanis kan Waaqaafi lafaati jedhamee amanama.
3. Abbaan Ulfoodha: Abbaan ulfoodha jette maaliif ulfoodha? Abbaan Waqaa gaditti daran kabajamaadha, dhalchee kunuunsee nama guddisa waan ta’eef ulfoodha. Gaachana maatiiti. Abbaan kan qaccee /hidda latiisaa kee ittiin himattuufi mallattoo eenyummaa waan ta’eef ulfoodha. Abbaan kabaja hindhaanamu, hintuffatamu ni sodaatama, ulfoodha kana beeki jedhanii lallabu. Gatiittiitti baatee, qomatti qabatee, qotee midhaan nama nyaachisee nama guddisa kanaaf ulfoodha.
4. Haati Ulfoodha: Haati ulfoodha jettee maaliif ulfoodha? Seerri haadhaa akkuma seera abbaa ulfoodha. Haadha ofii hinrukutan ykn hindhaanan, hin ifatan. Haati gadameessa isheetti baattee harma hoosiftee kunuunsitee kan guddiftu waan taateef ulfoodha. Haati waan hundaa obsitee nu kunuunsitee waan nuguddiftuuf kabaja guddaafi jaalalaan eegamti kanaafuu ulfoodha. Seerri haadhaa akkuma seera lafaa ulfoodha. Haati ji’a sagal garaatti baattee deessee harma hoosiftee guddifti. Haati akka lafaatti nama dandeessi. Kanaaf haati ulfoodha jedhu.
5. Seera Tulluu: Tulluun maaliif ulfoo taate? Tulluun lafa irraa olkaatee kan argamtu, qilleensa qabbanaa naannichaaf kan fidduufi baddaan irra keessi ishee jiidhaafi qabbanooftuu biqiltuuwwan adda addaan kan uwwifamteefi rooba harkistu waan taateef ulfoodha.
Tulluun baddaan ishee qabbana jalli ishee burqaa (madda) waan taateef dawoo ilma namaafi bineensa maraa waan taateef ulfoodha.
Tulluun ilaala waan taateef gaddas ta’e gammachuuf achirra ba’anii waan waliif lallabaniif ulfina qabdi. Tulluun sagalee waaqaa kanirratti lallabaniifi waaqeffatan irreecha arfaasaa bakka itti gaggeeffatan waan taateef Tulluun ulfoodha jedhu.
6. Malkaan Ulfoodha: Malkaan maaliif ulfoodha jette? Malkaan madda bishaaniiti. Bishaan immoo lubbuu qabeeyyii kamiifuu barbaachisaadha. Kanaafuu, malkaan ulfoodha. Malkaan madda jireenyaa waan ta’eef akkuma Tulluutti itti irreeffatama. Malkaan akka daangaatti fayyada. Namni badii dalage yoo laga (malkaa) ce’ee qubate faana dhahanii hinrukutan. Malkaan kan safeeffatan lafa ulfoodha. Kanaaf seerri malkaa ulfoodha. Walumaagalatti, Gadaan seerota gurguddaa ulfoodha erga jedheen booda kan hafaniif seera mura. Kanneen hafaniin akka seer jedhee seera tumaaf.
Akka Seer: Akka seer jechuun seerota fooyya’uu ykn jiijjiiramuu danda’an jechuudha. Isaanis:
Bokkuun akka seer- yoo abbaan ulfeesse ulfina argata.
Kallachi akka seer
Caaccuun akka seer
Alangaan akka seer
Boolli saddeeqaa akka seer
Dagaagaan akka seer
Molgoon akka seer
Karaabichi buttaa akka seer
Xabeenoon akka seer
Dhaltiin akka seer
Faaqqeen akka seer
Siinqeen akka seer
Horri akka seer
Horri ja’an akka seer
Horti Hulluuqaa akka seer
Horti Finfinnee akka seer
Karaabichi funyoo akka seer
Dhaltiin okolee akka seeri, jedha.
Seerota tumaman kanneen namoota bara gadoomasaanii fixatan hayyuu (yuuba) jedhamantu tuma. Namoonni qaamaan bakka seerri tumamutti argamanii seera waraabbatan (gurraafi ijaan ilaalaa hordofan) beeka seeraa (walaab galeessa) jedhamu. Warri achitti hinargamin hafan ammoo caqafattee jedhamu. Sababni caqafattee jedhamaniifis warra odeeffannoo nama lammaffaa irraafudhatan waan ta’aniifidha. Akkaataa seera Gadaatti namni bara gadooma isaa fixe abbaa seeraafi gorsaa ta’ee itti fufa.
Adeemsa Seera Lallabuu
Seerri yeroo dheeraa fudhatanii tumuun hojiitti hiikamuusaan dura, bakka ummanni hedduun argametti ifatti lallabama. Seerri lallabamu seera biyyaafi biyyoof tolu nageenya kan fidu kan dhugaafi haqa kabachiisu ta’uu qaba. Namni dhakaa koree seera lallabu sun “Seeran dhalcha” jedha.
Warri hordofan ammo “Ilma dhalchi” jedhu. Seerri kun hinjigu, hindhangala’u, hindabu, itti hindabalamu irraa hinhir’ifamu jedhanii dhaadachaa jinfuu lafatti aggaamu. Namni dhaggeeffatu dabaree isaa seera akkamii lallabda? jedhee gaafata. Seera waaqaafi lafaa, seera abbaafi haadhaa, seera malkaafi tuulluun isaaniif lallaba jedha. Seera Caffee Tumaa kana dhaggeeffachuufi sammuutti qabachuu malee waraabuun dhorkaadha. Seerri kunis kan tumamu halkani.
Dhakaa Koraa
Seera Caffee Tumaatti lallabame irratti waliigalamee xumurame hundi dhumarratti Dhakaa Koraatti lallabuun goolabama. Seerri kun erga lallabameen booda abbaan Gadaa filatame seerota sana qabatee ifatti aangoo fudhatee bulchuu jalqaba. Seera Dhakaa Koraatti dhangalaasan kana miseensota Gadaa waggaa saddeetiif aangoorra turutu lallaba. Seerri Caffee Tumaa irratti walfalmanii tuman sun Dhakaa Koraarratti lallabamee seera ta’ee mirkanaa’a.
Isaan booda hanga waggaa saddeetitti ittiin bulama. Seerri seera ta’ee sadarkaa seeraatti fudhatamaafi beekamtii argatee yeroo ittaanuuf kan tajaajilu gaafa dhakaa koraa irraa dhangala’e qofa. Seerri gaafa dhakaa irraa bu’ee jalqabee hojiitti hiikama.
Dhakaa kana irra bahee kan seera lallabu namoota sadii. Isaanis: Abbaa Faajjii, Abbaa Ja’an Galaanfi Abbaa Shananiin ta’a. Duratti nama dhaqna hinqabatiintu lallaba ture. Amma namni akkasii waan hinjirreef itti aggaamu. Dhakaan sun nama sadii walmaddii waan hindhaabsifneef, namni tokko irra baha kuun immoo itti hirkatu.
Dhakaa koraatti kan dhakaa irra bahee seera lallabu Abbaa Faajjiifi Abbaa Ja’an Galaan yoo ta’an, sababa dhakaan bal’ina hinqabneef kanneen hafan itti hirkatu. Sababni isaan kan filatamaniifis hangafa waan ta’aniif ykn ulfoo (bokkuu) waan ofharkaa qabniifidha. Akka seera Gadaa ganamaatti kan achirra ba’u nama dhaqna hinqabanne ture. Yeroo lallaban seerri Gadaa abaluu ciise fakkeenyaaf yoo Roobaleetu kenna Birmajiitu fudhata yoo ta’e, seerri Roobalee ciisee seerri Birmajii ka’e jedhanii lallabu. Namni lallabu sun akkana jedha, Oromoon gabroo (kan seera Gadaa sirritti hinbeekne) akkana gori, warri hayyootaa akkana goraa, Oromoon Walaab galeechi (Oromoo Madda Walabuu deemee seera waraabbatee dhufe jechuudha) akkana gori, jedhee erga hunduu bakka bakka ofii qabatee seera lallaba.
Qaama Seera Baasuufi Seera Raawwatu (Gosa Bachoo)
Caasaa Bachoo Iluu
Tuulama keessatti Caffeen (Gumiin) waliigalaa kan taa’u yeroo seera tumatuudha. Seerri Gadaas yeroo gumiin waliigalaa taa’amu kanatti bakka Caffeen Tuulamaa sadeen argamanitti haaromsama ykn tumama. Hojiin Caffee waliigalaa inni guddaanis seera tumuufi lallabuudha. Itti gaafatamummaa kana ba’uuf jecha caffeen seera Gadaa kanaan dura hojiirra oolaa ture gadi fageenyaan qorachaa seera fooyya’uu qabu fooyyessa.
Haala yeroofi jijjiirama hawaasummaa qoratee seera haaraa tuma. Miseensonni Caffee sadeen erga seera fooyya’eefi tumame irratti waliigalaniin booda Seerri Odaa Nabee lallabama ykn labsama. Raawwiin kunis ‘Seera Caffee Tumaa’ jedhama. Miseensonni Gadaa (Lubaa) waggaa saddeet saddeetiin gumii taa’an seera fooyyessanii, tumaniifi labsan maqaa garee adda addaa qabaachuu danda’u. Kun garuu Oromoo Tuulamaa dabalatee bakka hedduutti maqaa miseensaa jedhamuun beekamu.
6.12 Seera Tumaa Gadaa Tuulamaafi Adeemsa Isaa
Akkuma heera mootummaa ummata addunyaa tokko tokkoo kamiiyyuu hinbarreeffamin malee bulchiinsi Sirni Gadaa seera ittiin bulmaataa ni qaba. Dur osoo seerri Gadaa bifa amma qabateen hin tumaminillee Oromoon heera hoodaafi safuutiin akka bulaa ture ni dubbatama.
Haa tu’u malee, suuta suutaan hoodniifi safuun gara seera Gadaatti akka guddachaa dhufe manguddoonni ni dubbatu. Akkuma seenaa jalqaba Sirna Gadaa keessatti ibsine, seerri Gadaa seera uumamaa yaadota amantiirraa madde jedhamee dubbatama. Seera Gadaa osoo hinjedhaminis seera uumamaa (ganamaa) ykn seera Walaabuu jedhamee akka waamamaa ture dubbatama.
Ardaa Jilaa Dhakaa Koraa (Lafa Ulfoo tumaan seera Sirna Gadaa itti lallabamu)
Obbo Alamaayyoo Hayilee: Hayyuu Seenaa yoo ta’an wayita ammaa Giddugala Aadaa Oromootti qorataa seenaafi dursaa garee seenaati.
BARIISAA SANBATAA Amajjii 14 Bara 2014