Kutaa 9faa
6.8 Faajjii Oromoo
Mallattoolee mootummaa Sirna Gadaa keessaa tokko Faajjii Oromooti ykn Faajjii Walaabuu yoo ta’u, bakka tokko tokkotti immoo ‘Baqqalaa Faajjii’ jedhama. Kun immoo bulchiinsa Sirna Gadaa keessatti mallattoo seera Walaabuu ykn Walaabummaati. Hawaasni tokko seera tumatee kan ittiin jiraatu yoo Walaabummaa qabaateefi eenyummaan isaa kabajameedha. Seerri Walaabuus kan tumame yeroo Oromoon mootummaa ofii ijaarratee ofiin of bulchaa ture sanatiidha. Akkuma biyyoonni ammayyaa alaabaa mataa ofii qaban, Faajjiin immoo mallattoo mootummaa Oromoo ture. Seerri Walaabuu seera ganamaati. Boodas yeroo seerri Gadaa Madda Walaabuutti jaarraa 15fa keessa haaromsame, Oromoonni waadaa waliigaluun biyya ofii deebifachuuf duula Walaabummaa gaggeessuu eegalan sana seenaa Madda Walaabuu waliin walqabatee mallattoo Walaabummaa ta’e.
Jecha biraan Faajjiin alaabaafi mallattoo Oromummaati jechuudha. Halluun isaas gubbaa irraa gadi gurraacha, diimaafi adiidha. Faajjiin kun akka odeeffannoo manguddootti bifa sadii caalaa akka qabus ni dubbatama. Akka manguddoota kanneeniitti, Faajjiin halluu shan qaba. Isaanis gurraacha, diimaa, keelloo, magariisaafi adiidha. Faajjii kana nutis jila Odaa Nabeerratti yeroo argamne hubachuu dandeenyeerra. Barreessitoonni qu’annoo kanaas jila Odaa Nabeerratti waggoota darban keessa akka hubatanitti, Faajjiin warri Tuulamaa sirna Gadaarratti fayyadaman (fannifatan) halluuwwan shanan kana qaba.
Oromoota hedduu biratti garuu, Faajjii Oromoo jedhanii kan fudhatan Faajjii (alaabaa) halluu sadi qofa qaban yoo ta’u, innis diimaa, gurraachaafi adiidha. Halluuwwan kunniin hiika mataa isaanii qabu. Sabni tokko haala itti addunyaa kana hubatu falaasama mataasaa qaba. Faajjiin Oromoos falaasama Oromoo ganamaa mul’isa. Kanarraa kan ka’e halluun Faajjii inni gurraachi mallattoo Waaqaafi bishaaniiti. Qulqullinas ni jedhama. Akka amantii Waaqeffannaatti, Waaqayyoofi bishaan bifa gurraachaan fakkeeffamu. Sababni isaa Waaqayyoofi bishaan jalqaba uumama addunyaa kanaa ta’uu isaaniif jecha waa’ee Waaqaarratti beekumsi jiru xiqqoo ykn addunyaa namaan hin baramin (not discoved) ta’uusaa mul’isa.
Kana malees, bifni gurraachi Waaqayyoofi bishaan qulqulluu ta’uu isaanii ibsa. Bifni Adiin immoo biiftuu, addeessa, urjii, lafa hindubbanne ykn du’a (ekeraa) kan hunda baattuufi qabeenya ishee kan namaaf laattu kan ibsuudha. Kana malees, lafeefi daaraa adii lubbuu hinqabne bakka bu’a jedhama. Adiin fixannoodha. Karaa biraatiin, halluu diimaan immoo dhiigaafi abidda akkasumas lubbuu qabeeyyi lafa kanarra jiranii bineensaafi biqiltuu kan bakka bu’uudha jedhama. Kanaaf, Faajjiin mallattoo mootummaa Gadaa ta’uunsaa falaasama Sabni Oromoo addunyaa kanaaf qabu mul’isuurra darbee eenyummaafi falaasama saba kanaa kan ibsuudha.
6.9 Hojiiwwan Gurguddoo Caffee
Caffeen caasaa isaa keessatti sadarkaalee adda addaarratti itti gaafatamummaafi dirqama miseensota bulchiinsa Gadaaf qoode ni qaba. Akka mootummaa Sirna Gadaatti, aangoon kan ummataati. Waan kana ta’eef Abbootii Gadaafi miseensota Caffee ta’uun kan hojjetan warra gahumsaafi muuxannoo qabaniidha. Miseensonni Caffee hojii gosoota mara bakka bu’uun kan hojjetaniidha. Abbootiin Gadaa gosa gosaan hayyoota isaanii qabachuun hojii gosa ofii hojjetu. Tuulama keessatti Caffee gosoota gurguddaa sadiitu bulchiinsa Gadaa gaggeessaa ture.
Isaanis Caffee Daaccii, Caffee Bachoofi Caffee Jiilleeti. Haa ta’u malee, Caffeewwan kunniin Caffee waliigalaa, Caffee Tuulamaarratti hirmaachuutu isaanirraa eegama. Caffeen Oromoo Tuulamaa inni waliigalaas Odaa Nabeeti. Kanaaf, qooda fudhannaafi itti gaafatamummaa bahuun dirqama Caffee gosootaati. Kanarraa ka’uun caasaan Caffee Bachoo Tuulamaa haala armaan gadiin ibsama.
6.10 Hiika Caffee
Caffeen lafa diriirtuu, nagaafi tasgabbii qabdu, kan seera tumuuf toltu, sagaleen nama jeequ kan itti hindhaga’amne, iddoo seerri itti tumamuufi labsamuudha. Bakki kun bakka huummoon itti hin korrisne, simbirri halkanii itti hiniyyine, sardiinni itti hindunne jedhamutu filatamee labsiin itti godhama. Iddoo Caffeetti qachaan ni Gadaa ijaarama. Kunis galma Abbaa Gadaa jedhama. Abbaan Gadaa qachaa Gadaa kanarratti jaarraa ofii xumurata. Kana booda guyyaa Baallii dabarsu ijoollee isaa akka bakka buusu waadaa galuun sirna maqaa baasaallee gaggeessa.
Caffeen jechoota akka Odaa, Gumiifi Yaa’ii bakka bu’uu danda’a. Achi keessatti, Oromoota iddoo adda addaatti argaman akka seera baastuu, seera raawwachiistuufi seera hiiktuu kan hammateefi ergama kanaaf hundee kan ta’eedha. Kana malees, erga bulchiinsi mootummaa sirna Gadaa laafee booda uummanni Oromoo jecha kana bifa haaraan itti gargaaramuun siyaasa ammayyaa keessattis Mana Maree Oromoo, Caffee Oromiyaa jedhee moggaafatee haaromsee ittiin hojjachaa jira. Kunis jechaafi hiikaa iddoo isaa eeggateedha. Adeemsi isaa yeroo keessa jijjiiramaa kan deemeefi yeroo ammaa kana maqaa mana maree mootummaa naannoo ibsuu kan danda’eedha.
Waan kana ta’eef Caffeen jalqabumaa kaasee Aadaa Sirna Gadaafi jiruu Uummata Oromoo keessatti bakka guddaa kan qabuudha. Caffeen lafa bal’aa diriiraa margaafi bishaan gahaa qabuufi namoota hedduu kan keessummeessu akkasumas bakka itti namoonni kallattii maraan loon isaanii itti bobbaafataniidha. Caffeen bakka mijaa’aa Oromoon waltajjii siyaasaa (gumii itti taa’udha ykn gaggeessudha).
Caffeen bakka Oromoon rakkina uummatasaa mudateef fala argachuuf waliin ta’anii kan irratti mariif taa’an waltajjii uummataati. Fala kennuu malees tooftaan ykn malli jireenyaa gara fuulduraa maal akka ta’uu qaburratti dubbachuun seera ittiin bulmaataa tumatu. Oromoon waggoota saddeet saddeetitti gara ardoota kanaatti godaanuun seerota bakka bu’oota isaaniin akka tumanii labsaa turan dubbatama. Kanaaf Caffee jechuun gumii Oromoo isa guddaa ykn yaa’ii olaanaa jechuudha. Akkuma beekamu, Gadaan ykn miseensi shanan Gadaa waggoota saddeet saddeetitti miseensa (gogeessa) isaanii gumii yeroo murtaa’e keessatti akka taa’an ni beekama. Bifuma kanaan miseensi Gadaa tokko gumii isaa ni gaggeessa.
Kunis akkuma gosa gosaatiin waggoota saddeetiin al lama sadii gaggeessu. Yaa’iin kun yaa’ii (gumii) Bantii, Dagaagaafi yaa’ii Odaa jedhamu. Gumiin Abbootii Gadaan godhamu kun Caffee jedhama. Maqaan Caffee bakka tokko tokkotti gumii, yaa’ii ykn koraafi kan biroo ta’uu ni danda’a. Gumiiwwan ykn Caffeen beekamoo Oromoota lafa jiddugala Oromiyaa ykn Tuulama keessaa muraasa.
Caffee Seenaa bulchiinsa Sirna Gadaa Tuulamaa keessatti Caffeewwan ykn gumiiwwan gosoota Oromoo hedduu biratti beekaman keessaa muraasni akka armaan gadiitti ilaaluu ni dandeenya.
- Caffee – Tumaa
- Caffee – Bal’oo
- Caffee – Roobii Tuulama
- Caffee – Goraa
- Caffee – Doonsaa
Odaa *Odaa Nabee Tuulama
*Odaa Kallachaa >>>>
* Odaa Bisil Macca
* Odaa Bulluq >>>>
* Odaa Doogii >>>>
* Odaa Hullee >>>>
* Odaa Bultum———–Ituu
* Odaa Girjaa————Gujii
* Odaa Hullee————Jimma
2.1.2. Caffee Tumaa
Seeroonni Odaa Nabeetti itti aggaamamee tureefi Caffee Dongoratti afaan itti saaqqatan tokko tokkoon Caffee Tumaatti mariifi falmiin cimaan irratti erga gaggeeffameen booda seera ta’ee baha. Seeronni Caffee Tumaatti tumaman gara 360 ta’u. Seeronni tumaman boqonnaa boqonnaan ykn keeyyata keeyyataan taa’u. Seeronni kunis gosa lamatti hiramu. Isaanis: seera ulfoofi seera ikkee jedhamu. Seerri ulfoo dursee lallabama. Gosti hundumtuu Caffee Tumaatti qillisoo ijaarratu.
Seera fooyya’uufi kan akkuma jirutti itti fufu hayyoonni jilatti dhiyeessu. Ummanni gosa gosarraa walitti dhufes yaada itti kenna. Hundumtuu dubbachuuf mirga qaba.
Seeronni achitti tumaman, tokko tokkoon yoo ilaalaman, seera waaqaa, seera lubbuu namaa (seera gumaa), seera horii manaa, seera bineensaa, seera bosonaa, seera lafaa, seera bishaanii jedhamuun seeronni Caffee Tumaaratti tumaman kun seera isa dhumaa miti. Seera wixinee (draft law) jedhama.
Bakka buutonni gosaa hundumtuu fudhatanii gara gosa isaanii deemu. Kunis seera waraabbachuu jedhama. Seera waraabbatanii galan sana waggaa tokkoof erga gosa isaanii waliin irratti mari’atanii booda Caffee Tumaatti walitti deebi’anii marii guyyaa tokkoorratti taasisanii hanqina inni qabu guutanii seera Tuulamni hundi waggoota saddeetiif ittiin bulu taasisanii raggaasisu.
Namni gaaffii qabu “Sibaannadhe, sibaannadhe!” jedha. Kana jechuun waanan dabalun qaba na harkaa fuudhi jechudha. Seerri kun haa fooyya’u haa dabalamu jechuudha. Caffee Tumaatti walfalmii cimaatu godhama. Seerri tumamu uumaafi uumama maraaf tumama. Seerota ulfoo ta’an keessaa Caffeen ulfoodha jedha. Caffeen (bakki seerri irratti tumamu) marti ulfoodha jedha. Caffeen lafa dheedaafi jiidha qabdu waan taateef safuu qabdi kanaaf ulfoodha.
Kanarraa kan ka’e Caffeen Tumaa Tuulama biratti ulfoodha. Caffeen Doonsaa ulfoodha, Maaruu Goddoon ulfoodha, Caffeen Roobaa ulfoodha, Hayyichi ulfoodha, Kuraan Jiddaa ulfoodha, Abbaan Faajjii ulfoodha, Abbaan Ja’an Galaan ulfoodha, kan Bachoo ulfoodha, Maallima Ulfoodha jedhanii seera tumu. Kana jechuun kabajni waliif qabaniif ilma namaaf qaban cimaafi olaanaa ta’uu nutti agarsiisa.
Ittifufa…
Obbo Alamaayyoo Hayilee: Hayyuu Seenaa yoo ta’an wayita ammaa Giddugala Aadaa Oromootti qorataa seenaafi dursaa garee seenaati.
BARIISAA SANBATAA Amajjii 7 Bara 2014