Seenaa mootummaa Sirna Gadaafi guddinasaa

Bal’ina biyyaafi baay’ina ummata Oromoorraa kan ka’e waan tokkoof maqaawwan adda addaa kennamuu danda’eera. Maqaan Caffee jedhamus ta’e gumii ykn Odaan qaama olaanaa mootummaa sirna Gadaa Oromooti. Dhimma Caffee Oromoo mara dhiisnee otoo Caffee Tuulamaa akka fakkeenyaatti fudhannee, kan armaan gadii fakkaata.

Caasaa Mootummaa Sirna Gadaa Gosoota ykn Caffee Oromoo Tuulama (Odaa Nabee)

Caffee keessatti Abbaa Bokkuufi Qaalluun sadarkaa walgiturratti argamu. Gadaa keessatti akka qaama ulfina guddaattis eeramu. Bokkuun kan Gadaa dursu yoo ta’u, Qaalluun immoo kan Gadaa eebbisuufi Muudaa kennudha.

Caffeen akka qaama gaggeessaatti, Abbaa Gadaa filatee qaamni seera raawwachiisu marti seericha akka hojiitti hiikan Abbaa Gadaa jaarraa sanaatti kenna. Gadaan immoo akka caasaasaa hanga gosaa, manaafi balbalaatti diriiru taasisa. Kanaaf, aangoon Sirna Gadaa akka miseensa Gadaa waggaa saddeettan sana mara bira ga’u ta’a. Abbootiin Gadaa jaarraa sanaa dirqamaafi ergama walqixxee ta’e qabu jechuudha.

Miseensi Gadaa sun yeroo sadarkaa Lubaarra ga’an mallattoo Abbaa Gadaa ta’uu isaanii kan ibsu alangaa Roobii qabatu. Kunis waggaa saddeettan dhufan sana keessa kan isaan dursee murtii kennus ykn dubbatu akka hinjirre ibsa. Seenaa kanas Asmaroom akkasitti ibsee ture; “Gada is a method of ensuring that all groups take turns in assuming the authority responsibility to perform domestic labor, ….responsibility across the whole life course.’’

Akkuma armaan dura eerame, Gadaan sirna miseensi isaa keessatti ijaaramee tuutaan gara aangoo olaanaatti dhufanii dirqamaafi itti gaafatamummaa bahaniidha. Kunis duulaafi ummata gaggeessuu, seera tumuu, walitti bu’iinsa araaraan hiikuufi dhumarrattis yeroo aangoo saanii xumuran, gara hojii Yuubomaatti seenuun gosa isaanii keessatti tajaajila kennuu ta’uu ni mala. Kanarraa ka’uun Gadaan aangoo ummata keessatti diriirsuun gahee olaanaa qaba jechuudha. Gadaan itti gaafatamummaafi dirqama dhaloonni namootatti kennu akka galmaan gahan kan isaan gargaarudha.

Caffeen Oromoo gosa gosaan ta’ee akka araddaa waliigalaatti iddoo murtaa’e tokko qabaachuu ni danda’a. Kunis araddaa miseensi tokko waggoota afurtamaan (40n) altokko itti godaanuufi Gadaan garuu waggoota saddeet saddeetiin itti jila gaggeessudha. Kanaaf, Caffeen araddaa Wayyuufi Hayyuuti malee teessoo Abbaa Gadaa jechuu miti. Caffeen lafa diriirtuu, nagaafi tasgabbii qabdu, kan seera tumuuf toltu, sagaleen nama jeequ kan itti hindhaga’amne, iddoo seerri tumamuufi labsamudha ykn nagaati.

Bakki kun bakka huummoon itti hinkorrisne, simbirri halkanii itti hiniyyine, sardiinni itti hindunne jedhamuuf filatamee labsiin itti godhama. Iddoo Caffeetti qachaan Gadaa ni ijaarama. Kunis galma Abbaa Gadaa jedhama. Abbaan Gadaa qacha Gadaa kanarratti jaarraa ofii xumurata. Kana booda guyyaa Baallii dabarsu ijoollee isaa akka bakka buusu waadaa galuun sirna maqaa baasaa gaggeessa. Iddoo tokko tokkotti sirna kanarratti warreen dhiiraa malees dubbartootaafis maqaan ni baha (moggaasatu kennama).

Maqbaasaa kanarratti maqaan kan bahu miseensa Gadaafidha. Akka aadaa Oromootti, maqaa dhuunfaa kan baasu Abbaafi haadha mucaati. Kan intala ishee garuu yeroo baay’ee kan baastu haadha deessedha. Maqaan kun kan warra ishee biratti ittiin beekamtuufi hawaasni ittiin waamu ta’uu qaba. Maqaan lammataa erga heerumtee booda kan warra dhirsaan kennamuuf yoo ta’u, maatiidhuma san warra dhirsaa keessatti kan ittiin beekamtu ta’a jechuudha. Maqaan kun yeroo baay’ee niitii lamaan hangafaafi quxusuu ta’aniif maqaa murtaa’e qaba. Fakkeenyaaf Ayyaantu, Soorettii, Beektuu, Hortuu, Boontuu … jedhuun ni danda’ama.

Qachaan jilaa akka galma Abbaa Gadaatti fudhatama. Abbaan Gadaa Galma hinqabu. Yeroo gumiin miseensa Gadaan gaggeeffamu malee Abbaan Gadaa tokko yeroo aangoo fudhatee irraa jalqabee iddoo tokko hintaa’u. Hawaasa keessa deddeemuun hojii bulchiinsaa raawwachiisa. Kana malees, seerri Gadaa akkaataa seera aadaatiin haalaan hojjiirra oolaa jiraachuusaa hordofa. Abbaan Gadaa waraana murtaa’e kan miseensa sadarkaa Kuusaafi Raaba keessaa filataman qabachuun biyya bulchiinsa itti gaggeessuurra marmaaruun nagaafi tasgabbii ummataa eegsisa. Diinni yoo dhufe duula labsee waraana gaggeessa. Qabeenyaafi maatii Abbaa Gadaa kan tiksu gosa isa filatedha. Nyaataafi galaa inni barbaadu kan dhiheessu ummata inni yeroo murtaa’eef irra qubatedha.

Abbaa Gadaa tokkoof qachaan kan ijaaramu Caffee tumaa isaarrattiifi iddoo miseensonni itti luboomaniidha. Kanarraa ka’uun fakkaata kan miseensonni Gadaa shananuu Kattaa Daalotaa (Duukam) keessatti Ardi Odaa Nabee Odaalee Shanan jiran maqaa miseensota shananiin moggaasan. Odaaleen kunis. Odaa Birmajii, Roobalee, Duuloo, Horataafi Meelbaa jedhanii walirraa fageenyarratti argamu. Walumaagalatti, Caffeen jecha sadarkaa xiqqaarraa gara hiika gamtoomina ummataa sadarkaa olaanaatti argamu yoo ta’u, kunis qaama olaanaa bulchiinsa sirna Gadaati.

Akkuma armaan dura ibsinetti, Caffeen jechoota akka Odaa, Gumiifi Yaa’ii bakka bu’uu danda’a. Achi keessatti, Oromoota iddoo adda addaatti argaman akka seera baastuu, seera raawwachiistuufi seera hiiktuu kan hammateefi ergama kanaaf hundee kan ta’edha. Kana malees, erga bulchiinsi sirna Gadaa laafee booda Ummanni Oromoo jecha kana bifa haaraan itti gargaaramuun siyaasa ammayyaa keessattis Mana Maree Oromoo, Caffee Oromoo jedhee moggaafama “Caffee” jedhu haaromsee ittiin hojjachaa jira. Kunis jechaafi hiikaa iddoo isaa eeggateedha.

1. Seera Gadaafi Olaantummaa Seeraa

Akka seera Gadaatti, miseensonni bulchiinsa gaggeessan marti olaantummaa seeraa kabajanii akka biyya bulchaniif dirqamu. Seeraan buluu jechuunis namni tokko loogiifi daba tokko malee seerri ykn mirgi isaa osoo hindhiibamin seeraan buluufi mirga nama biraa osoo hindhiibiin jiraachuu jechuudha.

1) Qaamni seera raawwachiistu bulchiinsi loogiidhaan akka hinraawwanne hordofuuf humnaafi aangoo gahaa qaba. Qaamni kun hojii isaa akka ga’umsaafi aantummaa, sanyiifi koorniyaan osoo hinqoodin kan hojjetu ta’uu qaba.

2) Qaamni hojii raawwachistuu kan filatamuu danda’u qaama ykn bifa dimokraatawaafi adeemsa loogii hinqabneen ta’uu qaba. Kunis maqaadhumaaf osoo hinta’iin ummata seera ittiin buluufi eegu ittiin bulchuuf. Kana jechuun qaamni seera kana hojiirra oolchuu loogiifi addaan qoodiinsa sanyii, gosa, korniyaafi amantii osoo hingodhiin ilma namaa mara akka walqixxeen ilaalu kan gaafatudha.

3) Abbootiin seeraa walaba ta’anii jiraachuu, qaamni seera hojiitti hiiku sodaa tokko malee seera jiru hojiitti hiikuuf dirqama (isaa) ba’uu yoo qabaatu, kunis dhiibbaa gara Qaalluufi sooressaan ykn namoota beekaman aangoorra jiraniin taasifamu hambisuu ni danda’a.

Seeraan buluufi seeraan gaggeefamuu jireenya ummata tokkoo kan gaafatu jaarmiyaalee (institutions) jireenya hawwaasichaa eeguuf ijaaraman kan akka aangoo olaanaa Abbaa Gadaa, Abbaa Bokkuu, Qaalluu kan mirgi isaanii hinxuqamnefi walaba ta’an ummata isaan jalatti bulan akka hinmiine kan ittiin of irraa ittisaniif, seeratti akka deebi’an isaan taasisa. Akkuma armaan dura eerame, bulchiinsi sirna Gadaa mirgoota namaa eeguufi seeraafi jaarmiyaa mirgoota namummaa eegsisan akka qabu ibsameera.

Seeronni kun mirgoota namoota dhuunfaafi hawaasaa bifa ittiin eegamuun kan tumamanidha. Jaarmiyaan mootummaa sirna Gadaa keessatti ijaaraman kunniin Caffee irraa jalqabee hanga maatii warra tokkoo ga’uutti kan diriire waan ta’eef iddoo aadaan sirna Gadaa Oromoo jiru maratti kan mul’atudha. Seera Gadaarratti kan barreessan Dhinsaa Leephisaa akka itti aanutti ibsa; ‘’… This high degree of adherence to the observance of institutional rules has adverse effect, which weakens bonds of relationship even at the level of family.”

Yaadni kun hariiroo warraafi maatii laaffisuun gara hariiroo gamtoominaan jireenyaatti jijjiire jechuudha. Kana jechuun ilmi abbaasaatti dirqama maxxanee jiraachuu hinqabu. Qabeenyaafi kunuunsuu abbaarra qofa hineeggatu jechuudha. Abbaanis kophaatti ilma isaa guddisuuf waan dirqama qabu miti. Maaliif yoo jedhame ilmi dhalatee murna Gadaa isaatti waan seenuuf sadarkaa Gadaa sana keessatti wanta barachuufi shaakaluu qabu waan hiriyyoota isaarraa argatuuf miseensi isaa dirqama kan fudhatu ta’a ykn mana barumsaa guddaadha.

Bifa kanaan dirqama isaa barachaa gara sadarkaa guddina namummaa olaanaatti darba jechuudha. Gabaabaadhumatti, amalaafi guddina ilmasaatiif abbaan kophaatti waan itti gaafatamu hinqabu jechuudha. Haa ta’u malee, hariiroon abbaafi ilmaa safuu kabaju qaba. As keessatti ijaaramni Gadaa kan mul’isu inni guddaan namni dhuunfaan jiraachuu irra gamtoominaan (hawaasummaan) jiraachuutu filatamaadha jechuudha. Haala kanaan, sadarkaa miseensaatti guddachuun, miseensa Gadaa shan uumee gurmaa’inni dargaggoofi daa’immanii kun walitti dhufeenya Abbaafi ijoollee akka laaffisaa dhufeefi waljaalalaafi walkunuunsaa akka miseensummaa uumaa dhufe dubbatama.

Ittifufa

 Obbo Alamaayyoo Hayilee: Hayyuu Seenaa yoo ta’an wayita ammaa Giddugala Aadaa Oromootti qorataa seenaafi dursaa garee seenaati.

BARIISAA SANBATAA Sadaasa 25 Bara 2014

Recommended For You