Haaromsa Gadaa Odaa Roobaa

 Kutaa 4fa

Odaa Nabee Jaarraa 1faa

Kuufaatii Mootota Oromoo Warjii bara 1285 booda Baballinsa Mootota Kiristaanaafi Isilaamaa lafa Oromoorratti godhamaa tureen Abbaan Muudaa naannoo Tuulamaa ture gara kibbaati socho’uun Aadaa muudaa cuqqaalaafi hawwaasnni gaggeessaa ture gosoonni Oromoo hundi jaarraa 12faan dura akka Qaalluu Odituu Naannoo Odaa Nabeetti (Galaanitti) Muudaa turan ni ibsa. Quulluun Warra Odituu wiirtuun isaa naannoo Galaan (Dongora) akka ture dubbatama .

Seenaa kana immoo gocha naannoo sanatti raawwatu irraa hubachuun ni danda’ama. Yaa’ii Gadaarratti Caffeen Abbaa Gadaan hogganamu yeroo jilaaf socho’an ardaa Qaalluu kanatti irreeffatu. Maqaan bakka sanaa Duukam kan jedhames araddaa Qaalluun irraa deeme ykn godaanee waan ta’eef moggaasni akkasii kennameef jedhama . Duukam jechuun ‘deeme’ ykn achii ‘sokke’ baqate jechuudha.

Gahee Qaalluun aadaa hawaasummaa keessatti qabu

Sirna Gadaa keessatti Qaalluun gahee guddaa akka qabu armaan olitti eerameera. Qaalluun amantiin Oromoo Waaqeffannaan gamtoominaafi gurmaa’inaan akka walirraa hincitneef ciminaan hogganaa kan tureera. Qaalluun amantii Waaqeffannaa keessatti dursaa Amantii Oromooti. Jecha biraatiin Qaalluun Luba olaanaaa ykn dursaa amantii Waaqeffannaati.

Amantii Waaqeffannaa keessatti, Qaalluun kan safuufi duudhaa Oromoo beekuufi lafarratti bakka bu’aa Waaqaa ta’ee kan seera Waaqaa barsiisuufi eegsisudha jedhu. Kanaaf, maanguddoonni Oromoo Qaalluun duraa nama Waaqarraa bu’e jedhu. Waaqayyo seerri isaa ummata bira akka ga’u akka nama biratti ulfaataniifi kabaja argatan Waaqaafi nama jidduu Qaalluu kaa’e jedhama. Kanarratti hundaa’un Abbootiin Gadaa waggaa saddeet saddeetitti gara Qaalluutti godaanuun Ayyaana Muudaa irratti hirmaatanii eebba Qaalluu fudhatu.

Qaalluun hogganaa Amantii Oromoo qofa osoo hinta’in wiirtuu Madda seeraafi heera Oromoo ykn mootii (dursaa safuufi duudhaa) akka ture ni dubbatama. Yeroo Muudaa hirmaattonni Ayyaana Muudaa seera tumame ykn haaromsame waraabbatanii gara gosa ofiitti deebi’u. Isaan dura garuu gara Muudaa deemu ture. Seera waraabbatanii deebi’anis ummata barsiisuun seerichis akka hojiirra oolu ni hordofu; ni tiksu. Oromoon gara Kaabaa jiraatan bara 1316 booda Muudaaf kan socho’u hanga yeroo dhihootti gara Madda Walaabuu ture. Kunis seenaa waraanaafi sochiifi qubsuma Qaalluu akkasumas sochii seenaa jijjiirama ardoota jilaa wajjin kan walqabateedha.

Akka seenaan ibsutti, jaarraa 12 ffaa irraa eegalee Qaalluun tajaajila amantii dura naannoo Shawaa (Tuulama) keessatti kennaa ture dhaabe. Sababni isaas akka seenaan dubbatutti, yeroo sanarraa jalqabee akka Qaalluun Oromoo naannoo Odaa Nabee irraa humnaan buqqa’ee gara Odaa Roobaatti, boodas gara Madda Walaabuutti socho’e dubbatama. Jilli gara Abbaa Muudaatti taasifamu kun “Jila Muudaa” jedhama.

Muuda jechuun sochii ykn godaansa abbootii Gadaafi bakka bu’oota Caffeetiin gara Qaalluutti eebbaaf taasifamudha. Ayyaana Muudaa irratti Qaalluun aangoo ummanni isaanitti kenne akka qulqullinaan raawwatan eebbisuuf dirqama akkasumas of eeggannoodhaan akka hojjetaniif Abbootii Gadaa gorsu. Ayyaana Muudaarratti warri jilaafi Abbaan Muudaa waan isaan raawwatan barreessaan keessaa namanni (A. Cechi; 1973) jedhamu akkasitti ibseet ture;

“…After communal prayers Abba Muda anoints the jila and gives them myrrh (qumbii). He commands them not to cut their hair and to be righteous (Just) not to recognize any leader who tries to get absolute power and leader who tries to get absolute power and not to fight among themselves”. jedhee gorsa kenna jedhu.

Akka Aadaatti muka dhugaadhaaf dhadhaamataniidha. Qumbiin dhadhama dhugaa dubbachiisa jedhamee amanama. Akka amantiitti namni qumbii Abbaa Muudaa irraa fudhatee nyaate seera Waaqaa, Seera Oromoo ganamaa jallisuu, cubbuu hojjechuu, soba dubbachuu hinqabu. Hawaasa isaas seeraan dhugaan qofa bulcha.

Gama biraan immoo gorsi Abbaa Muudaa kun Qaalluun siyaasa Oromoo keessatti gahee inni qabu kan mul’isudha. Dhuma ayyaana Muudaarratti Abbaan Muudaa miseensa jilaa kallaattii adda addarraa dhufan gaggeessuuf eebba xumuraa eebbisa. Akka waan barataniifi gorfaman seeraan hojiirra oolchaniif irra deebi’ee itti himama. Akkas jedhees ni eebbisa: “Oromoo milkoomi! hori!” jedha. Barreessaan (M.De. Salivac;1901) jedhamu eebbaa Muudaa irratti godhamu tokko akkaataa armaan gadiitiin katabeet ture.

“… Prosper son of Orma! Return home to your family and Abbaa Bokku! May the milk of your herd flow in abundance, May the whole village drink your superfluity (of milk), may you be loaded with goods! May your favourite cow’s udder be the full of milk, from which none drinks but the father of the family! From which none drinks but the mother of the family! From which none drinks but he who has received anointment (Muda). It is the wish of my heart that you should prosper! May “Waaqa” be with you.”

Hiikni isaas, yaa ilmaan Oromootaa akkuma nagaadhaan dhuftan gara mana keessaniitti nagaan galaa! Abbaa Bokkuu keessanitti nagaan galaa! Aannan saawwa keessanii haala gaariin yaa cobu! Gandaafi maatii keessanitti nagaan galaa! Aannan saawwa keessanii Abbaa manaafi haati manaa kan dhugan haa ta’u! Namni nagaa hundi haa dhugan! Waaqayyo isin waliin haa ta’u jedhee eebbsa.

Waanti asirraa barannu ardaan jilaa muuda eebba qaalluufi safuu isaan qaban kan irratti gaggeeffamaa ture ta’uu hubanna. Qorattoonni damee adda-addaa waa’ee Muudaafi abbaa Muudaa irratti barreessaniiru.

Odaa Roobaa (Wiirtuu Siyaasaafi Amantii Oromoo Waliigalaa Bara 1116 – 1450)

Garuu barreeffamoonni qorattoota kanaa dhimma odeeffannoo Abbaa Muudaa, Sirna Muudaafi maalummaa Muudaarratti hir’ina hedduu qabu. Hunda caalaa seenaa Muudaa sirriitti lafa kaa’uuf barreeffamoonni yaada dogongoraa ofkeessaa qabaachuu qofa utuu hinta’in guutuus Dhimma Muudaa Oromoorratti qorattoonni wiirtuu Muudaa achi jedhanii himuu waan dadhabaniif jilli gosoonni Oromoo waggaa saddeet saddeetiin hirmaatanrratti yaada burjaajessaan uumameera.

Maddoota seenaafi qorhawaasummaa keessatti wiirtuun Muudaa walaabu, Haroo walaabuu, borrana yookaan Walal jedhamee eerameera. Yeroo Atsimeen lafa Muudaa Walaabu jedhu. ‘Huntingford’ karaa isaa biyyi Abbaa Muudaa dhiha Arsii ta’ee Walaabuutti dhihoodha jedha. Asmarom immoo kaaba baha Booranaa yookaan dhiha laga Gannaalee eera. Dabalataan wiirtuun qorannoo hawaasummaafi siyaasa Oromoo barreeffama keessatti maqaa Madda Walaabuu yookaan Haroo Walaabuun eerameera.

Garuu iddoowwan lamaan seenadhaanis ta’e bakki argama isaaniin adda. ‘Braukamper’ immoo Madda Walaabuufi Haroo Walaabuu bakka itti argama Abbaa Muudaati jedhee eere. Feyisaan ammoo Haroo Walaabuu lafa teessuma hoogganaa amantii Oromoo Abbaa Muudaati jedha. Barreeffamoonni tokko tokko akka wiirtuun Muudaa yookaan Abbaan Muudaa lama ta’eetti ibsu.

Ibsa waa’ee Qaalluu keessatti Asmaroom Abbaa Muudaa yookaan wiirtuu Muudaa lama isaanis Booranaafi Baarentuu bakka bu’anii teessoon isaaniis Madda Walaabuufi Mormor akka ture hima. Mormor seenaa keessatti iddoowwan hedduuf kennameera. Oromoon Maccaa laga Abbayyaa Mormor jedha. Oromoo Baarentuu biratti immoo Mormor akka wiirtuu Gadaa Akkichuu, Humbannaafi Ittuu turetti beekama.

Caalaatti immoo afoola Oromoo Arsiirraa mirkaneeffachuun ni danda’ama. Oromoon Arsii hanga xumura jaarraa 19faa Minilik Muudaa Madda Walaabuu sababa siyaasaaf dhorkeetti Madda Walaabuutti Muudaa turan. Labsii Muudaa dhorku bara 1900 booda garuu waraana sirna mootii Minilikiif jecha Muudaaf gara walaabuu dhisuun dirree Sheek Huseenitti jijjiiran jedhama.

Wanti guddaan asitti beekamuu qabu araddaa Muudaa (Qaalluu) Oromoo kan waliigalaa muudamuu hangafaafi kan gosaa adda baasuu dhabuudha. Qaalluun waliigalaa kan Oromoo isa kan Odituuti. Kanaaf hanga bara 1801tti gadaa saqoo dhadachatti abbaan Gadaa Booranaa waliin gara Madda Walaabuutti deddeebi’uun Oromoo mara muudaa (eebbisaa) turan.

Maddi Walaabuu kibba dhiha godina Baalee Dalloo keessa laga Gannaaleerraa kiiloomeetira 20 fagaatee argama. Maddi Walaabuu Odaalee shan yoo qabaatu akka seenaan himutti, iddoon sun lafa caffee waliigalaafi lafa Muudaa turte. Maddi taliilaa Odaalee kana kan sooru bishaan lafa keessaa burqa. Odaaleen shanan walgahanii gaaddisa arjoomu. Lafti sun cinna Gadaa Odaa Roobaa booda kan hunddeeffameedha. Kanaafis ta’a iddoo caffee waliigalaa Oromoo bara giddugalaa ta’ee filatame.

Maddi Walaabuu madda heeraafi eebbaa ture. Haaluma walfakkaatuun galmi Abbaa Muudaa madda walaabuutti argama. Galma jechuun mana Qaalluuti; iddoo itti sirni Muudaa waggaa saddeeti saddeetitti raawwatamuudha. Maddi Wallaabuu hanga bara 1801 Gadaa Saqoo Dhaddacaati wiirtu Muudaa turte.

Waa’ee sirna Muudaatti ykn maalummaa Abbaa Muudaa (Qaalluu) hubachiisuun barbaachisaadha. Barreeffamoota hedduu keessatti Qaalluu jechuun Abbaa Muudaa jechuudha. Maqaan Abbaa Muudaa gahee Qaalluu innis Muuduu irraa fudhatame. Abbaan Muudaa abbaa sirna Muudaati. Kanaafuu Sirna Gadaa keessatti Qaalluu jechuun Abbaa Muudaa ta’uusaa hubatamuu qaba.

Haata’u malee, Qaalluun jaarraa 19faa booda Oromoo Kaabaa keessatti gahee Qaalluu fudhatee Sirna Gadaa waliin Muudaaf kan bakka bu’u miti. Sababni isaas ayyaanatu iddoo qaalluu bu’uun seera Muudaa fudhatan, ayyaantuun Qaalluu miti. Isaan wayyuudha ykn irreechaa Ayyaantuun Gadaa keessatti akkumaa Oromoo kammiiyyu qooda ni qabu. Qaalluun (abbaan Muudaa) ayyaantuudha malee jinnii hinkeessummeessu. Ayyaantuun beekaafi gorsaa abbootii Gadaa yeroo itti ta’utu jiraa.

Ittifufa…

Obbo Alamaayyoo Hayilee: Hayyuu Seenaa yoo ta’an wayita ammaa Giddugala Aadaa Oromootti qorataa seenaafi dursaa garee seenaati.

BARIISAA SANBATAA Onkoloolessa 27 Bara 2014

Recommended For You