Haaromsa Gadaa Odaa Roobaa

Kutaa 3fa

Taklahaymaanot bakka itti dhalataniifi jiraachaa turan wajjin daangaa kan taate Konyaa Minjaar jedhamu yoo ta’u, ragaan xiinqooqaa waa’ee Minjaar ibsu akka mul’isutti, Minjaar jechuun, jecha mana ijaari jedhurraa kan mogga’edha.

Odeeffannoon manguddoota Karrayyuu akka mul’isutti, Manjaariin bakka itti Oromoonni Karrayyuu mana ijaarratanii taa’an ta’uusaafi Oromoonni kunis maqaa isaanii duubatti yeroo lakkaawwatan Manjaarii akka jedhaniifi dur achi akka turan ibsatu. Hidda latiinsa isaanii keessatti jecha kana Oromoonni Karrayyuu irra deddeebi’anii waamuun isaanii, Oromoon naannoo Bulgaa jaarraa 12fa fi 13faa keessa jiraachaa turuun isaanii yeroo itti dabalamu tarii Minjaariin dabalatee naannoo Kaaba Shawaa Oromoon bal’inaan jiraachaa turuu isaanii agarsiisa.

Ragaaleen afoolaafi xiinqooqaa kanaa olitti mul’isu waa’ee jireenya Oromoo durii Kaabaafi giddugala Itoophiyaa kan agarsiisu. Kanatti aansee immoo afoolaafi ragaalee qubsuma Maccaa jaarraa 16faan dura lafuma irra jiraatan kanarra qubatanii jiraachaa turuu isaanii agarsiisuuf yaalla.

Afoolli Oromoo Maccaa, warra Booranaa kanneen haaromsa Gadaa jaarraa 16faa dura Gadaadhaan hogganamaa dhufaniin dura, naannoowwan Oromiyaa Lixa keessa Oromoonni tamsa’anii jiraachaa akka turan odeeffannoon ibsu ni jira. Isaanis, Orom Duroo kan jedhaman yemmuu ta’an, bara ibsamuu hindandeenye dura gara Kaaba Goojjamiifi Sulula Abbayyaarra gadi dhufan jedhu.

Kaabarraa warri karaa Goojjam jaarraa 16fa dura gadi dhufanii naannoo Wallaggaa keessa jiraachaa turan gosoota Oromoo Sinichoo, Darabee, Wancii, Yamaloogii, Jaggaa, Jummattoo jedhamu. Kana malees Jummattoo, Jaggaa, Amuumaa, Sibuu, Dongoroo, Mannii, Wambarii, Shaxiroo, Guuta, Hindiiboo, Hanno, Anuu, Billi, Iluu, Andooboo, Ammayyuu Wallaggaafi malkaa Abbayya gama Goojjamiifi Wanbaraa Daamot keessa bal’inaan akka argaman ragaaleen ibsan hedduudha.

Bara fagoo dura biyya Misir akka turan dubbatu. Sababa diinni nutti baay’ateefi deddeebi’eef biyya Misiraa (Ijiptii) gadhiifnee dhufne jedhu. Dahannoo ijaarrannee diina ofirraa ittisuuf yaallullee, waan dadhabneef, abbaan keenya asii iddoo biraa deemaa, isin fixuu jedhee, nu gorsee, eebbisee nu gaggeesse jechuun iddoo dhaloota isaanii ganamaa himatu.

Ta’ullee, lafa malkaa bookni keessaa burqu, biyya Misiraa (Ijiptii) akkamitti gadhiifnee deemna jennaan, lafuma akkanaa argattu, milkiifi nagaroo isiniif kenneera; deemaa akka jedheen dubbatu. Haala kanaan, karaa kormi karaabichi itti agarsiisaa deeme hordofuudhaan Goojjam keessa iddoo Kuur jedhamu qubatan. Akkanaan manguddoonni Oromoo Maccaa, sulula Abbayyaan qabannee kaabarraa gadi socho’aa dhufnee, naannoo Wallaggaa keessa qubachuun jiraachaa turre jedhu.

Yaanni afoola Oromoo Maccaa kun biyya Misiriitti lolli isaan gaggeessan eenyu waliin akka ture waan ibsu hinqabu. Garuu kallattiin sochii isaanii Kaabaa Kibbatti ta’uu ifatti mul’isa. Sochiin isaanii kunis seenaa sochii Kuush durii waliin walitti hidhannoo maal qaba gaaffii jedhu kaasa. Haa ta’u malee afoola kanaaf deebii waan hinqabneef kanumaan bira dabarree waa’ee afoola Orom Duroo jedhutti haa deebinu.

Afoolli Oromoo Maccaa akka ibsutti, Oromiyaa Lixa ammaa kana keessa Oromoonni qubatanii jiraatan bakka lamatti qoodamu jedhu. Isaan tokko warra jaarraa 16faa keessa of ijaaran ykn Sirna Gadaa bifa haaraan ijaarratanii dhufan yoo ta’an, kan biroo immoo Orom Duroodha. Orom Duroon Oromoota warra boodarra jaarraa 16faa keessa of ijaaran ykn dhufanii Lixa Oromiyaa Wallaggaafi naannoosaa qubatan warra dursan ta’uu isaanii ibsa. Hiikumti jecha Orom Duroo jedhuyyuu Oromoota durii jechudha.

Keessattuu dhaloota Orom Duroo warri ta’an jecha isaan afoola isaanii keessatti kaasantu jira. “Kun Orom Duroottuu hinjiru, wanni akkanaa maali? Eessaa fiddan? Lakkisaa dhiisaa? jedhama.”

Warri Orom Duroo kun, hogguu Oromoonni Gadaadhaan hogganamaa Walaabuu dhufan loluu yaadanii turan jedhama. Sababiin loluu dhiisaniifis tokkoffaa, isaan Boorana waan ta’aniif, yoo eeboo itti darbatan deebi’ee nama itti darbate sana waraana waan jedhamanii sodaachifamaniif dhiisan jedhu. Lammaffaa afaan maalii dubbatu jedhanii hogguu iyyaafatanis, afaan isaan dubbatan akkuma isaanii Afaanuma Oromoo waan ta’eef, walitti dabalamanii tokko ta’anii waliin jiraachuu jalqaban. Afoola manguddootaa kanarraa ka’uun qormaata hanga ammaatti gaggeeffamerraas akka hubannutti dhimma Orom Duroofi Booranaafi Bareentummaa akka armaan gadiitti ibsi itti dhiyaateera.

Seenaa Abbaa Muuda ykn (Qaalluu) Oromoo

Ummanni Oromoo akkataa dhugeeffanaa isaa ittin gaggeffatu qaba. Adeemsi isaas heeraafi seeraa Gadaa keessatti tumaa ofii ni qaba. Heerri kunis seeraan tartiiba ofii jalati kan ifa ta’u yoo ta’u, ,sirnichi iddoo sadiitti hiramee jaarmiyaa Abbaa Muudaa ykn qaalluu, Abbaa Bokkuufi Abbaa Gadaa kan jedhaman qabaatu. Qaamni olaanaan Sirna Gadaas Abbaa Muudaafi Abbaa Bokkuu yoo ta’an, Abbaan Gadaa isa sadaffadha. Jaarmiyaan Qaalluu akkuma siyaasa ammayyaa siyaasaarra walaba kan ta’eefi garuu lafajalaan duudhaa isaa eegsisuu ta’a. Abaan Bokkuu garuu miseenssa isaa wajjin waggoota saddeet turee dabaree isaa hojjatee kan baalli dabarsu ta’a.

Qaalluun garuu hanga umurii isaa guutu kan muuduufi gorsuudha. Sirna Gadaa keessati Qaalluun kabajaa Olaana qabaa. Qaalluun Muudaa ykn eebba kennaa, Abbaan Gadaa tokko erga filatamee booda atoomsa fudhachuuf akka Qaalluutti muudaaf godaan Abbaa Bokkuun ajajamee akka deemuu itti himama. Abbaan Gadaas jila isaa hogganee muudaaf godaana eebbaafi atoomsa Qaalluu fudhatee gara gosatti deebi’a.

Qaalluun siyaasa Sirna Gadaa keessatti kallatiin hirmaachuu baatus aangoo wal harkaa fuudhuurratti gahee guddaa qaba. Akkuma beekamu Sirna Gadaa keessatti siyaasaafi amantiin baay’ee kan walqabate ta’uu baatus akkata itti waldeegarutu jira. Kanaaf, hojiin Qaalluu kallattiin amantiirratti haa xiyyeeffaatu malee siyaasa Gadaa keessatti qooda guddaa qaba. Oromoon aangoo waggaa saddeet eegee yeroodhaan walitti bu’insa tokko malee eebbaan walitti dabarsa, waliifis ni abboomama ykn fileefi filatamaa akka ture ammas taanaan iddoo sirni Gadaa gaggeeffamaa jirutti ni raawwata. Kanas barreessitoonni seenaa kan ibsan malee duudhaa ammas jiruudha.

Seerri aangoo walirraa fuudhuu Abbootii Gadaa rakkoo tokko malee raawwata. Iccitiin kunis kan jiru seera ijaarsa mootummaa sirna Gadaa keessatti aadaa durii qabee tureedha.

Sirni aangoo walharkaa fuudhinsaa adeemsa sirna Gadaa keessatti akka rakkoo hin uumnetti kan tumameedha. Kana malee seerri aangoo walharkaa fuudhinsaa adeemsa gogeessa Gadaafi dhalootaan waljalaa siquun waan walqabatuuf seera Caffeen tumani. Seenaa Abbaa Muudaafi seerota Qaalluutti osoo hin seeniin dura gaaffii Qaalluun ykn Abbaan Muudaa siyaasa sirna Gadaarrati gonkumaa kan hin hirmanne ta’uu isaaniitu dubbatama.

Adeemsa filannoo miseensota Caffee Oromoorratti akksumas baallii walii dabarsaa Gadaarratti hirmaachuun kallatii kennuu baatus gara bakka bu’oota isaaniin ni to’atu. Qalluun hangafaafi quxusuu qabdi. Hangaftichi kan gosa hangaafaati. Qaalluun Oromoo Hangaftichi kan Gosa Daaccii mana Odituuti, kan hafan marti maadhaa ykn quxusuu isaati. Qaalluun adeemsaafi filannoo Abbootii Gadaarrattiifi guyyaa ayyaana aangoo walharkaa fuudhiinsaarratti argamu baatus seeraaf dogoggorri yoo jiraate to’achuufidha. Bakkaafi haala akkasii keessatti Abbaan Muudaa bakka bu’aa Waaqaati jedhu.

Erga Abbootiin Gadaa baallii (mallattoo aangoo) fudhatanii booda ayyaana Muudaa irratti eebba fudhachuun beekumsa (recognition) qaalluurra argatu. Asirratti dubbistoonni waan hubachuu qaban Qaalluun kallattiin hojiin isaa amantii haa ta’u malee siyaasa Gadaa keessatti hirmaachuun gahee guddaa qaba.

Garaagarummaan Qaalluufi Abbaa Gadaa jidduu jiru garuu seeraan beekamaadha. Qaalluun amaantaa Oromoo keessatti qaama olaanaa kan qabu yoo ta’u, siyaassan sirna Gadaa keessatti garu Abbaa Gadaatu olaanaadha. Qaalluun saynii dhalootaan kan deemu yoo ta’u, Gadaan Filanoon ta’a, Kan biraa siyaasni sirna Gadaa seeraan akka gaggeeffamuufi amantiin Waaqeffannaa akka cimuuf gaheen Qaalluu danuu ta’uusaa barreessitoota seenaafi xiin Aaddaan (Anthropologists) gadi fageenyaan ibsameera.

Gahee Qaalluun sirna Gadaa keessatti qabu erga hammana jennee gara seenaa Qaalluu Oromoo haa deebinu. Akkuma armaan olitti ibsame, Qaalluun dur sirna Gadaa keessattis qooda olaanaaa qaba ture. Qaalluun amma jirus sadarkaa Abbaa Muudaa kan qabuufi hojii Abbaa Muudaa kan hojjetu miti. Erga Oromoon Muudaa Madda Walaabuu irraa dhorkamee hafee booda Oromoota gara kaabaafi bahaati iddoo Qaalluu bu’uun gahee Qaalluu kan hojjetu Warra Ayyaantuuti. Kunis kan ta’u danda’ee duula amantiin lamaan (kiristaanifi Isilaamni)irrati gaggeessaa ture. Kan balaaleffatame waan tureefi. Kanaaf naannoo eerame kanati irra caalaa hojii jara kanaa kan hojjatan warraa Ayyantuuti.

Ayyaantuun Oromoo keessattis ta’e iddoo tokko tokkotti Qaalluu jedhamanii kan beekamaniidha. Garuu, sadarkaadhaan Abbaa Muudaan kan walgitan osoo hinta’in kan isaanii gaditti beekaman warra Ayyaantuufi Waayyuuti. Akka Mahammad Hassan barreessettis, Qaalluun ummata biratti moggaafama Abbaa amantii ta’uun beekama. Ayyaantuuwwan Qaalluu jalatti hojjetan hirreessa Gadaa ykn jila Maallimaa jedhamanii waamamu.

Asirratti waanti hubachuun nurra jiraatu ayyaantuwwan bakkaa bakkatti maqaa garaagaraa qabaachuu ni danda’a. Amantii Oromoo keessatti, Wayyuun bakka bu’aa Qaalluu ta’uun kan hojjetanidha malee hojii Abbaa Muudaafi sadarkaa isaa guutummaan guutuutti kan fudhatanii hojjetan miti. Iddoo Qaalluun hinjirretti ummanni amantiifi waan isaa wajjin walqabate akka sirnaan gaggeeffatan gargaaru. Seerri caffee Qaalluun ulfaadha jedha.

Ittifufa

Bariisaa  Onkoloolessa 20 / 2014

Recommended For You