Kutaa 1fa
Ummanniifi sabni tokko dhuunfaadhaanis ta’e gamtoominaan hanga tokko eessa akka jiraate dhalootaaf ibsuuf seenaasaa beekuun murteessaadha.
Kunis beekumsi dhalootaafi yeroo darbee bareeffamaanis ta’e mammaaksaan (knowledge of the past) yoo jiraateedha. Namni beekumsa seenaa hinqabneefi faayidaa seenaa hinbeekne quuqqaan eenyummaa (sense of identity) itti hindhaga’amu. Murtii sirrii (intelligent decision) fudhachuurraa duubattu jedha. Murtiin fudhatullee faayidaan ala ta’a.
Sabni ykn namni tokko waa’ee eenyummaasaa baruufis ta’e hariiroo uummatoota biraa waliin qabaachaa tureefi jiru baruu kan danda’u yoo seenaasaa darbe beekeedha. Namni tokko dogoggora ofii sirreessee karaa dhugaa ta’etti godaanuu kan danda’u seenaa darbe yoo beekeedha. Ta’uu baannaan badii seenaa darbe deebisee dalaga.
Jireenya ilmaan namootaa seenaa darbe keessatti kaafnee yoo ilaaluu baanne kan har’a irra jirru baruufis ta’e hubachuuf ni rakkanna. Kaleessi yoo hinjiraanne har’i hinjiru. Har’i yoo hinjiru ta’e immoo boru ni dhufaa jedhamee tasumaa hin yaadamu. Kanaaf isa har’aa baruuf, kan boruu tilmaamuuf isa kaleessaa qorachuun barbachisadha.
Sochiin ummataafi seenaan yeroo darbe godhame, cunqursaan isa humna qabuun kan humna hinqabnerratti adeemsifame, ilaalchi siyaasaa, raawwachaa ture beekumsi waa’ee artiifi aadaa, muuxannoon barnootaa, amalli namaa hundi bu’aa waan darbeeti.
Kanaaf waan ta’ee darbe tokko jalaa miliquun hindanda’amu. Wanti ta’e tokko ta’ee darbeera; har’a hinjiru. Garuu wanta inni dhiisee darbetu jira.
Haaluma kanaan seenaan Oromoo yeroo dheeraaf bifa barreeffamaan katabamee ifa akka hintaane iccitiidhaan qabamee tureera. Kanaafis sababoota adda addaa kaasuun ni danda’ama. Kunis abbaa seenichaa kan ta’e Oromoon carraa barnootaafi aangoo siyaasaa argatee mirga afaansaatiin baratee seenaasaas ta’e aadaasaa barreessuu hindandeenye ture.
Warri ykn Oromoonni carraa barnootaa argatanii seenaa isaanii dhugaa ta’e barreessuuf tattaaffii gochaa turan immoo gufuu guddaatu isaan qunnamaa ture. Seenaan saba tokkoos nama sabicha keessaa dhalateefi aadaasaa beekuun osoo barreeffamee wayya jennee amanna. Sababiinsaas aadaa, duudhaa, afaaniifi maalummaa sabichaa waan beekuuf.
Gama biraatiin inniyyuu dhiibbaa ilaalchota siyaasaa adda addaarraa walaba ta’ee yoo hinbarreessine dhalataa saba sanii qofa waan ta’eef seenaa dhugaafi dhugaatti dhiyaatu barreessa jechuunis hindanda’amu.Sababiinsaas warri saayinsii seenaafi ilaalcha gaarii ta’e ilmaan namaaf qaban seenaa saba fedheeyyuu yeroo barreessan of eeggannoofi xiinxallii cimaa ta’een gargaaramanii yoo barreessan komii akkasii jalaa ba’u.
Itoophiyaa keessatti sirni mootummoota walduraa duubaan darbaniis yoo ta’e seenaa saboota cunqurfamtoo walumaagalattiifi seenaan saba Oromoo keessumaa, akka hinbarreeffamneefi ifa hintaaneef dhiibbaawwan adda addaa irraan gahaa tureera.
Kana kan taasises aangoon siyaasa biyya kanaa yeroo dheeraaf harka warra gita bittootaafi amantiisaanii hordofanii keessa waan tureef, jarreen sunis saboota kaayyoofi amantaa isaanii hin fudhanneef seenaa yaakkaafi hamilee isaanii gadi cabsu galmeessaa turan. Bifa biraatiin ammoo olaantummaa seenaa isaaniifi aadaa isaanii ibsu bifa barreeffamaafi oduutiin dabarsaa turaniiru.
Gama biraan jaarraa 14fa-15fa keessa imaltoonni Arabootaafi Awurooppotaa kaayyoo adda addaatiif gara biyya kanaa yeroo dhufanitti seenaa saboota biyya kanaa haalli isaan ittiin galmeessaa turan yaada bilisa ta’eefi deeggarsa saayinsii seenaatiin kan qophaa’e miti.
Isaanis, kaayyoo amantii gita bittootaa babal’isuufi siyaasa biyyisaanii hordoftu galmaan ga’uuf hojii basaasummaa hojjechaa turan. Kana malees, hundeen madda odeeffannoosaanii harki caalaan kan irraa madde namoota naannawa gita bittootaarraa waan tureef seenaan isaan galmeessaa turan kan garee gita bittoota qofa kan tureefi jibba ummata Oromoorratti qaban barreessan irraa adda hinturre.
Akkasumas hordoftoonni amantii Islaamaa sheekonniifi qaadiiwwan adda addaa biyya Oromoo keessatti gurmaa’uudhaan aadaafi seenaa Oromoo busheessuun kaayyoo amantiisaanii galmaan ga’achaa kan turan ture.
Jarri kun inumaayyuu dhalootaan Oromoo kan turaniifi of walaalaniidha. Akkas yeroo jennummoo barreessitoonni biyya alaatii dhufan seenaa galmeessaa turan hundi fedhaafi kaayyoo siyaasasaanii galmaan ga’uuf qofa seenaa qoratan jechuu keenya miti. Fakkeenyaaf, Erike Haberland, namtichi jedhamuufi Cheeruuliin odeeffannoon waa’ee seenaafi Afaan Oromoorratti qaban guutuu ta’uu baatus seenaan isaan waa’ee Oromoorratti barreessan ragaa bu’uura gaarii ta’e akka qabu barreessitoota addaadaatiin ibsameera.
Fakkeenyaaf, afoola maanguddootaa fudhachuudhaan madda saba Oromoo bira gahuuf kan qorattoonni adda addaa ibsanirra fooyyee kan qabu yeroo ibsanitti maddi sabichaa naannawa baddaa Baaleeti jedhan.
Egaa, seenaan saboota biyya kanaa haalliifi akkaataan ittiin barreeffamaa ture maal akka fakkaatu kan armaan olitti kaafnerraa hubachuun ni danda’ama. Kana malee (I, K.Cherul. 1971) kitaba seenaa Sulxaanota Shawaa barreesse keessatti dhimma Oromoo kaasu baatu’ille jaarra 9fa keessa qubannaa mootumma Shawaa ibseera.
Ittifufa…
Gaazexaa Bariisaa Adoolessa 3/2013