Sakatta’a seenaa Oromoo

Kutaa 8faafi isa xumuraa

Hojiin guddaan seenaafi madda Oromoon walqabatee hojjatame qorannaa ‘Eike Haberlandiin bara 1963’ keessa maxxanfame ximmadda (Theory) seenaa Oromoofi afaansaarratti armaan dura ture kan jijjiiruu danda’eedha. Hanga baroota 1974tti hayyoonni biyya alaa afaaniifi seenaa Oromoorratti wanta hedduu hojjetanillee hayyoonni biyya keessaa tokko tokko faallaa kanaa deemuun Oromoon akka saba godaantummaan dhufeefi biyya kana humnaafi weraraan qabateetti barreessaa turan. Kanaaf seenaas ta’e afaansaa qorachuu akka hinfeene mul’ata. Akka fakkeenyaatti yoo fudhanne, hojii Alaqaa, Atsmee (E.E.S Addis Ababa University) Alaqaa Taayyee 1914 ‘Tekletsaadiiqi Makuria’fi jarreensaan fakkaatan fudhachuun nidanda’ama.

Gama sochii saba Oromoo dhalataa Oromoo yoo ilaalle immoo hammeenyaafi cunqursasaarratti godhamurraa kan ka’e jijjirama mootummaa fidurrattiifi qabso godhamurratti kan xiyyeeffateedha. Gama biraan fincila akkasumas qabsoo bara dheeraa uummaticha miidhaa ture hambisuu malee, seenaa afaanii barreeffamarratti kan xiyyeeffate hinturre.

Seenaa ilaalchisee wanti barreeffame hinjiru. Yaa ta’u malee hayyoonni booda ka’an kan akka Sheeki Bakrii Saammaloo wareegama guddaa kanfaluun afaaniifi seenaan Oromoo akka guddatuufi afaan barreeffamaa qabaachuufi afaan Oromoo baruumsa akka Arfii (qubee) ofii akka godhatuuf qabsaa’aa turan. Bara Dargii keessas maqaa “Masarata timirtii” jedhuun afaan Amaaraa bal’isuu malee afaan Oromoorratti sochiin godhame hinturre.

Kufaatii Sirna Dargii booda carraa argameen hayyoonni afaaniifi seenaa Oromooratti hojjatan harka kumaatamaan dabalaafi guddachuun Afaan Oromoo afaan mana barumsaa, afaan mana murtii, kan qoprannoofi waalta’e gochuu malee Oromoota kallattii mara jiran walitti fiduu akka bifa walfakkaatan guddatu gochaa jira. Yeroo ammaa Afaan Oromoo afoonota degarsa siyaasaatiin guddini isaanii sadarkaa olaanaarra ga’an waliin wal-maddii ta’uun guddinni isaa yeroodha gara yerootti bal’achaa deemaa jira. Hojii kana keessatti Hayyuu beekamaa afaan Oromoorratti umuriisaanii guutuu hojjechaa jiran kan akka Obbo Abarraa Nafaafi hayyoota Biiroo Aadaafi Tuurizmii isaanii wajjin hojjatan namoota seenaa guddaa raawwataniidha. Hojii kanaafis maqaa uummata Oromootiin galata isaaniif qabnu ibsina.

Rakkoon Afaan Oromootiin walqabate kun siyaasa gita bittoota (Abbaa irree) yeroo sana biyya kana keessa jiran gaggeessanirraa kan ka’e guddinaafi Afaan Oromoo gara afaan barruutti jijjiruu kanarratti danqaaraa guddaadha ture. Yaa ta’u malee waggoota dhibba foo caalaa afaan Oromoo erga ukkaamamee turee booda waggoota muraasa dura afaan barruu ta’uu danda’e.  Kunis qabsoo bara dheeraaf godhamaa tureen sakaallaa ummatni Oromoo ittiin xaxame kukkutuun yeroo ammaa afaaniifi seenaan sadarkaa muummee barnootaa tokkofaa kaasee hanga Yuniversitootaafi wirtuuwwan qurannoofi qo’annoon ta’eera.

Kana malees afaan mana murtii, dursitoonniifi geggeesitoonni siyaasaa itti seera tuman, afaan saayinsii, afaan seeraa, afaan weedduu, walaloofi duudhaan ummataa ittiin himamuufi barreeffamaafi miidiyaa ta’uun isaa guddinaafi jijjirama guddaadha.

Dhumaratti hojiin kun seenaa qubsumaafi guddina afaan Oromoorratti kan xiyeeffate yaa ta’u malee gama biraan Oromoon akkuma qubata duraa ta’e, seenaa bara dheeraa biyyi keenya qabdu keessatti akka iddoo gudda qabdu kan nama hubachiisuudha.  Seenaatti aansee sochii guddina afaan Oromoo keessatti jalqaba qorannoo Oromorratti eegalame akkamitti akka accuucamaa ta’eefi rakkina guddina afaanirratti ture kan ibsuudha. Gama biraatiin immoo hayyoota guddina afaan kanaaf hojii bu’uuraa hojjechaa turan yaadachuufi eenyu akka turan akka itti yaadataman kan ifa ta’eedha.

Kana malee Itoophiyaa ammayaa ijaaruu keessatti uummanni Oromoo qooda guddaa akka qabuu ifa gochuun baroota seenaan kun hammatu booda kan mul’atu seenaan Oromoota Walloo, Yejjuu, Raayyaa Maccaafi Tuulamaafi Oromoota naannawaa kibbaa kaabaa fi bahaa Itoophiyaa keessa jiran seenaansaanii yoo qoratame gara fuulduraaf madda odeeffannoo guddaa kan ta’uudha.

Gaazexaa Bariisaa Adoolessa 3/2013

Recommended For You