Sakatta’a seenaa Oromoo

Kutaa 7fa

Bara duula guddaa Ahmad Giraanyi sana ajajaan waraana Dawwaaroo gara mootichaa ture, Faanu’eel Tulluu mo’amee erga achii ka’ee booda namniDawwaaroo bulchaa ture Oromticha Daaglaa jedhamuudha. Namichi kun booda ajajjaa waraanaa olaanaa kan ta’e. Haata’u malee waraana cimaa gaggeeffameen Daglaadiis booji’amuusaa kan ifa ta’ee idhaa.

Hogganaan kun haati warraasaas obboleettii Faanu’eel Tulluu akka turte. Kana malee Oromoonni naannawaa Tuulamaa (Shawaa) turan mooticharratti mormii kaasuu yoo eegalan (Libna Dingil 1500-1533) Abbaa Gadaasaanii mootichi waan ajjeesaniif mormii kaasuun waraana Giraany Mohaammad waan deggaraniif mootichi isaanirratti duule.

Duulicharratti Abbaa Gadaa Kootuufi Abbaa Gadaa Guchii ajjeesuun akkuma dhaadate reeffasaanii allaattii nyaachise. Kunis Oromootaafi mooticha jidduutti rakkoo guddaa waan uumeef yeroo sanaa jalqabee mootichi (Libna Dingil) Oromoo Tuulamaafi Maccaarraa gargaarsa dhabe.

Oromoota Ammayyaafi Tuulamaa kan xiyya waraanaa summii qabuufi fardaan lolan isaaf ajajamuu didan. Kana booda humna waraana Oromoo dhabuun mootichi garmalee mo’amee, gara Kaabaatti baqate.

Haata’u malee; hoggantoota Oromoota gara Kaaba Itoophiyaa jiran kan akka Jaarraa Tulluu, Baharraa Nagaash YisihaaqDooriifi Fayyisaa Dabalaarra (gargaarsa) degarsa waraanaa mootichaaf gochaa akka turan seenaan ni mirkaneessa. Waraanni gara Kaaba mooticha gargaaraa ture “Bale Gadaa Xoor” ykn Waraana Gadaa kan jedhamuudha. Naannawa Indartaa akka turan seenaa keessatti yeroo baay’ee ifa ta’aa ture.

Mootii Libna Dingilis garmalee mo’amee otoo asiif achi baqatanuu dhumarratti bara 1533 du’an.  Erga mootichi du’ee booda Ahmad Giraany wiirtuu ykn teessoosaa Gondor keessa iddoo Wayinaa Dagaa jedhamu gochuun hanga biyya Siinaar (Nuubiyaa) ga’utti waggoota 15f mo’ee ture. Kana booda waraanni Poorchugaalotaa qaqqabee hanga Giraanyi Mahaammad ykn Ahmad Giraanyi du’utti qabsoo hadhaawaan akka godhamaa ture dubbatama.

Libna Dingil booda ilmisaa Galaawudiyoos umuriisaa guutuu Poorchugaalootaa wajjin taa’uun, Oromootaafi Sulxaanota Islaamaa iddoo adda addaafi Harargee wajjin otoo falmuu akka duularratti du’e beekama. Yeroo kana (1522) Oromoon Sirna Gadaasaa haaromsuun cimsee waraanni Gadaa Michilleen injifannoo argateen kallattiin waraana biyya kana keessatti godhamu jijjiire.

Haaluma kanaan bara 1943 booda humnoonni lamaanuu Oromoon mo’amanii yoo addaan bahan Oromoon Gadaan socho’an biyya ofii dhuunfatanii Gadaasaa cimsuun of ijaaruu jalqabe.

Waraana waggoota dheeraa kana booda irrajireessi Oromoon lafa ofitti dacha’uun tasgabbiin otoo jiratanuu mootummoonni haaraan Gondoritti Galaawdiyoos booda ijaramuun of cimsuun duula walirra hincinne Oromoorratti eegalan.

Haaluma kanaan mootichi Sarsa Dingil immoo Oromoota Gondoriifi naannawaasaa turan walakkaa ofitti qabuun duula guddaa Oromoota kallattii biraatti kan gaggeessaa tureedha.

Kana keessaa duula guddaa Bahira Nagaash Dooriirratti godhame eeramuu danda’a.  Waraanni kun Oormoota Kaaba jiraniifi Oromoota Jiddugala biyyaa jiran Jiilleefi Raayyaa ykn Argiigoo walitti buusuun kan walficcisiisaa turan ta’uutu dubbatama.  Walitti bu’iinsi yeroo mootummaa Sarsa Dingil kun mormii guddaa kaasuun biyya kana jeeqaa akka ture dubbatama.

Sarsa Dinglitti aansee kan mootii ta’e mooticha Susoniyoos yoo ta’u, innis haatisaas Oromoo Liiban kan taateefi (Gondor) keessatti kan dhalateedha. Boodas firootasaa kan gara haadhaatti makamuun mootummaa Gondor ykn kan isa morman gargaarsa waraana Oromoon mo’atanii aangoo mootummaa kan gonfateedha. Gargaarsa Oromoon godheefiin aangoo qabachuu danda’e.

Yeroo kana Oromoota akka Azaachi Xinnoo (Taklasilaasee) ykn Fayyisaa Maqaa hayyuu olaanaa (Marii Raas) jedhee moggaaseefii duree Amantii Kaatolikii akka isa godhe dubbatama.

Azaachi Xinnoo (Fayyisaan) yeroo duraafi nama seenaa Oromoo bifa dhugaa ta’een barreesseefi keessattuu sabni Oromoo akka amantaa Waaqeeffannaa qabu yeroo duraaf kan ifa godheedha.

Kana malees akkuma warri Kiristaanotaa gara Iyyererusaleemitti deemaniifi, warri Isilaamaas gara Makkaa deeman, Oromoonnis gara Madda Walaabuu Muudaaf akka Qalluutti (Abbaa Muudaatti) deeman ibsuuf nama yaaleedha.

Ragaaleen armaan olitti eeraman kun baroota aadaan, afaaniifi seenaan Oromoo Kaaba Itoophiyaa keessatti cimaa ture kan ibsu qofa otoo hinta’in, yeroo Oromoon ittigaafatummaa guddaa mootummaa biyya kana keessatti qabachaa turan kan ibsuudha. Kanaaf ragaan armaan olitti eerame kun sabni Oromoo godaantummaan gara Itoophiyaa jaarraa 16fa keessa bara 1522 seene warra jedhaniif seenaan isaanii ragaa dhugaa kan hinqabne oloolaafi soba ta’uusaa kan ifa godhuudha.

Jaarraa 17fa kaasee mootummaa Gondor Oromoota Yejjuutiin waan dhunfatameef carraan bulchiinsi biyyaa kanaa isaan harkatti akka kufe kan beekamuudha.

Yeroo kanaa qabee seenaa biyya kanaa keessatti siyaasni Oromoon biyyattii keessatti qabu bifa ifa ta’een ta’uu baatuus akka haaromffame beekama.  Ijaarsi tokkummaa biyya kanaas tokko jedhee kan eegale yeroo Oromoon siyaasa Gondoritti makameefi aangoo olaanaa biyya kanaa qabate akka ture dubbatama.

Seenaa Bal’inaafi Guddina Afaan Oromoo

Afaan Oromoo Afaanota Kaaba-Bahaa Afrikaa keessatti dubbataman keessaa kamuu caalaa bal’inaan kan dubbatamuufi Afaan Saba durii kan ta’eedha. Afaan kun afaanota Afrikaa keessaa, afaan seemota kan ta’e Afaan Arabootaafi Afrikaa keessaaIswaahiliin yoo isaan morkate malee bal’inaan dubbatamuun kan isaan walqixxee ta’e hinturre.

Afaan Amaaraa, yeroo booda guddatee wiirtuwwan daldalaafi Siyaasa naannichaa tokko tokkotti kan faca’e ta’uunsaa malee ammayyuu irrajireessi ummata biyya kanaafi olla Oromoo ta’an Afaan Oromoo akka afaan walqunnamtiitti daldalaafi siyaasaatti kan fudhachaa turan.

Afaan Amaaraa (seemotaa) Afaan Oromo keessaa jechoota hedduu kan ofitti moggaasuun itti fayyadaman yoo ta’u, qabeentaan afaan Amaaraa %20-%30 afaan Oromoo akka ta’e, qorattoonniifi hayyooni xiimmadda hawwaasa (Social anthropology) ni ibsu.

Akka fakkenyaatti yoo fudhanne, jechoota Oromoo ta’anii gara afaan Amaaraatti kan dhuunfataman (jagnaa, Godaana, Fuulo, Ashaboo, Mucaa, Gaammee, Addababaayii, Dubartii, Arbanyaa, Cooma, Collee kkf)  ibsuu ni danda’ama.

Gama weedduufi Afoola durdurii heddu eeruu yoo danda’amu weedduwwan akka “Korma Gaafa Lolaa!” “Kuullee Magaalleewwaa” “Magaalloo Magaalloo” Neeyi Birra! soraa soraa! Wkf ibsuu ni danda’ama.

Gama guddina Afaan kanaa ilaalchisee rakkoon Aadaafi Siyaasa amantawwan addunyaa lamaan (Kristinaanfi amantii Musliimaan) kan walqabateen waan bay’ee kan jedhamu jiraatuullee, inni duraa garuu Afaan Oromoo qubee ofii qabachaa waan hinturreef, carraa guddinaa dhabuun akka hacuucamu ta’eera. Kanaaf carraa seenaafi Afaan isaa guddisuurratti hubaatii guddaan uumamuu danda’eera.

Kana malee Afaan kun Afaan baadiyyaafi Afaan namoota baratanii ta’uu dhiisuunsaa rakkoo guddinasarratti uumeefi danqaa kan tureedha. Haata’u malee seenaa barreeffamaafi guddina afoola afaanoota Itoophiyaa keessatti carraa barreefamaan (barreefama ammayyaa) mul’achuun afaan Oromoo seenaa bara dheera qaba.

Kanaan walqabatee seenaafi maqaan Oromoo jedhu kun barreessitoota warra Awurooppa biratti dursee kan beekamuu eegale nama ‘Fra Mauro’ jedhamuun yoo ta’u, namni kun ‘Mooloksoota Itoophiyaadha gara Xaaliyaanii (Floorance) walga’iif (konfraansii) amantaaf deemanirra akka ta’e eeree ture.

Kunis bara 1441 keessa yoo ta’es barreessaan kunis Oromootaafi daangaa isaanii akka lagaafi Tulluu akkasumas  Bosona (Oromoo) ture kan ibsu yoo ta’u, walitti bu’iinsa Oromoofi saboota gara Kaaba ykn isaan jidduu ture kan ifa godhuudha.  

Seenaa Oromootiin walqabatee kan barreeffame mana sagadaa Kristaanaafi seenaa mootota yoo ta’u, innis walittidhufeenyaafi waldiddaa saba Oromoofi mootoota jidduutti ture kan ifa godhuudha. Barreeffamoonni kun baay’eensaa manneen amantii keessatti kan itti cufameefi kan ifa hintaane ta’uusaa malee afaan Gi’iiziitiin barreeffamuunsaa dubbisuurratti rakkoo uumaa tureera.

Akkuma beekamu seenaa Oromoo qofa otoo hinta’in kan Itoophiyaa mara waggoota hedduuf walitti bu’iinsa amantaa kiristaanaafi Isilaamaaraa kan ka’e yeroo waggoota dheeraaf dhokaa akka ture ni beekama.

Kunis biyyattiin addunyaa akka irraafattuufi isheenis irraanfatamtu  taatee ture. Isaan dura garuu walitti dhufeenyi siyaasaafi daldalaa gariin akka ture beekama.

Haata’u malee jalqabaa jaarraa 15fa keessa imaltoonni Poorchugaal gara biyyaatti seenuu waan eegalaniif biyyattii addunyaatti beeksisuu qofa otoo hinta’in jalqaba walitti bu’iinsa haaraafi babal’ina kallattii waraanaaf kan daandii baneedha.

Babal’inni waraanaafi falmiin kun immo biyya qabiyyee Oromootarratti kan godhamaa tureedha. Duulawwan dhamaatiifi dhumiinsa yeroo dheeraa fudhate booda gareewwan lamaanuu ummata Oromoo iddoo lamatti qoodachuun waan milkoomaniif injifannoonsaanii garuu eenyuufuu otoo hinta’in  walfixiinsa qofa ta’ee hafeera.

Meeshaan waraana Awurooppa erga biyya kana seenee booda gareen Kiristaanaa waan cimaa dhufeef Oromoota akka Aadaasaaniitti jiraataniifi warra musiliima yeroof mo’achuun mirgi namuummaafi amantaasaanii dhiitamaa tureera.

Isaan duras warreen Musliimaas gargaarsa Turkiifi Arabootarra argataniin waraana kaasuun ummata Oromoo isaanitti hinmakamne saamu, booji’uufi gara biyya alaatti geessanii gurguruun seenaa sukkaneessaa irratti raawwachaa akka turan beekama.

Bifa kanaan biyyi keenya kun baroota jiddugalaa keessa, kan walabummaan keessa ta’an otoo hin turree, lafa mirgi ummata itti dhitamaa tureefi sirnicharra faayidaa kan argatan malee ‘Mana hidhaa’ ummata akka turte tilmaamuun nama hinrakkisu.

Ittifufa

Obbo Alamaayyoo Hayilee: Hayyuu Seenaa yoo ta’an wayita ammaa Giddugala Aadaa Oromootti qorataa seenaafi dursaa garee seenaati.

Gaazexaa Bariisaa Waxabajjii 19/2013

Recommended For You